04/16/2026
Obbolummaa Oromummaa fii hararii kan hiddaan gad jabeessi badhaadhinaa bari.
፨፨፨፨፨፨፨
ilaalchi dulloomaan kaleessaa har'allee calaqqisaa jira. Namoonni tokkummaa fii jaalalli ummattoota biddeena isaanitti cirracha laaqu ummata addaan qoodanii jidduu waa funaannatu.
Ummata jaalalaan waliin jiraachaa jiru tokko miidhamaa fakkeessanii tokko garuu fayyadamaa fakkeessanii ajandaa garee galmaan gahuuf dhagaa waliin waqaraa Oolu.
Namoonni akkasii dalagata waan hin beeyneef garaagarummaa uumuun isaaniif biddeena waan ta'eef ajandaa kaanii fii kaan jala utaalun burjaajjii uumuuf yaalu.
Ilaalcha dulloomaa akkasiitiif furmaanni badhaadhinaa bari. Badhaadhinni paartii tarsimoo qabu, paartii yaadama obblummaa qabu, paartii sagantaa qabu tahuu fiinxaaleyyiin sirritti hubatu.
Badhaadhinni paartii fiinxaaleessummaan kaansarii misoomaa fii nageenyaa tahuu hubatee yaadama Obbolummaatiin biyya kana fuulduratti ceesisaa jiru . Haa tahuu garuu fiinxaaleeyyiin yaadama numaleetin guutamtee waggaa 8 guutuu badhaadhina mormaa baatee har'a yeroo filannootin ajandaa qoodinsaa lallabaa jiru.
Ajandaa qoodinsaa maalif yeroo filannoo kana godhatan dubbiin jettu nama hundaafuu ifa.
Gareen numalee (fiinxaaleyyiin ) dirree dimokraasii badhaadhinni ballise keessa yaadama qabatanii dorgooman waan hin qabneef dorgoomuu dadhabnu baxaabaxuu hin dadhabnu yaada jedhu qabatanii duulatti jiru. Kanaaf ragaan duulli maqa balleessii kaadhimamtoota paartii badhaadhinaa irratti banan calaqqistu tokko.
Nuti garuu badhaadhinni duulli akkasii yeroo filannoo kana ka'uu waan beeynuuf tarsimoo qabnuun, yaadama qabnuun, Sagantaa qabnuun, ummata keenya fuulduratti dhiyaannee yaada qabnu ibsachaa jirra.
Gareen Yaadamni badhaadhinaa kan akka Yaadama Obbolummaa fii sabdaneessummaa dhukkubbii mataa itti tahe hanga filannoon gaggeeffamee mootummaan ummataan filame ijaaramutti duula gaggeessuun Amala isaanii waan ta'eef iyyanii wal iyyisiisaa oolu.
Badhaadhina Yaadama Obbolummaa lafa qabsiisuun fiinxaaleyyii hiraata hanqise filadhaa. Badhaadhina filachuun yaadama obbolummaa fii sabdaneessummaa filachuudha.