09/29/2026
“Ijoolleen keenya Tigiraayitti imalanii Wayyaaneef daboo bahaa jiru; nama qaanessa”- Obbo Ibsaa Nagawoo
Dhugaa Media Finfinnee, Fulbaana 29, 2026:
Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo duraanii Obbo Ibsaa Nagawoo, waraanni Bilisummaa Oromoo gara Tigraay deemuun garee Wayyaanee waliin hiriiranii lola keessatti hirmaachuun isaanii akka nama leeyyaasisutti ibsan.
Obbo Ibsaan hidhattoonni WBO gara Tigraayi deemanii lola keessatti ajjeefamuu fi kanneen lubbuun hafan ammoo booji’amaniirus jedhan ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin qoodaniin.
Qabsoon siyaasaa seera-dhabdummaa babal’isuu, lubbuu namaa balleessuu, uummata sodaachisuu fi dhaloota gara walitti bu’iinsaatti geessuu hin qabus jechuun dhaaman.
“Qabsoon siyaasaa yoo seeraa fi safuu irraa maqe, kaayyoo isaatiifuu diina ta’a,” jechuunis ibsaniiru.
Obbo Ibsaan dabalataan, hidhattoonni maqaa Oromoo bakka bu’uun gocha seera-dhabummaa keessatti hirmaachuun isaanii waan ittiin boonamu akka hin taanes ibsanii, qabsoo siyaasaa keessatti seeraa fi safuu eeguun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru.
“Safuun Oromoo nama kufe irratti dhagaa darbachuu osoo hin taane, karaa sirrii itti agarsiisuudhas,” jechuunis bifa mammaaksaan WBO’n TPLF'f daboo bahuun safuu saba Oromoo cabsuu akka ta’e ibsaniiru.
Dhumarrattis, hidhattoonni waraana Bilisummaa Oromoo karaa nagaa filachuun gara hawaasa isaaniitti deebi’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Odeeffannoo keenya kanneen biroof liinkota armaan gadiin nu hordofaa!⬇⬇
Facebook:https://www.facebook.com/DhugaaMedia24
Telegram: https://t.me/DHUGAAMEDIA
YouTube: https://youtube.com/?si=e3oLfodkDnT4KB49