17/09/2023
Guyyaa lama dura Giddaa Ayyaanaatti “Raayyaa Ittisa Biyyaa nageenya keessan eegaa jiruuf qarshii buusaa” jedhanii uummata silumaa saamamee hiyyoomerraa qarshii 500,000 walitti qabanii sangoota meeqa bitanii qalaniif!
Har’ammoo achumatti, bakkuma Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya keessan eega jedhame sanatti uummanni konkolaataa tokko guutuun haala sukkanneessaadhaan qalameera!
Kan uummata fixu malee kan uummata eegu hin jiru!
Uummanni keenya akka diina ofirraa hin dhorkine:
- Guutummaatti ‘Shanee’ jedhamee maqaan itti mogga’eera
- Shaneedha, shanee deeggartu jedhamee hidhannoofi meeshaa inni manaa qabu hundi mootummaadhaan irraa fudhatameera
- Yoo iyyate shanee, yoo du’e shanee, yoo manni isaa gubate shanee, yoo qabeenyisaa saamame shanee…
- Hattuun immoo ijaaramtee ameessa, qotiyyoofi midhaan nyaataa gurgursiistee uummata harka duwwaatti hambisteetti
- Faannoon qaama mootummaan deeggaramaniifi hidhannoo gurguddaa qaban immoo uummata ajjeesanii, horiisaa isa hafe saamanii, manasaa irratti gubaniiru!
Ayii uummata koo! Fira hin qabdu, mootummaa si eegu hin qabdu! Gabrummaafi gidiraan sirra dheeratte, siif gamte!
Waan dubbannu wallaalle! kenei aga