
18/07/2025
“Ani dura iyyuu muudama Jaal Waamii Dhugaatti hin amanne” Jaal Kaayyoo
Tibbana haawasa godheen Jaal Kaayyoon admeemsi Jaal Waamii kan shiraan guutame ta’uu dubbachuun isaa ni yaadatama. Marroon haasawa yeroo darbe haala garichaa irratti godheen yeeyyiin gogaa hoolaa uffatee nu diigu ammallee nu keessa jira jechuu hordofee hoogganoonni garichaa akka keessoo isaanii qulqulleessaniif ajaja dabarsee ture.
Ajaja Marroo hojiittiitti hiikuudhaaf tattaaffii gochaa kan jiru Jaal Waamiin warreen gogaa hoolaa uffatanii nurratti hojjetan adda baasaan jira jedheera. Ija shakkiitiin wal ilaalaa kan jiran Jaal Waamii fi Jaal Kaayyoon sababa kanaan haaloo walirratti ba’uuf akka jiran odeeffannoon miliqee bahe ni agarsiisa. Jaal Waamiin ani gurbattii kana hin amanu kan jedhe yemmuu ta’u ajaja fudhatee hojiitti hiikuu irrattis rakkoo cimaa qaba jedheera.
Dubbii Jaal Waamii kana kan dhagahe Jaal Kaayyoon haasawa godheen adeemsi Jaal Wamii shiraan kan guutame ta’uu dubbateera. Itti dabaluunis “Ani dura iyyuu muudama Jaal Waamii Dhugaatti hin amanne” jechuun miira tuffiin akka dubbate dhagahameera.