Ermiyas Abera

  • Home
  • Ermiyas Abera

Ermiyas Abera Ermiyo

09/03/2025
Kaleesii ha'raa boor mitti hin jijiraamma
06/02/2024

Kaleesii ha'raa boor mitti hin jijiraamma

Intanffasnee uuufff😄😄
03/09/2023

Intanffasnee uuufff😄😄

 :Bara darbe, jechuunis Hagayya 24, 2014 A.L.I tti(August 30, 2022 G.C) garee Finxaaleyyii Amaaraa fi faannoo jedhanii o...
30/08/2023

:

Bara darbe, jechuunis Hagayya 24, 2014 A.L.I tti(August 30, 2022 G.C) garee Finxaaleyyii Amaaraa fi faannoo jedhanii of waamaniin gaaga'amnii fi duguuggaan sanyii saba Oromoo bal'aa AGAMSAA fi naannoo ishee irratti raawwatame godaannisa seenaa gurraacha jaarraa kanaa ta'ee kan galmeen seenaa bara baraan yaadatuu fi onnee dhalootaa keessattis siidaa hin banne ta'ee jiraatudha.
Lubbuun namoota qe'ee sanatti guyyaa tokkootti qofa ajjeefaman Dhibbaa(100) fi isaa ol kan ta'udha; Qabeenyi Saamame beeyladaa irraa hanga meeshaa mana keessatti fi kan barbadaa'es qabeenya miliyoonaan lakkaa'amu dha; akkasumas, Oromoo bal'aan lafa isaa irraa buqqa'uun gara gandoota naannoo Ollaa sanaatti kan baqatanii fi kaanis miidhaa qaamaa xiqqoo hanga guddaatti irra ga'een raafamaa fi dhiphina hamaa keessa jiraachuun isaanii dhugaa mul'atudha. Miidhaan sunis hanga har'aas kan irraa hin dhaabbanne ta'uu fi sabni keenya balleessaa malee lafa isaa fi qe'ee isaa keessatti dararamaa, hawaasaa addunyaa fi qaama dhimmi ilaallatu irraas sagalee dhabee har'a ga'eera. Keessummaattuu, daangaan laga Mormor (laga Abbayyaa) Faannoo diina Oromoo fi oromummaa kan ta'eenii fi humna mootummaa aangoo irra jiruun irra deddeebiin tarkaanfiin wal waraansaa fudhatamuun isaa yaaddoo fi sodaa guddaa hawaasa keenya magaalaa AGAMSAA fi naannoo ishee ti. Duguuggaa sanyii ifa ta'etu nurratti labsameera.
Kanaaf, guyyaa borii, jechuunis August 30 Yaadannoo Guyyaa wareegama Oromoo bal'aa goonee waan dandeenyuunis hawaasa Addunyaa fi qaama dhimmi ilaallatuutti beeksisaa ooluuf, nuyi dhalattoonni magaalaa Agamsaa fi naannoo ishee qophii xumurree jirra. Isinis waan dandeessaniin hawaasa keenya kanaaf sagalee akka nuuf taatan waamicha Oromummaa kana jaalalaan isiniif dhaamna.
Diinni Oromoo jedhee malee, naannoo tokko maqaa dhahatee hin dhufne. Sagalee saba sagalee hin qabnee haa taanu.
Sagalee keessaniin akka dhiibbaa uumtan abdii fi amantaan keenya guutuudha. Ulfaadhaa! Nagaan haa waaru!

Kiiramuu 💔💔Guyyaa kaleessaa Hagayya 14/2015 Aanaa Kiiramuu keessatti lubbuun namoota torbaa finxaaliyyii Amaaraa Faannoo...
21/08/2023

Kiiramuu 💔💔
Guyyaa kaleessaa Hagayya 14/2015 Aanaa Kiiramuu keessatti lubbuun namoota torbaa finxaaliyyii Amaaraa Faannoon darbee jira.
Aanaa kiiramuu Ganda Caffee Guddinaa araddaa Noolee keessatti Finxaaleyyiin Amaaraa faannoon dargaggoota shan guyyaa kaleessaa iddoo Gurraa jedhamutti qalamanii ajjeefaman keessa dargaggootni sadii matii tokko keessaadha. Dargaggootni kun qe'ee fi qabeenya isaanii irraa sababa finxaleyyii kun qe'ee fi qabeenya isaanii kaan saamtee, kaan abiddaan gubdee, namoota hedduus ajjeeftee as gara godina Horro Guduruu wallaggaa aanaa Amuruu ganda gulufaatti baqatanii kan turan yoo ta'u qe'ee keenya waggaa lamaaf irraa citnee teenye suuta jennee ceenee ilaallee deebina jechuun manaa ba'anii gaafa qe'ee isaanii ga'an finxaleyyiin kun meeshaa itti dhukkaaftee dargaggoota (Ijoollota) ja'a keessa shan harkaan qabdee qaltee akka deemtee fi tokko immoo jiraa fi du'aansaa ammaf hin baramiin jira😭
Akkasumas Aanaa kiiramuu ganda baddeessa keessatti namoota lama Faannoon ajjeefamaniiru.Namoonni kun Ganda Tokkummaa Qoqoffeetti baqachuun Qe'ee fi qabeenya isaanii ilaaluuf osoo deemanii Finxaaleyyiin ajjeefamaan.

Guyyaa kaleessaa qofa aanaa kiiramuutti lubbuun lammiilee Nagaa namni 7(torban) garee shiftaa faannoo ofiin jettuun darbee jira
Kiiramuu Presss

Like that♥️
12/08/2023

Like that♥️

🤩🤩
11/07/2023

🤩🤩

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ermiyas Abera posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share