Oromia

Oromia Ofta'uun heera uumaati!

09/06/2025

Ibsa Gaddaa!

Waxabajjii 02 /2017

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, Giddu gala Giddugaleessaa, Wiirtuu Amantii Waaqeffannaa Finfinneefi Naannawaa Finfinnee, Konyaa Amantii Waaqeffannaa Sooddoo Daaccii, Aanaa Sooddoo Daacciitti kan argamu Koreelee Amantii Waaqeffannaa Galma Malkaa Fincaa'aa Waxabajjii 01/10/2017 guyyaa naannoo sa’aa saddeeti (08:00) humna nageenyaa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Haqaaqii irraa dhufaniin osoo Galma irraa bahaa jiranii too'atamuun namni ja’a (6) Ganda Laangannoo iddoo addaa "Mogoroo" jedhamutti bakka tokkotti jimlaan ajjeefamaniiru. Maqaan namoota ajjeeffamaniitis:

1. Gurmeessaa Tashoomaa Hundee
2. Hundeessaa Naanneessaa
3. Dagaagaa Jiidhaa Baatii
4. Lammeessaa Maaruu Gojolii
5. Bashaadaa Adii Miidhaksaa
6. Kumaa Nagoo Jaamboo

Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa gadda itti dhaga'ame ibsaa; maatiifi miseensota isaatiif jajjabina hawwa! Qaamni dhimmi kun ilaallatu taatee kana qulqulleessuun mirga heerri mootummaa amantii tokkoof kennu akka nuu kabajamuufi qaamni yakka kana raawwate seeran akka gaafatamu gaafachaa, dhimmi kun gama dhaabbataatin qoratamaa kan jiru yoo ta’u, miseensonni Dhaabbata Hordooftoota Amantii Waaqeffannaa bakka jirtanitti obsaafi tasgabbiin akka nu eegdan jenna! Ayyaantummaan isaanii dhalootaf haa hafu!

Youtube: https://youtube.com/?si=hwFZ9N37DRRQ-Vzm

Telegram: https://t.me/waaqeffannaa_religion_fa

X (twitter): https://x.com/DhaabbataW?t=oMGm0ZQbsMMKBkrOemCFvg&s=09

09/06/2025

Ayii... A'aaa!😭

   Qarsaa  T/I/Leemman
03/06/2025

Qarsaa
T/I/Leemman

29/05/2025
MANGUDDOOTUNu'ii tuuta ta'ee taa’uNu'iin kolfaan kolfa fidee dambalaa'uSuuta ijaan nu laalaniiDhaamsa tokko nuuf dhaaman...
30/04/2025

MANGUDDOOTU
Nu'ii tuuta ta'ee taa’u
Nu'iin kolfaan kolfa fidee dambalaa'u

Suuta ijaan nu laalanii
Dhaamsa tokko nuuf dhaamani.

“Ijoollee” jedhan ilmi namaa,...
eeyyen nama.
Garuu namni walii lama

Tokko,tokko
Kalee beekee har'a eegee
bor akeeka
Tokko,tokko
Dhugaaf deegee of wareegee
dhugaa eega

Tokko,tokko
Irri guutuudha garaan huuba
Tokko, tokko
Fiinni dura sammuun duuba

Tokko, tokko
Imaanaa fi galma saatu wal faalladha
Tokko,tokko
Har'a tufee boru gaabbee arraabadha

Tokko,tokko kolfa keessa daba yaada
Tokko,tokko soba seeqaa caba aada

Inni tokko seenaa tiksee guduunfata
Inni tokko lubbuu doolcheen sharafata.

Ilmi namaa akka kana
Kolfuu kolfaa
Garuu,....
Afaan garaa dhoksaa”...nuun jedhanii
Suuta ijaan nu miil'achaa qajeelani.

📝 Hayyee

Address


Telephone

+251912375298

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share