Qeerroo Bilisummaa Oromoo

  • Home
  • Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ka’i Qeerro!

31/03/2025

The actions taken by ONLF (Ogaden National Liberation Front) that escalate hostility against the Oromo people, aimed at inciting the Somali community against the Oromo, are completely unacceptable. The Oromo people, like the Somali people, are engaged in a strong struggle to free themselves from oppression.

ONLF, however, disregarding this reality, has intensified its efforts to incite the Somali community into armed struggle by fueling hostility against the Oromo people.

Regarding this matter, Qeerroo Bilisummaa Oromoo (Oromo Liberation Youth) warns ONLF to respect the Oromo people and refrain from actions that dishonor their struggle, focusing instead on combating oppressive systems.

Ogaden National Liberation Front

Bitootessa 17, 2025Qeerroon Bilisummaa Oromoo kallattiin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin kan hojjetuun alatti beekamtii...
17/03/2025

Bitootessa 17, 2025

Qeerroon Bilisummaa Oromoo kallattiin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin kan hojjetuun alatti beekamtii dhaabaatiin ala kan socho’u kamuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan bakka hin buunedha.

Bitootessa 16, 2025 murni ‘Qeerroo Bilisummaa Oromoo’ jedhee of waamu, Magaalaa Finfinnee keessatti namoota garaagaraa kanneen farra Qabsoo Bilisummaa Oromoo ta’an faana “kora geggeeffanneerra” kan jedhu kijiba ta’uuf Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan bakka hin buune ta’uu hubachiifna.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Sadaasa 08, 2021 erga Hooggantootaaf Qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo faana waltajjii godhachuun kallattii gara fuul-duraa akeekkatee as, karaa danda’e cufaan Qabsoo tumsuuf sirna Uummata Oromoo nyaatuuf ajjeesu irratti bifoota garaagaraan qabsoo godhaa jira.

Irra caalaattis Waraana Bilisummaa Oromoorraa qajeelfama kallattii fudhachuun Oromiyaa keessatti karaa ni fayyada jedhame maraan hojiitti jira. Kun kanaan osoo jiruu qaamoti Mootummaa nama nyaataa Uummata Oromoo lafarraa daguugaa jiruuf tumsa kennuuf magaalaa keessatti akka waan faallaa Mootummaa ta’eetti of ibsu kamuu fudhatama akka hin qabne gadi jabeessinee Uummata Oromoo hubachiifna.

Injifannoon Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee, Oromiyaa

Qeerroon Bilisummaa Oromoo kallattiin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin kan hojjetuun alatti beekamtii dhaabaatiin ala ka...
17/03/2025

Qeerroon Bilisummaa Oromoo kallattiin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin kan hojjetuun alatti beekamtii dhaabaatiin ala kan socho’u kamuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan bakka hin buunedha.

Extrajudicial Ex*****on of Civilians Continue Unabated in Oromia, Ethiopia(SQ-March 10, 2025)Dawit Bekana, a father of 5...
10/03/2025

Extrajudicial Ex*****on of Civilians Continue Unabated in Oromia, Ethiopia

(SQ-March 10, 2025)

Dawit Bekana, a father of 5 children, including a one year old twins daughters and resident of Burayu Sub-city in Sheger City of Oromia region is in comma, brutally beaten by local police. This happened last night, March 7, on Friday evening around 9:30-10:00. After being taken out of his home by people in civil dress, he was found fall unconcious in the local health station where some of the police officers dropped him there and left. This decent man is still in comma threatening his life to death. It is disheartening to see his little children and wife are helplessly greiving.

Waraanni Bilxiginnaa Abdii kutachuun Uummata nagaa Hariiroo waraana Bilisummaa Waliin qabdu jechuun ajjeesuu itti fufe. ...
11/09/2024

Waraanni Bilxiginnaa Abdii kutachuun Uummata nagaa Hariiroo waraana Bilisummaa Waliin qabdu jechuun ajjeesuu itti fufe.

Godina Shawa Kibba Lixaa Aanaa Walisootti waraanni mootummaa hariiroo WBO waliin qabduu jedhuun ergaa Uummaata nagaa ukkaamsanii hidhanii, mana hidhaa baasanii ajjeesun waan baratameedha.

Hagayya 29 bara 20216 A.L.I Manguddoo Obbo Wanduu Abbabaa_Magarsaa dhukkubasatanii yaalaaf ganda isaanii irraa gara magaalaa Walisoo osoo deemanii butamanii ergaa Waajjiraa Aanaa Walisootti hidhamanii baafamanii ajjeefamun karaa bahiinsa ganda Dirree Dullattii jedhamutti qarqara lagaa reebutti gataaman. Manguddoo kana malee namni tokkos tureera. Suura fi Maqaa akkuma qulqulleessineen beeksifna.
Ilmi maanguddoo kanaas Milkii Wanduu_Abbabaa ji'oota muraasa dura humnoota mootummaan ajjeefamuu isaa kan yaadatamuudha.

Maatiin isaanii guyyaa tokko booda barbaadanii reeffa maanguddoo kanaa argachuu fi iddoo dhaloota isaanii ganda Wallu Soomaa jedhamutti gaggeessa rawwaatan

Aanaa Gooroo Doolaatti humnoonni mootummaa namoota nagayaa  Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jechuun ajje...
07/08/2024

Aanaa Gooroo Doolaatti humnoonni mootummaa namoota nagayaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jechuun ajjeessuun ibsame.

Ganda Sokoraa Dirribaa jedhamutti qonnaan bulaa maqaan isaa Mootii Waaqoo Jiloo jedhamu ajjeesanii jedhu jiraattonni.

Mootii Waaqoo Jiloo abbaa ilmaan 7 fi nama nagahaa hojjatee maatii isaa jiraachisuudha malee yakkamaa mitis jedhu.

Bara 2021 Abbaa Mootii Waaqoo Jiloo armaan dura aanaa Waadaraatti hidhanii dararaa erga turanii, gaafa tokko bahii gali jedhaniini yoo inni bahu duubaan hordofanii rasaasaan rukutanii ajjeesuu jiraattonni himaani jiru.

Ammas, obboleessi Mootii Waaqoo Barsiisaa Siidaa Waaqoo Aanaa Waadaraatti hidhamee dararamaa jira jedhu.

Barsiisaa Siidaa Waaqoo abbaa ijoollee 6 yoo ta’u maatiin isaa ni ajjeesu jedhanii yaaddoo guddaa keessa jiru.

Weellisaa Kadir Ahmad Du'aan Addunyaa kanarra boqote. (SQ-Hagayyaa 6/2024)Wellisaa Kadiir Ahmad kaleessa Galgala kana du...
06/08/2024

Weellisaa Kadir Ahmad Du'aan Addunyaa kanarra boqote.

(SQ-Hagayyaa 6/2024)

Wellisaa Kadiir Ahmad kaleessa Galgala kana du'aan addunyaarraa boqotan.
Wallisaan kun dhibee irra tureen magaalaa Adaamaatti yaalamaa turuus dandamachuu hin dandeenye. Yeroo dhiyoo as sirboota Aartii Oromoo hojjachuun wallisaa fudhatama guddaas argateera.

Wellisaa Kadir Ahmed jannata hawwaa Maatii fi firoottan isaa akkasumaas Oromoo hundaaf jajjabina hawwa

Telegram Qeerroo Bilisummaa Oromoo argachuu yoo barbaaddan QR code kana scan godhuun seenuu dandeessu.
23/05/2024

Telegram Qeerroo Bilisummaa Oromoo argachuu yoo barbaaddan QR code kana scan godhuun seenuu dandeessu.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa kaadhimaamtoota haaraa eebbisuun Dirqama itti aanuuf bobbaase.Jaarmiya...
15/05/2024

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa kaadhimaamtoota haaraa eebbisuun Dirqama itti aanuuf bobbaase.

Jaarmiyaa ABO-WBO kaadhimaamtoota leenjii Siyaasaafi Loltummaa Leenjisuun bobbaasa turun beekamaadha. Jaarmiyichi Diinaa Qabsoo Oromoof yaadda ta'uun Fira qabsootti abdii hora jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Gidduu Galeessaa Birgeedii Aduu saafaa Kaadhimaamtoota Haaraa Eebbisuun dirqama itti aanuuf bobbaseera.

Eebba Kaadhimaamtoota kana irraatti Itti Aanaan Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Jaal Jireenyaa Rabbumaa argamuuniru.

Murni gidirsaan PP Mirga namummaa dhala namaa sarbuun rakkoo ulfaataa ilma namaarraan gahaa jira!(SQ-Caamsaa13, 2024)God...
13/05/2024

Murni gidirsaan PP Mirga namummaa dhala namaa sarbuun rakkoo ulfaataa ilma namaarraan gahaa jira!

(SQ-Caamsaa13, 2024)

Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsoo Araddaa Gaara Abdullaatitti Abbaa Maatii Obbo Iisaa Abdii Ussoo jedhaman dirqamaan Mooraa Leenjii Waraanaa deemuu qabdu jechuun reebicha jajjabaa irratti raawwachuun bifa suuraan mul’atu kanaan miidhaa ulfaataa irraan gahanii jiru.

Duulli ilmaan Oromoo Mooraa Leenjii Waraanaatti guuruu kun kan duraa olitti jabaachuudhaan Oromiyaa cufa keessaa Saala, Umurii fi fayyummaa osoo adda hin baasne kan guuraa jiran ta'uu Maddeen SQ bakkoota hedduurraa nuuf mirkaneessaniiru.

04/05/2024

Sirni nama nyaataan Abiyyi Oromoo lafarraa daguuguu jabeessee itti fufee jira.

(SQ-Caamsaa 04, 2024)

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa Magaalaa Maqii Ganda Odaa iddoo addaa dhaaba loonii jedhamuun beekkamutti darggaggoota lama ammaaf maqaa isaanii hin argatin, waajjira poolisiitii baasuun haala sukaneessaadhaan ajjeesanii maddeen SQf himani.

  Sabboontota Oromoo lafarraa duguguuf karoorfame akkuma itti fufeetti jira.(SQ-Ebla 29, 2024)Dargaggoo Milkii Wanduu Ab...
29/04/2024

Sabboontota Oromoo lafarraa duguguuf karoorfame akkuma itti fufeetti jira.

(SQ-Ebla 29, 2024)
Dargaggoo Milkii Wanduu Abbabaa Jedhama. Godiina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisoo Ganda Baadiyyaa Wallu Wadalaa (Wallu Sooma) Jedhamutti dhalatee guddaate. Baraata Sadaarkaa 2ffaa ture. Barnoota isaa irraa yeroo hedduu sababa Oromummaa fi Sabboonummaa isaa hidhamaa waan tureef garaa matii isaa biraatti deebi'ee bultii horate. Dhiheenyuma kana Maatii horate irraa hidhamuudhan Mana Hidhaa Baatii 9 ture . Erga Mana Hidhaa Bahee ammaa Baatii 5 ture. Manaa hidhaa magaala Walisooti argamu keessatti dararaama ture.
Dheengadda Halkan jechuun 27/04/2024 sa'aatii 9tti bilbilanii Manaa Gadi Waamanii fuudhanii ittiin deeman. Maatiin akkuma durii mana hidhaa sanatti deebisan jedhee mana hidhaa magaala walisoo fi mana hidhaa kan Aanaa keessa gaafacha turan. Dubbiin Garuu akkas hin turre dargageessa ol adeema kana ati deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun Qe'ee irraa, maatii irraa yoo xiqqaate Kiloometra 15 fageessudhan Magaala Walisoo irraa gara Kibbaatti Gandaa Foduu Goraa jedhamutti Rasaasa itti roobsanii erga Ajjeesanii booda, ganda itti ajjeesanii baasanii Ganda biraatti geessanii karaa gubbaatti gatani Reenfi isaa halkan Kan Gatame guyyaa guutu Karaa Gubbaa Oole, Booda Maatiin Iyyaafannoo Hedduun Dhagahanii Dhufanii kaafatan. Eebla 28, 2024 gaggeessan isaa raawwate. Hireen Sabbontota Oromoo sirnaa faashistii Nazii kana keessatti ajjeefamuu, dhiigni qulqulluun dhangala’uu qofa.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qeerroo Bilisummaa Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share