Great Africa

Great Africa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Great Africa, News & Media Website, .

Waamicha Eebba Kitaaba Cancala Diinagdee Kitaabni "Cancala Diinagdee" Rakkoolee Diinagdee eeruun furmaataafi agarsiistuu...
05/02/2025

Waamicha Eebba Kitaaba Cancala Diinagdee

Kitaabni "Cancala Diinagdee" Rakkoolee Diinagdee eeruun furmaataafi agarsiistuu kallatti Diinagdee Oromiyaafi Oromoo, Diinagdee Itoophiyaa, Diinagdee Afrikaa, danqaalee Diinagdee Dargaggootaafi kallattii furmaata danqaalee diinagdee dargaggootaa haala akeekuu danda'uun qorannoo garaa garaa of keessatti hammachuun haala qabatamaa biyya keenya keessa jiru hubannoo keessa galchuun baroota dheeraadhaaf barraa'aa tureefi itti fufiinsa qabu maxxansi 1ffaan xumuramuun Gurraandhala 02/2017 Finfinnee Hoteela Ililliitti guyyaa keessaa sa'aa 7:30 irraa eegaluun bakka hoggantoonni mootummaa olaanoon, abbootin Gadaa, Haawwan Siinqee, hayyoonni, hawaasni bal'aan argamutti ni eebbifama.

Sagantaa eebba kitaaba kanaa irratti akka hirmaattan waamicha kabajaafi ulfinaa isiniif goona.

Barreessitoota
Kedir(MA)
Injinar Firaol Ahmed Kasim

Affeerraa Eebba Kitaaba Cancala Diinagdee Duraan dursa Rabbii bu'aa ba'ii heddu keessa nu dabarsee kitaaba kana xumurree...
30/01/2025

Affeerraa Eebba Kitaaba Cancala Diinagdee

Duraan dursa Rabbii bu'aa ba'ii heddu keessa nu dabarsee kitaaba kana xumurree uummata biraan akka geenyu nu gargaare galanni haa gahu. Itti aansun namoota jalqabaa hanga ammaatti kitaaba kana akka asiin geenyu waan hundaan nu cinaa dhaabbataniif galanni keenya olaanaadha.

Kitaabni Cancala Diinagdee itti fufiinsan kan maxxanfamu yommuu ta'u jijjiirama yaadaa fiduu, rakkoolee diinagdee dargaggootaa, diinagdee Oromoofi diinagdee biyya teenyatti gufuu ta'an akkaataa qabatama biyya keenyaan adda baasuudhaan kallattii furmaataa kan akeekufi qabsoo diinagdee hiyyummaa irratti godhamu cimsuuf kaayyeffatee kan barraa'edha. Kitaabni maxxansa jalqabaa kun fuula 410 kan qabu yommuu ta'u 02/2017 ykn 09/2025 Finfinnee naannoo kan argamu Hoteela ni eebbifama.

Sagantaan kun marii diinagdee kan of keessatti hammate yommuu tahu akkasumas kitaabni kun kitaaba diinagdee gumaata dhalootaa tahuu hubachuun jaalleewwan, hiriyyoonnifi namoonni nu beektaniifi nu hin beeknees sirna sagantaa eebba kitaabaa kanarratti argamuun akka nu waliin eebbistan kabajaafi ulfina guddaan Waamicha keenya isiniif goona

Lediya Kedir Jarso
Firaol Ahmed Kasim

HORAA BULAA
DEEBANAA

Cancala Diinagdee Nama dhuunfaa irraa eegalee sadarkaa biyyaatti hiyyeessafi dureessa kan jechisiisu diinagdeedha. Namni...
11/01/2025

Cancala Diinagdee

Nama dhuunfaa irraa eegalee sadarkaa biyyaatti hiyyeessafi dureessa kan jechisiisu diinagdeedha. Namni dhuunfaa qabeenya qabu hawaasa keessatti kabajaa guddaa qaba. Bilisummaa qaba. Akka biyyaatti biyyi tokko humna diinagdee jabaa yoo qabaatte ni sodaatamti, ni kabajamti, Bilisummaa ofii tiikfatti.

Keessaafuu jaarran keessa jirru jaarraa teeknoolojiin Diinagdee wajjiin saffisa ajaa'ibaan guddachaa fi haalli jiruuf jireenyaa saffisaan jijjiiramaa deemaa jiruudha. Addunyaa diinagdee teeknoolojiin saffisaan jijjiiramaa jirtu tana keessatti dandamachuufi dorgomaa tahuun Itti fufuuf nama dhuunfaa irraa eegalee sadarkaa biyyaatti xiyyeeffannoon diinagdeef kennamuu qabu daran olaanaa tahee argameera.

Addunyaa waldorgommii qabsoo diinagdee keessa jirtu keessatti akka sabaafi biyyaatti dorgomaa tahuudhaf qabsoo diinagdee Bilisummaa diinagdee nu gonfachiisu gochuun barbaachisaa yommuu tahu qabsoo kanaaf uummata keenya dadammaqsuu, hamileessuu, akka ijaaramee hiyyummaa ofirraa falmatu gochuun dirqama dhaloota kanaati.

Kitaabni Cancala Diinagdee dadammaqiinsa diinagdee uumuu, sochii diinagdee akka cimuufi akka sabaa fi biyyaatti humna diinagdee cimaa qabaachuudhaaf godhamu jabeessuudhaaf gumaata gochuuf yaadamee Itti fufiinsaan kan maxxanfamu yommuu tahu, maxxansi jalqabaa fuula 400 ol qabu yeroo dhihootti eebbifamuun isin bira gaha.

 MM Dr. Abiyyii Ahmad aadde   itti aantuu hoggantuu waajjira muummicha ministeeraa gochuun muudaniiru. Aadde Maariyaam k...
01/11/2024



MM Dr. Abiyyii Ahmad aadde
itti aantuu hoggantuu waajjira muummicha ministeeraa gochuun muudaniiru. Aadde Maariyaam kanaan dura teessuu af-yaa'ii mana maree naannoo ta'uun waggootan sadan darbaniif tajaajilaa turte.

Dubartii uffattu jalqabaa yeroo jalqabaaf sadarkaa Waajjira muummeetti muudamteedha.

Duula maqa balleessii   irratti gaggeeffame kitaabni Haaromsaa fi Muummichaa akkaasiin ibsa.... Muummicha irratti duula ...
20/09/2024

Duula maqa balleessii irratti gaggeeffame kitaabni Haaromsaa fi Muummichaa akkaasiin ibsa....

Muummicha irratti duula gosa 2tu gaggeeffamaa ture.
1. Duula Oromummaa Muummicha irraa mulquu
Akkuma MM Dr. Abiyyi hojiilee gurguddoo sadarkaa biyyaatti hojjachuu eegaleen duula Oromummaa irraa mulquutu muummicharratti baname. Dr. Abiyyi erga gara aangootti dhufeen booda qormaata ture keessaa tokko duula dharaa fi shiraa eenyummaa Oromummaa irraa mulquuf gaggeeffamaa tureedha. Dr. Abiyyi Oromuummaa isaa ifatti sodaa tokko malee dirree addunyaatti dubbatee hooggana ibsateedha. Duulli Dr. Abiyyi Oromoo miti jedhu duula shiraa kan bu'aa siyaasaaf jedhamee dalagameedha. Duulli kun adeemsa duudhaa sirna Gadaa Oromootinis wal faallessuudha......

2ffaa. Duula Oromummaa jibbuu
Duulli lammaffaan duula Oromummaa jibbuun irratti banameedha. Muummee ministeeraa Dr. Abiyyi irratti duulli Oromummaa jibbuu guddaan gaggeeffameera. Duulli Oromummaa jibbuu finxaaleyyiAmaaraa kan jibba Oromoo qaban kan sababa tokko malee Oromoo jibban irraati. Biyya seenaa waggaa 3000 qabdu diigee Itoophiyaa Oromoon bakka buusaa jira. Dr. Abiyyi farra Itoophiyaati. Dantaa Itoophiyaa gurguraa jira. Biyya keenya ganee jira. Itoophiyaa kan bulchuu qabu nuhi. Itoophiyaa baraaruu qabna..... duulli jedhu kallattii gartuu Itoophiyummaa leellisna jedhaniin maqaa Itoophiyaan daldala siyaasaa faaydaa daldalaniin irratti gaggeeffamaa ture. .....

Kitaaba Haaromsaa fi Muummichaa keessaa gabaabinaan kan fudhatameedha.

Barreessaa: Nagawo

 Gareen federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa dadhabbina isaa dhokfachuuf     dhiiga ishee dhangalaastee argatte irraa f...
11/08/2024



Gareen federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa dadhabbina isaa dhokfachuuf dhiiga ishee dhangalaastee argatte irraa fudhachuuf himanni dhiheesse koree federeeshinii atileetiksiin Addunyaatiin kufaa taheera. Inumaayyuu addunyaan Siifan pilaaneetii biroo irraa waan dhufte fakkaatti jechuun dinqisiifannaa addaa argachuun ajandaa addunyaa guddaa taatee jirti.

 Hooggantoonni Oromoo taatanii Finfinnee sadarkaa Aanaa irraa hanga gubbaatti itti gaafatama garaa garaa keessa jirtan k...
18/06/2024



Hooggantoonni Oromoo taatanii Finfinnee sadarkaa Aanaa irraa hanga gubbaatti itti gaafatama garaa garaa keessa jirtan kootaa Oromoon Finfinnee keessaa qabuun achi jiraachuu keessan hin irraanfatinaa. Akkuma jiraataa magaalaa Finfinnee tajaajiluu dirqama qabdan akka bakka bu'aa Oromootti saba Oromoo tajaajiluuf dirqama qabaachuu hubadhaa. Hammamuu alagaa yoo gammachiiftan alagaan gubbaan isinitti kolfa malee keessan summii isiniif qopheessa.

Gaafa rakkoo kan isin bira dhaabbatu dargaggeessa Oromoo kan isin irraanfattan tahuu hin irraanfatinaa. Wabii paartii fi wabii mootummaa kanaa kan Mootummaa kana gara aangoo fide dargaggeessa Oromoo tahuu maalif irraanfattuu? Yoo hin irraanfanne immoo dargaggeessa Oromoof Finfinnee keessatti maal gochaafii jirtu?

saba ishee kiiloomeetira kuma meeqa irraa fiddee Finfinnee keessa qubsiiste, diinagdeen utubde. Warri Oromoo hoo dargaggeessa meeqa Finfinnee keessatti diinagdeen utubdan?

Dhimmi Finfinnee dhimma hooggansaa fi qaamolee muraasaa qofa osoo hin taane dhimma Oromoo hundaati.

  ....Kitaabni diinagdee dargaggootaa, diinagdee Oromoo fi biyyaa irratti xiyyeeffachuun baraa'e   xumuramuun guyyoota m...
23/05/2024



....

Kitaabni diinagdee dargaggootaa, diinagdee Oromoo fi biyyaa irratti xiyyeeffachuun baraa'e xumuramuun guyyoota muraasa booda mana maxxansaa galuun 30,2016 ni eebbifama.
Kitaaba kana keessatti muuxannoo namoota diinagdeen milkaa'anii hedduun keessatti hammatameera.

"African Holding Groups" dhaabbata Dhaloota diinagdeen utubuuf dhaabbateDhaabbanni Afrkaa Holdiigi Giruuppi(African Hold...
07/05/2024

"African Holding Groups" dhaabbata Dhaloota diinagdeen utubuuf dhaabbate

Dhaabbanni Afrkaa Holdiigi Giruuppi(African Holding Groups" dhaabbata diinagdee guddaa yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama raajessaa galmeessaa jiruudha. Dhaabbabbi kun sochii diinagdee saba Oromoo cimsuu, sochii diinagdee biyya keenyaa cimsuu bira darbee sochii diinagdee Afrikaa hiyyummaa injifachuuf godhamu utubuu keessatti gumaacha guddaa gochuuf kaayyeffatee dhaabbachuun hojiilee diinagdee gurguddoo irratti bobba'ee hojjachaa jiruudha. Dhaabbata dhaloota diinagdeen humneessuuf onnateedha.

Guddina saba tokkoofi biyya tokkoof dhaabbileen diinagdee bu'uura guddaa kan kaa'an yommuu ta'u dhaabbanni African Holding Group dhaabbata guddina diinagdee biyya keenyaa saffisiisun qabsoo hiyyummaa irratti godhamu cimsuun badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessuu keessatti gumaata guddaa gochuuf hojjachaa jiruudha. Nutis dhaabbata kana waan dandeenyun tumsuun sochii diinagdee godhamu keessatti gahee keenya haa bahannuu.

AFRICA HOLDING GROUPS Dhaabbata mul'anni isaa guddaa.

Gadda onnee nama cabsu= = = = = = = =Magaalaa Bishooftuu, Duukam iddoo addaa   jedhamutti balaa tiraafikaa  konkolaattot...
26/02/2024

Gadda onnee nama cabsu
= = = = = = = =
Magaalaa Bishooftuu, Duukam iddoo addaa jedhamutti balaa tiraafikaa konkolaattota 4 ; miniibaasii=2,Siinoo gindillaa fe'e =1fi Land Kiroozera=1 gidduutti eda sa'aa 10:20-10:30 mudateen namoonni 7; Dhiira=4 Dubara=3 battalatti yoo du'an miidhaa Madoo 14; Dh=9 Dubara=5 Walumaa gala miidhaa Cimaa namaa =11 miidhaa salphaa nama=3
Manca'insa Qabeenya =4 qaqqabee jira.
Madoon Hospitaalaa Bishooftuutti yaalamaa jiru.

Maatii fi firoottan miidhamtootaf jajjabina hawwa.

Rabbi nagaan baasee nu haa galchu.

 ......Akkuma qabsoo gamtaan gaggeessaa turan, kitaabni   fi   hedduun qooda keessatti fudhachuun waggoota   gamtaan bar...
22/01/2024

......

Akkuma qabsoo gamtaan gaggeessaa turan, kitaabni fi hedduun qooda keessatti fudhachuun waggoota gamtaan barreessaa turan xumuramee dhufaa jira. Kitaaba kana gamtaan sabaa fi biyyaaf gumaachudhaaf kaayyeffamee qabiyyee gurguddaa dhimmoota murteessoo ta'an of keessatti hammateedha. Kitaabni kun yeroo dhihootti uummata bira ni ga'a jedhamee eeggama. Qeerro fi Qarreen Oromoo akkuma gamtaan qabsoon waa hedduu jijjiiran, gamtaan gumaata guddaa qabatanii dhufaa jiru....

Firaol Ahmed Kasim
Mimi Jarso

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Great Africa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share