Arsi sikko manddo

  • Home
  • Arsi sikko manddo

Arsi sikko manddo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Arsi sikko manddo, Newspaper, .

🇪🇹6⃣6⃣6⃣ኢትዮ ETHIO ILUMINANTE ትክክለኛው ድርጅት ይሄ ብቻ ነው !!         ይደውሉ ይመዝገቡ !!☎️+251922883111☎️+251922883111                ...
17/02/2025

🇪🇹6⃣6⃣6⃣ኢትዮ ETHIO ILUMINANTE
ትክክለኛው ድርጅት ይሄ ብቻ ነው !!
ይደውሉ ይመዝገቡ !!
☎️+251922883111
☎️+251922883111
በቅድሚያ ማህበሩ ውስጥ ለመቀላቀል 100% ወስነዋል ከወሰኑ
ባላችሁበት ሆናችሁ አባል መሆን ትችላለህ ለምዝገባ አስፈላጊ መረጃዎች የሚከተሉት ናቸው
1- መታወቂያ
2- ጉርድ ፎቶ
3- የኢትዮጵያ ንግድ ባንክ አካውንት

🔯3 መረጃዎችን አሟልታችሁ እንደጨረሳችሁ።
ማህበሩ የሚሰጣቸው ጥቅሞች*
🔱 በ 4 ሰአት ውስጥ የ መጀመሪያ ዙር ክፍያ በ አካውንታችሁ 800,000 -- ይገባላችኋል ከጣይ ዙር 2 ሚልየን ብር ይገባላችዃል።
🔯 የወራዊ ክፍያ ከ 300,000 -- 900,000ብር ደሞዝ ክፍያ ይኖርዎታል
የብድር አገልግሎት እና ቤት መኪናሽልማት እንዲሁም ነፃ የህክምና አገልግሎት ያገኛሉ፣

በተጨማሪ በኛ ድርጅት ስም ሀሰተኛ ማስታወቂያ እየለጠፉ ሰዎችን በማጭበርበር ስራ ላይ የተሰማሩ ሀሰተኞች ስላሉ ጥንቃቄ አድርጉ

አባል ለመሆን ከወሰኑ
ከታች ባለው ስልክ
በመደወል ያናግሩን
☎️ +251922883111
📲 +251922883111🇪🇹6⃣6⃣6⃣ኢትዮ ETHIO ILUMINANTE
ትክክለኛው ድርጅት ይሄ ብቻ ነው !!
ይደውሉ ይመዝገቡ !!

Abbichuun [Mucaan] Eenyu?Barruun waggaa sadii dura qindeesse kana dubbisaa!***Abbichuun kan dhalate godina Shawaa Kaabaa...
10/07/2024

Abbichuun [Mucaan] Eenyu?
Barruun waggaa sadii dura qindeesse kana dubbisaa!
***
Abbichuun kan dhalate godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Warra Jaarsoo naannoo Dhaayee Sillaasee jedhamutti bara 1912 ture. Gosti Abbichuu ilmaan Tuulamaa sadeen kessaa Daaccii jalatti argama; Ilmaan Daaccii jalaa Galan; Ilmaan Galaan jalaa ammoo kan Warra Jaarsati. Abbaan isaa Bayyanaa Qorichoo dursaa lolee Warra Jaarsoo ture. Weerarri Xaaliyaanii bara 1929 akkuma jala gaheen ture kan dhukkubsatee addunyaa kana irraa boqate. Kaayyoo abbaa isaanii itti fufsiisuf Obbolowwan lameen (Angafoonni Abbichuu) lolee Warra Jaarsoo cimdiidhan dursuu eegalan.
Bayyanaa Qorichoo yeroo sanatti Abbichuu mana barumsa ammayyaa Finfinneetti argamutti erganii barsiisaa turani. Abbichuun sadarkaa oolanaafis Awurooppaa biyya Faransaay deemee barachuuf utuu qophiirra jiruutti Xaaliyaaniin Itoophiyaa Weerarte. Abbichuunis Obbolaawwan isaa gara dirree waraanatti deeman biraa hin hafu jechuun imala barumsa isaa adda kute. Haati Abbichuu yeroo sanatti mucaan xiqqaan kun akka jalaa hin deemnef kadhachaa turtus, Abbichuun garuu yaada harmee isaa didee faallesse. Yeroo sanatti Abbichuun umuriidhan waggaa 16 hin caalu.
Haati Abbichuus Dajjaazmach Abarraa (Dursaa olaanaa lolee Salaalee) tti mucaa xiqqaa kana imaanaa laatte geggeessite. Garaan ishee didee raasnan akkana jettee sirbiteefi
"Abbichuu nagaa nagaa, ijakoorra hin maarmaarinii
Achittuu nagaa nagaa, qoreen si hin waraninii"
Lola Dabra Ambaatti taasifameen Abbichuun Obbolaawwan isaa lameen of biraa dhabe. Tokko reeffaa isaa argatee Qilxuu wayii jalatti awwaalus, isa tokko garuu bakka buutee isaa argachuu hin dandeenye. Gaddi kun kan daran garaa jabeesse Abbichuun, Dajjaazmaach Abarraadhan walii galuun lolee Warra Jaarsoo dursuu eegale.
Abbichuun tooftaa riphee loluutin hedduu beekama ture; kanaanis, injifannoo loltoota Xaaliyaanii laamshessu hedduu goonfateera. Yeroo sanatti Mootichi fi Raasonni Xaaliyaanii tarkaanfii Abbichuun fudhututti aaranii irratti xiyyeeffata

• Fusee dha—Sodaata dha• Gaafii waaqaa—Guyyaa dhugaa• Hagee gate—Dhiise• Rabbirraa gargale—Quufe• Sobbooqa taphate—Ciigo...
14/06/2024

• Fusee dha—Sodaata dha
• Gaafii waaqaa—Guyyaa dhugaa
• Hagee gate—Dhiise
• Rabbirraa gargale—Quufe
• Sobbooqa taphate—Ciigoo haasa’e
• Yaada hinqabu—Dabeessa
• Natti hooqqise—Natti dheekkame
• Niitii fudhe—Abbaa warraa ta’e
• Fuula itti dachaase―Toleef
• Seelesse―Dubrummaa fudhate
• Gurra afarse―Oduuf gaggabe
• Abba naatoo—Bareeda
• Natti qorre—Kophummaan natti dhagahamte
• Oduun biyya balleesse—Sobe
• Jaanoo uffate—Koore/Boone
• Kaakkiste—Kormaa kajeelte
• Gumbiin nahe―Midhaan keessaa dhume
• Imimmaan dhuge―Obse
• Mataa tuule―Dallane
• Dalga guddate―Seera hin beeku
• Bineensa booji’ame―Nama malli jalaa bade
• Karaa qote―Daba hojjete
• Ilkee buqqise—Diina mooyate
• Itti ruuge―Keessa suuqe🙄
• Ceekuu jabaata—Obsaadha
• Mooyyee haammate―Kophaa ta’e
• Quba cabse—Salphise
• Oduu funaana―Dubbii suufa
• Suphee fakkaate―Fokkise
• Warra dubbii―Balaa kan barbaadan
• Foon jaalata―Fira jaalata
• Faxuula guddisa―Of jeja
• Itti qirqirse—Itti kakaase
• Caaccuuf kallacha―Kabajamaa
• Harmi itti hin biqille―Ijoollee dha
• Ba’aa laphee—Jalala hamaa
• Bineensa guyyaati―Namaa hin hilu
• Akka haati dhalteetti―Hin geeddaramne
• Nyaara haaddate―Qaanii dhiise
• Abbaa bishaanii—Nama dhugaatii jaalatu?
• Harka waaqaa jira―Dhibameera
• Qarreen duude―Heerumte
• Itti gorore―Jaallate
• Abbaa hidhii―Fakkeessaa
• Buqqee duwwaa―Doofaa
• Gaangee taate―Ni maseente
• Geeshodha―Hin ulfaatu
• Gurra mure―Maqaa balleesse

Dubbiin Qixxee Arsiin didamee balaa baata. Koloobni gad-gateeAbeenni guddifateeWaan boru biyyaa tayuuWaan boru Arsii tay...
10/06/2024

Dubbiin Qixxee Arsiin didamee balaa baata.

Koloobni gad-gatee
Abeenni guddifatee
Waan boru biyyaa tayuu
Waan boru Arsii tayuu
Leenjisootu muldhatee

Qomoon Guddichi biraa Oromoo, Oromoo Arsiiti. Waan Arsii kaafnaan Qixxee Gosaa kaasuun dirqama.

Arsii biratti Gosti waan hundaa oli; Gaafa Gosti isaanii tuqame akka Kannisaa hoomaan itti jiganii weeraru.

Irreen Gosaa jabaadha; Dubbiin Gosatti dhufe dubbii yeroon itti kennamu miti. Dubbiin Gosaa akka dubbii Bishaan mataa gaheeti. Bishaan mataa gahe miila hin hanqatu. Dubbiin Gosatti dhufe deemee deemee mana hundaa seena, nama hundaa jeeqa; ni tuqa.

Sirni Nyafxanyaa yeroo 7 ol Murtee Qixxee Gosaa irratti didameen daaraa fi daakuu ta'ee deebi'e.

Sirni Hayila Malakoot gaafa Abbichuu fi Galaan adda baasee Tuulama qabatu Kallacha Fardasaa gara Arsiitti naanneffate. Gaafa sana dureen Gosoota Arsii Suufaa Kusoo fi Dammoo Usoo turan.

Gaafa Sirni Nyafxanyaa Arsii seenuu dursee qabeenya isaa inni akkaan jaalatu loon isaanii jalaa hatanii deebi'uun dhufe.

Yoo sana Gasti jigii taa'ee hattuu loonitti akka jigu Qixxeen tumate. Qixxee sana booda Miniliki xalayaa araaraa fi nagaan waliin jiraachuu jette ishee gubbaan barreeffama keessi ibiddaa Suufaa Kusoo fi Dammoo Usoof barreesse ture. Isaan garuu akkas jedhan. Dubbiin nuun osoo hin taane Qixxeen laalamtee yoo fudhatamte qofaadha jedhani.

Asaboot GaaraaQuucoo qofatu mul'ataHayyuu heeratti kutteQaccee Roobiitu mul'ataAbaabuu Hafii qabuAbbaa-ilmaan dubbata......
28/05/2024

Asaboot Gaaraa
Quucoo qofatu mul'ata
Hayyuu heeratti kutte
Qaccee Roobiitu mul'ata
Abaabuu Hafii qabu
Abbaa-ilmaan dubbata...

Asaboot Gaaraan bade
Mullu Dareemaan bade
Gammoojjiin hayaan bade
Baddaan Migiraan bade
Labu Somaaleen bade
Daanseen amaaraan bade
Kijibni kijibaan bade
Gowwaan hin beekneef bade
Qarri maaf jala bade...?🙄

ARSEE WARAANA SHUURAA🔥🔥🔥DIINA JALA HIN KURKURUBIYYAA OFII HIN GURGURU...🔥🔥🔥Lola gaafa harbooyyeeLola gaafa harbooyyee......
28/05/2024

ARSEE WARAANA SHUURAA🔥🔥🔥

DIINA JALA HIN KURKURU
BIYYAA OFII HIN GURGURU...🔥🔥🔥

Lola gaafa harbooyyee
Lola gaafa harbooyyee...
Harka kennachuu diddaaf
Du'e Mammadii Mooyyee

Mammagallan Maazazaa
Mammagallan Maadadaa
Ee ijoollee DIIDA'AA🔥🔥🔥
Harka kennachuu dide
Ee Gannaa Amaan fa'aa
Ee Gannaa Amaan fa'aa
Goota diina nyaachifne
Harka diinatti kennuun
Akkamittinree taha?....🔥🔥🔥

SHEEDAMNI luuyna hin qabu
Goota gaara lallabuu....🔥🔥🔥

Jeneraal Umar Suleymaan 🔥🔥🔥

GOSA TIYYAA GOSHOO TIYYAA..🔥🔥🔥Gosa tiyya Goshoo tiyyaOsoo fooyuu galgaleessee...Aayyaa yaboo ana deesseeOsoo fooyuu galg...
27/05/2024

GOSA TIYYAA GOSHOO TIYYAA..🔥🔥🔥

Gosa tiyya Goshoo tiyya
Osoo fooyuu galgaleessee...
Aayyaa yaboo ana deessee
Osoo fooyuu galgaleessee..

Maa galgalaan ana eeddaa
Osoo fooyuu galgaleessee..
Intaltummaan gosa qabduu
Goshoo loon fooyuu hin dhabduu..

Natu ijaare bitimaa
Oso booyuu galgaleesse ..
Abbaan na uumate simaa
Osoo booyuu galgaleessee..

Daawween Guddaan Harooressa
Osoo fooyuu galgaleessee ...
Jala naakaayi aroogessa
Osoo fooyuu galgaleessee...

Karaa kaasi gaalee
Daawwee hundeen isii baale
Osoo fooyuu galgaleessee...
Laanganno jechoon Waayyuu gadi
Osoo fooyuu galgaleessee ...
Saimmannaa kophee Adii
Osoo fooyuu galgaleessee...

Asii ka'ee sin hamadhuu
Osoo fooyuu galgaleessee..
Gurra keetiin caqafadhuu
Osoo fooyuu galgaleessee..

Gosa jechoon heebano'oo
Loowwan jechuun geegayo'oo
Osoo fooyuu galgaleessee..

Lafa bayee atuu beettaa....
Maa galgalaan ana eeddaa?
Osoo fooyuu galgaleessee..
Gosa tiyyaa goshoo tiyyaa
Osoo fooyuu galgaleessee

Tanaanillee hin galannaa
Osoo fooyuu galgaleessee..
Gosa tiyyaa goshoo tiyyaa
Osoo fooyuu galgaleessee..

Ta haftellee hin kadhannaa
Osoo fooyuu galgaleessee..
Gosa tiyyaa goshoo tiyyaa
Osoo fooyuu galgaleessee..

Eessummanii durbiiwwanii
Gosa tiyyaa golloo tiyyaa
Osoo fooyuu galgaleessee..
Warra sangaa guchiiwwanii
Gosa tiyyaa golloo tiyyaa
Osoo fooyuu galgaleessee...

Italtumman gosa qabduu
Osoo foyuu galgalesse
Goshoo silgaa fooyu dhabduu....
Osoo foyuu galgalesse
Ka micicaa olee babbo
osoo foyuu galgalesse
Miciresse foyee abbon
osoo foyu galgalesse....

Giiloon adolessa baatii
Osoo foyuu galgalesse
Hootu arogessa taatii
Osoo fooyuu galgalesse
Arogeyyiin ta Aananii
Osoo foyuu galgalesse
Afoleyyii nu waamani
Osoo foyuu galgalesse...

Ayyoon xiqqon hadha tiyya
Osoo foyuu galgalesse
Ayyon guddon waaqa kiyya
osoo foyuu galgalesse
Ati weegeen kana seeta
osoo foyuu galgalesse
Weegeen guddan gadab dheeda
Osoo foyuu galgalesse...

Amaratuu hunnaan nyaata
Osoo foyuu galgalesse
foolish silgaa gurran baata

𝗔𝗿𝘀𝗶𝗶❤️🔥📲Arsii Arsoomni Qorsaa 📲Arsii Sanduuqa Obsaa 📲Arsii Tuttuqaa Diddu 📲Arsii Tuttuqaan Iddu!!📲Duree Qarooma Duraa 📲...
27/05/2024

𝗔𝗿𝘀𝗶𝗶❤️🔥

📲Arsii Arsoomni Qorsaa
📲Arsii Sanduuqa Obsaa
📲Arsii Tuttuqaa Diddu
📲Arsii Tuttuqaan Iddu!!

📲Duree Qarooma Duraa
📲Arsee Woraana Shuraa
📲Worra Diina Rarraasu
📲Gaafa Lolaaf Kutate
📲Worra Biidhaa Wol Baasu
📲Gaafa Woliif Murate!!

📲Arsii Gaafa Dhoombirkaa
📲Arsii Gaafa Aanolee
📲Worra Woliin Dhaabatu
📲Worra Woliin Dhaadatu
📲Bullaallaafi Wocaalee!!

📲Hidda Utaafi Waayyuu
📲Hundee Raayyaafi Kajawaa
📲Lafaaf Lafee Ofii Irratti
📲Ija Jaamse Adawaa!!

📲Worra Sikkoo Mandoo
📲Worra Daba Hin Qabne
📲Worra Bonaa Ganna
📲Waan Elmatu Hin Dhabne
📲Worra Callaa Tuulee
📲Gabaa Alaa Fidu
📲Worra Cubbuu Dheessu
📲Worra Deega Didu!!

📲Worra Dhadhaa Dhugu
📲Akka Bishaaniitti
📲Worra Rakkataan Quufu
📲Qe'ee Isaaniitti

📲Biyyeen Kee Dhaltiidha
📲Margi Kee Ni Marga
📲Hayyuun Kee Dubbatee
📲Dhuka Dubbii Arga!!

📲Lafti Kee Worqiidha
📲Kan Birrii Magarsu
📲Biyyeen kee Dhaltiidha
📲Kan Namaaf Dabarsu
📲Arsii Diina Daaku
📲Marsee Harkaan Qabee
📲Dhaba Dhabe Malee
📲Mee Arse Maal Dhabee?

📲Oromiyaa Har'aatiif
📲Kan Dhiiga Laatte Gatii
📲Fiixaa Leenjisoo Diigaa
📲Hundee Dhiiraati Ati!!

NYAKKEEN Abbaa Firfirsoo Nyammisoo Allahu wotaa'alan sin Jaalatti🔥
Kamil Sulten sihimoo A

Gosoota Sikkoo-Mandoo (Oromoo Arsii ) tartiiba qubeetiin:————————————————————dubbisaa waliif qoodaaAbbakara Abaar-gadaAb...
22/05/2024

Gosoota Sikkoo-Mandoo (Oromoo Arsii )
tartiiba qubeetiin:
————————————————————
dubbisaa waliif qoodaa

Abbakara
Abaar-gada
Abaay-mannaa
Abbiyyuu
Abboo-ali
Abburee
Abdooyyee
Abboosa
Aboosara
Aboojota
Aboonii
Aboonyee
Abroonyee
Absiilaa
Adaamii
Adamoonyee
Adamtuu
Adaree
Adarshoo
Adulaala
Agaarfaa
Ajaamoo
Ajjuuran
Akkiyyaa
Allaa
Alii
Alkasoo
Allujaana
Amaa-lama
Amaalagoo
Ambeentuu
Amiinyaa
Amoonyee
Amuumaa
Anasa
Angeedda
Argamooyee
Ari’a
Arroojjii
Asallaa/Hasallaa
Asaltuu
Asalaxxuu
Asansaba
Asgala
Askaala
Ashamii
Asharaafa
Ashmiiraa
Ashuutee
Ataabaa
Atucha
Awaandallaa
Awacheeche
Awuljana
Aymaroo
Ayyuuba
---
Baadagosa
Baadaboo
Baadimannaa
Baadosa
Baalee
Baalle-Tamboo
Baamuda
Badii
Balee
Baammannaa
Baallakasa
Barii/Baarii
Barbachoo
Beebee
Beegoo
Biddiiqa
Bidiroosa
Biltuu
Biilaa
Bilduu
Bilbiloo
Birbiraa
Biyyaalee
Bochoroosa
Boqqojjii
Boobaa
Boorana
Bulgaduma
Buraara
Burrituu
Buubuu
----
Camaca
Caatimannaa
Caatoo
Cawwaa
Ciimoo
Coofira
----
Daddina
Daagulee
Daagooyyee
Daallee
Damina
Daayidaa
Danbii
Dange
Daawwee
Daraaraa
Daqeena
Daroo
Dawadiina
Deendaa
Diigaluu
Diinoo
Doodaa
Dodola
Doggomaa
Doomaga
Doonchoo
---
Dhaaye
---
Edamana
Eegoo
Eekkaa
Eessawwaa
Eljoo
---
Faarachuu
Faraca
Farsaana
Farrajjee
Farzaana
Finxoo
Funyamura
Futtallee
----
Gaadoo
Gandaanshoo
Gaadullaa
Gaadulloota
Gaalama
Gaatura
Galchoo
Gallichoo
Garoraa
Gamboo
Gaddoo
Gannata
Garaadee
Garisoo
Garjeeda
Gasala
Geetara
Gimboota
Giraamaa
Goodola
Goofingira
Godaymannaa
Gomoora
Goonosa
Golanuura
Gotoo
Gur-daama
Gurraa
---
Haballosa
Habarnoosa
Habeebee
Habuubaa
Haburaa/Aburaa
Hachana
Hadaabbaa/Adaabbaa
Haddaa
Hadaagaa
Halangoo
Halchaana
Haliibana
Hamiida
Hamiishada
Hanbeentuu
Hanqaroosa
Hanqa-diina
Hanxoo
Harboo
Harawa
Hasana
Hasansaba
Hawaxxuu
Hawwaree
Hawwiyyaa
Haximannaa
Heebanoo
Heellaa
Heeraro
Heexamoosa
Heexosa
Heeydara
Hinseemana
Hoboltoo
Hodhituu
Hooransoo
Huduga
Hunxee
Huphannoosa
Hurfee
Hurxuuba
---
Ibsaana
Ilaa
Ilaannii
Ilbaccaa
Iluu
Imara
Isleeymana
Itayya
---
Jawaara
Jaawwi
Jidda
Jiliinshaa
-

Address


Telephone

0949397864

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Arsi sikko manddo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share