Burka press

Burka press Oduu fi odeeyfannoo!!

Oduu Addaa!!Qabsa'aan Falmattoota Filisxeem H🇵🇸 M  Abu Ubeeydaan lubbuun jiraachuun isaa mirkanaa'eera!! Gootichi yeroo ...
16/10/2025

Oduu Addaa!!

Qabsa'aan Falmattoota Filisxeem H🇵🇸 M Abu Ubeeydaan lubbuun jiraachuun isaa mirkanaa'eera!! Gootichi yeroo muraasa booda ibsa akka kenni himama jira!! Yeroma sanuu ani lubbuun jira jadheen ture. Nama haqaaf falmatu Rabbiitu waliin jira.

16/10/2025

Oduu
Bifa kamiin isiniif dhiheeysu? Mee hordoftoonni kiyya yaada keysaniin barbaada.

"Amma maaliif akkana taate jadhee namni nu gaafatu hin jiru yoo jadhee nutti iyyees namni isa dhagahu hin jiru" jadhee t...
16/10/2025

"Amma maaliif akkana taate jadhee namni nu gaafatu hin jiru yoo jadhee nutti iyyees namni isa dhagahu hin jiru" jadhee ture Shimeen..😃 Edaa Pireezidaanticha dhimma biraatu biizii godhe kanaaf daangaa Oromiyaa kabajamuu dide...?🙂 🙈

Taatee addaa!Har’a dargaggoonni Ga-zzaa kumaatamaan lakkaa’aman humna nageenyaa Hamaasitti makamuu kan jalqaban yoo ta’u...
16/10/2025

Taatee addaa!

Har’a dargaggoonni Ga-zzaa kumaatamaan lakkaa’aman humna nageenyaa Hamaasitti makamuu kan jalqaban yoo ta’u, kunis marii dirree irraa dhiheenya kana hoggantoonni mana maree waraanaa Birgeedii Al-Qa-ssam hoggantoota gosaa fi maatii waliin taasisan hordofeeti.

Akka maddeen dirree irraa ibsanitti, hoggantoonni gosootaa waamicha kanaaf deebii kennuun dargaggoota isaanii ciccimoo ta’an filatanii humna nageenyaatti (Hamaas) makanii jiru. Kun ammoo fuula keessoo kan cimsu yoo ta’u, diddaa fi hoggansa jih-aadaa isaa duubaan gamtaa ummataa fi waraanaa jabaa kan mirkaneessu ta'uu isaatiin sochiin diddaa haala boonsaan akka tarkaanfatu ni taasisa.

-

⭕   | Trump: "Ha* M*  Ga*💔zaa keessatti nama ajje*esuu itti fufnaan, gidduu seennee ajj*eesuu malee filannoo hin qabnu" ...
16/10/2025

⭕ | Trump:

"Ha* M* Ga*💔zaa keessatti nama ajje*esuu itti fufnaan, gidduu seennee ajj*eesuu malee filannoo hin qabnu"

Amma waa'een shiftoota Ga*💔zaa funaanamaa jiranii sun siniif gale mitii caalaatti? Eenyu akka booda jiru ragaa ofitti ba'an.

♦️ Kaardiin tapha isaan achitti dhiisanii maqaa nagaatiin boqonnaa fudhachuuf ba'an jalaa miidhamnaan fuulli isaanii inni dhugaan saaqamee mul'achuu eegale.

Guyyaa sadiif uggura Abiy jalatti!!Guyyaa sadiif MM Abiy waliin mariirra kan turan Pirz Somaliland osoo suuraa takka Abi...
16/10/2025

Guyyaa sadiif uggura Abiy jalatti!!

Guyyaa sadiif MM Abiy waliin mariirra kan turan Pirz Somaliland osoo suuraa takka Abiy waliin ka'e hin maxxansin gara biyyaatti galeera.
Abdurahaman irroo guyyaa sadeen dabre uggura jalatti Abiy waliin marii gaggeessanii reefu galgala kana Hargeessaa galaniiru.
Taateen hin baratamne kun dhiibbaa jabaa soomaliyaa waliin wal qabata!

Maaltu akka Uumame.

Ministeerri Dhimma Alaa sirna dijitaalaa waajiraaleen waraqaa malee itti hojjachuu danda’an ifoomseFinfinnee, Onkololees...
16/10/2025

Ministeerri Dhimma Alaa sirna dijitaalaa waajiraaleen waraqaa malee itti hojjachuu danda’an ifoomse

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2025 : Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa waliin ta’uun sirna dijitaalaa waajiraaleen waraqaa malee sanadoota ittiin qabatan, hoggananiifi waljijjiiran ifoomsuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise.

Sirni bulchiinsafi kuusaa dijitaalaa sanadaa kun ministerichatti qabannaa galmeerraa haga waljijjiirraa odeeffannoo miliyootaan lakkaa’amanii waraqaan ture gara sirna waraqaa maleessaa dijitaalatti jijjiiruun tajaajilli saffisaa akka laatamu taasisa jechuun Ministirrii Ministeera Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiyoos himan.

Sirni kun qaama rifoormii jalqabaa dhaabbatichaa ta’uu ibsuun, Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa waliin ta’uun sirna dijitaalaa kana uumuu himan.

Sanadoota teknooloojii dijitaalatiin kuusanii kaa’un , ragaalee kana saffisaan murtoo kennuuf, qo’annoofi qorannoof galtee godhachuuf ni gargaaru jedhan Ministeera Dhimma Alaatti Daarektarri Olaanaa Qabeenya Ragaaleefi Qunnamtii Obbo Daani’eel Zagayyee.

Akkasumas, Ejensii Mana Kitaabaafi Kuusaa Biyyaalessaa Itoophiyaa waliin ta’uun hojiin sanadoota gara sirna dijitaalatti galan adda baasuufi iddoo qabsiisuu taasifamaa jiraachuu ibsan.

Bu’aa qabeessummaa sirna kanaa mirkaneessuf Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa waliin ta’uun qondaaltotaafi hojjattoota dhaabbatichaaf leenjin kennamaa jiraachuu eeran.

16/10/2025

Bu'aan lola irraa arkamu kamilleen akka hin jiru yoo akkanumatti lubbuu dhala namaatti taphachuu ta'e malee.

Mee video kana qalbiin ilaali murteeysi.

16/10/2025

Barreyfama jawar Mohammed sagaleedhaan

An warra jajjabaa waliinan mariyadha male cal jedhee abbaa fedhe waliin hin haasa'u jedhan Trump ♦️"Perezidaantii Türkiy...
16/10/2025

An warra jajjabaa waliinan mariyadha male cal jedhee abbaa fedhe waliin hin haasa'u jedhan Trump

♦️"Perezidaantii Türkiye Erdoğan fi Perezidaantii Raashiyaa Putin irraa kabaja guddaan qaba, isaan hiriyaa kooti

♦️Dhuguma walgahii Masrii Shaarm Sheekitti gaggeessine irratti an hoggantoota ciccimoo waliinan mari’adhe, namoota dadhaboo miti.

♦️Dhugaa dubbachuuf galma sana keessa gaggeessitootni dadhaboo ta'anis ni jiru— eenyu akkasaan ta'an ni beektu jedheen yaada. Isaan bara jireenya keessatti walgahii guddaa akka ani milkeesse akkanaatuu arganii beeku jedhee hin yaadu. " jedhan.

Alagaan Hidhatee nutti fiiga Keenya Hiikatee nutti fiiga ja'e jaarsi.
16/10/2025

Alagaan Hidhatee nutti fiiga Keenya Hiikatee nutti fiiga ja'e jaarsi.

Imaammanni nageenya saayibarii cimaan bahuunsaa haleellaa saayibarii mudachuu danda’u ittisuuf gargaareera > Tigist Haam...
16/10/2025

Imaammanni nageenya saayibarii cimaan bahuunsaa haleellaa saayibarii mudachuu danda’u ittisuuf gargaareera > Tigist Haamid
**********
Imaammanni nageenya saayibarii cimaan bahuunsaa haleellaa saayibarii mudachuu danda’u ittisuuf gargaareera jechuun Daarektarri Bulchiinsa Nageenya Neetorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid ibsan.

Ji’i Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa 6ffaan Naannoo Amaaraa, Magaalaa Baahir Daaritti mataduree “Nageenya Saayibarii - bu’uura dijitaalaa Itoophiyaa” jedhuun kabajamaa jira.

Daarektarri Bulchiinsa Nageenya Neetorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid, imaammanni nageenya saayibarii cimaan bahuun haleellaa saayibarii mudachuu danda’u ittisuuf gargaareera jedhaniiru.

Biyyi keenya hojiirra oolmaa dijitaalaayizeeshinii sadarkaa olaanaarra akka jirtu eeruun; daaw’annaa taasisneen Naannoon Amaaraas adeemsa dijitaalaayizeeshinii hedduu keessa akka jiru mirkaneessineerra jedhaniiru.

Ittifufiinsaafi milkaa’ina dijitaalaayizeeshinii mirkaneessuuf haleellaa saayibarii babal’ina dijitaalaayizeeshinii waliin walqabatee uumamuu danda’uuf xiyyeeffannoo walqixa kennuun hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru jechuun Gaazexaan Pilaase gabaaseera.

Bulchiinsi Nageenya Neetorkii Odeeffannoo qaama tarsiimoo dijitaalaa kan ta’e kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf, bulchiinsa gaarii guddisuuf, rakkoo uumamu ittisuuf, malaammaltummaafi hojmaata badaa hambisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Burka press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Burka press:

Share