18/02/2025
DIRAAMAA AMMA ADEEMAA JIRU IRRATTI QABXII SADII.
1) ABO fi KFO’n dhaqidhaqii (Ragragii) keessa seensifamanii, of fuuldura isaan qabuudhaan Badhoon burjaajii Oromoo guutuu fi hawaasa Addunyaatti uumuuf hojii bal’aatu hojjetamaa jira. Wal-dubbii marsaa hedduu hiccitiin taasifamaa tureen, dayannaa Marii fi Marabbaatiin waltajjii erga mijeeffatee booda, Murtee qeenxee isaa akka murtee walootti Bor-iftaan nu dhageessisuuf deema.
ABO fi KFOn mariif taa’uun isaanii dogoggora jechaa hin jiru. Marii taa’amaa tures bubbetti kennuu dhabuun bayeessa ture. Naamusa marii cabsee hirree barri kenneefitti haajamee murtee qeenxee maqaa isaanitiin dabarfachuuf yoo deemuu garuu diduu qabu. Murtee qeenxeen suni maali?
ABO, KFO, Hayyoonni, Abbootiin Gadaa fi Abbootiin Amantaa Waraana bilisummaa Oromoo balaaleffatan kan jedhu. Suura isaanitti dhimma bahee ergaa kana dabarfachuuf Orrenteeshinii waliif kennaa jira badhoon. Marii dhimmoota adda addaa irratti Taasisuuf har’a hunduu Hoteela bulu. Boru Abiyyi Dhaqee Hammatee suura ka’ee, Midiyaa mataa isaa qofa seensifatee, Haawasawa toluuf waraabbatee gabaaf oolfatuu mala. Ragragii kana keessaa bahuu akki itti danda’amu yoo jiraate jala qophaa’uu.
2) Badhoon Interpireenara walitti Bu’iinsaati. Lola keessa jiraachuu fi Aangoo Lolaan tikfachuun sagantaa isaati. Lola Oromoo waliin taasisu bira darbee Orma waliin lola taasisus akka Oromootti diina baay’isutti boca. Lola Tigray fi Amaara waliin taasise, lola Oromoo bakka bu’ee “Mootummaa Oromoo Ittisuuf” taasisee fakkeessee dhiyeessaa tureera.
Amma Ertiraa waliin lolatti Seenuuf jira. lola kana Oromoof jedheen lola Kan jedhu lafa qabsiisuu yaada qaba. Kana irratti of qusadhee bira darbuun filadha. Ammoo marii dhokataa deemaa ture irrattis waan Badhootti himamaa turetu jira. San ganee karaa hin malle dhufe. Yaddoon guddoon kan Hirriba isa dhorkitu qabsoo Bilisummaa Oromooti. Dhiyeenya kana Motummaa Keniyaa cinqii keessa galchee karaa Daangaa waan inni ijibbaata tures agarreerra.
Jiloo