Kersa Presses-East Hararghe

  • Home
  • Kersa Presses-East Hararghe

Kersa Presses-East Hararghe Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kersa Presses-East Hararghe, Digital creator, .

19/08/2025
15/08/2025

Dr. Bikila Hurissa, Head of Public and International Relations Sector of Prosperity Party, explains the key takeaways from the 12th African Political Parties...

15/08/2025
15/08/2025

Tokkummaan Badhaadhina dhugoomsina;Badhaadhina dhugoomsinee tokkummaan jiraanna

Tokkummaa keenya itichee waloodhaan gara badhaadhina hin oolletti kan nu imalchu danda’u tokkummaa-sabdeneessa. Tokkummaa sab-daneessi hedduminaaf beekamtii kenna. Sab-daneessummaaf beekamtii kennuu jechuun heddumminni, carraa yoo ta’een alatti soda ta’uu akka hin dandeenye amananii fudhachuu, eenyummaa gosa kamiifiyyuu ulfinaa fi kabaja barbaachisu kennuu fi loogummaa eenyummaa bu’uura godhatee uumamu kamiyyuu maqsuun hirmaannaa fi fayyadamuummaa siyaasaa, haawaasummaa fi dinagdee haqa-qabeessa ta’e mirkaneessuu jechuudha. Hammatummaa fi hirmaachisummaa dhugaa mirkaneessuudha. Riifoormii siyaasaa keenya ilaalama sirrii kanaaf bu’uura kaa’eera. Aadaan siyaasaa hammatummaa fi hirmaachisummaa mirkaneessu, ilaalchaa fi ilaalmni sab-daneessummaaf ture akka sirratu kan taasiseefi fulduraafis hiree waloomaan qabnu tiksee fulduratti kan nu tarkaanfachiisuudha.
Tokkummaa sab-daneessi sona qajeeltoo godhannee yeroo hundumaa akka Badhaadhinaatti qabsoofnuufi. Obolummaa sab-daneessaan hawaasa siyaas-dinagdee tokkoo ijaarra. Hawaasa siyaas-dinagdee tokkoo ijaarra yommuu jennu, hawaasa sababa eenyummaa isaatiin loogummaa hin keessumeessine, hirmaannaan siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa isaa karaa haqa-qabeessaa fi madaalawaa ta’een mirkanaa’eef, hiree tokko qabu fi galmaa fi mul’ata walootiif waloomaan socho’u jechuudha. Gama biraatiin hawaasa baay’ee taanee akka tokkootti; tokko taanee akka baay’eetti galmaa fi mul’ata walootiif ida’amuun waloomaan jiraachuu ni dandeenya jedhee amantaan fudhate ijaaruu jechuudha. Hawaasa akkasiitu tokkummaa iticha. Tokkummaa itite keessatti kabajaa fi birmadummaan biyyaa mirkanaa’aa. Hawaasa waloomee fi tokkoometu mul’ata biyyaaleessaa qooddata. Kanaaf, tokkummaa sab-daneessa yaa jabeessinu. Tokkummaan ni badhaadhna; Badhaadhnee waliin ni jiraanna!
Horaa Bulaa!

15/08/2025
11/08/2025
Gurma'insa Gandaa  Cimaa,Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessu Ijaaruuf,Sirni Deeggarssaa fi Hordoffii Cimee itti fufuu qaba...
07/10/2024

Gurma'insa Gandaa Cimaa,Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessu Ijaaruuf,Sirni Deeggarssaa fi Hordoffii Cimee itti fufuu qaba!
( )
Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti Koreen Supparvizinii Raawwii Hojii Gandoota Cimsuu hundeessuun Cheeklistii Bobbii qopha'e irraatti IG Waajira Bulchaa Obbo Oranteeshini gabaaban Kennamuun hijii keessaa galaamera.

26/08/2024

Sagantaan siyaasas paartii Badhaadhinaa galmoota gurguddoo sadi of-keessaatti qabata.

1. Mootummaa cimaa fi fudhatamummaa qabu bu’uura jabaa irratti ijaaruuf waliigaltee biyyaalessaa uumuu,

2. Sirna dimokiraatawaa aadaa dhaabbilee fi ummataa irratti hundaa’e ijaaruu,

3. Nagaa waaraa fi fulla'aa mirkaneessuudha.

Sagantaa siyaasaa paartii Badhaadhinaa

Kaayyoon sagantaa siyaasaa paartii Badhaadhinaa mootummaa cimaa fi fudhatamummaa qabu; eenyummaa sabaa fi tokkummaa biyyoolessaa giddutti mootummaa madaala eegu ijaaruudha.

Gama mootummaa cimaa ijaaruutiin Paartiin keenya ummanni kallattiin balaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu irraa eegamanii fedhiin misoomaa, walqixxummaa fi bilisummaa akka guutamuuf dhaabbilee biyyoolessaa walaba, loogirraa bilisa ta'ee fi gahumsa irratti hundaa’an ijaaruun barbaachisaa ta’uu ni amana.

Kanaaf, jalqabbiin ijaarsa mootummaa biyyoolessaa keenyaa cimaa fi kan hin raafamne, dhaabbatarratti kan hundaa'e akka ta'uuf Paartiin Badhaadhinaa galma isaa godhateetu socho'a. Paartiin Badhaadhinaa aadaa dhaabbilee fi ummataa irratti dimokiraasii ijaaruun barbaachisaa ta’uu isaas ni hubata.
Gama mootummaa biyyoolessaa fudhatamummaa qabu ijaarutiin Paartiin Badhaadhinaa humna mootummaa biyyoolessaa Itoophiyaa guddisuu fi hawaasa siyaas-diinagdee tokko qabu ijaaruuf galmawwan heera mootummaatiin kaa’aman milkeessuf ni hojjata.

Waan kana ta'eef, tarkaanfiiwwan siyaasaa fudhatama mootummaa guddisanii fi waliigaltee biyyaalessaa uuman, hariiroo ummataa fooyyessanii fi miira araara dhugaa cimsan irratti xiyyeeffachuun socho'a.

Ijaarsi mootummaa biyyoolessaa keenya eenyummaa sab-daneessa kan goonffatee fi heddummina kan calaqqisiisuu ta'uu akka qabuu paartiin keenya cimsee ni amana.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kersa Presses-East Hararghe posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share