03/10/2025
Itoophiyaan ramaddii sirna to'annoo fayyaa addunyaa kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa baaseen "Sadarkaa 3" irra gahuun himame
Fifnfinnee, Onkoloolessa 02, 2025: Itiyoophiyaan ramaddii sirna to'annoo fayyaa addunyaa kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin baaseen "sadarkaa 3" ykn level -3" irra gahuu ishee Daarektarri Olaanaa Dhaabbatichaa Dooktar Teediroos Adihaanoom beeksisaniiru.
"Sadarkaa 3ffaa" irraa gahuun kuni kan argasiisu biyyi tokko caasaa sirna fayyaa tasgabbaa'aa fi bilchinaan hojjachuuf akka qabdu kan agarsiisu yoo ta'u, Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doktar Teediroos Adihaanoom, Itoophiyaan sadarkaa 3ffaa irra akka geesseef fuula tiwiitarii/X isaa irratti ibsuun carraa kanaanis Itophiyaadhaan baga gammaddan jedhaniru. Itti dabaluunis Ityoophiyaan biyyota kanneen akka Masrii, Gaanaa, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Zimbaabuwee, Senegaal fi Ruwaandaa wajjin toora tokkotti akka makamtee ibsaniiru.
Dabalataan sadarkaa kana irraa gahuun guddinni Afrikaan qorichaa fi oomishaalee yaalaa qorichaa kan nageenyaafi qulqullina olaanaa qaban omishuutti gara fooyyessuutti dhihaachaa kan jirtu ta’u kan agarsiisu akka ta’es hubachiisaniiru.