Shanan Gibee

Shanan Gibee Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Shanan Gibee, Digital creator, .

19/08/2025
08/06/2025

"Miidiyaalee keessa adeemsi sirrii hin taane jiraatuus shaakala Dimookiraasii cimsuuf Mootummaan gara bal'inaan ilaalaa ture" MMI Dr. Abiyyi Ahimed
= = =
Miidiyaafi kominikeeshiniin Mootummaafi uummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuun, ilaalcha biyyaalessaa dagaagsuun hirmaannaafi fayyadamummaa uummataa dhugoomsuu keessatti qooda guddaa qaba.

Jijjiiramaan asitti Mootummaan bilisummaa miidiyaalee bal'isuun sirni kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e akka diriiru taasisuun maqaa biyya keenyaa roga gaariin ijaaruuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira.

Haaluma kanaan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad gaaffiifi deebii isa xumuraafi kutaa 4ffaan taasisaniin bilisummaa Miidiyaalee ilaalchisuun ibsa kennaniin, miidiyaalee keessa adeemsi sirrii hin taane jiraatuus shaakala Dimookiraasii cimsuuf Mootummaan gara bal'inaan ilaalaa turuu ibsaniiru.

Miidiyaan akka ibiddaatti kan jedhan Dooktar Abiyyi ni ballessaas ni misoomsaas, akkuma haaduu waan gaariif akkasumas badaaf oolu kan danda'u ta'u ibsuun, miidiyaalee kaayyoo gaariif yoo olchine bu'aan isaa olaanaa ta'uu ibsaniiru.

Faallaa isaa badiif yoo fayyadamnees balaa guddaa kan qaqqabsisuu ta'uu himuun, Mootummaan jijjiiramaa bilisummaa Miidiyaaleef kenneen Itoophiyaatti buufataaleen Teeleevizhinii haaraan afaanoota 60 oliin tamsa'aa jiraachuu kaasaniiru.

Addunya irraa miidiyaan walaba ta'e kan hin jirre ta'uu ibsuun, miidiyaalee Itoophiyaatti argaman tokko tokko fedhii dhuunfaa isaanii milkeessuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Kanneen akkanaa odeeffannoo sobaa tamsaasuun uummata dogogorsuu wayita yaalan akka mul'atan kaasuun, hubannoo uumameen odeeffannoo sobaa kara mijatuun qulqulleessuun deebii kennuun eegalamuu dubbataniiru.

Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf;
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/
------
TikTok: tiktok.com/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Whapp:https://whatsapp.com/channel/0029VbAXcNtAu3aRrGAUuV28

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shanan Gibee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share