SiiTube - ሲቱብ

SiiTube - ሲቱብ No permission needed. An attempt to connect Oromos in diaspora via timely news and information

The funny thing about Jawar is that if Gumuze thinks removing Abiy is a way to go, he will submit to it! Aren’t you a de...
20/07/2025

The funny thing about Jawar is that if Gumuze thinks removing Abiy is a way to go, he will submit to it! Aren’t you a deputy of a peaceful group in Ethiopia?

Wear suits or something Bro!!!
17/07/2025

Wear suits or something Bro!!!

15/07/2025

lol. Kadir is on vengeance

''Murtiilee Yaa'ii Sikkoo Mandootiin darban hojiirra oolchuuf qophiidha''- Qeerroofi Qarree====Murtiilee Yaa'ii Sikkoo M...
14/07/2025

''Murtiilee Yaa'ii Sikkoo Mandootiin darban hojiirra oolchuuf qophiidha''- Qeerroofi Qarree
====

Murtiilee Yaa'ii Sikkoo Mandootiin darban hojiirra oolchuuf qophii ta'uu qeerroofi qarree yaa'icharratti hirmaachaa jiran dubbataniiru.

Yaa'ii Sikkoo Mandoo Gadaa ciiftee turte bakkatti deebisuuf yeroo jalqabaatiif gaggeeffamaa jiru kanarratti hirmaachuu hedduu kan gammadan ta'uu kan himan qeerroofi qarreen kunneen, murtiilee yaa'ichaan darban hawaasa bal'aa bira gahuun akka lafa qabatuuf gahee keenya ni baana jedhan.

Qeerroofi qarreen yaa'icharratti hirmaatan kunneen dhimmoota safuufi safeeffannaa hawaasa keenyaatiin ala ta'an kanneen akka ilmoon abbaafi haadha dhaga'uu diduu, xiqqaan guddaa kabajuu dhabuufi guddaanis xiqqaa kabajuu dhabuu, hannaa, kadhaa, godaansa seeran alaa, akkasumas karaa aadaa hawaasaarraa maqeen fuudhaafi heeruma gaggeessuufi kanneen biroo dabalatee murtiilee yaa'ii kanaan darban ni kabajna; hojiirra ni oolchina; namoonni biroos hojiirra akka oolchan ni tumsina jedhan

13/07/2025

Lallaba Ilmaan Arsii Yaa'a Hara Laangannoo irratti

No more gabbaraa! 👍
13/07/2025

No more gabbaraa! 👍

"Safuufi saffeennaa cabaa jirurratti seerri ni lallabama" -Aliyyii Mahaammad Suruur Abbaa Gadaa Siikkoo Maandoo ********...
13/07/2025

"Safuufi saffeennaa cabaa jirurratti seerri ni lallabama"
-Aliyyii Mahaammad Suruur Abbaa Gadaa Siikkoo Maandoo
**************
Gaazexaa Nariisaa
Hara Laangaanoo: Safuufi saffeennaan cabuun rakkoo hamaa mudataa jirurratti seerri akka lallabamu Abbaan Gadaa Siikkoo Maandoo Aliyyii Mahaammad Suruur ibsan.

Abbaan Gadaa Aliyyiin Yaa'ii Siikkoo Maandoo Hara Laangaanoo Dhaddacha Guutaatti taa'amaa jirurratti, kadhachuun aadaa Oromoo ta'uu baatus barsiifanni kadhaa babal'achaa jiraachuun, fuudhasfi heeruma safuu cabse raawwachuun alatti hiikkaa raawwachuun daa'ima warratti gatuun, intala heerumsiisuuf gabbara humnaa olii hanga qarshii kuma 500tti gaaffachuun rakkoolee hamoo aadaa cabsan ta'uu eeranii; shamarran marii warraa malee faddaalaan biyya alaatti godaanuun, sobaan ragaa walirratti ba'uun, kabajni guddaafi xinnaa daandiirraa maqee jiraachuus ibsaniiru.

Hundaa ol, aadaa Oromoo keessatti waan cigaasisaafi baratamaa hintaane ilmi abbaa gudeede jiraachuu eeranii; maqaa qabsoon hannaafi saamichi, badiin lubbuufi mancaatiin qabeenyaa raawwatamaa jirus rakkoo hamaa ta'uu hubachiisaniiru.

Gochoota safuufi safeeffanaa ganamaarraa maqan kana tooratti deebisuuf xumura yaa'ii kanaarratti seerri akka lallabamus ibsaniiru.

Aanaalee 74 Siikkoon Maandoo qaburraa hirmaattonni kudhan kudhan akka affeeramanis dubbataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Yaa'ii Sikkoo Mandoo Har’a fi boru Dhaddacha Guutaa Laangannootti gaggeeffama Hawaasni bal'aan Sikkoo Mandoo yaa'ii Adoo...
12/07/2025

Yaa'ii Sikkoo Mandoo Har’a fi boru Dhaddacha Guutaa Laangannootti gaggeeffama

Hawaasni bal'aan Sikkoo Mandoo yaa'ii Adoolessa 5 hanga 6 Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii, Hara Laangaanootti adeemsifamu kanaratti akka hirmaatuufi murtiiwwan yaa'ichaan darban hojirra akka oolchaniif Abbootiin Gadaa Sikkoo Mandoo waamicha taasisaniiru.

Abbaan Gadaa Sikkoo Mandoo Obbo Aliyyii Muhammad Suruur yaa'iin Sikkoo Mandoo gaggeeffamu kun aadaafi duudhaa Oromoo jabeessuu, kunuunsuun dhaloota gara dhalootatti akka darbuuf kan gargaaru fi barmaatilee miidhaa geessan kanneen Sikkoo Mandoo keessatti mul'atan irratti murtii garagaraa dabarsuuf kan oolu ta'uu eeraniiru.

Dabalataanis yaa'ii gaggeeffamu kanaan Oromummaa jabeessuu, walbeekumsifi walhubannaan cimaan Oromoo Sikkoo Mandoo giddutti akka cimu taasisuun safuufi duudhaan sabichaa akka hin hin cabne kan ittiin taasifamuufi tokkummaafi waldhageettiin kan itti cimu ta'us ibsaniiru.

Yaa'iin Sikkoo Mandoo aadaafi duudhaa saba Oromoo akka hin cabne eeguufi itti fufsiisuu keessatti gahe guddaa qaba.

Kana malees Dhaddachi Guutaa Dhaddachoota Sikkoo Mandoo 20n Baalee fi Arsitti argaman keessa isa tokko.

Wiirtuun Sirna Gadaa Oromoo Arsii Odaa Roobaa yoo ta'u, Odaan Roobaa Dhaddachoota Murtii 20 of jalaa kan qabuudha.

Dhaddachaalee Wiirtuu Sirna Gadaa kan Odaa Roobaa jalatti waamaman 20n keessaa 9 Godinaalee Arsii lamaanii keessatti kan argamu yoo ta'u, kana keessaa tokko kan akka wiirtuu Sirna Gadaa Oromoo Arsiitti tajaajilaa ture Dhaddacha Kixibee kan naannawa Doddotaatti argamu ta'uu Waajjirri Aadaa fi Turuziimii Oromiyaa ibse.

Kana malees Dhaddachi Aanolee akka Wiirtuu Sirna Gadaa tokkotti fudhatama jedhama.

Dhaddachaaleen Murtii 11 kan argaman Godina Baalee keessatti akka ta'e hayyoonni seenaa beekan ni ibsu.

Odaan Roobaa Odaalee angafoota wiirtuu Sirna Gadaa Oromoo keessaa isa tokkoo fi Odaa Murtii jedhamuun beekama.

08/07/2025

Why do you call her ሴቲዮ! It is not a sin to be a woman!

…wondering! What do we know about these pictures? Is there a friend or a family member who can speak on it? What if they...
05/07/2025

…wondering! What do we know about these pictures? Is there a friend or a family member who can speak on it? What if they have nothing to do with him? What if he has worse pictures? It is terrible that people call for protests based on this!

What is this?
02/07/2025

What is this?

Address

Shewa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when SiiTube - ሲቱብ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to SiiTube - ሲቱብ:

Share