Wabii biyyaa

Wabii biyyaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Wabii biyyaa, Digital creator, .

Galmeen Filattootaa filaannoo marsaa 7ffaa Biyyoleessaa akkuma itti fufeetti jira.Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti Ga...
09/04/2026

Galmeen Filattootaa filaannoo marsaa 7ffaa Biyyoleessaa akkuma itti fufeetti jira.

Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti Galmeen filaattootaa kara qaama hunda hirmachiseen gaggeeffaamaa jira Halumaa kanaan Bulchaan kutaa magaalaa Buraayyuu guyyaa har’aa Bufata filannootti argaamun kaardi filaannoo fudhaataniiru.

Akkasumaas Yaada kennaaniin Filannoon dimokiraasii dhugaa mirkanaa’uu kan danda’u, yoo lammiileen sodaafi dhiibbaa tokko malee Kaardii filaannnoo fudhachuun yaada amanan deeggaranii fi morkattoonni ammoo karaa nagaa fi yaada qofaan dorgomuu danda'an qofadha.

Filannoon 'mo’uuf' qofa kan raawwatamu osoo hin taane, ijaarsa biyyaa itti fufiinsa qabuuf bu’uura kaa’uu qaba jechuun haawaasni kutaa magaalichaa hundi yeroo galmeef eeyyamaametti fayyaadamuun kardii fudhaachun sagalee isaani biyyaa ijaaruu keessatti akka kennaani dhaamaniiru.

Har’a Injifannoo kabajaa, Boru Fakkeenya Taana!Injifannoo Bit, 24 Waggaa 8ffaa Sababeeffachuun waldorgomiin Figiichaa ga...
01/04/2026

Har’a Injifannoo kabajaa, Boru Fakkeenya Taana!
Injifannoo Bit, 24 Waggaa 8ffaa Sababeeffachuun waldorgomiin Figiichaa gaggeeffamaa jira

25/03/2026
Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa (MESSOB) Magaalaa Shaggar Kenna tajaajilaa fooyyeessuun itti quufinsa Ummanni Mootummaa irr...
24/03/2026

Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa (MESSOB) Magaalaa Shaggar Kenna tajaajilaa fooyyeessuun itti quufinsa Ummanni Mootummaa irratti qabu guddisaa jira

Mootummaan jijjiiramaa Ilaalama mootummaa Ida'amuun jijjiiramaan booda rakkoo kenna taajilaa hawaasa komachiisan hundee irraa hiikuun amantaa ummanni mootummaa irratti qabu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Tarkaanfii addaa fudhatame keessaa Wiirtuun Tajaajila Tokkoffaa inisheetiivii Muummee keenya Dr Abiy Ahimad kan ta'ee tajaajila si'ataa , haqa-qabeessa, dhaqqabmaa, Iftoominaa fi sirna itti gaafatamummaa qabu ummataaf kennuun rakkoo bulchiinsa gaarii furuuf kan kaayyeeffate hundeessuun hojii hojjetamaa jiruun rakkoo bulchiinsa gaarii furaa jiru.

Magaalaa keenyatti Wiirruu Tajaajila Tokkoffaa inisheetiivii Muummee Ministeera keenyaa kan ta'e hundeessuun hojii hojjennen tajaajila ciccitaa armaan dura bakka adda addaatti kennamaa ture bakka tokkootti gurmeessuun maamiilli tajaajila akka argatu taasisuun keenya deddeebii, baasii fi qisaasama qabeenyaaf hawaasa saaxilaa ture hambisuun amantaa ummanni Mootummaa irratti qabu guddisaa jira.

Wiirtuun Tajaajila Tokkofgaa (MESSOB) magaalaa Shaggar Kenna tajaajilaa dijitaaleessuu fi teknoloojiin deeggarame hawaasaaf kennuun ummanni tajaajila saffisaa, qulqulluu fi ammayyaa akka ragatu taasisuunn bu'aawwan imala badhaadhina hunda-galeessa dhugoomsuuf cichoominaan hojjennuuf galtee ta'an argamaniiru.

Bu'aawwan itti quufinsa ummataa guddisan caalmaatti itti fufsiisuun tajaajila yaadama jaarraa 21ffaan ummanni akka argatu taasisuuf sirna hordooffii fi deeggarsaa wal irraa hin cinne taasisaa jirra. Magaalaa keenya magaalaa eegeree, ammayyaa ,giddugala dinagdee fi invastimantii taasisuufis kutannoon hojjechaa jirra.

Inisheetiiviin misooma Qamadii wabii nyaataa mirkaneessuun galmoota Badhaadhina biyyaa dhugoomsaa jira---------Tarkaanfi...
18/03/2026

Inisheetiiviin misooma Qamadii wabii nyaataa mirkaneessuun galmoota Badhaadhina biyyaa dhugoomsaa jira
---------
Tarkaanfiiwwan Mootummaan Badhaadhinaa cehumsa dinagdee mirkaneessuuf irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru keessaa dinagdeen damee Qonnaa isa tokko yoo ta'u, kunis Oomishtummaa dabaluun wabii midhaan nyaataa sadarkaa hundatti mirkaneessuu, al-ergii humneessuu, carraa hojii uumuufi oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun tasgabbii gabaa uumuu galmoota kan taasifatedha.

Mootummaan Badhaadhinaas galmoota imala Badhaadhinaa dhugoomsuuf carraawwan, qabeenya bishaaniifi humna Oomishtummaa guutummaatti hojiirra oolchuun bu'a-qabeessummaa dinagdee damee qonnaa cimsuuf waqtiilee hunda waqtii Oomishtummaa taasisuun dinagdeen Qonnaan bultootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Keessumattuu waggoottan jijjiiramaan asitti xiyyeeffannoo Mootummaan Oomisha Qamadiif kenneen Aadaawwan hojii amma dura turan jijjiiruun waqtiilee hunda waqtii misoomaa taasisuun hojii hojjetameen dinagdeen qonnaan bultootaa akka fooyya'u taasifameera.

Tarkaanfiin kun Qonna rooba gannaa qofa irratti hirkate hambisuun tekinooloojiiwwan jallisiifi makaanaayizeeshinii qonnaa ammayyaa'aan akka babal'atu taasisuun hiyyummaa seenaa taasisaa jira.

Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Buraayyyuttis copha bishaaniifi tekinooloojiiwwan makaanaayizeeshinii qonnaatti fayyadamuun Oomishtummaa Qamadii dachaan dabaluuf hojii hojjetameen wabiin midhaan nyaataa mirkaneessuu irra darbee, fooyya'insa dinagdee gonfachiisuun galmoota Badhaadhinaa dhugoomsuuf qonnaan bulaan kutaa magaalichaa hojjechaa jiru.

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuuttii Waltajjiin Koree Foyya'insa Sirna Haqaa Geggeeffame.‎*****‎Bitootessa 08/2...
17/03/2026

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuuttii Waltajjiin Koree Foyya'insa Sirna Haqaa Geggeeffame.
‎*****
‎Bitootessa 08/2018 Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuuttii Waltajjiin Koree Foyya'insa Sirna Haqaa bakka Bulchaa Kutaa Magaalaa Buraayyuu obbo Abaataa Asiraat fi Pir.Mana Murtii Aanaa Buraayyuu Ob Taakkalaa Jifaaraa argamanitti Geggeeffamee jira
‎
‎Sagantaa kana irraatti Bulchaa Kutaa Magaalaa Buraayyuu obbo Abaataa Asiraat,Pir.Mana Murtii Ob Taakkalaa Jifaaraa Dr.Abbabaa Hambee dabalatee,Mgt Waajjira Paplik Saarviisii Abbootii Gadaa Haadholii Siinqee fi Bulchitootn Aanaalee argamanitti waltajjiin koree foyya'insa sirna haqaa gaggeeffameera.
‎
‎Kaayyoon waltajjichaa gamaaggama raawwii hojii fooyya'iinsa sirna haqaa kurmaana 3ffaa ciminoota jiru ittifufsiisuun hanqinaalee adeemsa hojii keessa mul'atan sirreessuun dhimma xiyyeeffannoo itti kennamu qabu akka ta'e Bulchaa Kutaa Magaalaa Buraayyuu obbo Abaataa Asraatii kaasanii jiru.
‎
‎Sagantaa kanaan, gabaasni sochii Hojii KFSH Kutaa Magaalaa Buraayyuu kurmaanaa 3ffaa karaa Pir.Mana Murtii Aanaa Buraayyuu Ob Taakkalaa Jifaaraa dhiyaachuun bal'innaan irrattti nari'atamee jira
‎
‎Xumura irrattis fooyya'iinsa sirnaa haqaa murteessaa waan ta'eef, qindoomina jiru cimsuun sirna haqaa cimaa diriirsuu fi ol'aantummaa seeraa kabachiisuuf qindoominaan hojjachuun dhimma murteessaa ta'uu irratti waliigaluun kallattiin hojii fuula duraa ka’amuun Waltajjiin ni guduunfama.
‎

Islaamummaan Tokkummaa, nageenyaafi Obboluummaa dagaagsuun walitti dhufeenya mootummaa fi hawaasa cimsuun walooma gabbis...
14/03/2026

Islaamummaan Tokkummaa, nageenyaafi Obboluummaa dagaagsuun walitti dhufeenya mootummaa fi hawaasa cimsuun walooma gabbisa.
‎___
‎Bitootessa 04/2018 Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti Dhaabbanni Turkiyyee Sagantaan Ifxaaraa sirna garaagaraatiin Masgiidaa Nuurtti gaggeeffameera .
‎
‎Saganticha irratti Bulchaa Kutaa Magaalaa Buraayyuu obbo Abaataa Asiraat, itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhi naa damee Kutaa Magaalaa Buraayyuu Obbo Qalbeessaa Toleeraa, itti gaafatamaa Damee Siyaasaa Obbo Asmaraa Tashoomaa fi Hoggantootni Seektaraa fi Aanaalee
‎abbootiin amantaa garagaraa irraatti argamaniiru.
‎
‎Haasawaa kan godhan Bulchaan Kutaa Magaalaa Buraayyuu obbo Abaataa Asiraat, jiinii ramadaanaa ji'a jaalalaafi tokkummaa kan agarsiisu rabbii wajjiin kan walitti nama fidu ji'a jaalalaa fi ji'a itti rakkataa gargaaran ta'uu ibsuun,sagantichi tokkummaafi obbolummaa walitti dhufeenya hawaasa musliimaafi amantoota biroo kan cimsu ta'uu eeranii hawaasni musliimaa magaalichaa tokkummaafi qindoominaan nageenya keessan waaressaa misooma eegalame itti fufsiisuu qabdu jechuun ergaa dabarsaniiru.
‎Akkasumas filannoon bara kana gaggeeffamuuf nageenyaa waaraaf waliin tumsuu qabana jechuun erga dabarsanii jiru.
‎
‎Miseensi Koree Olaanaa dhimma Islaamummaa Magaalaa Shaggar Ustaaz Kumarraa Zarrafuu gama isaanitiin,musliimaa jaalalaa fi tokkummaa kan ibsu waan ta'eef,sunis kana beekuun hojiiwwan misoomaa fi nageenyaa keessatti hirmaachuun tokkummaafi obbolummaa walitti dhufeenya hawaasa musilimaafi amantoota biroo tokkummaan biyya keenya misoomsuu qabdu jechuun dubbatan.
‎
‎Dhaabbanni Kun hariiroo Itoophiyaa waliin qaban keessattuu jijjirramni asitti diippiloomaasii biyyoonni lamaan waliin qaban caalatti kan cimsu ta'u dubbatamee jira.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wabii biyyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share

l="false"> Add listing
  • Login
  • Subscribe

    We will notify you when anything happens in Columbus.