
06/09/2025
Cichoomina
BU'UURA CIMAA BIYYA JABDUU!
Injifannoowwan Galmaa’aan Bu’aa Cichoomina Lammilee Itoophiyaati!
Itoophiyaan baroota dheeraaf qormaata keessoofi alaaf osoo hin jilbiinfatin birmadummaafi eenyummaan ishee wareegama qaalii kaffalameen tikfamee cichoomina lammileen ishee agarsiisaniin biyya walharkaa fuudhinsa dhalootaan ijaaramaa as geessedha.
Seenaawwan darban hundi kan agarsiisu injifannoowwan duraa duubaan galmaa’aa dhufan bu’aa cichoomina lammilee jaalala, kabajaafi ulfina biyya isaaniif qaban irraa kan madde ta’uu isaati.
Tokkummaafi cichoomina olaanaa sabootni, sablammootniifi uummattootni keenya agarsiisan keessaa ijaarsa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa angafummaan kan eeramudha.
Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa dabalatee injifannoowwan imala badhaadhinaatiin galmaa’aa jiran ashaaraa waloo dhaloota haaraa copha bishaanii, dafqaafi dhiigaan galmaa’aa jiru faajjii cichoomina Itoophiyaati.
Qaammee tokko guyyaan cichoominaa wayiita kabajamu bu’uura Cimaa Biyya Jabduuf kaa’uuf waadaa keenya kan itti haaromsinu guddina caalmaaf kan itti hojjetamudha.