Deggertoota Adda Bilisummaa Oromoo- ABO

  • Home
  • Deggertoota Adda Bilisummaa Oromoo- ABO

Deggertoota Adda Bilisummaa Oromoo- ABO ABO Qeerroo Bilisummaa Oromoo QBO...WBO

Barruu Dhimmoota Siyaasa Oromoo fi haala waqtawwaa yeroo irratti baatiitti yeroo lama maxxanfamu.Irbuun hin cabus; hin d...
03/01/2023

Barruu Dhimmoota Siyaasa Oromoo fi haala waqtawwaa yeroo irratti baatiitti yeroo lama maxxanfamu.

Irbuun hin cabus; hin dabus!

27/12/2022

Baga Jal-Bultii Guyyaa WBO tiin geessan.

Ririma ABO keessa ciise, Qabsoo fi Qabsa'aa takaalu.Waaqoo Noolee
05/11/2022

Ririma ABO keessa ciise, Qabsoo fi Qabsa'aa takaalu.
Waaqoo Noolee

https://twitter.com/OdaaTarbiiWBO/status/1551433090244943872
25/07/2022

https://twitter.com/OdaaTarbiiWBO/status/1551433090244943872

“The regime used the assassination as pretext to arrest of over 200 Oromos in Finfinee, including OLF official Abdi Regassa who is still languishing in prison. The Abiy regime has built a web of lies to hide its crimes. However, try as it may, it will not escape accountability.”

18/03/2022

Addi Bilisummaa Oromoo Gocha Mootummaan Ta’e Jedhee Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo Dhukkuboota Daddarboodhaan Akka Hubamaniif Raawwachaa Jiru Balaaleffachaa, Hidhamtoonni Siyaasaa Marti Hatattamaan Akka Gadhiifaman Gaafata

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo- Bitootessa 16/2022

Gareen Biyya Itoophiyaa keessatti aangoo qabatee jiru, hooggantootaa fi miseensonni Adda Bilisummaa Oromoo yakka dalaganii osoo hin taane sababa ilaalchaa siyaasaa isaanii qofaaf hidhee dararaa jira. Kunis muddamaafi gaaga’ama siyaasaa biyyaattii mudatee jiruuf furmaata yeroo barbaaduuf jecha gocha yaada addaa maaliif qabaattanii raawwatamuudha.

Tibbana hooggantoonnii fi miseensonni gameeyyiin Adda Bilisummaa Oromoo baay’een isaanii dhukkuboota daddarboodhaaf saaxilamaa jiru. Kanaafis ragaa qabatamaan Mana Hidhaa Buraayyuu magaalaa Finfinnee keessatti argamuudha. Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo mana Hidhaa Buraayyuu keessatti argaman dhukkuba tiruu B (Hepatitis B dhaaf waan saaxilamaniif garmalee dhukkubsachaa jiru. Haaluma kanaan Jaal Battee Urgeessaa dhukkuba tiruu B (Hepatitis B jedhamu kanaan qabamee baay’ee dhukkubsachaa jira. Jaal Batteen yeroo dheeraadhaaf waldhaaansa fayyaa dhorkamee waan tureef, dhukkubni isaa yeroo ammaa sadarkaa yaaddessaa irra ga’ee jira. Guyyoota muraasa dura erga inni baay’ee laafee mana hidhaa irraa wabiin gadhiisanii jiru. Kanaanis ogeeyyiin fayyaa haalli fayyaa isaa sadarkaa hamaafi yaaddessaa irra akka ga’e yoo ibsan iyyuu, dhukkubicha dandamachuun ni fayya jennee abdanna.

Hidhamtoonni Oromoo lama Jaal Kennasaa Ayyaanaa fi Jaal Gadaa Gabbisaa jedhaman Jaal Battee Urgeessaa waliin mana hidhaa tokko keessa kan turan yoo ta’u, kutaa hidhaa qilleensa ga’aa hin qabne kana keessattis walitti dhiyeenyaan waliin turan. Hidhamtoonni kunniin lamaanis guyyoota muraasa dura dhukkuba biraa dhukkubsatanii hospitaala deemuun erga qoratamanii booda, dhukkuba tiruu B (Hepatitis B jedhamuun qabamuun isaanii mirkanaa’ee jira. Dhukkuba isaanii kanaaf hatattamaan waldhaaansa fayyaa argachuun kan isaan barbaachisu yoo ta’e iyyuu, Bulchiinsi Poolisii Buraayyuu garuu haga ammaatti mana hidhaatti isaan dararaa jira. Akkasumas hidhamtoonni Oromoo kanneen akka Jaalllan Abdii Raggaasaa, Mikaa’el Booran, Daawwit Abdataa, Gadaa Oljirraa, Gammachuu Ayyaanaa fi Lammii Beenyaa kutaa mana hidhaa kana keessa yeroo J/Batteen qabame waan waliin turaniif dhukkuba tiruu B (Hepatitis B jedhamu kanaan qabamuu danda’u.

Addi Bilisummaa Oromoo hidhamtoonni siyaasaa kunniin hatattamaan gadhiifamanii waldhaansa fayyaa barbaachisaa akka argatan gaafata. Yeroo ammaa hidhamtoonni Oromoo kumaatamaan lakka’aman manneen hidhaa biyyattii keessatti bakka addaa addaatti argamanitti dararaamaa jiru. Hidhamtoota kunniin baay’ee isaanii irratti miidhaan qaamaa fi sammuu kan irratti raawwatame yoo ta’u, dhukkuboota daddarboodhaaf saaxilamaa jiru. Kunis shira hooggantoota Adda Bilisummaa Oromoo, akkasumas Dhaabicha dhawataan dhabamsiisuu fi kanaanis uummata Oromoo hooggana dhabsiisuuf yaadamee shira dalagamaa jiruu ta’uu hubatna.

Murni Paartii Bilxginnaa aangoo qabatee jiru hammeenyaafi dararaa uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiruuf akka itti gaafatamu akeekkachiisna. Lammiileen Oromiyaa fi Uummattoonni Itoophiyaa murni aangoo qabatee jiruu kun hidhamtoota siyaasaa Oromoo akka gadhiisuuf dhiibbaa akka godhan waamicha goonaa. Akkasumas hawaasi Idil-addunyaa fi dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa gareen Itoophiyaa bulchaa jiru mirgoota hidhamtootaa, keessuma mirga hidhamtoonni waldhaansa fayyaa argachuuf qaban akka kabajuuf dhiibbaa akka godhan gaafanna.

Dhuma irrattis, Addi Bilisummaa Oromoo, Oromootaa fi Dhaabbilee Oromoo biyya keessaafi biyya alaatti argaman kanneen Jaal Battee Urgeessaa waldhaansa fayyaa akka argatuuf gumaacha isin irraa eegamu gootan galateeffachaa, hidhamtoota Oromoo biroo rakkoo kanaan wal fakkaatu keessa jiraniifis tumsa akka gootan gaafanna.

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo!

Bitootessa 16/2022

Finfinnee

12/03/2022
Barreessaaf,Barsisaa Qoondala ABO jaalYaasoo Kabbabaa.Essaa jiraa?
17/11/2021

Barreessaaf,Barsisaa Qoondala ABO jaalYaasoo Kabbabaa.
Essaa jiraa?

02/11/2021

Jaal Gammachuu Abbooyyee Itti-Aanaan Ajajaa Olaanaa ABO/WBO Kallattiidhaa dirreerratti af Gaaffii Gaazexeessituu BBC News waliin taasisan kana hordofaa.

01/11/2021

Fuula Oromoo dura waan guddaatu jira.
Uummati kun of qopheessee, dammaqee taa'uu qaba.
Kun yoo hin taane Uummati kun Gabrummaa isaatti iggita tolchuun jalaa dheerachuu mala.

31/10/2021

Dhimma Marii Biyyoolessaa

Mootummaan Xooppiyaa fi Leellistoonni sirna durii akkuma kana dura Impaayerattii dulloomtuu kana tursiisuuf tooftaawwan garaagaraa yeroo fayyadaman ni argina.
Fakkeenyi guddaan naasuuf yaaddoo bara 2018 tiksitoota Impaayirichaa mudateefi murtoo isaan battalatti fudhatan ( Hayila-Maariyaam Dassaalenyi shaaranii Abiy Ahimed) muuduu akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya. Yeroon sun yeroo Oromoo wanti ittiin dhaaban kan biraan hin jirre ture. Garuu waan rakkoon Oromoo ittiin furamu fakkeessuuf nama Afaan Oromoo dubbachuu danda'u fuudhanii bakka amma jiru kanarra kaa'ani, dararaa Oromoo fi Gabrummaa Sabootaa dheeressan. Kun tooftaa Suphitoonni Impaayirichaa dalaganiin hojii hoojjatameedha.
Abiy Aangoo biyya kanaa PM ta'ee dhuunfachuun Qabsoo Oromoon waggaa dheeraaf aarsaa danuu itti baase, cichoominni Qabsaa'ota muraasaa osoo hin jirree waan qotee awwaale ture.

Kan amma Marii Biyyoolessaa jedhamee wacamutti gaafa deebinu.
Wanta Anga'aan Mootummaa Olaanaa Alamuu Simee jedhamu VOA Afaan Oromoo iraatti dubbate irra dhaabannee waan hedduu ilaaluu fi dubbachuu dandeenya.
Jecha inni jedhe keessaa "humnoota Qawwee qaban faana marii hin qabnu, afaan isaan dubbataniin isaan dubbisna" kan jedhu ture.
Humnooti hidhatan kun qaamota yoo maricha keessaa hafan biyyi kun nagaa xiqqoollee argachuu dandeessu miti.
Humnooti biyya kana keessatti Qawwee hidhatan Humnoota Siyaasaa Murteessoo biyya kanaati.
Fakkeenya guddaa WBO kaasuun ni dandaa'ama.
WBOn guutummaa Oromiyaa keessa akka cirrachaatti mul'ataa jira.
Utuu WBOn marii kanatti hirmaachuuf fedha qaba ta'eeyyuu akka jecha Alamuutti Mootummaan fedhii akka hin qabne dubbate.
Erga Qaamotiin Siyaasa biyya kanaa keessaatti humna qaban marii kanaaf hin teenyee qaamonni qaama garaagaraa jedhaman kan hirmaatan eenyufaati?

Itti fufa...

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Deggertoota Adda Bilisummaa Oromoo- ABO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share

Our Story

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Qeerroo Bilisummaa Oromoo (QBO)

Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)