10/04/2026
Du’aan Boqochuu Jaal Tasfayee Injiguu - Ibsa Gaddaa ABO
Qabsoo ummatni Oromoo bilisummaa fi mirga isaaf taasisu keessatti hiriiruudhaan qooda isaanii kennaa kan turan Jaal Tasfaayee Injiguu boqotanii jiran.
Jaal Tasfaayee Injiguu bara 1952tti Oromiyaa, Godina Shawaa Kibba-lixaa, Ona Waliisoo, ganda Kooyaa jedhamutti abbaa isaanii Obbo Injiguu Dheebisaa fi haadha isaanii Aadde Damiluu Dhugaa irraa dhalatan.
Jaal Tasfaayeen haala jireenyaatiin bara 1973tti gara Godina Shawaa Bahaa, magaalaa Maqiitti godaanuun jireenya isaanii guutummaan guutuutti hanga guyyaa du’aan boqotaniitti achuma jiraatan.
Jaal Tasfaayeen bara jireenya isaanii keessatti sochii qabsoo bilisummaa ummanni Oromoo gochaa ture keessatti si'aayinaan qooda fudhachaa akka turan seenaan isaanii ni mul’isa.
Sirna Dargii keessatti hidhaa fi dararri adda addaa isaan irra ga’eera. Bara 1991 boodas hidhaa fi dararaan itti hammachuu irraa bakka jireenya isaanii magaalaa Maqii gadi dhiisuun gara Godina Arsii, magaalaa Asaasaatti miliqanii yeroo hamtuu jaallan isaanii biratti waggoota lama akka dabarsan seenaan isaanii ni hima.
Guyyaa gaafa maatii isaaniitti deebi’anii kaasee hanga gaafa boqotaniitti qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gumaacha isaanii raawwataa turaniiru.
Jaal Tasfaayee Injiguu umurii isaanii waggaa 74tti gaafa guyyaa 28/07/2018 A.L.I, halkan dhibee tasaan addunyaa tana irraa du’aan boqotan.
Jaal Tasfaayeen durbee Simeenash Bitimaa waliin bultii dhaabbachuun ijoollee dhiiraa shanii fi durba tokko, waliigalatti ilmaan jaha horataniiru.
Addi Bilisummaa Oromoo ABOn, boqotuu Jaal Tasfaayee Injiguutti gadda itti dhaga’ame ibsataa, ekeraan isaanii boqonnaa haa argatu jechaa; maatii, firoottanii fi jaallewwaan qabsoo isaaniitiif jajjabina hawwa.
Qabsa’aan ni kufa, Qabsoon itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 08, 2026