Shanan Odaa

Shanan Odaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Shanan Odaa, Digital creator, .

KMAW Gandaa Handhuraa Roobee ‼️ Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa miseensoota Paartii fi mootummaa marsaa 4ffaaf kenn...
06/11/2024

KMAW Gandaa Handhuraa Roobee ‼️ Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa miseensoota Paartii fi mootummaa marsaa 4ffaaf kennamuu eegalameera.

*********

Onkololeessa 26/02/2017 KMAW Gandaa Handhuraa Roobee Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa Miseensaa Paartii Badhaadhinaa marsaa 4ffaan mata duree “Humna abjuu guddina amansiisaaf” jedhuun bifa midhagaa tahen kennamuu eegaleera.

Miseensoonni Paartii haala waliigala naannoo, biyyaa fi idil addunyaa qixaan hubatee gaggeessummaa yeroon gaafatuu kennuu fi abjuu waloo keenyaa kan ta’e badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuu danda’u horachuuf gumaacha ol’aanaa kan qabu leenjiin kun dandeettii raawwachiisummaa hooggansaa cimsuudhaan ergama itti aanuuf qopheessuu keessatti shoora guddaa kan qabudha.

MiseensoonniPaartii Badhaadhinaa sadarkaan jiru rakkoowwan kenna tajaajilaa beekumsaa fi xiyyeeffannaa cimaadhaan furuudhaan itti quufiinsa hawaasaa mirkaneessuu akka danda’an fi carraalee misoomaa naannoo isaaniitti argamanu qixaan hubatanii diinagdee biyyaatiif oolchuu akka danda’aniif hubannoo uumuudhaan gamatti miira biyyaalessummaa cimaa ta’e dagaagsuudhaan ijaarsa biyya waloo dhugoomsuu, nageenya mirkaneessuu fi galmoota imala badhaadhinaa xiiqiif kaka’umsa addaatiin raawwachuu leenjii dandeessisudha.

Leenjichi miseensoota Paartii Baadhadhina gidduutti wal hubannaa fi tokkummaa cimaa ta’e uumuudhaan muuxannoo walii qooduuf haala mijataa kan uumu yoo ta’u, mata dureewwan garaa garaa irratti guyyoota itti aananuuf kan kennamu ta’a.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shanan Odaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share