12/07/2025
BAGA AYYAANA QULQULLUU PHAAWULOOS FI PHEEXIROOS GESSAAN.
Adoolessa 5: Boqonna Qulqulluu Phaawuloos fi Qulqulluu Pheexiroosiitu kabajama.
❶ Qulqulluu Phaawuloos
Phawuloos jechuun meeshaa qulqulluu jechudha. “Meeshaa qulqulluu koon si taasisa” akkuma jedhu (Duuk.9:15). Maqaan isaa kan jalqabaa Saawul jedhama ture. Saawul jechuunis, kennaa Waaqayyoo jechuudha. Qulqullu Phaawulos biyyi isaa Israa’eli, gosa Biniyaam irraa iddoo magaalaa Tarsees jedhamtutti dhalate. Lammummaa Roomaa, qaba ture. Kunis, Room dur bulchiinsa ishee jala jiraniif lammummaa kennaa waan turteefi. Qulqulluu Phaawulos waggaa 15 yemmuu guutu, Tarseesii gara biyyaatti deebi’ee Gamaaliyaal irraa seera Yihudootaa hanga waggaa 30tti barate. Innis jalqaba yemmuu Gooftaan barsiisu Iyyaruusaalem waan tureef, seera Yihudotaa fi Ooritiif hinaafaa waan tureef kiristaanota ari’aa, baqachiisaa, ajjeesas ture (Ho.Du.Bu 8:1).
➡ Kana boodaas hinaaffaa isaa kana cimsuun waraqaa eeyyamaa kan kiristaanota hunda akka ajjeesuuf kennameefis waggaa 32ffaa isaatti argatee Iyyaruusalemii gara Damaasqoo ldeemee uummata kiristaanaa ajjesuufis karoorfatee karaa eegale. Gara Damaasqoo deemee l magaalatti seenuuf dhiyaatutti garuu, Gooftaan sagalee isaa dhageessise. “Saawul Saawul maaf na ari’ataa?” jedheen (Ho.Du.Bu. 9:4).
Saawulis “Ati eenyu” jedhee yoo gaafatu, “Ani Iyyasuus Isa Naazireeti” jedheen. Yeroo kanas kufee maal godhu jedhee kadhate. Waan gochuu qabus ni hubate. Gara magaalattiis galee ijji isaas arguu waan dadhabdeef, lubni Hanaaniyaa jedhamu tokko kadhateefii cuuphamee kiristaana ta’e, ijji isaas ni banamteef. Sana booda, gochaa isa duraa sanatti hin deebine (Gal. 1:12). Erga cuuphamee booda, Qulqulluu Phaawulos gara biyyoota Arabaa deemeera. Biyyoota garaa garaatti barsiisee, hidhamee waa hedduu argee, ergaawwan kitaaba qulqulluu 14 barreessees jira.
➡ Ayihudoonni waanyituu waan turaniif, waanuma hundaan sababa itti barbadanii isa reebaa turan. Yeroo tokkos Siilaas waliin hidhame halkan qixxee yoo tahu sagalee isaa ol fuudhee yemmuu kadhatu ifti manicha guute karri hundi banamee ture. Waardiyyaan isaanis, namootni hidhaman hundi waan deemanii bahan itti fakkaatee goraadee isaa ofitti luqqisee of ajjeesuf ka’e. Phaawulos garuu, “hundi keenyaa jirra, namni tokko osoo hin badin ati ammoo, of ajjeestaa?” jedheen. Wardiyyichis osoo of hin ajjeesin dhiiseera (Duuk16:39).pl
➡ Qulqulluu Phaawuloos, fakkaatee barsiisuudhaan ogummaa addaa qaba. Warra waaq-harkeetti bulanis akka nama waaq-harkeetti buluu ta’uudhaan isaan barsiiseera. Warra seera hin qabneef akka nama seera hin qabneen ta’e” akkuma jedhe (1Qor 9:21). Yeroo tokko Qulqulluu Pheexirosiifi Yoohanisiin Anitsooqiyaa dhaqaa barsiisaa jedheen. Duumessaan achi gahan. Yeroo kana uummani biyyasii waaq-harkeetti bulu turan. Warri biyya sanaas, Yohaannisiin mataa irraa haadanii karrarrati gatan; Pheexiroosinis jabeessanii reeban. Yeroo kana uffata lubootni waaq-harkee uffatan uffatee qulqulluu Phaawuloos dhufe. Magaalattii keessa ol seenee bilbila rukutee, uummataanis “ani Qeesaar irraa ergameen dhufe; namootni Gooftaa Kiristoos fudhaa jedhanii lallaban akka jiran dhagaheen dhufe; amma dafaa warra akkasii walitti naaf qabaa” jedheen.
Isaaninis ‘gara kootti fidaa’ jedhee ofitti waamee, uummata fuulduratti ‘Mee maal jettanii barsiiftuu?” jedheen. Isaanis, “Goftaan dhalatee du’ee dhala namaa fayyise; isa malee Gooftaan biraa hin jriu” jennee barsiifna” jedhaniin. Yeroo kana, “sobdoota” jedhee Pheexiroosiin kaballaadhan dhahe; “akkamitti Gooftaan du’aa ka’a?” jedheen. Pheexiroos ammoo, wanta hojii duraa isaa sanatti deebi’e itti fakkaatee, “Phaawuloos gara hojii kee duraatti deebite” jedheenii ture. “Egaa mee erga du’aa kaastu ta’ee, kan du’e kaasaatii anatti agarsiisaa” jedhee, mucaa motichaa erga du’ee ji’a lama ta’e, “naaf kaasaa” isaaniin jedheen. Isaanis, mucaa du’e kana kadhannaadhaan ni kaasan. Innis yeroo isaan mucicha kaasuuf kadhatan, dhoksaadhaan keessa isaatti ni kadhata ture.
Yeroo sana mucichi “eenyutu du’aa si kaase?” jedhanii yemmuu gaafatanitti, bifa qulqulluu Phaawuloos barbaadee, “isa kanatu na kaase” jedhee dubbate. Phaawuloos gara hojii isa durii sanatti deebi’innaa laata jedhanii Pheexiroos fa’a shakkanii waan turaniif malee, kadhannaan kanuma hunda isaanii ture.Uummanni walitti qabame sunis ajaa’iba kana yemmuu argan, amananii cuuphamaniiru.
Boodas bara 65tti, yemmuu sababa gubachuu magaalaa Roomaatiin Neeroon Qeesaar kiristaanota ajjeesaa turetti, magaalaa Niqoophiliyoon jedhamtutti yemmuu barsiisu, qabamee mana hidhaa gale. Waggaa lamaa fi baatii jaha mana dukkanaa keessatti erga hidhamee booda wareegame. Ayyaanni yaadannoo qulqulluu Phaawuloos Adoolessa 5 yaadatama.
❷ Qulqulluu Pheexiroos
Qulqulluu Pheexiroos Beetasaayidaa Galiilaatti dhalate (Yoh 1:45). Gosti inni irraa dhalates gosa Roobeel jedhama. Yeroo ijoollummaa isaattis, seera Yihuudootaa baratee guddate. Boodas, mana ijaarratee, maatii horatee, qurxummii kiyyeessee jiraachaa ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos garuu, qurxummii kiyyeessuu gachisiisee duuka bu’aa isaa taasise (Mat.4:18). Erga guyyaa tajaajila kanaaf waamameeti booda, duuka bu’oota waliin Gooftaa irraa baratee hanga guyyaa Gooftaan fannifamuuttis biraa hin dhabamne ture.
➡ Qulqulluu Pheexiroos yemmuu Gooftaan “Namoonni ilma namaatiin eenyu jedhu” duuka bu’oota gaafatetti. isaanis “kuun Eeliyaas, kuun Yohaannis cuuphaa siin jedhu; Kuun ammoo, raajota keessaa isa tokko siin jedhu” jedhanii deebisaniif. Gooftanis deebisee, isin hoo eenyu anaan jettu?” jedhee yemmuu gaafatutti, Qulqulluu Pheexiroos “ati Masihicha Ilma Waaqayyoo Jiraataati” jedhee deebiseef. Gooftaanis deebisee, “Yaa Simoon ilma Yoonaa, kana kan siif ibse Abbaa koo isa samiiwwan irraati malee, yaada foonii fi dhiigaa miti; kanaaf ati kan eebbifamteedha. Anis sittan hima, ati Pheexiroosi, kattaa kana irratti mana kiristaanaa koo nan ijaara, balballoonni si’oolis sochoosuu hin danda’an” (Maat.16:13-19).
➡ Ol ba’uu Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos durattis erga du’aa ka’ee booda, gara Galaana Xibriiyaanoos cinaatti itti muldhatee, “Pheexiroos ilma Yoona na jaalattaa?” jedhee yeroo sadi irra deddeebi’ee Pheexiroosiin Gooftaan gaafateera. Kanaanis, “Ilmoolee koo bobbaasi, gorommii/da’aa koo eegi, hoolota koo bobbaasi” jedhee akeekkachiisee imaanaa itti kennee jira (Yoh.21:16-18).
➡ Qulqulluu Pheexiroos guyyaa shantammaffaa booda, lallaba guyyaa tokkootiin qofa namoota kuma sadi cuuphuu danda’eera (Ho.Du.Bu.2:41). Qulqulluu Pheexiroos ergaawwan lamas barreesseera. Ergaa isa jalqabaa kan barreesses, warra Yihudoonni arai’atanii fi warra rakkinni itti hammaatee baqannaadhan addunyaa garaa garaatti kiristaanota baqataniif ture. Ergaa isaa isa lammaffaa kan barreesse ammoo, Neeroon Qeesar kiristaanota irratti ka’ee gadadoo hamaa irraan gahaa waan tureef, qulqulluu Pheexiroos Eeshiyaadhaa hanga Baabiloon deemee yemmuu barsiisutti, kiristiiyanotni Eeshiyaa jiranis labsii Neeroon Qeesaar kanaan garmalee dhiphamanii osoo jiran, barumsa shakkii namoota barsiisanif haalli waan mijateefiif, dubbii sobaa kanaan kiristaanotni akka hin gowwoomnee fi amantaa isaannitti akka jabaataniif barreessee ture.
➡ Qulqulluu Pheexiroos tajaajila lallaba wangeelaa baldhaa taasise. Roomaa deemuun duratti, Iyyaruusaaleemi fi Samaariyaatti, Lidaa fi Iyyoopheetti, Eeshiyaa Xiqqootti, Phaanxoosi fi Qephedooqiyaatti, Galaatiyaa fi Biitaniyaatti akkasumas, biyyoota biraa hedduu keessa deemuun wangeela Kiristoos lallabeera. Boodas, gara Roomaatti ce’eera. Roomaattis wangeela barsiise dhukkubsattoota fayyisee, sababa ibidda Roomaa keessatti ka’ee Roomaa balleesseen, bara Neeroon Qeesaar kiristaanotni hedduun dhumaa waan turaniif, innis qabamee hidhame. Duutis irratti murtaa’ee akka fannifamu ta’e. Yemmuu fannifamus, “Ana akka Gooftaa ol na hin garagalchinaa gadi na gombisaatii na finnisaa” jedhee gadi garagalee fannifameera.
Erga du’ee boodas, barataa isaa kan ta’e Marqeelos fannoo irraa buusee akka seera biyyattiitti waynii fi aannaniin dhiqee, urgooftuu dibee uffata adiidhaan kafanee, saanduqa damma dibame keessa kaa’ee, hardha iddoo Vaatikaan jennee waamnu keessatti awwaaleera. Ayyaanni yaadannoo isaas Adoollesa 5 dha. Guyyaan qulqulluu Phaawuloos itti wareegame, kan qulqulluu Pheexiroos waliin tokko waan ta’eef, ayyanichi kun biyya keenyatti ayyaana qulqulluu Phaawuloosi fi qulqulluu Pheexiroos jedhamee kabajama.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u; nuunis kadhannaa qulqulloota kanaatiin Waaqayyo dhiifama isaa nuuf haa taasisu; sugni isaas nu waliin haa ta’u; hanga bara baraatti Ameen.
, Obsaan Birhaanuu