Lemi B Press

Lemi B Press Waaqayyo Abdii kooti

Dhalli namaa qaamoota sadii qabatee gara addunyaa kanaatti dhufe. Namnis nama jedhamuuf ijaarama qaamaa kan sadeen yoo q...
05/03/2025

Dhalli namaa qaamoota sadii qabatee gara addunyaa kanaatti dhufe. Namnis nama jedhamuuf ijaarama qaamaa kan sadeen yoo qabaate, nama guutuu jedhama. Kunneenis..
1. Qaama Lubbuu /Sprit
2. Qaamaa Foonii/Body
3. Qaamaa Sammuu/Mind

Qaamni sammuu qaama leenjifamee, qaamota keenya biroo akka to'atuuf aangeffamudha qaamni sammuu kun bakka sadiiti qoqqoodama.

1. Sammuu dhokataa /Subconscious mind
2. Sammuu hatattamaa/Critical mind
3. Sammuu dammaqaa/conscious mind

1.Sammuu Si’aawaa (Conscious mind):
Kutaa sammuu kan waa yaaduu, yaadachuu fi miira fi hawwii keenya kan itti yaadachuu dandeenyu of keessaa qabuudha. Waan osoo hin beekiinis ta’ee beeknee goonu, dubbannu fi hojjennu kan itti yaadachuu dandeenyudha

2. Sammuu Si’aawaa hin taane (unconscious mind): kutaan sammuu kun kuufama miiraa, yaadaa, kaka'umsaa fi yaadannoo sammuu si’aawaa (conscious mind) keenyaatiin ala ta'e of keessaa qaba. Kutaan kun Wantoota miira keenyatti hin tolle kan akka miira dhukkubbii, yaaddoo ykn waldhabdee of keessaa qaba.

Kutaan sammuu inni s’aawaa hin taane kun kutaa sammuu isa si’aawaa caalaa guddaa yoo ta’u, wantoota fedhii fi miira keenyan ala ta’an yookin too’annoo keenyan ala ta’an raawwachaa oola.
➽Kanaafuu namootatti hin qabamiinaa.
Sammuun keenya gaggeessaa qaama keenya maraati. Qaama keenya biroo to’ata. Maalummaa keenya, amala keenya, hojiin nuti guyyaa guyyaatti hojjennu, hariiroo nuti namoota waliin qabnu murteessa. Sammuu keenya dhokataa milkaa'iinaaf haa saganteessinuun dhaamsa kooti.

Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin.

Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.

Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?

Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.

Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf of qopheessi.



06/07/2024

Amanamuun hangafa jireenyaati. Namoota amanummaa hin qabne bira soba dhugaa fakkaatu hedduutu jira

01/06/2024
Beeksisa Qaxarrii Waajjira lafaa Shaggar share waliif godhaa
30/05/2024

Beeksisa Qaxarrii Waajjira lafaa Shaggar share waliif godhaa

Raajii Masarat TayyeeFiErgamaa  Getaahuun ImmiruuBaayyee namatti tola tokkummaan keessan dhugaa ulfaadhaa
30/05/2024

Raajii Masarat Tayyee
Fi
Ergamaa Getaahuun Immiruu
Baayyee namatti tola tokkummaan keessan dhugaa ulfaadhaa

29/05/2024

DHUFAATIIN KOO GA'EERA JEDHA WAAQAYYO
1=> Qalbii Jijjiirradhaa
2=> Gara Koo Koottaa
3=> Jabaadhaa Kadhadhaa
4=> Waan Qajeelaa Hojjedhaa
5=> Daandii Kootti Deebi'aa
6=> Nama Itti Gadditaniif Dhiifama Gochu Hin Dagatinaa
7=> Nama Walitti Gadde Gorsaa Araarsaa
8=> Nama Rakkate gargaara
9=> Kan Beela'e nyaachisaa
10=> Kan dheebote obaasaa
11=> Kan Dadhabe Gargaara
12=> Kan Gadde Jajjabeessaa
13=> Wal Kabajaa Nun Jedha Waaqayyo

29/05/2024

Namoonni, namootatti gowwaa fakkaatan kaayyoo isaaniitiif garuu gamna ta'uu danda'u.

Ethiopian Health Insurance ServiceJijjiirraa Alaa/የውጭ ዝውውርBaayyina:9Ogummaa:1 BA Accounting/Accounting and Finance/Manag...
29/05/2024

Ethiopian Health Insurance Service
Jijjiirraa Alaa/የውጭ ዝውውር
Baayyina:9
Ogummaa:
1 BA Accounting/Accounting and Finance/Management and related
Muuxannoo:9 year
2 BA Management/Business Management/Supply Management and related
Muuxannoo:6 year
3 Diploma/10+3 Developmental Management/Public Management/Statistics and related
Muuxannoo:4 year
4 BA Supply Management/Procurement and Supply Management/ Logistics and Supply Management and related
Muuxannoo:6 year
5 Diploma/10+3 Business Management/Educational Management/Business Adminstration and related
Muuxannoo:2 year
6 Diploma/ 10+3 Secretarial Science/office Management and related
Muuxannoo:4 year
7 Diploma/10+3 Supply Management/Logistics and Supply Management/Business Management/Sales and related
Muuxannoo:4 year
8Diploma/10+3 Supply Management/Logistics and Supply Management/Business Management/Sales and related
Muuxannoo:6 year
9 Diploma/ 10+3 Secretarial Science/office Management and related
Muuxannoo:2 year
Bakki Galmee: Finfinnee, Hospitaala Balcha Fulduratti kan argamu, Gamoo Damhouse jedhu biiroo lakk.806 tti galmaa'uu dandeessu
Galmeen hanga:23/9/2016

Public Servant Social Security AdministrationBaayyina:15Qaxarriin: DhaabbiiGita Hojii Garaagaraa irrattiOgummaa:1 MA/BA ...
26/05/2024

Public Servant Social Security Administration
Baayyina:15
Qaxarriin: Dhaabbii
Gita Hojii Garaagaraa irratti
Ogummaa:
1 MA/BA Accounting/Finance/Development/Management/Business or related
Muuxannoo:8/10 year
Bakkii Hojii: Head office
Miindaa:30260
2 BA Accounting/Management/Finance and related
Muuxannoo:0
Bakki Hojii: Head office
Mindaa: 8532
3 MSc/BSc Computer Science/Information technology/Information system technology/Computer Engineeing and related
Muuxannoo:4/6 year
4 Diploma/10+3 Wood work/pump
Muuxannoo:4 year
5 MA/BA Sociology/Developmental Studies/Management/Law/public administration/Psychology/Social worker/International foreign relations
Muuxannoo:2/4 year
Mindaa:13548
Bakki Hojii:Head office
6 BA Management/Public Administration/Human Resources management and related
Muuxannoo:2 year
Mindaa:10896
6MA/ BA Management/Public Administration/Human Resources/Development Management/ management and related
Muuxannoo:2/4 year
Mindaa:13548
8 LLM/LLB Law
Muuxannoo:4/6 year
Mindaa:16488
9 MSc/BSc Computer Science Information System technology and related
Muuxannoo:2/4 year
Mindaa:10896
10 Diploma/10+3 Accounting/Finance Management and related
Muuxannoo:6 year
Mindaa:10896
11 MA/BA Accounting/Finance/Management and Economics and related
Muuxannoo:6/8 year
Miindaa:20560
12 Diploma/10+3 Management/Business Management and related
Muuxannoo:6 year
Minndaa:10896
Galmeen Hanga:28/9/2016
Bakki Galmee: Finfinnee/Adaamaa/Qabrdar/Gonder/Meqele/Negellee/Ciroo/Ginir. Warreen Finfinnee tti galmooftanii Kiiloo 4 tti Galmaa'uu dandeessu.

26/05/2024

Akka siin jedhu Waaqayyo
=> Sin gatu
=> Hin rakkattu!
=> Sin ilaala
=> Siifan lola!
=> Siif ifa!
=> Siifan dhufa!
=> Siifan jira!
=> Sin gargaara!
=> Olan si buta
=> Siifan guuta!
=> Siifan yaada !
=> Sin barbaada!
=> Na kadhatta
=> In fudhatta!
=> In facaafta
=> In galfatta!
=> Siifan roobsa
=> Sin guddisa!
=> Sin jaalladha
=> Sin eeggadha!
=> Sin to'adha

26/05/2024

Inni, "Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a; wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye sitti nan hima.
Ermiyaas Raajichaa: 33:3

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Lemi B Press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share