Atuu Rakkoo Qabda

  • Home
  • Atuu Rakkoo Qabda

Atuu Rakkoo Qabda Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Atuu Rakkoo Qabda, Digital creator, .

21/08/2025
21/08/2025
21/08/2025
21/08/2025

"Gabaan siyaasaa sobaa, warra yaada gu'aa ta'een afarfamu Mootummaa Ida'amuu danquuf yaadus sirna dhaabbilee cimaa ijaaruufi hojmaata sirreessuun, filannoowwan yaadaa gabaa siyaasaa biyyattii fooyyeessan akka jiraatan taasisuun rakkoo kana maqsuun danda'amera."

Muummicha Ministeera Itoophiyaa
Dr. Abiyyi Ahimed

20/08/2025

Qabxiin qormaata kutaa 6ffaa ifoome

Qabxiin Qormaata Xumura Barnoota Sadarkaa 1ffaa kutaa 6ffaa bara 2017 ifoome.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa akka ibsetti bara Barnootaa 2017 Barattoota Qormaata naannoo Kutaa 6ffaa fudhatan kuma 500 fi kuma 37 fi 848 keessaa 85.6% gara kutaa itti aanutti darbaniiru.

Barattoonni qabxii isaanii karaa liinkii armaan gadii ilaallachuu akka dandaa'an Biiroon Barnootaa Oromiyaa ibseera.

https://oromia6.ministry.et/ #/result

20/08/2025
20/08/2025

Bokkaa tasaa roobuun lolaa uumamuu waan danda'uuf ofeeggannoon taasifamuu akka qabu Inistiitiyuutiin Meetiyooroloojii biyyaalessaa ibseera.
=

Ji’a Hagayya keessa rooba tasaa cabbii makaa qabuufi lolaa qaqqabsiisuu danda’u roobuu akka danda’u Inistiitiyuutiin Meetiyooroloojii biyyaalessaa beeksise.keessattuu iddoowwan biyyattii Kaaba Lixa,Kaaba,Giddugaleessa, Kibba Lixafi Kibbatti roobni giddugaleessaa hanga cimaa akka roobu ibsameera.

Dabalataan humna aduudhaan deeggaramuun kuufama dumeessaa irraa ka’uun rooba tasaa cabbii makaa qabuufi lolaa qaqqabsiisuu danda’u roobuu akka danda’u inistiyiyuutichi ibseera.

Gama biraatin iddoowwan tokko tokkootti baay’ina jiidhiinsa uumamuurraa ka’uun iddoowwan ciisaa ta’anitti midhaan irratti bishaan ciisuu,iddoowwan teessuumni lafaa olka’iinsa qabuutti ammoo sigigaan lafaafi lolaadhaan miidhamuun jiraachuu akka danda’us himameera.

Akkasumas iddoowwan jiidhiinsi baay’atuutti dhibeen midhaaniifi babal’inni aramaa uumamuu waan danda’uuf qonnaan bultoonnifi qaamoonni isaan ilaallatu midhaan lolaadhaan akka hin miidhamnefi lafarratti bishaan ciise akka yaa’uuf bo’oo qopheessuu akka qaban ibsameera.

20/08/2025

Galiin guddinaafi misooma biyyaa saffisiisa!
= = =
Guddinaafi misooma biyyaa karaa itti fufiinsa qabuun milkeessuu keessatti galiin damee garaa garaa irraa galu murteessaadha. Tajaajila hawaasaa milkeessuufi sochii guddina bu’uuraalee misoomaa babal’isuuf maddi galii olaanaan jiraachuufi galii sirnaan sassaabuun hojirra oolchuu kan gaafatuudha. Guddina biyya tokkootiif galiin barbaachisaadha kan jedhamuufis bakka galiin hin jirretti guddina biyyaa karaa barbaadamuun milkeessuun waan hin danda’amneefiidha.

Akka ragaaleen garaa garaa mul’isutti biyyoonni dinagdeen guddachuun abbaa kalaqa saayinsiifi teknoloojii ta’uun madda diinagdee hidda jabeeffate horachuun ofirra darbanii fuula Addunyaa duratti beekamanii waamaman, ka’uumsi isaanii sirna sassaabbii galii isaanii ammayyeessun maddoota galii heddummeessuufi galii isaanii sirnaan duguuganii sassaabuun hojirra waan oolchaniif akka ta’e kan agarsiisuudha.

Kanaaf lammiin kamuu bu’aa hojjetee argaterraa biyyasaaf gibiraafi taaksii galuu qabu yeroofi amanamummaan galchuun guddinaafi misooma biyyaa kallattii hundaan eegalame utubuun dirqama lammummaa bahachuun barbaachisaadha.

Karoora xiiqii akka biyyaafi naannootti qabamee hojjetamaa jiru milkeessuufis ta’ee sochii guddina biyyaa toora hundaan dhugoomsuuf xiiqiin hojjechuu, waan hojjennee argannerraa ammoo qusachuufi galii barbaadamu kaffaluun gahee qaama hunda biratti aadeffatamuu qabuudha.

Biyyi keenya waggoottan muraasa darban keessatti hojii guddaa gama hundaan milkeessaa jirtuun cinatti xiyyeeffannoo addaatin maddoota galii sakatta'uun galii naannichaa yeroo gara yerootti dachaadhan akka dabalaa dhufu ta’eera.

Kanaanis bu’uuraaleen misoomaa guddina biyyaa saffisiisaniifi pirojektoonni harkifannaa keessaa bahuun yeroo qabame keessatti xumuramuun tajaajila uummataatif oolaa jiru bu’aa galiin biyyaa dabaluu irraa kan dhufu waan ta’eef, gibiraafi taaksii amanamummaafi aantummaan kaffaluun biyya keenya tarree biyyoota diinagdeen guddataniitti akka dabalamtu taasisuun dhaloota dhufuuf ashaaraa kaa’uun hojii manaa dhaloota har’aa ta’uun hubatamuu qaba.

20/08/2025

Eeggattummaan Qaanii; Oomishtummaan Qananiidha!
= = =
Biyyi keenya Itoophiyaan qabeenya uumamaa dilbiifi humna namaa bal’aa osoo qabduu waggoota dheeraaf gargaarsa alaa irratti hirkachuun kufaatii diinagdee hamaaf saaxilamuu bira darbuun sadarkaa Addunyaatti maqaa isheef hin malleen waamamaa turuun seenaa yeroo dhiyoo yoo ta'u, jijjiiramaan asitti yaadama haaraan imala oomishtummaa dabaluun wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifameeen tarkaanfilee addaa (initiative) garaa garaa bocameen guddina biyya keenyaaf abdii ta'uu bira darbuun birmadummaa biyya keenyaa tiskuun danda'ameera.

Kanaanis imalli gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaa biyyi keenya taasisaa jirtu birmadummaa Itoophiyaa tiksuu bira darbee, Itoophiyaan biyya gootummaan beekamtu, qabeenyaafi humna namaa qabdu qindeessuun oomisha yeroon barbaadu oomishtee ofirra darbuun deeggaramuu irraa deeggaruutti ce'uun akka danda'amu qabatamaan Addunyaatti agarsiisuun karoora imala badhaadhina biyya keenyaa milkeessuu irratti argamti.

Gama biraan Biyyi keenya maraammartoo hiyyummaa, wallaalummaafi boodatti hafummaa qolachuun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf rifoormii garaagaraa hojiirra oolchuun hojii hojjetameen wabii nyaataa mirkaneessuu, alergii guddisuu, carraa hojii bal'aa uumuufi oomisha alaa galu biyyumma keessatti oomishuun bakka buusuun hiyyummaa seenaa taasisaa jirti.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ergama hiyyummaa mo'achuun badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf akka biyyaatti qabame hojii qabatamaatti jijjiiruun hojiilee naannichatti hojjetaman tarkaanfii haaraan utubuun Oromiyaan waktii hunda oomishuu akka dandeessuu taasisuun hojii bal'aa karoora imala badhaadhina biyya keenyaaf abdii ta'u hojjechaa jira.

Kanaafis fakkeenyi guddaan tarkaanfii
haaraa misooma Qamadiitiin eegalamee injifannoon itti galmaa'aa jiru akka faggeenyaatti kan fudhatamu yoo ta'u, gargaaramtummaan qaanii badhaadhinni qananii ta'uufi eeggattummaan qaanii; oomishuun qananii ta'uu hubachuun hojii hojjetameen bu'aan guddaan argamaa jira.

Oromiyaa keessatti aadaan hojii jijjiiramuun harki oomisheefi sammuun misoomee badhaadhina maatii mirkaneessuufi guddina biyyaa keenyaa galma yaadameen ga'uu akka danda'u hubatamee uummanni naannichaa humnoota Waloon hojii jajjabeessaa hojjechaa kan jiru yoo ta'u, keessumaa Buusaa Gonofaan ijaaramee eeggatummaa alaarraa of baraaruun ofumaan humna deeggarsa waloo ijaaruun gaaddisa gaafa rakkoo waliif ta'eera. Kanaanis eeggattummaan qaanii; oomishtummaan qananii ta'uu qabatamaan mirkeesseera.

Face Book https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/
------
TikTok: tiktok.com/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

Whatapp :https://whatsapp.com/channel/0029VbAXcNtAu3aRrGAUuV28

Website:https://www.oromiacommunication.gov.et/

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Atuu Rakkoo Qabda posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share