Oromia Tube

Oromia Tube Welcome to Oromia Tube, where culture, community, and content converge to celebrate the vibrant

Xiyyeeffannoo Hojii Tarsiima’aa Magaalaa Mattuu Fakkeenyummaa Guddaa Qaba. DR. Tolaa Bariisoo Magaalaan Mattuu hojiiwwan...
21/01/2025

Xiyyeeffannoo Hojii Tarsiima’aa Magaalaa Mattuu Fakkeenyummaa Guddaa Qaba. DR. Tolaa Bariisoo

Magaalaan Mattuu hojiiwwan tarsiima’aa karoora imala badhaadhinaa akka biyyaatti qabame milkeessuuf baayyina, qulqullinaa, ariitii fi aarsaa hojicha milkeessuuf gaafatu kamuu kaffaluun tarsiimoo mootummaan galmmoota ijoo misooma magaalaa afran qabame fiixaan baasuuf hojjetaa jira.

Guyyaa guyyaan sadarkaa raawwiin hojiiwwan kunneenii gamaggamaa hanqinaaa fi cimina adda baasaa deeggarsaa fi hordoffii cimaa walirraa hin citne yeroo yeroon qaamolee adda addaan taasifamaa jira. Hojiiwwan kunneenis qaala'iinsa gabaa tasgabeessuuf wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun cinaattii carraa hojii dargaggootaaf uumuu bira darbee alaa galee alergiin bakka buusuuf hojjetamaa jira.

Guyyaa har'aa hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa bariisoo inisheetiiviiwwan adda addaa magaalichatti hojjetamaa jiranii fi piroojektoota magaalichatti hojjetamaa jiran daawwatanii jiru. Daawwannaa kana booda yaada kennanniinis hojiiwwan tarsiima’aa magaalichatti hojjetamaa jiran qaamolee biroof illee kan fakkeenya ta'u akka ta'e kaasanii hooggantoota magaalichatti hojii kana milkeessuuf ifaajaa jiran jajjabeessuun kanaa ol hojjechuuf sochiin amma magaalicha keessa jiru agarsiistuu guddaa ta'uu ragaa bahan.

 Aanaa Sibuu Siree Ganda Caffee Jaalalleetii balaa Konkolaataa suukkaneessaa mudateen Lubbuun namoota hedduu darbe.Konko...
27/12/2024


Aanaa Sibuu Siree Ganda Caffee Jaalalleetii balaa Konkolaataa suukkaneessaa mudateen Lubbuun namoota hedduu darbe.
Konkolaataa fe'insa Uummataa Siree gara Naqamtee adeemuu fi Sinotrack Cirracha fe'ee Naqamterraa gara Siree dhufaa jiru walitti bu'uun lubbuun namoota hedduu baduuf sababa ta'eera.
RIP😭😭😭😭

21/11/2024
Kamtu bilisummaa fida?
10/11/2024

Kamtu bilisummaa fida?

Pirezidaantota Mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa Bara 1987 irraa eegaluun hanga ammaa dura...
09/10/2024

Pirezidaantota Mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa Bara 1987 irraa eegaluun hanga ammaa duraa duubaan.
'OBN Cyber Media' Fulbaana 27,2017-
 Dr. Nagaasoo Gidaadaa ALI bara 1987- 1994.
 Obbo Girmaa Waldegiyoorgis bara 1994-2006
 Dr.Mulaatuu Tashoomaa bara 2006-2011
 Saahilewarqi Zawudee bara 2011-2017
 Ambaasaaddar Taayyee Atsqassillaasee bara 2017 irraa eegaluun

𝗜𝗿𝗿𝗲𝗲𝗰𝗵𝗮; 𝗙𝗮𝗮𝗷𝗷𝗶𝗶 𝘁𝗼𝗸𝗸𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗼𝗯𝗯𝗼𝗹𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮!********Sonawwan Aadaa fi duudhaa ganamaa hedduudhaan faayamee, hirmaattota mii...
16/09/2024

𝗜𝗿𝗿𝗲𝗲𝗰𝗵𝗮; 𝗙𝗮𝗮𝗷𝗷𝗶𝗶 𝘁𝗼𝗸𝗸𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗼𝗯𝗯𝗼𝗹𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮!
********
Sonawwan Aadaa fi duudhaa ganamaa hedduudhaan faayamee, hirmaattota miiliyoonaan lakkaahamaniin miidhagina addaa goonfatee kan kabajamu Irreechi sirna hawwataa lammiileen jaalala fi mararfannaa guddaadhaan qooda irratti fudhan, faajjii tokkummaa fi obbolummaati.

Kolleejiin Barsiisootaa Mattuu hojii baruufi barsiisuu cinatti hojilee misooma qonnaa gargaraa keessatti qooda fudhachuu...
01/09/2024

Kolleejiin Barsiisootaa Mattuu hojii baruufi barsiisuu cinatti hojilee misooma qonnaa gargaraa keessatti qooda fudhachuun hawaasa naannoo fayyadamaa taasisuuf hojjachaa jira.
========
Hagayya 26/2016
Jillii hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisootiin durfamu hojilee misoomaa garagaraa kollejicha keessatti hojjatamaa jiran daawwateera.

Kolleejjichi lafa heektaara torba ol irratti hojilee damee qonnaafi iniisheetiivoota sadarkaa naannootti hojjatamaa jiran hawaasa fayyadan keessaa misooma dammaa, furdiisa loonii, Qurxummii, muuzii, bunaafi kilaastera boqolloo irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo kolleejiin Barsiisootaa Mattuu hojilee misooma qonnaa qindawaa hojjechaa jiru muuxannoo gaarii ta'u himun, muuxannoo kana koolleejiwwan naannichaa birootti akka babal'atuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamufi Biirichi deeggarsa barbaachisaa kan taasisuu akka ta'e dubbataniiru.

Diniiin kolleejiin Barsiisootaa Mattuu Dr. Waaqjiraa Tolasaa hojii kallattii imaammata barnootaa hojirra oolchuufi barsiisoota gahuumsaan leenjisuu biratti koolleejiichi qonna qindaawaatiin hojii hojjechaa jiruun, hawaasa naannoo fayyadamaa taasisuufi madda galii kolleejichaa kan cimsuu ta'u himaniiru.

Bulchaa godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii bu'uurri misoomaafi guddinaa barnoota ta'u ibsun, hojilee kolleejichaatiin hojjetamaa jiran muuxannoo kan ta'u dha jedhan.

Hoggantoota kolleejoota naannichaa daawwannaa taasisan irraa muuxannoo hedduu kan fudhataniifi muuxannicha kolleejota isaaniitti kan babal'isan ta'u dubbataniiru.

Daawwannicha irratti hoggantoonni Kolleejoota Barsiisotaa, Daayirektarota Manneen Barnootaa Bultii Addaa naannichaafi kutaalee hawaasaa garagaraa hojiwwan muuxannoo qonna qindaawaa kolleejii barsiisotaa Mattuu keessatti hojjataman daawwataniiru.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Tube posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share