14/09/2024
Hubadhu
1. Amantaa feete hordofi. Garuu amantaa nama biraa kabaji. "Kiyya malee..." jechuun dhugooma irraa si fageessa!
2. Waan feete yaadi. Garuu yaada namaa kabaji. "Akka kiyyatti yaaddu malee..." jechuun yaada namaa balleessa, hariiroo nama wajjiin qabdu si jalaa balleessa!
3. Ilaalcha feete qabaadhu. Garuu ilaalcha namaa," Sirrii miti!" jettee yaadda taanaan, waan sitti hinmul'annetu jiraachuu danda'a. "Akka ani ilaalutti, ..." jedhi malee, " Ilaalchi kee sirrii miti!" jechuun dogongora keessa si buusa!