08/10/2020
Onko 8/2020
Oduu Gaddaa
Hayyuun beekaan Sh/Muhammaad Ali Aadam Mussaa kan kitaabota Amantii islaamaa hedduu maxxansuun dhalootaaf daandii beekumsaa dhoosan har'a du'aan boqatan.
Sheek Mohamma Aliin biyya sa'ud Arabiyaa Magaalaa Makkaatti addunyaa tana irraa boqatan.
Sh/Muhammaad Ali Mussaa godina addaa Oromoo Wallootti bara 1936 tti kan dhalatan yoo ta'u ijoollummaa isaanitii jalqabee, barnoota Amantaa Islaamaa abbaa isaanii irraa barataa guddaatan.
Erga abbaa isaanii irraa barnoota Amantaa Islamaa hamma ta'e baratanii booda, barsiisaa Amantii nama Sh/Muhaammad Qayyoo jedhamu biratti barataa turanii.
Hayyuun beekumsa Dilbii kuufatee, guyyaa har'aa biyya su'uda Arabiyaa magaalaa makkaatti du'aan boqatan kun hayyoota amantii hedduu irraa beekuumsa waraabbataa turani. Abbaa isaanii Sh/Ali Mussaa irraa barnoota fiqhi, Usuulaa, Nahwii fi Balagaa kan baratan yoo ta'u, barbaacha beekumsaa itti fufuun beektoota Amantaa islamaa hedduu horachuun, Beekkumsa argate barsiisun Sheekkota hedduu akka Oomishe galmeen seenaa ragaadha.
Sh/Mohammad Beektota Amantaa islaamaa kanneen isaan irratti barataa turan keessaa muraasni,
sh/muhammad Qayyoo, sh/muhammad sa'iid sh/ Aliyyi fa'a irraa kan baratan bara 1972 biyya su'ud Arabiyaa makka dhaquun barnoota Amantaa islamaa barsiisaa turan.
Sh/Muhammad Ali Mussaa barnoota Amantaa islamaa barsiisuun cinatti kitaabota Amantaa hedduu barreessuun nama dhaloota boruutif galaa bekkumsaa ol kaa'ee darbeedha.
Sh/Muhammaad Magaalaa Makkaa Masjiida Haramaa keessatti hanga gaafa du'aan boqatanitti barsiisaa turuu kan himan Hiriyoonni isaanii, Hayyuun kun kitaabota 40 ol barreessanii jiru.
Sh/Muhammad Alii Muusaatiiif jannaatta maatii fi hiriyyoottan isaniitif ammoo jajjabinna hawwina.