15/08/2023
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Imaammataafi Tarsiimoo tokko lama jedhamanii lakkaawwaman qabatee socho’a. Hoggansi keenya sadarkaan jiru, dhimmoota jajjaboo shan armaan gadii irratti garaagarummaa hubannoo tokko malee socho'u qaba. Isaaniis: 1. Haala keessa Jiru; 2. Maal akka hoogganu 3. Maal akka hiiku 4. Maal akka hojjetuufi 5. Kallattii/hamma/sadarkaa ittiin waan hunda hojjetuudha. Caasaan olii hanga dakaa hubannoo tokkoon gaggeessummaa yeroofi dhimmoonni armaan olii barbaadan kennuuf qabxiilee kanneen sirnaan hubachuu qaba.
A. Haala Keessa Jiru beekuu
Haalli adunyaa jijjiirama baay’ee ariifataa ta’e keessa jiraachuu hubachuun, walitti dhufeenyi, gamtaafi hariiroon (power relations) humnoota adunyaa adda addaa gidduu jiru dhaabbataa miti; jijjiiramni hariiroo kun yeroo yerootti kan jijjiiramu osoo hin taane, ammaa amma jijiiramaa jira. dhimmi biraa sirnaan hubatamuu qabu gaaga'ama diinagdee adunyaa raasaa jirudha. Gama biraatin Jijjiirama Hubannoo Nam-tolchee” (Artificial Intelligence) irratti jiru sadarkaa hin yaadamnerra gahaa jira. Kana immoo guyyaa guyyaadhaan ofbarsiisaa deemuuf qopha'ummaan yoo hin jiraanne hafoo (obsolete) taanee hafna. Barnoonni, Faayinaansiin, Daldalli, Qonni, Waraanniifi Waldhaansi Fayyaa harka caalu teeknoloojiidhaan adeemsifamaa jira.
Hoggansi keenya balaafi carraa inni fidee dhufe hubatee itti fayyadamuu qaba. Amalootaafi dhiibbaa waraana biyyoota(humnoota) adunyaa gidduutti gaggeefamaa jiru hubachuun amala biroo gonfachuun murteessaadha. Hubannoon hiyyummaafi duubatti hafummaa hamaa biyyi keenya, naannoofi ummanni keenya keessa jiru irratti qabnus murteessaadha. xummura irratti akka hoggansaafi dhalootaatti nuti kan dhaalle biyya ijaaramtee hin xummuramne, dhugaa waloo hin qabnee keessatti gaggeessaa ta'uu libsuu ijaatiif dagachuu hin qabnu.
Dhimmoota jajjaboo asii olitti tarreeffaman haala qabatamaa kanaa oliitti tuqne keessatti raawwanna waan ta'eef amala hoggansa keenya waliin hojjechaa jirruus adda baasanii beekuun gaarii ta'a. Haala qabatamaa asii oliitiin hoggansa keenya yoo ilaalle hoggansa gosa sadii qabaachuu keenya barra.
Hoggansi keenya tokko boodatti harkisaadha. Kan lammataa hoggansa bakka jirtutti mugsaa yoo ta'u, sadaffaan fuulduratti furguugaadha. Sadanuu bu’aa sababa gosa tokkooti. Dhimmi murteessaan sababichaa (haala keessa jirru) osoo hin taane akkataa ittiin ilaalleedha. Erga kana hubannee booda, gaaffii duraa ta’uu kan qabu “maal hoogganna?” kan jedhudha.
B. Maal Akka Hooggannu Beekuu
Hoggansi keenya sadarkaan jiru burjaajii yaada wal dhahaa keessaa bahee dhimmoota murteessoo sadii irratti xiyyeeffachuun hogganuu qaba. Isaaniis:
1. Tarkaanfii addaa (New Initiatives)
Hoggansi jijjiiramaa keenya akkuma angootti dhufeen waa lama hojjate; tokkooffaan seektaroota murteessoo muraasa diinagdee naannoofi biyya keenyaa ceesisuu danda’an adda baasuu yoo ta’u, inni lammaffaan hojii idilee cinaatti, tarkaanfii addaa (new initiatives) bocuun yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama fiduudha. Milkaa’inni yeroo gabaabaa keessatti gama baadiyyaa (qonna, qabeenya uumamaa), hawaasummaa (barnoota), Magaalaa (galii) irratti argame bu’aa murtoo kanaati. Fuldurattis gama hundaan seektara hundaaf tarkaanfii addaa bocuun kan sochoonu ta’a jechuudha.
2. Tajaajila Mannen Hojii Mootummaa
Dhimmi kenniinsa tajaajila mootummaa fedhii tajaajilamaa guutuufi yeroo isaa eegee dhiyeessuu danda’uufi dhabuu dhimma mootummaa ta’uufi mootummaa ta’uu dhabuuti. Yeroo ammaa, ummanni keenya tajaajila mootummaa irratti itti quufinsa akka hin qabne ifatti amannee hooggansa furmaataa ta’uuf of qopheessuu qabna. Gama kanaan, hoggansi kenninu dirqama seera bahuu bira tarree, tajaajila qulqulluu, si’ataa, akkasumas baasii, yeroofi humna tajaajilaafi tajaajilamaa qusatu ta’uu qaba. Sadarkaa wal xaxaafi harkifataa kenniinsi tajaajila mootummaa irra jiru hubannee hoggansa kalaqaan masakame kennuun dirqama.
3. Haala
Hogganaan kamuu haala akka hoogganu hubatee socho’uu qaba. Haala yeroo jennu siyaasa, nageenya, diinagdee, haala hawaasaa, haala qilleensaa, walitti dhufeenya humnootaa naannolee ollaa, qaxanaa biyyaa, rakkoo name-tolchee, rakkoo umamaa, caasaa adda addaa dabalata. Rakkoon gama kanaan jiru hoggansi tokko tokko haala irratti rarra’uu barbaadudha. “Maalif kana ykn sana hin milkeessine?” yeroo jedhamu “haalli isaa waan akkana ykn akkas ta’eefi” jedha. Mootummaan naannichaa kana booda sababa akkasii hin dhaggeeffatu. Haala jiru hogganee hojjechuun dirqama hogganummaati.
C. Maal Hiikuf Akka Hojjetu Beekuu
Dhimmi murteessaan biraa hubatamuu qabu ''maal Hiikuuf Hojjenna?'' kan jedhudha.
1. Adaa qusaana jijjiiruu
Aadaa qusanna jijjiiruuf hojjechuu qabna.
Diinagdee naannoofi karoora Badhaadhina Maatii irratti qabanne milkeessuuf aadaa qusannaa hawaasa keenyaa jijjiruu akkasumas walgahiinsa Faayinaansii Baadiyyaa irratti kutannoon hojjetamuu qaba. Milka'ina Kanaaf, ummanni keenya hundi qaama karoora badhaadhina maatii ta'uufi caasaan mootummaa hanga maatitti, namni kamuu maal akka hojjetu? Kan