
30/01/2025
Gaaf-tokko abbaan sooressi tokko ilma isaa fudhatee gara ganda tokkotti imale. Namoonni kaan hagam hiyyeessa akka ta'an itti argisiisu barbaadee, lafa qonna maatii hiyyeessa tokkoo keessatti yeroo dabarsan, Yeroo imala irraa deebi'an abbaan ilma isaan, " imalli akkam ture ?" jedhe gaafate. Ilmisaas" baayyee gaarii ture abbaakoo jedhee deebiseef.
Abbaan: hiyyeessi akkamitti akka jiraatu argitee?
Ilma: eyyee 🤙
Abbaa: Egaa imala kana irraa maal baratte mee natti himi?
Ilma: Nuti saree tokkoo qabna isaan afur qabu , nuti kuufama bishaanii xiqqaa qabna isaan lageen qabu, nuti ibsaa qabna isaan urjii qabu. Nuti nyaata ni bitaanna isaan ni oomishatu. Nuti of eegannoof dallaa qabna isaan hiriyyoota qabu. Nuti Televiijinii qabna isaan maatii fi firoota waliin yeroo dabarsu jedheen.
Abbaan mucaa waan dubbatu dhabee afaan qabate. Achiis ilmi isaa akkas jedheen, "abbaa hammam hiyyeessa akka taane waan natti argiisiifteef galatoomi' jedheen jedhama.😌