Asuu koo

Asuu koo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Asuu koo, Record Label, UAE, Al Ain.

05/10/2020

MIIXUU ULFA SEEXANAA
Asoosama Gabaabaa
Barreessaan: Amaanu'eel A. Joobir.
★★★kutaa 9ffaa★★★
Mana Qabbannaan ishee keessatti dhiisee deeme sana torban lama booda namni isheen maalummaasaa hin beekne dhufee "mana kana keessaa guyyoota muraasa gidduutti naaf ba'uu qabda anatu bite" jedhee waraqaa ragaa ittiin laficha bite isheetti agarsiise. Manichi duraaniyyuu maqaa Qabbannaa qofaan galmaa'ee jira. Asaantiinis itti falmuu hin dhaqne. Akkuma ittiin jedhame mana sana gad dhiistee baate.
Ammas akkuma amalashee hojii barbaachatti kaate. Akkuma kaleessaa sana hojii keessummeessaa mana nyaataa argatte. Ganamaaf galgala yeroo mara taaksiidhaan deddeebiti. Bakki hojiishee ammaa Magaalaa Finfinnee Naannoo Laga harreeti.

Asaantiin godaannisashee kaleessaa sana yaadachaa jireenya itti fufte. Kaleessa maal akka taate waan beektuuf dhiratti ni seeqxi malee garaarraa fudhattee hin kolfitu. Kanumaan osoo jirtuu ammas dargaggeessa yeroo baayyee bakka isheen hojjettuu nyaata fayyadamu tokkoo wajjin wal barte.

Yeroo tokko tokko namni jaalala dhugaa nama jaallatu hin milkaa'u. Shamarranis ta'e dhiironni nama jaalala dhugaaf isaan barbaadu dhiisanii kan har'a qofaaf yookiin jireenya yeroof isaan barbaadaniif qullaa buusu. Asaantiinis erga hariiroo isheen Qabbaannaa wajjin qabdu sun dhadhaa abidda bu'e jalaa ta'ee reef dhiiraa wajjin walitti siqxi.
Namni isheen amma wajjin hariiroo jalqabde kun Dagsiisaa jedhama. Yeroo mara uffatasaa miiccatee rifeensasaa bareechatee jiraata. Hojii hojjetu hin qabu, garuu maallaqa takkaa of harkaa dhabee hin beeku. Kaninni jiraatu mana waliinii yookiin Koondoomiiniyeemii keessadha. Mannisaa mana maatiin guddaan keessaa deeman fakkaata. Asaantiinis darbitee darbitee manasaa ni dhufti. Waliinis gangalachuu jalqabde. Asaantiin "erga kanin boriif kudhammadhe akka sana na godhee har'aa koo bareecheen jiraadha kan boriif maaltu mataa koo na cabse?" jettee jireenya har'umee jalqabde.
Si'a takka takka haala nuti itti hin yaadiniin namni yeroo nuti hin karoorsinitti nutti dhiyaata. Godaannisaaf eelaa kaleessaa sana waan beeknuuf of qabaa nama sanaa wajjin akka nama qoree keessa miilla qullaa deemuutti deemna. Garuu yeroo hin beekamnetti namni sun ofii keenya nu dagachiisee akka nuti sodaa keenya kaleessaa sana keessaa baanu nu taasisa. "Yoom? Akkamittan akkas ta'e? Anoo....jedheen nama kanatti dhiyaadhee" jennee of gaafanna.
Asaantiis egaa waanuma akkasiitu mudate. Kaleessashee sana yaadaa Dagsiisaatti waan dhiyaatteef dura baayyee of qabaa turte, garuu akkamitti akka jaalalasaaf harka laatte isheefiyyuu gaaffiidha. Dagsiisaan umuriin dargaggeessa ta'us yaadnisaa yaada nama gorora liqimseeti. Yaada namaa hubachuu beeka akkasumas nama ni kunuunsa. Eenyuuf yoom, akkamitti maal gochuu akka qabu nama beekudha.
Addunyaa dhugaa keessatti namni akka Dagsiisaa waan jiru Asaantiitti hin fakkaatu. Haalli isaa darbee darbee abjuu itti fakkaata. Nama jaalala beekudha, Asaantiin dhuma kanarra isheen akka isa hin miineef isaaf of qusachuu jalqabde. Abjuudhaaniyyuu inni akka ishee hin gannetti fudhatte.
Bara dheeraaf jaalala hawwaa turte sana keessa gangalattee dhandhamuu jalqabde. Namuma lammaffaa dhalate taate. Dhiyee bari'u, roobee yoo caamu waaqashee galateeffatti. "Yaa isa boo'icha koof isan eege gararraatti deebii naaf laattee Galatni siif ha ta'u" jetti.
Si'a takka takka "maqaan ayyaana hin ta'u" jedhee kan Oromoon mammaakuuf waa malee miti. Badhaadhaan hiyyeessa nama waan har'a ittiin bulu hin qabne gaafa ta'u, Caalaanis hundumaan caalamee akka eegee dudduuba gaafa dhaabbatu, Beekaa inni jedhanis namuma maqaa akaakayyuusaa hin beekne gaafa ta'u kanaaf egaa kan Oromoon akkas jedhee mammaakeef. Garuu Eebbaan akkuma maqaasaa nama eebbaa gaafa ta'u, Hinsarmuunis kan hinsarmine gaafa ta'u ammoo mammaaksa sana hiika dhabsiisa. Egaa Dagsiisaan akkuma maqaasaa sana ta'eef Asaantiidhaaf. Seenaashee kaleessaa, godaannisa gurraacha isheen itti aadaa turte sanas ni dagachiiseen.
Asaantiin akka bilbila Samsung Restore ta'ee kaleessashee sana dagachuuf waan ifaajaa jirtuuf waa'ee Dagsiisaa: Seenaasaa, waa'ee maatiisaa isa gaafachuu hin barbaadne. Nuti lamaan waliif waa maradha jettee itti himte. Innis akkumasheen jette jedheenii wajjin jiraachaa jira.
Hariiroon isaanii qofa qofaa buluun sun hafee mana tokko waliin jiraachuu jalqabani. Jireenya haadha manaaf abbaa manaa waliin jiraachuu jalqabani. Jireenya isaanii kanattis gammadoo ta'ani. Dagsiisaan isa kaleessa kopheesaa miiccatee kofoosaa tottolfatee bakkeerra jooraa oolu amma nama hojii ta'eera. Ogummaasaa waan qabduuf Asaantiin mana nyaataa dhuunfaashee bantee hojjechuu jalqabde. Dagsiisaanis maallaqa ga'aa waan qabuuf waan isheen barbaadde mara guutaaf. Akkanattiin jireenya isaanii toora qabsiifachaa adeemani.

Egaa adeemsa keessa wanti kamiyyuu gaaffii namatti uumaa deema. Gaaffii uumamu sanaaf deebii ta'u yeroon hin arganne taanaan akka madaa ceekuutti nama dhukkuba. Seenaashee dhoksitus waa'een Dagsiisaa isheetti gaaffii ta'uu hin dhiisne. "Namni kun nama akkamiiti? Maatiinsaa eessa jiru? Innoo akkamitti callisee jireenya magaalaa Finfinnee kana keessatti hojii tokko malee basha'ee jiraata?" Jettee of gaafatti. Amaluma keenyadha gaaffii osoo gaafatamnee mataan hamma gaanii nu ga'u nama biraa gaafachuuf arraba qaranna, bishaanis qallisna. Garuu "waanin nama gaafadhu kana osoon gaafatamee deebiin koo maali?" jennee of hin gaafannu.

Itti fufa...

04/10/2020

MIIXUU ULFA SEEXANAA
Asoosama Gabaabaa
Barreessaan: Amaanu'eel A. Joobir.
★★★kutaa 8ffaa★★★
Asaantiin akkuma mana galteen qarshii ol keewwattee qabdurraa qarshii dhibba shan qabattee gara mana nyaataa sanaatti deebite. Gaafa achi geessu Bulchaaf Abbaan mana nyaataa sanaa ta'anii waliin dhugaatii dhugaa jiru waa'ee Asaantii haasa'aa. "Ilaalikaa intalli kun dhugaa qabdi, umuriinshees dheeraadha utuu ishee hamannuu nurraan baate" jedhe Bulchaan. Abbaan mana nyaataa sanaas ajaa'ibsiifatee "kottu baga nagaan dhufte" jedheen. Asaantiin homaa dubbachuu hin dandeenye. Ni hudhamte. Imimmaan ijasheerraa akka nama lolaaf karaa saaquutti ofirraa harcaasaa "an Abbaa hin qabu, abbaan koo isini, haadhas hin qabu, haati koo isini. Fira, lammiin abdadhus hin qabu. Isin ilaaleen jiraachaa jira. Akka abbaa kiyyaatti isin kabajee, akka nama na ergatuuttis isiniif of eeggadheen hojjechaa jira. Isin garuu anaan akkas jettuu...?" Jettee utuusheen miiraan haasa'aa jirtuu Qabbannaan dhufe. Abbaan mana nyaata sanaaf Bulchaan ijasaanii Qabbannaarratti dagatani. Asaantiin waan isaan ilaalan ilaaluuf duubashee gaafa mil'attu Qabbannaan ishee bira ga'eera.
Asaantiin tokko lamaan waan ta'e mara Qabbaannaatti himte. Innis "egaa hanga yoonaa isiniif hojjetteeti kana booda garuu ni ga'a. Waan isheen isin biraa qabdu kennaafii" jedheen. Abbaan mana nyaataa sanaas "lakki akkas miti tasgabbaa'i..." jedhee gaafanni haasaa jalqabuuf ka'u Qabbaannaan "ilaa kanaan dura nama gaaddisa ta'uuf, fira hirkoo ta'uuf dhabdee as gorte,isinis waan isheen isin fayyaddeef jaallattaniin kanaaf galatoomaa. Amma garuu an jiraaf. Eeyyee an jiraaf" jedhe. Abbaan mana nyaataa sanaas "ilaa obboleesso, osoon hin hubatin waan ishee mufachiisu jedheeraan, amma garuu ergan waan ta'e mara Bulchaarraa dhaga'e dhiifaman gaafadhaan" jedheen.
Abbaan mana nyaataa sanaas qarshii Dhibba Shan garaagarummaa uume sanas ni dhiiseef akkasumas waan isheen biraa qabdu mara tokko lamaan lakkaa'ee kenneef. Walittis isaan eebbisee geggeesseen.
Harkishee hojii waan bareef Asaantiin erga hojii sana dhiistee manatti galtee manuma jireenyaa isaaniitti nyaata akka shiroof ciree qopheessuu jalqabde. Achittis maamila danuu horachaa deemte.
Qabbannaan hamma of amanu caalaa Asaantii amana. Jireenyasaa keessattis bakka guddaa qabaaf. Tasumaa hin shakkuun. Jaalalli isaaniis dagaagaa adeeme. Qabbannaan hojiisaatti colleef nama ogummaa qabu ta'aa dhufe. Jireenyi isaaniis wal qixxaateef.
Guyyaa tokko Qabbannaan bakka hojii oolee galgala erga yeroon sokkee dhugaatii quufee manatti gale. Erga Asaantii wajjin jiraachuu jalqabee hanga har'aatti dhugaatii dhugee machaa'ee hin beeku akkasumas dhiisifatee manatti galee hin beeku. Yoo alkoolii dhuguu barbaadellee manatti bitee galee Asaantii wajjin dhuga. Ta'us amalli isaa har'aa Asaantiif keessummaa ta'e. Innis akka mana ga'een kutaa ciisichaa seenee ciise. Asaantiin maalif akkanni dhuge, maaltus akka isa mudate irra deddeebitee gaafattus inni garuu callisuu filate akkasumas imimmaan harcaasee boo'a. Darbee darbee "yaa anaa!" jedha. Asaantiin ni dhiphatte. Waan gootus wallaalte. Bilbila hiriyoota isaa irratti bilbiltus isaan ishee jalaa kaasuu didan. Waan gootu gaafa dhabdu "gaafuma machiin irraa galun gaafadha" jettee ciiste.
Ganama barii hirribarraa gaafa dammaqxu Qabbaannaan mana keessa hin jiru "Qaboo... Qabboo... jaarsa koo...." jechaa waamaanii mana keessa akkasumas ala barbaadde. Inni garuu hin jiru. Bilbila isaa irratti gaafa bilbiltu bilbilli isaa siree isaaniirraa gadoodde "bilbila isaa dhiisee eessa deemeree?" jettee of gaafatte. Mooraa mana isaanii keessaa gadi akkuma baateen nama ollaasaanii tokko argitee "Qabboo argitaniittuu?" jetteen. Isaanis "eeyyee bariidhaan baajaajii hiriyaasaan utuunni deemuu argeera" jedhaniin. "Maal na duraa ta'e, maaltu isa mudate, maaf na dhoksee deeme?" jechaa akka nama qalbiinsaa darbeetti ofiin haasa'aa osoo adeemtuu hiriyaan Qabbannaa baajaajii kaachisaa itti dhufe. Isheenis baajaajicha dhaabsistee "maal ta'e maaloo, eessa deeme Qabboon?" jetteen. Konkolaachisaan baajaajichaas "hoodhu! kana natti kenne" jedhee waraqaa wayii itti kenne. Konkolaachisaan sunis baajaajii keessa galcheenii gara manasheetti deebiseen. Akkuma mana geesseen xalayaa sana bantee gaafa dubbistu kan akkas jedhu argite "Asee dursee osoon sirraa dhaga'eera ta'ee hamma kana mar'ummaan koo nan gubu, sababni isaas hundi keenyayyuu kaleessa akka feetee jiraachaa turre, sun rakkoo hin qabu. Ati garuu akka mucaa qabdu na dhoksite, isayyuu mucaa... afaan kiyyatti naaf ha hafu. Jabaadhu nan eegin an deemeera" kan jedhu. Akkuma barreeffama sana dubbisteen "yaa carraa koo maalifan balleessaa koo kan hin taanetti akkas adabama? Maaloo waaqakoo harcummeen ati ittiin na adabaa jirtu kun yoom narraa dhaabbata? Kaleessa sana an jaalladheen akkas ta'ee? Ofii kootii barbaadeen obboleessa kootiif mucaa godhadhee? Maal ya Waaqa guddaa atis akka namaa loogda moo?" jettee imimmaanshee lolaaste. Akka kanaan guyyoota muraasa erga gaddaan dabarsitee booda waan hundumaa dagattee jireenya haaraa jalqabuuf dhadha'attee kaate.
Mana Qabbaannaan ishee keessatti dhiisee deeme sana torban lama booda namni isheen maalummaasaa hin beekne dhufee "mana kana keessaa guyyoota muraasa gidduutti naaf ba'uu qabda anatu bite" jedhee waraqaa ragaa ittiin laficha bite isheetti agarsiise. Manichi duraan maqaa Qabbannaa ...

Itti fufa.....

😁
01/06/2020

😁

20/05/2020

UTUU ISIN TA'EE MAAL GOOTU?
==========================
Ani barattu university jimmaati
Barnoota koos bu'aa baahii hedduu keessa darbee bara Aalanaa guyyaa ebba koo eggachaatin jira

Ega dubbii jabduu tokkotu murtessuuf baayye natti ulfaatee jira.
mala naaf dhawaa jedheen karaa FB kanan kabajaan isin gaafadha lammii ko

Dubbin akkasi
Ani haadhaa fi abbaa ko hin beeku
haati ko na guddifatte akka natti himtutti dhaladhee mucaa ji'a lamaa ta'ee utuun jiruu daandii gubbaa irra akka na argattee fi isiin waan dhala hin qabneef akka dhala eshiitti kunuunsitee homtuu utuu natti hin hir'atin ofiif rakkatte anaa boonsifte na guddifte.

Barnoota koo na barsiifte dhamaatii guddaa booda waaqaa woliin bakkan amma jiruun na geesse harmeen ko ammaa kunis ilmoo ykn abbaa worraa fira itti dhihaattu hin qabdu kophaa isii jiraatti amma immoo hedduu dadhabdee jirti.

Ega wonti baayye na naasise dhiiheenya kana niitin tokko ameerikaa irraa dhuftee "ati dhala kooti naan jette".

Anis baayyen rifadhe "akkamitti ta'uu danda'aa"? Jedhee yeroon gaafadhu
Deebii akkas jedhuu naaf deebifte.

"Dhala ko jaaladhee karaa gubbaa irratti sin gannee yeroon si ulfaa'utti abban kee ulfaa keetin anaa jiruu na duraa boqote anis waanin of godhuu wollaale ulfa keetin gidiraa hedduu dabarsee egan si daheen booda waan si nyaachisu waan hin qabneef mana harmee kee amma si guddifattee balbala isii fulduratti si dhiisee deeme naan jette".

Dabalatanis akkas naan jette "amma waan hunduu mijataa dha seera qabeessuumman ameerika magaalaa niwyorki keessaa jiraatan jira barnoota kee kana booda ameerikatti barachuun kee dirqama jette haala tokko tokkoo naaf mijeessuu egalte.

Anis Egaaa kan murteessuuf na rakkisee dhugumaa nitiin kun deessee kooti?
utuman immoo dhala isii ta'ee yoo hammamiyyuu rakkatte haati akkamitti dhala ofii daaandi gubbaatti gatte deemti kan jedhuu gaafii natti uumeera.

Dabalatanis immoo duubbiin kun dhugumaa yoo ta'eyyuu haati ko daandi gubbaa na kaafte hanga amma aarsaa hedduu naaf kaffaaltee asiin na geesse dhiisee deemuun immoo sammuu ko na jonjeessaa jira.

Gama biraatin niitin amma ani haadha keeti naan jettu bor yoo waa tokko uumame daandi gubbatti ammas na dhiifte deemti kan jedhuu kunis dabalataan sammuu kootti gaafii ta'ee jira.

Yaa hordoftota FB keenna mee utuu isin ta'ee maal gootu?

Harmee kee ishii ammaa waliin ameerikaa deemi achitti baraadhu jeettu mo?

Harmee kee ishii dadhabduu aarsaa bayyee sii gootee isii fira ilmoo abba worraa hin qabne dhamaati guddan kophaa isii asiin si geesse birattii hafii aarsaa isii deebisif naan jettu?.

Hadaraa yaa lammii koo yaadaa keessan naaf qooda.

Address

UAE
Al Ain
1234

Telephone

+971589176454

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Asuu koo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category