robe global media

robe global media robe global media

29/04/2026

đź’”Gadda guddaan onnee namaa cabsu dha.

***Jirra24/7🌕

Gaafa Kophee qulqulleessitu - Itti Murgaa, qoosaa turre. Nama hojjatu, irrattis ni qoosamaa? Gaafa Heerumtee - Itti Qoosaa Turre. Dubarti bulti ofii godhatte irratti ni qoosamaa ? Furdina Qaamaa Isiin walqabatee itti Murgaa/Qoosaa turre.

Dhaloota arraba qofaan jiraatu keessaatti mucayyoon kun rakkoo hedduu keessa darbaa turte. Namoonni hedduun arraba isaanii qofaan hamilee ishii miidhan, jireenya ishii jalaa cabsan. Isheen garuu jabinaan dhaabbachuu, jireenya ishii fooyyessuuf tattaaffii cimaa gochaa turte.

Dhugaan jiru immoo, shamarran biyya kanaa gidiraa baay’ee, kan namni hedduun hin hubanne keessa jiru. Namoota miira isaanii hin beekne, jaalala obboleetti hin hubanne, galata haadhaa hin beekne waliin wal’aansoo cimaa keessa jiru.

‎
Gadaan Bulultaa itti fayyadama social media akka armaan gadii ibseera:
“Itti fayyadama social media kana yo daangaa isaa beekin, duubarra garuma badiitti namoota geessa; gara , fi hantuu geessa, duuba nami suni ifi dhaba.
‎
‎1) Social media waan jireenna wolii gala hawaasummaatiif te'aa male, ittiin beekkamtii dhaggatuuf waan jireenna dhunfa ifii keessatti dabarsane, macaqa jiruu fi jireenna manaa ifii guma social media gubbatti afuun, hawaasaafille ergaa dansaa hin dabarsitu, dhumarra abbaan sunille phycology miidhama.
‎Fkn:- daa'immaan dhiiginuu hin ititin gara media fiduu, dubartii ulfaa studio geessanee suuraa kaasanee gara media asi fiduu, “celebration” jedhaa waan hacaruu duri aadaa keessa hin jirre mara gara social media asi fiduu, jaarsii fi jaartiin jaalala wolii qabanu social media irratti asi guuruun....etc, kuni marti waan jireenna nama sanii miidhaati. Jireenna jiraatanu tokko qabatamaan lafarratti ittiin jiraachuu, dhabaa fi dhaggatalle manuma ifiitti ittiin jiraachuu male, gara social media asi fidanee hogisuun jaalala jireennaa hin mirkaneessu.
‎
‎2) Social Media dhalooti haareyi dirree ittiin attention barbaadduu fi nami bacaan isaan follow godhuuf, haafaa fi jirma ebeluu hin beenne media gubbattti gangalchaa oolti. Yo nami attention kennuufii dhabe, yo nami hedduun yaada(comment) kennuufii dhabe, nami hedduun isaan jajuu dhabe woliin dhiphataa oolani. Yo itti fayyadama Social media itti beenne:- social media meeshaa woraanaati, meeshaa qassooti, dirree karaa salphaa te'een beekkumsa wolii qoonnu, platform aka notebook ykn yaadannoo irratti barreeffannee nuutinuu heger itti fayyadamuu dandeennuu fi dhalooti nuun duubaalle dubbisanee irraa wa hubatuu dande'anuuti.
‎
‎3) Miira dhunfa keennaalle(our personal feelings) gama social media'tiin iffatuulle hosee moti. Yo hosee fi hantuulle jiraatte, yo gaddii fi gammadille jiraate hagaa - hari'atti himachuu ykn maatiin mari'atutti dansa'a. Nami marii qabu mala hin dhabu.
‎
‎- Kanaaf, yo yaada kiyya gabaasse; social media kana waan hawaasa fayyadaa, waan mindset dhalootaa ijaaruu, seenaalee jireenna ilmaan namaatiif fakkeenna te'anu, waan saayinsii fi technology...etc yo itti fayyadanne aka malee waan hose. Yo waan kana goonu ammoo nami tokko ilaale, nami 1M oli ilaale mo attention kennuufii hin qannu, itti dhiphatuun hin barbaachisu. Yo jireenna jiraatanu, salphisaneetuma jireenna ifii jiraatuu male, aka nami namaaf jaju, aka nami nama faarsuuf dhiphatanu, nami suni dhuma gubbatti ifi dhaba.
‎Haga dande'ame nami akuma wolta dhikaatuun yo wol gorsaa deeme hose'e; ijoollee addii kutannaa fi attention dhaba ilmaan namaa irraa dhabanee ifi galaafatane social media kana irratti hedduu dhagga jirra. Suni gaddisiisa. Nami deeme hin deebi'u, nami lubbuun jiru kuni ammoo wolgorsuu fi wol dhoogguu dande'uu qanna.
‎
‎Jiruun mi'oottuun, jiruu cameran duubaati. Jiruu maanguddoon teenna kalee, adoo wol dhabanuu, deebi'anee araaramaa, wol aalataa, deebi'anee qorii fi mooqaa tokkoon nyaataa turanee fi ka camera ifi biraa hin qanne sanitti mi'aa, ititaa fi nageyalle qaba. “

***Jirra24/7🌕

11/05/2024

Fixaaleyyii Faannoo ofiin jettuun kan gaggeeffamu Wolloo Naannoo afaan Oromoo dubbatu irratti Lolli bifa haarayaan baname,,,,, “Qaamni dhimmi ilaallatu nudhaqqabaa” jedhu manguddoonni jiillee keessumattu gyyaa har’aa karaa hedduun lollo hamaa gaggeeffamaa oole
Hanga ammatti Wareegamtoonni guyyaa

Caamsaa 10/2024 tti kan wareegame
1~ Usumaan Badhoo

👉Caamsaa 11/2024 tti immoo kanneen wareegaman.
1~Husseen Kaliilee ~Ganda elemoo irraa
2~Husseen Umar ~Ganda Elemoo irraa
3~Husseen Muhammad ~Ganda Elemoo irraa
4~Muhammad Shee Hasan~Ganda Oortaa irraa
5~Hasan Muhammad Alii ~Ganda Qalloo irraa

👉Caamsaa 11/2024 tti kan madaahan
1~Muhammad Siraaj Bulee ~Ganda Elemoo irraa
2~Sayyid Muhammad Abduu ~Ganda Elemoo irraa
3~Yaahyaa Abduu Jibriil ~Ganda Elemoo irraa
4~Yasuf Ahmad Bahree ~Ganda Elemoo irraa
5~Abduu Muhammad Husseen ~Ganda Elemoo irraa
6~Husseen Yaasee ~Ganda Elemoo irraa
7~Muhammad Kabbadaa ~

ROBE GLOBAL MEDIAoduu fi odeefannoo guyyaa har'aattiObbolleettii Tena armaan gaadii argamtuu tana rabbii biyyee itti haa...
11/05/2024

ROBE GLOBAL MEDIA
oduu fi odeefannoo guyyaa har'aatti

Obbolleettii Tena armaan gaadii argamtuu tana rabbii biyyee itti haa salphisuu Jenna
Matii fi firootaan isi hundaaf jajabinaa hawwaa.

Obbolleetti Tena tuni biyaa dubia nannawaa magalaa Alain hojjiif achii jiraatuu boqaatuu isi dhageenee ammaf maqaa isi argaatuu hin dandeenee .
Nama maqaa isi beekus argaachuu hin dandeenee .

Barreefamaa xalaayaa irraa barreefamee kanas fulumaa FB isi irraa argamee isi barreesse post godheef Nama FB isi qabaatee post godhe Sana rabbii beekaa.

Oduu:   fanjiin dho'uun namoota 100 ol galaafatte.  fanjiin  yennaa TPLF fi Mootummaan wol a'aa turan awwaalantee turte ...
10/05/2024

Oduu: fanjiin dho'uun namoota 100 ol galaafatte.

fanjiin yennaa TPLF fi Mootummaan wol a'aa turan awwaalantee turte tuun dho'uun namoota nageyaa 100 ol ajjeeste. Waliigaltee Piriitooriyaatii asi Fanjiin waraanaarratti adoo hin dhuka'iin hafan kan awwaalamanii turan balaa akka dhaqqabsiisan bulchaan aanaa Taambee obbo Taklaay Tasfayee himan. Akka isaan jedhanitti namootni 100 ol ta'an du'aa fi miidhaa qaamaaf akka saaxilamaniidha kan ibsame.

robe global media

Bagaa ayanaa fasikaa dhalaachuu iyaasus geessaan warrii amantii kiristanaa jechuu kooti
04/05/2024

Bagaa ayanaa fasikaa dhalaachuu iyaasus geessaan warrii amantii kiristanaa jechuu kooti

01/05/2024

Robe global media Kan keessaani subscribe tolcha

Address

Naimiya
Al Ajman
12345

Telephone

+971567445187

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when robe global media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share