Dire broadcasting corporation - DBC

Dire broadcasting corporation - DBC ODUU haareya tan biyya keeysaa fi alaa akkasumaas vidiyoolee gara garaa argachuuf page Dire broadcast

Breaking newsHangafa Dr. Lammaa Magarsaa kan ta’e Obbo Darajjee Margarsaa dabalatee maatiiwwan Dr. Lammaa hedduun mana h...
18/04/2025

Breaking news

Hangafa Dr. Lammaa Magarsaa kan ta’e Obbo Darajjee Margarsaa dabalatee maatiiwwan Dr. Lammaa hedduun mana hidhaatti guuramaa jiraachuu beekameera. Namoota hidhaman keessaa ilmaan eessumman Dr. Lammaa Magarsaa namoonni lama jechuunis Obbo Addaam Fayyisaa fi Obbo Geetuu Tashoomee akka jiran mirkaanaa’eera. Maatiin jumlaan hidhamaa jiran kunneen mana hidhaa Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Gudayyaa Jareetti yeroo geeffaman “isin maatii Lammaa Magarsaati” jedhamuun akka hidhaman beekameera. Obbo Darajjee Magarsaa ogummaa isaaniitiin bara dheeraaf sadarkaa aanaatti tajaajilaa akka turaniifii ji’a jaha dura immoo akka hojiirraa ariyatamanii qonna qotachuutti deebi’an mirkaneeffanneerra.

Ji’oota muraasa dura Dr. Lammaa Magarsaa bakka jiran Awurooppaa irraa qabanii biyyatti deebisuuf yaaliin mootummaan Abiyyi taasise akka hin milkoofne ni beekama.

Mootummaan Xaa'oo yeroon irra darbe uummataaf raabsuuf jedha jechuun Jaawar Mohaammad akeekkachiisa kenne, ta'us Taakkal...
08/02/2025

Mootummaan Xaa'oo yeroon irra darbe uummataaf raabsuuf jedha jechuun Jaawar Mohaammad akeekkachiisa kenne, ta'us Taakkalee Uumaa deebii kenneera.

Namni siyaasaa Jaawar Mohaammad mootummaan Xaa'oo yeroon irra darbe kan lafa balleessuu danda'u uummataaf raabsuuf jedha jechuun fuula facebook dhuunfaa isaan katabe. Jaawar Mohaammad kana kan jedhe, qondaalli mootummaa Itoophiyaa obbo Taakkaalee Uumaa Xaa'oon bakka kuusaatti fe'amaa jiraachuu suuraan deggaree ibsuu isaatiin suuraalee maxxanfaman keessa Xaa'oo kan bara 2022 jedhan arguudhaani.

Obbo Taakkaalee Uumaa maxxansa isaanii kaleessaan bakka kuusaatti Xaa'oo Jibuutii gahe daawwachuu hime. Xaa'oo buufata Jibuutii qaqqabe kana suuraan kan maxxanse qondaalli mootummaa kun, suuricha keessatti Xaa'oo yeroon irra darbee mul'ateera.

Jaawar Mohaammad dhimma kana irratti maxxansa afaan Ingiliffaan Akeekkachisa jedhee barreesse kanaan, Xaa'oo yeroon isaa irra darbe uummataaf raabsaa akka jiran ibseera.

Waa'ee loojistikii fi karoora geejjibaa irratti olola miidiyaa barame uumuuf yaaluun Takele Uma Benti suuraawwan kana har'a qoodaniiru jedha Jaawar. Suuraalee kana waliin ergaan isaanii akka ibsetti gareen Ityoophiyaa Shipping & Logistics fi Ethio-Jibouti Railway guyyaatti xaa’oo toonii 2,580 gara Ityoophiyaatti geejjibuuf qophii taasifamaa jiru daawwataniiru jedha.

Haa ta'u malee, xaa'oon kun Masrii irraa kan dhufe yoo ta'u, guyyaan xumuraa isaa ifatti bara 2022 ta'uu Jaawar ibseera

Kana jechuun mootummaan xaa'oo yeroon isaa darbe - keemikaalota balaafamaa of keessaa qabu - qonnaan bultoota Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa'amaniif raabsuuf qophaa'aa jiraa jechuun miidhaa uummatatti as deemu himeera.

Jaawar barreefama isaa kanaan kun garmalee nama sodaachisa jedheera. Mootummaan Xaa'oo yeroon isaa darbe Misir irraa bituun isaa maal yaadee akka ta'es Jaawar gaafateera.

Dhimma biraa Jaawar Mohaammad fuula miidiyaa dhuunfaa isaa karaa Facebook kaase, gatii Xaa'oon ittiin bitamudha. Gatiin xaa’oo bara darbe 3,600 ture barana dachaa ol dabaluuun 8,400 ta’eera jedha. Qaala'iinsi gatii kun hanqateet, xaa’oo waggoota lamaa oliif guyyaan itti darbe kan gatamuun malu fidanii qonnaan bulaatti raabsuuf jedhu! Tuuta hattootaa maqaa mootummaa daheeffatee biyyaafi ummata saamu! Jechuun ibse.

Dhimma kana ilaalchisee qondaalli mootummaa Taakkalee Uumaa Bantii Burjaajii uumameef dhiifama gaafatee jira

Suuraan xaa’oo adeemsa fe’uu fi buusuu agarsiisuuf fayyadamne faayila durii malee kan ammaa miti jedhe. Dhiyeessii Xaa'oo baranaa uummataaf ibsuuf suuraa durii fayyadamne jedha. Xaa'oon barana raabsamuuf jiru kan suuraan argame akka hin taane hime. Ta'us garuu suuraa isaa raabsamuuf jedhuu ammoo ifatti waan qoode hin qabu.

26/06/2024

Ibsa KFO'n waxabajjii 18/2016 dhimmaa haala yeroo ammaa kan naannoo oromiyaa ilaalchisuun baase . Namoottan biraatiifiis share godhuu hin dagatinaa. Subscrib...

25/06/2024

Address

Dubai

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dire broadcasting corporation - DBC posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dire broadcasting corporation - DBC:

Share