Abbay_አባይ Media

Abbay_አባይ Media Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abbay_አባይ Media, Digital creator, Egypt, Dubai.

19/08/2024
22/07/2024
16/11/2023




Waadaa Keenya ni Haaromsina! -----------Biyyi keenya Itoophiyaan humna namaafi qabeenya uumamaa ga’aa ta’e osoo qabduu h...
17/10/2023

Waadaa Keenya ni Haaromsina!
-----------
Biyyi keenya Itoophiyaan humna namaafi qabeenya uumamaa ga’aa ta’e osoo qabduu hanqina sirnoonni darban uumaa turaniifi shira biyyoonni alaa kallattii adda addaatiin raawwataniin qabeenya uumamaa qabdutti sirnaan fayyadamuu dadhabdee deegaafi gadaadoo keessa baroota dheeraaf turtus, dhiibbaa irratti geggeeffamaa ture qolachuun birmadummaa ishee tikfattee as geesseetti.

Birmadummaan dhiigaan argame dafqaan utubuuf kan murteeffatte Itoophiyaan diinashee hangafa hiyyummaa injifachuuf qabeenya uumamaa qabdu misoomsuun sirnaan fayyadamuu murteeffattee gara hojiitti seente. Isaan keessaas ijaarsi pirojektii Hidha Haaromsa Guddichaa akka ijootti eerama. Waggaa 12 dura Bitoottessaa bara 2003tti kan eegalame pirojektichi waggoota shan keessaatti xumuruuf yaadamee waliigalteen dhaabbata ijaarsaa Saliinii waliin kan godhame yoo ta’u, humni jijjiramaan dura aangoo irra ture mootummaa jalatti kan bulu dhaabbanni METEC akka hojicha keessa galu gochuu isaatiin hojimaati badaan diriiree ijaarsi piroojektichaa yeroo itti xumuramuu malurraa waggoota dheeraa duubatti akka harkifatu ta’eera.

Dhaabbanni ijaarsa mootummaa yeroo sanaa METEC jedhamu kunis ijaarsa pirojektii uummataa kana keessa galee saamichiifi qisaasamni maallaqaafi yeroo piroojektii kana irratti akka raawwaatamu taasiseera. Ji’a Bitoottessaa bara 2010 gara aangootti kan dhufe mootummaan humna jijjiramaatiin hoogganamu guyyaadhuma muudama muummicha minsteeraa haasaa paarlamaaf godhameen qisaasama piroojekticharra gaheef tarkaanfii fudhachuun abdii kutannaa uummata keenya biratti uumameef fala akka laatu waadaa galuun hojiitti gale.

Address

Egypt
Dubai

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abbay_አባይ Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share