Oborraa global media network

18/06/2025

Galatoomi adnan m/Abdo

Oduu gaddidiisa Share share godha nama hundaa biraan gaha😢Namni suura isa armaan gaditti arkitan kun Aanaa gooroo guutuu...
06/04/2025

Oduu gaddidiisa
Share share godha nama hundaa biraan gaha😢

Namni suura isa armaan gaditti arkitan kun Aanaa gooroo guutuu karraamillee laaftoo maddaa xaliilaatti nama ajjeesee baafatee maqaan isa Siraac Mohammed hassanee jedhama Lubbuu nama baasee baafatee bakka arkitanitti akka nuuf qabdan kabajaafi jaalalaan isin gaafanna.

Namni inni irratti gocha sukkanneeysa san raawwatee Obboleeysa keenya Najjuu Shama Ash*tee jedhama, isa wajjiin nama sadii tahanii isa ajjeessanii fudhanii makinaatuu ajjeessee ja'aani Akka faana balleeyfataniif fuudhani makinaa deemtuu jalatti darbanii shufeertichiniis makina irra qabee, garuu isaan faanaa balleeyfataaf makinaatuu dhahee jechuu dhaan motoraan makina jalaa fiiganii girgirii uumani hawaasni hundii hogga walitti qabamee kan ajjeesee kun jalaa baafatee kanaaf yaa obboleeyyaan kiyya namuu waannuma dandeeysaniin nu gargaara warraa follow gurguddaa qabuuttiis share nuuf godha nu gargaara lubbuu namaatuu bahee gocha sukkanneeysa dha wly share share godha nama hundaa biraan gaha 😢

19/02/2025

15/02/2025

galatoomaa

‘ Karaan amma deemaa jiran Itoophiyaa kasaarsa, Oromoottis diina baay'isa’ - Jawaar MohaammadNamni siyaasaa Obbo Jawaar ...
19/12/2024


Karaan amma deemaa jiran Itoophiyaa kasaarsa, Oromoottis diina baay'isa’ - Jawaar Mohaammad

Namni siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad mootummaan amma Itoophiyaa bulchaa jiru walitti bu'iinsa adeemaa jiru mariin furuu hin barbaadu jechuun himate. Akkasumas biyyi balaatti adeemaa jirti jechuun 'callisnee hin ilaallu'' jechuun dubbate.

Jawaar turtii BBC waliin taasiseen mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo ( ) gidduu mariin marsaa sadaffaa dhibuuf mootummaa himate. ''Yaalii sana kan dide warra WBO miti, mootummaadha” jedhe.

Gama biraan sochiin riphee loltootaa daangeeffamuu hime. “Ummanni riphee loltoota hin deeggaru. Ummanni lola ifateera. Riphee loltoonni kuni ummata keessa jiru. Dhahannaa onnee ummataa kana ni beekan. Kanaafin akka isaan fedhanitti deemaa hin jiru,'' jedha.

Itti dabaluun ''kuni mootummaadhaaf waamicha. Karaan amma deemaa jiran kuni Itoophiyaas kasaarsa, isaaniis kasaarsa. Oromootti immoo diina baay'isaa jiran…Sirni kuni ummata kiyya fuudhee qilee akka hin seenne yaalaan jira,” jedhe.

Gama kaaniin qondaala mootummaa duraanii Lammaa Magarsaa waliin hariiroo qabaachuu hime. ''Fayyaa akka qabu, Awurooppaa akka jiru nan beeka. Darbee darbee wal quba qabna…Wantiin hin gaabbine keessaa tokko Lammaa deeggaruukooti. Akka Oromoon barbaade dhumarra godhuu baatus,'' jechuun dubbate.

Ajjeechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa ilaalchisee ammoo “du'i Hacaaluu ni qoratama. Har'as ta'uu baatu boru ni qoratama. Dhugaan immoo ni baha. Gaafa tokko garuu qaamni walabaa ta'e dhaabbatee ni qorata,” jedhe.

05/12/2024

-Rakkoon haassaa akummaa itti fufeetti jiraa dhageefadhaa share walif godhaa

  2ffaa Har'a seenaa gootni hayyuun Qannamaash Abdullee hojjatee isin biraan gahuuf yaali godha obsaan dubbisaan afeerra...
18/11/2024

2ffaa



Har'a seenaa gootni hayyuun Qannamaash Abdullee hojjatee isin biraan gahuuf yaali godha obsaan dubbisaan afeerra kooti waliifiis share godha🤚

Duraa irratti Kabajamoo fi jaalatamoo Abbaa keenya Rabbiin rahaamata siif haa godhuu jannataan Rabbiin sihaa qananiisuu sin jenna.

Kanatti aansee seenaa Oromoo keessatti namni maqaan isa qannamaash, dachaasmaach, fitalawraari fi kanneen kana fakkaataan seenaa Oromoo keessatti seenaa fokkotaa dhaan kaafama, kan qannamaash Abdullee garuu addaa, seenaan inni hojjatee fi waanni inni Oromoo dhaaf godha turee kaniin ani barreeysee fixuu dandahuu miti haa tahuu malee seenaa inni hojjatee keessa ilmaan isa wabeeyfadhee akkasumaas hayyoota argaa dhageeyti wabeeyfadhee namoota jaarsolii isaatti dhihaataan irra waanniin dhagahee xiqqoo irra isiniif xuxxuqa.

1 Abdullee Said Turchoo (qannamaash) nama pilaani magaalaa karramillee ijaaree magaalaa godhee akkasumaas hangaa ammaatti pilaani inni baaseen bulaa jirtuu dha, goota fi hayyuu qofa miti mahaandisaas jechuu dandeenya, hangaa ammaatti manneen inni ijaaree tokkolleen isa kan diigame hin jiruu gaafasumaahuu nama itti yaade pilaana itti baase ijaaree waan taheef mahaandisaas jechuu dandeenya jechuu fedheeti ganamumaanuu Rabbiin kenna addaa isa baadhasee Damiinoota Afran qalloo fi kan Oromoo hundaati turee gaafa jaarraa isa san.

2 Abdullee Said Turchoo nama mana barnoota ijaaree barsiisoota itti ramadee miinda isaani kiisha isaati kafalaafi turee kaniin kutaa 1ffaa keessatti isiniif hime san malee mana barnoota kan mootummaan gaafasi biyya hundaa keessatti ijaartee san, mootummaan numa jaartee malee barsiisoota itti hin fidnee, garuu inni barsiisoota itti fida je'ee mootummaa gaafannaan mootummaan bakka bulchinuu hin qabnuu jennaaniin qannamaash Abdullee ammoo mana isaatti barsiisoota galchee waa hundaa isaani dandahee akka namni barnoota baratuuf nama haala San hundaa mijjeeysee dha, gootni fi hayyuun kana caaluu eessa jira? Namni akkanatti hawaasa isaatiif dhaabbatuu.

3 Abdullee Said Turchoo nama seenaa Oromoo fi seenaa 4n qalloo akkasumaas seenaa Oborraa hundaahuu nama barreeysisee hangaa ammaatti kitaabni Oromoo Oborraa bira jira ja'aani kan odeeysaan San, akka maati isa bira jiruu dhageenyee jirra kun seenaa guddaa dha takkittiin tunuu namaaf geeysii, beektoonni addunya warroonni seenaan isaani barraahee kun hundinuu fkn warraa akka Luther king faa seena isa namaatuu barreeysee malee inni hin barreeysinee jechuu fedheeti seenaa tee namaatuu barreeysa garuu inni qaroomina waan qabuuf barreeysisee ol kaayee jechuu fedheeti, waan hedduu takka nama boonsuu fi nama Oromoon ittiin dhaadachuu qabduu dha dhugaa.

4 Abdullee Said Turchoo nama nama gaafa mootummaan haylesillaasee kufee dargiin biyya qabatee san warroota duraan nama miidha turaan keessattuu warroota maqaa qannamaash, dachaasmaach, fitalawraari qaban San hundaa gaafa hidhan, qannamaash Abdullee garuu mootummaan hin hinee sababnii isa hawaasni isa hundii bahee hin hidhina ja'aani waan dhoorkaniif nama namaaf yaaduun fi nama nama biratti fudhatamuu qabuu waan taheef hin hidhamiini, kun maal garsiisa jaalalaa inni lammi isa bira qabuufi quuqama saba isaatiif qabuufi hawaasni isa duraa bahee akka rakkoon irra hin geenyeef aarsaa kafalee osoo rakkoon takka irra hin gahiin nama turee dha.

5 Abdullee Said Turchoo nama hangaa shawaatti deemee maqaa Oborraa ja'uu kana falmatee ifiif bulchaa turee dha kun gootummaa inni qabuu keessa tokko turee, kabajaan inni hawaasa isaatiif qabuu irra kan ka'ee firrii baadiyya irra gaafa isa bira dhufuu inna jaalalaa namaaf qabuu irra keessumma ol dabarsee hangaa isaan hifatan takkatti nama osoo nama hin tuffatin tajaajila turee jedhama kun hayyuumma dha kabajaa namaaf qabaachuu irra maddaa.

6 Abdullee Said Turchoo nama dimookraasi har'a addunyaan itti bultuu kana, keessattuu da'imaa fi shamarraan akka namni xuquu ykn tumuu nama hin hayyamnee jedhama, da'imaa xuquu dhiisi nama ija hamtuun laaluuhuu itti hin dhiisuu ja'aan kun kenna addaati.kabajaa inni maati isa itti guddisee ilmaan isa hogga siif himan dhugumatti qannamaash Abdullee nama kenna addaa qabuu fi jaalalaa inni fira isaatiif qabuu hogga sitti himan garaa kana dhaah nama godha, Oromoon goota akkana kana seenaa isa himuu dhabuun cubbuu qofa osoo taanee dogongora guddaa dha, kanaaf nutiis hundaa illee ta'uu baatuu seenaa isa irra xiqqoo waan odeeyfannee irra gurra isin buusa yaana tan bira insha Allah yoo rabbiin je'ee yeroo gabaabduu keessatti kitaabaan seenaa isa dabalatee tan Afran qalloo tan Oromoo fi tan Oborraa isin biraan geenya.

7 Abdullee Said Turchoo nama mootummaan haylesillaasee ergaa kufee booda dargiin biyya qabatee, dargii bira dhaqee nama dargiin waraqa nageenya kenneefi irra inni nama tokko, nama hawaasa isa biratti jaalatama waan taheef hawaasa isa jaalalaa fi kabajaan tajaajila turee jedhama kanaatuu isa nama hundaa irra adda godha isiniin jechuu barbaadeeti seenaa goota kana takka takkaan isin yaadachiisa yaana media keenya like fi share godha namoota hundaa biraan gaha har'aaf asumarrattin gabaabsa namoota biraatiis seenaa isaani qorannee kan seenaan isaani dhokattee hundaahuu gad yaafna imallii keenya itti fufa seenaan hiyyeeysa hin qabuu galatooma horaa bulaa deebana.♥️🙏

✍️✍️

Iyyaafannoo Obboleeyyan kiyya jaalatamoo fi kabajamoo daa'imnii teenya tun umriin isii waggaa 8 fi 9 jidduu jirtii eega ...
11/10/2024

Iyyaafannoo

Obboleeyyan kiyya jaalatamoo fi kabajamoo daa'imnii teenya tun umriin isii waggaa 8 fi 9 jidduu jirtii eega baddee guyya afur duraa jechuun guyya kibxata (salaasa) guyya irra sa'aa 6:00tti baddee maqaan isii Suada Ahmad Abdoo (Shaanqoo) jedhamtii

Bakki irra baddee harargee baha aanaa kombolchaa magaalaa malkaa raafuu irra baddee hangaa ammaatti liphi isi hin agarree, maatiin isii maraacha jirani yaaboo rabbumaaf jecha namni bakka isin jirtuu nuuf eeree jazaa rabbi irra fi maati isi irra akkaaumaas hundaa keenya irra arkattanii, Rabbiin mana wadaajaatti isi haa qabuu waan laffaati teeysani ni arkattani rabbumaaf jecha nuuf iyyaafadhaa isiniin jenna.

Waan ilmoon ifii dhalaan nama gootuu namuma dhalee arkee rakkatee qofaatuu beeka, ilmoon ilmoof magantaa share godha nama hundaa biraan gaha lakkoofsa maati isi isiniif maxxaansina lakkoofsa armaan gadi kanaan maati isi qunnama eeruu nuuf kenna isiniin jenna galatooma horaa bulaa deebana ♥️🙏

00251915029141
00251931082230

  Sirna kabaja Irreecha Hora Finfinnee fi  Hora Harsadii (Suuraadhaan)
06/10/2024


Sirna kabaja Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadii (Suuraadhaan)

   !!Badhaasa ‘Visit Oromia Tourism Award 2024’ Magaalaa Finfinnee Huteela Skylightitti fudhachuuf jiraachuun ifoome.Iko...
04/10/2024


!!

Badhaasa ‘Visit Oromia Tourism Award 2024’ Magaalaa Finfinnee Huteela Skylightitti fudhachuuf jiraachuun ifoome.

Ikooturizimiin Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsoo_Gursumitti argamu 'Ikooturizimiin gaara Qundhudhoo gosa badhaasaa'Best Ecotourism Site of 2024' jedhu jalatti dorgomee sagalee ummataatiin"Public Vote' kennameen injifateera.

Sirna badhaasa 'Visit Oromia Tourism Award 2024' Fulbaana 23 bara 2017 Hoteela Skylight Finfinneetti geggeeffamurratti argamuudhaan badhaasa Ikooturizimii Gaara Qundhudhoo walitti qabdootni Boordii Misoomaafi Bulchiinsa Ikooturizimil Gaara Qundhudhoo Bulchaa Aanaa Gursum obbo Bakrii Abdullahi fi bulchaan Aanaa Jaarsoo obbo Tajuu Aadam qeebalanii jiru.

25/09/2024
  Allah Saudi Arabia magaala Riyadh keessatti Oborraan baallii Akka sirna gadaa Oromootti waliif dabarsitee jaalalaa fi ...
10/09/2024

Allah Saudi Arabia magaala Riyadh keessatti Oborraan baallii Akka sirna gadaa Oromootti waliif dabarsitee jaalalaa fi kabajaan wal harkaa fuudhiinsa raawwatte jirtii

Kabajamoo Damiina jaarraan isa waan dhumateef Daminummaa isa itti aanaa isa kan turee kabajamoo kennee jira. Bara hojii gaari siin jennaa bara ati muudamtee keessatti tokkummaan Oborraa kan dur caalaa leellisee haa dagaaguu jenna amaana hawaasa akka eeggattuu akkasumaas nama hundaahuu ija takkaan akka laaltuu rabbiin si haa godhuu jennee si eeybifna.♥️

Akkasumaas itti aanaa damina tahee kan muudamee kabajamoo Shekh kan duraan bakka bu'a Damiina cehuumsa tahee filamee amma itti aanaa damina tahee filamee jira bara hojii gaari isiniif haa tahuu tokko tahaa waliin hojjadha isiniin jenna barri keessan bara milkii Rabbiin nuuf haa godhuu.♥️

Kabajamoo keenya Oborraa tahee tahee muudamee jira isaan hundaanuu bara hojii gaarii isiniif haa tahuu jenna akka tokko taataani waliin oborraaf daleeydaan Abdii gudda isinirra qabna Galata guddatuu isiniif malaa isiin jaalanna galatoomaa ulfaadha fayyadaha horaa bulaa deebana ♥️🙏

Address

Pyalong, VIC

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oborraa global media network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share