AMN:Aanole media network

AMN:Aanole media network Aanolee media network

01/26/2025

Maqaa qabsaawota Oromoo 200 wayyaanee fi jala deemtota isaanitiin ukkamfamanii achi buuteen isaanii dhabaman.
============================================

1. Nadhi Gammada (Since 1994)
2. Dabasa Guyo (Since 2015)
3. Yosef Bati (Since 1992)

4. Bekele Dawano Geologist in profession, he studied in Dutch University. He was arrested on 25th October 1992. He was disappeared from Agarfa Prison in 1993.

5. Mustefa Idiris: He was an employee of the Ethiopian Telecommunications Agency in Addis Ababa, and a former long-term prisoner of conscience under the former government (Dergue regime), "disappeared" on his way home from work in Addis Ababa on 31 May 1994 and last seen at 17 hrs. of this date (Since 1994)

6. Mitiku Wadajo: the worker of Oda Share Co. He was last seen on 31May 1994

7. Kasahun Habte: arrested in Finfinee in 1992) Kasahun Habte who was reported to have disappeared was seen in "Maikelawi" prison in April 1996. Since then his where about is not known. The probable place of him will be like other prisoners of conscience could be in ITANG prison in Beni Shangul regional state of Gambela, in Tigray region or any other” bermudas

8. Hunduma Kaba: Hunduma Kaba was a senior member of the OLF and was a member of the Election Committee of the OLF in 1992. Hunduma Kaba disappeared since October 2, 1993.

9. Habtamu Kaba

10. Saddiq Umar Godina Qellem Wallaggaa aanaa Beegii magaalaa Kobor keessaa bara 1993 butamee Finfinnee geeffame. Ergasii achi buuteen isaa hin beekamne.

11. Temesgen Adaba: He had been living in Finfinnee from 1994. In July 1995, Jirenya and Temesgen were abducted by government security men when walking near "Urael Church" in Finfinnee. According to eyewitnesses, they were first taken to a place called "horse house" behind the 1st Police Station, near to Menelik II hospital. After a month there, they were taken for a few days to the criminal investigation centre. Since then, they have been untraceable

12. Dereje Deme (Since 1995)

13. Artist Jiregna Ayana: Jireenyaa Ayana and Temesgen Adaba disappeared from Addis Ababa in August 1995. Jireenyaa was a well-known singer and member of the Gada Theatre and Music Club. He had recordings published and had performed on radio

14. Girma Milkiyas Daddo (Since 1994)
15. Kasahun Tarfa Muleta (Since 1993)
16. Yohannis Ektera
17. Ararso Bedhasa (Since 1999) abducted on Dec 28 from Finfinne. He is from S/W/Shoa Sadan S**o district. He an author of the famous book SEENAA HIDDA DHALOOTA OROMOO SOODDOO

18. Tamiru Ajama (Since 1999) abducted on Dec 28 from Finfinne
19. Benti Gudato (Since 1992). Benti was born Sibu Sire, Wallaga & Graduated from University of Havana, Cuba.
20. Idossa Belay Mummicha ( Since 2000)
21. Namarsan Dadhi ( Since 1997)

22. Takkaanliy Dagoo: He Born in Nuunnuu Qumbaa, East Wallaga. Graduated from Addis Abba University in 1988 from Political Since and International Relation worked for the Ethiopian Government before abducted kidnapped by the Ethiopian Secret Service personnel. Abducted from Finfinnee (Addis Ababa) on 14th of January 1996.

23. Takele Oljirra: Takale Oljira, born in 1967 in Dagam village, E.Wollega, graduated from the Department of Political since & International Relation of Addis Ababa University in 1989 and was working in the Visa and Immigration Department in the capital. While he and a friend were walking in the area near "Teklehaymanot" in November 1992, he was abducted by government intelligence men. A journalist detained in 1994 believes he saw Takale in the Kasa Inchis secret detention centre in Addis Ababa Efforts to locate him before and after this possible sighting has failed.

24. Mulgeta Bedassa (Since 1996/97)
25. Workina Uwissa ( Since 1996/97)

26. Zerihun Kinati Dheressa: He is 37 years old contract worker, of Woreda 10, Kebele 03, Finfinnee, was abducted by armed plain-clothed men and uniformed police in front of a small bar in Woreda 10, Kebele 02, on 17.10.97, about 6.15 pm. His where about are unknown since he was driven off in a car with a private number plate

01/24/2025

Oduu gaarii!

Ameerikaa, kutaa Minisootaatti kan argamu yuunivarsiitii ‘Liberal Arts’ jedhamu keessatti Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkotti barsiifamuu jalqabe!

Obbo barsiisaa jalqabaa gosa barnootaa Afaan Oromoo yuunivarsiitii kanaa ta’uun ramadamanii jiru!

Warri dhamaatanii karoora kana milkeessitan galatoomaa, ulfaadhaa!

“Afaan…..Afaan Oromoodhaa
Awwaalamuu didee hiddisaa cimaadha…”

Puutiin waraana Yuukireen hindhaabu taanaan qoqqoobbii cimaatu eeggata” -Doonaaldi Tiraampi******************** Gaazexaa...
01/23/2025

Puutiin waraana Yuukireen hindhaabu taanaan qoqqoobbii cimaatu eeggata”
-Doonaaldi Tiraampi
********************
Gaazexaa Bariisaa

Pirezdaantiin Ruusiyaa Vilaadmir Puutiin waraana Yuukireen hindhaaban taanaan Ruusiyaarratti taarifni olaanaafi qoqqobbiin kan biroo akka kaahan Pirezdaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi akeekkachiisan.

Tiraampi weerara Ruusiyaa ALA bara 2022 baname guyyaa tokko keessatti akka dhaabsisan dubbatanii turan.

Puutin waraanicha dhaabuuf waliigaluuf qophaa’uu irra deddebiin kan dubbatan yoota’u, kunis kan ta’u Ruusiyaan lafa %20 Yuukireenirraa fudhatte, Yukireeniif akka hindeebine dhugaasaa yoo fudhattedha jedhan.

Tiraampi ibsa Kibxata darbe kennaniin, Puutiin waliin dhiyeenyatti akka haasa’an dubbatanii, gaggeessaan Ruusiyaa gara minjaala mariitti hindhufu taanaan qoqqobbiiwwan biroon akka irra taa’u ibsaniiru. BBC
Amajjii 14 bara 2017

01/23/2025

Kana booda ajaja isin nutti laattaniin dhiiga keenya dhangalaasuu hin barbaannu, kun sagalee loltuu hundaati

Birgaader Jeneraal Kabbadee Raggaasaa haasaa Parlaamaa irratti taasiseen rakkoo biyyattii hundeen furuuf gadi ta'anii mari'achuun akka barbaachisu hime. Dubbiin kun tarii; Gaaga'ama waraanaa Itoophiyaa keessatti adeemaa jiru miseensota waraana mootummaa waan obsa fixachiise fakkaata. Haasaan takkaa taasifame hin beekne paarlamaa biyyattii irratti dubbatamuu isaa dhagaa'ame kun namoota danuun qoodame.

Loltuun kan paartii utuu hin taane kan biyyaa akka ta'uuf tarii ulaa banuu danda'a. Ulaa san saaquu baatus sammuu waraanaa jijjiiruuf gahee taphachuu mala jedhamee abdatame.

Qondaalli Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraal Kabbadee Raggaasaa namootni siyaasaa rakkoo keessan gadi ta'aa furadhaa jechuun dhaamsa dabarse. Sababa keessanitti ajaja isin irraa kennamuun raayyaan ittisa biyyaa aarsaa kaffalaa jiraateera. Sichi garuu aarsaa hin kaffallu. Rakkoo keessan furadhaa ergaa jedhu dabarse. Dubbiin kun kan isaa qofa osoo hin taane sagalee loltuu biyyattii hunda akka ta'etti dubbate.

Namni suuraan isaa miidiyaa hawwaasaan qoodamaa jiru kun dubbii isaan; Afaaniin qofaa itophiyaan hin deegamtu jechuun digamurraa hin baraaru jedhe. Rakkoo keessaan gadi taa'atii furadha.Kanaan boodaa bakka hundaatti dhiigni keenyaa dhangala'aa wareegamaa fi ummanni keenyaas goolaamaa itti hin fuftu.Raayyaan ittisa itoophiyaa waldhabdee Namootaa Siyaasaarran ajaja itti kennamuun gatii baasaa jiraate.

Waraanni mootummaa akka loltoota biyya biroottilammiilee isaan jaallatamaa akka hin jirre hime "Biyya Ormaa deemnee arginee jirra. Huccuu Waraanaa uffannee yeroo cinaasaa Darbinu Ummaanni Keenyaa Ija dalgaan/hamtuun nu ilaala. Amma duuti nu gaha." Jechuun BirgaaderJeneraal Kebbedee Raggaasaa haasaa taasise.

Akka fayyadamtoonni miidiyaa hawwaasaa wal harkaa fuudhanii deddeemsisaa jiranitti namni kun kaleessa Paarlaamaa irratti dubbate. Kun ammoo hanga biyyattii keessatti wanti deemu waraana dabalatee uummata nuffisiisuu isaa agarsiisa.

Balaa ibiddaa Ameerikaa Kutaa Kaalifoorniyaa bakka   jedhamutti akka haaraatti ka'e, Amajjii 21, 2025. Hooggantoonni Kib...
01/23/2025

Balaa ibiddaa Ameerikaa Kutaa Kaalifoorniyaa bakka jedhamutti akka haaraatti ka'e, Amajjii 21, 2025.
Hooggantoonni Kibba Kaalifoorniyaa ibidda bosonaa haaraa ka’ee dhaamsuuf hojjattootaa fi meeshaawwan qindeessaa jiran. Kunis, raagdonni haala balaa ibiddaa qilleensi gogogaa fi bubbee cimaa of keessaa qabu balaa kana hameessuu akka danda'u erga akeekkachiisaniiin booda.
Maddi:VOA

Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Kolleejjii Libiraal Aartis jedhamu kan Ameerikaa Kutaa bulchiinsa Minisootaa keessatti argam...
01/23/2025

Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Kolleejjii Libiraal Aartis jedhamu kan Ameerikaa Kutaa bulchiinsa Minisootaa keessatti argamutti har'a Amajjii 23, 2025 barsiifamuu jalqabuu obbo Baqqalaa Garbaa OMNtti himan.

Obbo Baqqalaa Garbaa ammoo Barsiisaa jalqabaa gosa barnootaa Afaan Oromoo Yuunivarsiiticha keessatti kennaan ta'anii qaxaramuu himani jiru.

Koolejii Libraal Artis keessatti kan egalame sagantaan Afaan Oromoo sirna barnoota idilee yunivarsitichaa keessatti hammatamee barattoonni eebbaaf kireditii isaan barbaachisu keessatti akka lakkaayamuuf beekamee jira.

Akka obbo Baqqalaa Garbaa jedhanitti, barattoonni gosa barnootaa kana fudhachuuf galmaayan 25 yoo ta'an barattoonni 5 eeggattummaan galmaayani jiru jechuun yeroo jalqabaatiif Yuunivarsiitii biyya alaa keessatti Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkotti kennamuu jalqabee jedhan.

Afaanichi Yuunivarsiitiiwwan addunyaa hedduu keessatti akka barsiifamuuf dhiibbaan bal'aan yeroo garagaraatti taasifamaa turuu kan yaadachiisan obbo Baqqalaa Garbaa, har'a milka

Oromiyaa keessatti lola gaggeeffamaa jiruun WBO'n loltoota hedduu booji'uu himus mootummaan deebii hin laanne.Wayiita wa...
01/23/2025

Oromiyaa keessatti lola gaggeeffamaa jiruun WBO'n loltoota hedduu booji'uu himus mootummaan deebii hin laanne.

Wayiita waayee loltoota karaa nagaa galanii mootummaan xiyyeeffannaan baatii tokkoo oliif lallabaa jirutti WBO'n loltuu mootummaa hedduu booji'uu hime. Lola amma gaggeeffamaa jiru naannaawaa magaalaa Finfinneetti ta'uun isaammoo WBO'f xiyyeeffannaa addunyaa akka argatuuf ulaa saaqaa jira

Lola waggaa 6 ol Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiruun miseensonni waraana mootummaa Itoophiyaa kumootaan lakka'aman ajjeefamuu WBO'n gama miidiyaa hawwaasaa Tiwitera isaa ibsaa ture.

Lola WBO fi Loltoota mootummaa Itoophiyaa PP gidduutti adeemu kun ammallee itti fufee jiraachuu isaa kaleessa Tiwitera gubbaa maxxansa katabeen ABO-WBO'n hubachiiseera. Lola adeemaa jiru kanaanis injifannoo argataa jiraachuu eere.

Waraanni mootummaa hedduun harka kennataa jirus jedhee jira. Loltootni harka kennataa jiran kunneen loltoota Raayyaa Ittisa Biyyaa, Foolisii Oromiyaa fi Milishaa ta'uus caqase.

Haalli kun Oromiyaa kutaalee hedduu keessaa adeemaa akka jirus ABO-WBO'n himeera. Bakkeewwan waraanni mootummaa harka WBO tti kennataa jiraachuun eerame keessaa Gujii, Shewa Kaabaa, Wollegaa Bahaa, fi Shewa Lixaa maqaa eeramaniiru. Lola WBO'n adeemsisaa jiru of irraa qolachuun itti ulfaachuun, dhibbaan Waraana Bilisummaa Oromoo n adeemsifamaa jiru cimaa ta'uurraan harka kennachuuf akka dirqamanis maxxansa kanaan himameera

Gama biraatiin Ajajni WBO Giddugaleessaa dheengadda Sululta Bachoo Habilaa keessatti duula waraanaa gaggeessee jira jechuunis maxxamsa kanaan ABO-WBO'n eereera. Magaalaa guddoo biyyattii cinatti tarkaanfiin WBO'n fudhate kun sirnicha naasisuus hime.

Haleellaa jedhame kana ilaalchisee gama mootummaa Itoophiyaa yaadni laatame hin jiru. Mootummaa dhimma waa'ee loltoota karaa nagaa galan jedhuu irra deddeebiin miidiyaa qabuun cinaacha gaggalagalchee gabaasa.

Waayee haleellaa naannaa magaalaa Finfinnee Sulultaatti irra deddeebiin WBO'n raawwatamaa jiruu irrattis yaada kennuurraa of qoqqobeera.

Duulli qindaawaan kab Jawar irratti deemaa jira. Duulichi sagalee Oromoo ukkaamsuufi gidiraa Oromoo irratti raawwatamtu ...
01/23/2025

Duulli qindaawaan kab Jawar irratti deemaa jira. Duulichi sagalee Oromoo ukkaamsuufi gidiraa Oromoo irratti raawwatamtu dhooksuu irraa madda. As irratti yaadota amma deemaa jiru kan "biyya jiigsina" jadhu sun yaada dogongora of keessaa qabuudha. Biyyaafi Mootummaa nu roorrise jigsinaan wal adda! biyya keessa Oromiyaatu jira. Biyya "jiigsina" jachaan Oromiyaas ni dabalata jachi sun osoo itti hiyaadin dubbatame natti fakkaata. Gama yaada ibsachuu barbaaduutti yoon deebi'u. Kab Jawar Mohammed qabsoo "I am Oromo first" jachuun eegale irraa kaasee wayyaanee Qeerroo waliin maqaleetti galchuu irraa kaase hanga ammaatti wantoota Jawar hojjate keessa gurguddaa ummatni Oromoo beeku baay'eetu jira. Kab Jawar nama akka Oromoon mirga isaa caalaatti gaafattu nama dhaloota godhe keessa nama tokkoodha. Ammas Jawar Mohammed dhiibbaa uumee akka Oromoon tokkoomtu godhuu irratti hojjachaa jira. Ammatti Jawar irratti duuluu irra yaada isaa hubatanii yaada furmaata ummata Oromoof ni ta'a jadhan dhiyeessuutu furmaata. Jawar muuxannoo baay'ee qaba. Yoo dhugaa dubbanne Jawar Yuuniversiitii Addunyaa basaastotafi warra boru biyya ni bulcha jadhan itti barsiifatanitti barate bahe dabalataan kuniis Jawar baay'ee fayyadee jira. Walumaagalatti hayyuu ofii dhageeffachuutu barbaachisaadha. Ammatti Oromoo kan fayyadu hayyuu Oromooti kan jadhu hundi yaada furmaata gara fuulduraatti ummata keenya ni ceesisa jadhee yaadu dhiyeessun akka sabni furmaata argatu godhuutu furmaata!! Garuu tokkummaan kan milkaa'u kan danda'u akkuma Jawar jadhe yoo mootummaan marii haqa qabeessaaf qophaa'aa ta'eedha. Warri biyya bilisaa jirtan kophatti Jawar irratti duuluu barbaadu osoo hin taane marii hayyoota Oromoo jadhaa qopheessaa yaada Oromoo ceesisu wal mariin dhiyeessaa!!
👉 Share!! 👇👇👇👇👇

Animals are done! It’s PAWS Season 🐾 Join our community

Canada 🇨🇦
01/21/2025

Canada 🇨🇦

Address

Canada �
Calgary, AB

Telephone

+15878396227

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when AMN:Aanole media network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share