07/25/2026
FI
▬▬▬▬▬▬▬▬
🗣️ Daamuu fi Titiisni obbolaadha. Daamuun angafa yoo ta'u, Titiisni immoo quxisuudha. Haa ta'u malee jireenya mataa isaanii jiraachuuf waan baay'ee hojjetu. Lamaan isaanii iyyuu baal'ee qabu; ni balali'u!
💭 Hojii hojjetanii fi jireenya jiraatan irratti hundaa'uun ilaalchi isaan nama biratti qaban gargari!
✅ TITIISA (TISIISA): Titiisni dhaloota isaa irraa kaasee hanga gaafa du'uutti jiruuf jireenya isaa waan faayidaa hin qabne irratti dabarsa. Ofii isaafis ta'ee namaaf waan bu'aa qabu hin hojjetu.
Naannoo lafa kosii, waan xuraawaa, waan ajaa'aa, waan tortore, waan gatame, waan du'ee fi kan kana fakkaatan irra naanna'uun jireenya dhukkuba hamaa isatti fidu keessa jiraata. Yaa jarana mee ilaalaa! 🤧🤧 kan isaayyuu hin tollee, qaaniin mana isaa hin jiruu dhufee nama irra qubata. "Kan taa'umsatti jibban kaatee namatti sirbiti" akkuma Oromoon jedhu sana jechuudha. Egaa titiisni kun erga dachee kana irratti uumamee jalqabee osoo ofis, namas hin fayyadin deebi'ee du'a jechuudha. Uuggum!! Kana rabbi nama haa oolchu!
✅ DAAMUU: Daamuun dhaloota isaatii jalqabee jireenya ajaa'ibaa jiraata; ofii isaafis gammadee namaaf immoo bu'aa buusee darba. Daamuun abshaala gita hin qabnedha. Injinara beekamaa /cimaadha/. Mana inni lafa jalatti ijaaree keessa jiraatu injiinarootni si'anaayyuu meeshaalee teekinoolojii ammayyaa fayyadamanii ijaaruu hin danda'ani. Raajiidha kan ogummaa isaa! Ogummaa Daamuu beektuu isin??? Kan inni ittiin beekamu keessaa muraasni:
⚪️ Mana ijaaruu/construction engineer/. Maaloo yaa 'L-shape' inni ijaaru!! Raajiidha!
⚪️ Nyaata addaa qopheessuu/Food engineer/ Yaa Damma Daamuu!
⚪️ Ogeessa nageenyaati/Master of security/
⚪️ Ogeessa fayyaati/Doctor of medicine/
Dammi daamuu dhibee adda addaa irraa nama fayyisuu fi akka dhibeef hin saaxilamneef nama gargaara.
✅ Daamuun waan kana hundumaa hojjeta jechuudha. Ofii isaa qofaaf hin jiraatu. Akka titiisaa balaa namatti fida osoo hin taane, balaa nama irraa hambisa. Titiisi erga dhalattee jireenya gadadoo jiraatti waan ta'eef Daamuu booda dhalattee dura duuti.
✉️ Kana irraa kan nuti barachuu/hubachuu/ qabnu:
Namni lafa hin taane oolu, waan hin taane tuttuqaa oolu, waan Waaqnii fi Namni hin jaalanne hojjetaa oolu umuriin isaa akkuma kan titiisaa yartuudha/gabaabduudha/.
✍️ Garuu, namni waan qajeelaa hojjetu akkuma Daamuu umurii dheeraa jiraata. Daamuu iddoon jireenya isaa baay'ee dhokataa waan ta'eef diinni akka salphaatti isa argachuu hin danda'u.
✉️ Ergaan koo inni guddaan: akka Titiisaa waan xuraawaa tuttuquu haa dhiisnu, akka Daamuu waan hurgaa'u malee.
👉 Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ! Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!
: Kan dubbisnerraa (?) ✅️
Barnoota gaggaarii akkasii kana yeroo yeroon argachuuf Fuula kana 👍 • ❤️ • 💬 • 🔄 taasisuun duukaa bu'aa🙏
👉 Afoola Oromoo (Barruu Barateen)
"Madda Beekumsaa • Kuusaa Aadaa • Bu'uura Ogummaa." 🌿