Muaz 4k

Muaz 4k Start from somewhere or you will end up nowhere! Sigma male of the world

ALI AHMED – BOONSAA OROMOO! 🇨🇦⚽Har’a taphni Canada fi Bosnia gidduutti taasifame 1-1 irratti xumurame. Tahus wanti keess...
06/12/2026

ALI AHMED – BOONSAA OROMOO! 🇨🇦⚽

Har’a taphni Canada fi Bosnia gidduutti taasifame 1-1 irratti xumurame. Tahus wanti keessaa na gammachiise keessaa inni guddaan hojii Ali Ahmed dha.

Dhugaa dubbachuuf, osoo Ali Ahmed ilma Oromoo hiddi dhiigasaa tahe gara dirreetti hin seenin dura gareen isaa Canadaan 1:0n durfamaa turan, haala barbaadamuun taphachaa hin turre. Garuu yeroo inni seene irraa eegalee taphni ni jijjiirame. Kubbaan ni socho’e, carraaleen galchii ni uumaman, taphattoonni biroonis kaka’umsa haaraa argatan. Inni dirree irratti argamuun isaa qofa garaagarummaa guddaa uume.

Akka Oromoo tokkootti, Stage addunyaa kubbaa miilaa keessatti sadarkaa guddaa kana irratti maqaa biyya taphachaafii jirun cinatti maqaa Oromoo,biyya keenyaa fi Afrikaa ol kaasaa jiru arguun baay’ee nama gammachiisa. Har’a galchii galchuu dhiisuu danda’a, garuu hojii isaa fi dhiibbaa inni taphicha irratti uumee namni hundi argeera.

Ali Ahmed jechuun taphataa qofa miti; fakkeenya dargaggoota Oromoo hedduuti. Nuti hundi hojii isaa irratti ittiin boonna, fuuldurattis milkaa’ina isaa hawwina.

Boona Oromoo! Boona Canada!
Ali Ahmed, itti fufi; nuti si faana jirra. ♥️🇨🇦

Dhiirti gaafa kaayyoo biyyaa baateef hubatte akkanaan abjuu ofii milkeessiti! Jabaadhu ammallee   kanaa ol tarkaafadhu i...
06/11/2026

Dhiirti gaafa kaayyoo biyyaa baateef hubatte akkanaan abjuu ofii milkeessiti! Jabaadhu ammallee kanaa ol tarkaafadhu ilma Sooressa jaarraa abbaa gada! Milkaa’ina ilma namaatif murteessaan iddoo jiruu miti!

America, Europe, Australia jiraatteef osoon taane kaayyoo keettu murteessaadha! Dargaggeessi kunBaadiyyaa Biyya Arabaa keessa taa’ee Kaayyoo ofii milkeesse! Kana qofaa miti bakka gargaarsa Nama keenyaa tokko hafee hin beeku! Dachaan tan barakaa siif haa godhu bro!
Qeeransaa Oromo 🦁❤️

05/23/2026

Never give up

Congratulation for 1 million view! thank you my family! Ilaal Waan dhiirti qabde Kunoo!🔥😍Galmee Seenaa Galaana Gaaromsa...
04/18/2026

Congratulation for 1 million view! thank you my family! Ilaal Waan dhiirti qabde Kunoo!🔥😍

Galmee Seenaa Galaana Gaaromsaa fi yosan✌️🤍🙏

soba soba laali machii jibbaa; soba soba maallaqani wayi samii roobaa! Abbaa biyyaa wallaatee daboo jibbaan maraattee, Q...
04/17/2026

soba soba laali machii jibbaa; soba soba maallaqani wayi samii roobaa! Abbaa biyyaa wallaatee daboo jibbaan maraattee,

Qoree kan baasan qoreedhaani,
qe’ee namaa dhuftee Sobaan hin boo’in naaf jedhaani;

Aduun addeessan taatu adalli leencan mootu! Dhaloota boo’ichaa Zarraaf gurraa bichaa…!❤

Galaana Gaaromsaa fi yoosaan deebii ajaa’ibaa🔥🙏

Gadda guddaan nu mudate…😭Innaalillahi wainnaa Ileeyhi raaji’uunArtistii hangafa aartii Oromoo, sagalee miidhagaa fi qalb...
03/21/2026

Gadda guddaan nu mudate…😭
Innaalillahi wainnaa Ileeyhi raaji’uun

Artistii hangafa aartii Oromoo, sagalee miidhagaa fi qalbii nama tuquun dhaloota hedduu bohaarsaa ture,Mahdi Abdurahmaan (Xiqqaa), addunyaa kana irraa boqoteera.

Nama amala gaarii qabu, kan namni hundi jaalatu, kabajaa fi jaalala ummata isaa keessa jiraataa ture. Seenaa isaa keessatti yeroo tokkos, Dr Art Alii Birraa namni bakka isaa bu’u akka Mahdi Xiqqaa tahe maqaa dhahuun dubbatanii turan, hammam akka inni dhaloota itti aanu jajjabeessu fi deeggaru agarsiisa.

Halkan kaleessaa akka tasaa garaan dhukkubee gara mana yaalaa geeffamee, yaalii godhamaa ture keessatti lubbuun isaa addunyaa kana irraa boqote.

Du’a hin eegamne kanaan, ummanni Oromoo fi jaalattonni aartii hundi gadda guddaa keessa jiru.

Rabbiin Jannata haa isa qubsiisu 🤲
Maatii isaa fi jaalattoota isaaf obsa haa kennu.
Seenaa isaa, sagalee isaa fi hojii isaa gaarii, yeroo hundaa qalbii keenya keessatti ni jiraata.

🕊️ Rest in Peace Legend

01/08/2026

"Namni Guyyaa Jumu'aa Suuraa Kaahf Qara’e, Jumu’aa Lamaan Jiddutti Nuurarraa ifaa Taheetu isaaf Ibsamaa." Je'an Nabiin ﷺ

Rabbi isa haa fayyisu,! Ustaaz abubakar Master Abinet biratti argamuun Du'aa'ii godhaniif🤩🙏
12/26/2025

Rabbi isa haa fayyisu,! Ustaaz abubakar Master Abinet biratti argamuun Du'aa'ii godhaniif🤩🙏

Eebba kitaaba obbaleessa khenya  Jemal guyyaa december 20 karaa tiktok live birraa Jemal  irratti waan eeybifamuuf namuu...
12/15/2025

Eebba kitaaba obbaleessa khenya Jemal guyyaa december 20 karaa tiktok live birraa Jemal irratti waan eeybifamuuf namuu dhuftanii akka qooda irraa fidhattan khabajaan isin afeerree jirra ilma isaa kan hangafaa haala bareedaan haa simannuuf isiniin jenna. Affeerraan ulfina Hafuun salphina
Birraa kiyya Carraa gaarii

Àlhamdulillah pool Poogbaan turtii waggootaan booda Yeroo jalqabaatiif gara dirree kubbaa Millaa Deebi'ee  ❤️💚 Poogbaan ...
11/23/2025

Àlhamdulillah pool Poogbaan turtii waggootaan booda Yeroo jalqabaatiif gara dirree kubbaa Millaa Deebi'ee ❤️💚
Poogbaan Akkumaa Taphaani Xumuramnee jilbeenfatee dirree keessatti sujuude Raabbiif galaata galchee Àlhamdulillah Jechuun mirraa Gammachuun ija isaa cufee-imimmaan ofirraa dhangalaase 😭
Taphataan sarara gidduu lammii Firaansi Pool Poogbaan erga adabbiidhaan kubbaa miillaa irraa fagaatee tureen booda Har'a galgala tapha kilabni isaa Moonaakoon Istaade Reensi waliin Taasise irratti hiriiree Taphaate 🙏🙏

Poogbaan kaayyoon isaa ga'umsa isaa gaariitti deebi'uun Waancaa Addunyaa 2026 irra hirmaachuudha Isha Alah 🙏 ❤️

poogbaa Bagaa Gammade jalaatoonnii Kubbaa Millaa Bagaa Gammadana poogbaa Jechuun Kubbaa Millaa Jechuudha football is back 🙏🙏

Àlhamdulillah pool poogbaa Deebi'ee jírraa Pogba is back black Diamond 💎💎 Paul Labile Pogba

Address

Edmonton, AB
T5L

Telephone

+251951157698

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Muaz 4k posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Muaz 4k:

Share