01/07/2026
HATATAM NEWS MEDIA
Traamp Giriinlaand bittaa gochuuf marii cimaa gaggeessaa jira – Waayit Haawus
Waayit Haawus akka beeksisetti, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traampii fi gareen nageenya biyyaalessaa isaa mootummaa Deenmaark jala kan jirtu Giriinlaand bittaa gochuuf marii cimaa gaggeessaa jiru.
Dubbii himaan Waayit Haawus Kaariolaayin Leevit akka jetteetti, dhimmi kun amma Pirezidaantii Traampii fi hooggantoonni nageenya bal’inaan irratti mari’achaa jiranidha. Garuu Giriinlaandi fi Deenmaark lamaan isaanii iyyuu yeroo hedduu Giriinlaandi hin gurguramtu jechuun ibsanii jiru.
Mootummaan Ameerikaa akka jedhetti, Giriinlaandi nageenya Ameerikaatiif bakka istiraateejii guddaadha. sababiin isaas iddoo isheen Ameerikaa Kaabaa fi naannoo Aarktiik gidduutti argamtu, akkasumas sirna akeekkachiisaa haleellaa missayilii fi hordoffii dooniiwwan irratti faayidaa guddaa qabaachuu ishee ti.
Dabalataanis, qabeenya uumamaa akka albuuda aduu hin badne, yuuraaniyemii, zayitii fi gaazii qabaachuun Giriinlaand fedhii biyyoota gurguddoo hawwachaa jirti;
Traamp duraanis bara 2019 Giriinlaand bittaa gochuuf yaada dhiyeesse ture; yeroo sana garuu Deenmaark “hin gurguramtu” jechuun deebii kenneef. Amma immoo, Waayit Haawus akka jedhetti, filannoowwan gara garaa irratti mariin gaggeeffamaa jira; garuu filannoon duraa diplomasii ta’uu ibsameera.
Hatatam News Media – Oduu Dhugaa,