Anes Mohammed

Anes Mohammed Gufuu ta anii wal kuffisuu irra, Tulluu ta ‘anii wal muldhisuu woyya!
(1)

   Guyyaa Jum'aa1. Guyyaa Abbaan keenna Aadam keessa uumameedha.2. Guyyaa isa keessa jannata seensifame.3. Guyyaa isa ke...
05/12/2025

Guyyaa Jum'aa
1. Guyyaa Abbaan keenna Aadam keessa uumameedha.
2. Guyyaa isa keessa jannata seensifame.
3. Guyyaa isa keessa jannata keesssaa baafame.

4. Guyyaan jum'aa guyyaa qiyaamaan keessa dhaabbattuudha.

من فضائل يوم الجُمعة: عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: (خَيْرُ يَوْمٍ طَلَعَتْ عَلَيْهِ الشَّمْسُ يَوْمُ الْجُمُعَةِ، فِيهِ خُلِقَ آدَمُ، وَفِيهِ أُدْخِلَ الْجَنَّةَ، وَفِيهِ أُخْرِجَ مِنْهَا). رواه مسلم (1410).

Sadarkaa Jum’aa keessaa: Abuu Huraayiraan Rabbiin isa haa jaallatu, innis akkana jedhe: Ergamaan Rabbii [s.a.w] nagayaa fi rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatuu; akkana jedhan: “Guyyaan aduun keessa baate hundarra gaariin Jum’aa dha , kan Adam isa keessa uumame. Guyyaa isa keessa jannata seensifame, guyyaa isa keessa jannatarraa baafame. [Sahiiha Muslim lakk. 1410]
Guyyaan qiyaamaan keessa dhaabbattus, guyyaa jum'aati.
Guyyaa kana keessa ergamaa Rabbii irratti salawaata buusuu qabna. اللهم صلى على محمد

✅ Waasdii Dhiiraf Fafaa / Salphinaa ja'e .Sadeeni jannaan ?✍️1 keessummaan galanii hiraata dhabuun fafa .✍️ 2  Shahaadaa...
04/12/2025

✅ Waasdii Dhiiraf Fafaa / Salphinaa ja'e .
Sadeeni jannaan ?
✍️1 keessummaan galanii hiraata dhabuun fafa .
✍️ 2 Shahaadaa malee Du'uun fafa .
✍️ 3 Lola dhaqanii Ulee dhabuun fafaa ja'e
Yeroo kana Aaqilli waan ja'een
hundinuu waafafaa mitii ja'een .
Hayyee ja'een
✍️ 1 keessummaan galanii hiraata dhabuun fafaa
mitii ,
✅FUULA dhabuutu fafaa ja'een .
✍️ 2 Shahaadaa malee Du'uun fafaa mitii
✅IBAADAA malee jiraachuutu fafaa ja'een .
✍️ 3 Lola dhaqanii Ulee dhabuun fafaa mitii , Lola dhaqanii
✅ONNEE dhabuutu fafaa ja'een .
Ajaa'iba.

!!

Anes Mohammed

04/12/2025

Halkan Jum'a. Ergama Rabbii Nabi Muhammadﷺ .Irraatti Salawata Buusu Baay'isaa❣️

✧Waa Sadii Ifa Waa Sadii immoo dukkana➪ Guyyaan ifa halkaan dukkana.➪ Barumsi ifa wallalli dukkana.➪ Bilisummaan ifa gab...
03/12/2025

✧Waa Sadii Ifa Waa Sadii immoo dukkana
➪ Guyyaan ifa halkaan dukkana.
➪ Barumsi ifa wallalli dukkana.
➪ Bilisummaan ifa gabrummaan dukkana.

✤ Waa Sadii Qabaadhu!
➪ Amantummaa
➪ Dhugaa
➪ Qulqullumaa

✤ Addunyaan Waa Sadii Qabdii!
➪ Dhalachuu
➪ Barachuu
➪ Du'uu

✤ Waa Sadii Dabaladhu!
➪ Beekumsa
➪ Eebba manguddoo
➪ Jaalala

✤ Yaa Lubbuu Waa Sadiif Ta'ii!
➪ Dandeenyaan biyyaaf ta'ii
➪ Dadhabnaan lammiif ta'ii
➪ Dadhabnaan ofiif ta'ii

✤ Waa Sadii Hin Dagatiin!
➪ Kaayyoo kee
➪ Afaan kee
➪ Amanti kee

✤ Waa Sadii Jaaladhu!
➪ Eebba
➪ Jaalala
➪ Gootummaa

✤ Ilmi Waa Sadii dha!
➪ Kan ofiif jiraatu
➪ Kan biyyaaf jiraatu
➪ Kan biyyaan jiraatudha.

✤ Jaarsummaan Waa Sadii!
➪ Obsuu
➪ Gorsuu
➪ Dhoksuudha.

✤ Waa Sadii Kabaji!
➪ Amantii kee
➪ Manguddoo
➪ Beellama.

✤ Waa Sadii Cimsi!
➪ Hiriyyummaa
➪ Jaalala
➪ Waadaa seente.

✤ Waa Sadii Hawwuun gaariidha!
➪ Fayyaa
➪ Gammachuu
➪ Hiriyaa gaarii

✤ Waa Sadii Namaa Xiqqeessa!
➪ Sobuu
➪ Hatuu
➪ Machaa'uu.

✤ Waa Sadii Itti fayyadamii!
➪ Yeroo
➪ Beekumsa
➪ Qarshii

Keessummaan Waa Sadii feeti!
➪ Foon lafee hin qabne ( Arraba gaarii)
➪ Itilee rifeensa hin qabne ( Fuula gaarii)
➪ Lafee foon hin qabne ( Ilkaan gaarii).

✤ Waa Sadii Jala Deemi!
➪ Hayyuu
➪ Dhugaa
➪ Barsiisaa.

🙏🙏 Waan dubbistaniifi Beektan Hiriyootan keessaniif Sharee Godhaa

!!!!!

fans

Sodaan Rabbii Maal Akka Taate Ni Beettaa ?•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Sodaan Rabbii Dhaamsa khaaliqni i...
02/12/2025

Sodaan Rabbii Maal Akka Taate Ni Beettaa ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Sodaan Rabbii Dhaamsa khaaliqni ilmaan namaa hundaaf Dhaame, akkasuma dhaamsa Ambiyoonni hundi Ummata isaaniitiif dhaamani.

• Rabbiin Qur’aana isaa Keesatti akkana ja’a “ Nama Rabbi Sodaate, Rabbiin Karaa inni itti Rakkoo Keessaa ittiin bahu isaaf taasisa”.

Rabbi sodaachuun akka isatti dhihaannee waan inni jaalatu daleeynu Nu Taasisti, Gaafa waan inni nurraa jaalatu daleeyne ammoo Rabbiin Galata Gaarii Nuuf kafaluuf taa’a.

• Sodaa Rabbiiti jechuun ammaas, waan Rabbiin itti nama ajaje hunda dalaganii waan irraa nama Dhoorka dhiisuudha, Gaafa waan inni itti si ajaje hunda raawwatte ati dhugumaan isa sodaatte, akkasumaas Gaafa waan inni si dhoorke irraa dhoorkamte ati Dhugumaan isa jaalatte.

• Aliyyi Ibni Abii Xaalib Rabbi isarraa haa jaalatuu Yeroo waan Taqwaa dubbatu akkana ja’e, “ Taqwaadha jechuun Dhugumaan Rabbi Sodaachuudha, Kitaaba Rabbiin buuse itti Dalaguudha, xiqqoo Rabbiin siif kennetti quufuudha, akkasuma ammaas Guyyaa Addunyaa tanarraa deemaniif qophaawuudha”’

Rabbiin Sodaa Isaa Tan Dhugaa San Nuuf Haa kennu.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

Maqaa Rabbiitiin dhukkubni hamaanii fi duuti dingataa carraa keessan hin tahin!Sa'aa amma jirru kanaa booda hulaa balloo...
02/12/2025

Maqaa Rabbiitiin dhukkubni hamaanii fi duuti dingataa carraa keessan hin tahin!

Sa'aa amma jirru kanaa booda hulaa balloo isiniif haa banu
Rakkoo isinirraa haa cufu.

Galmee teessan galme warra gaafii malee jannata seenu keesaatti isiniif haa galmeessu.

Anaafii isiniis halkanii fi guyyaa keeyrii nu haa hojjachiisu.
Dalagaa teenya nurraa haa qeebalu.

Ollaa ergamaa rabbii ❤️ﷺ ❤️ hibiibii keenya bira nu haa qubsiisu.
Seenaa Ulamoota Ethiopia
Du'aa'ii tana Akkuma Aamiin jatteen obboleeyyan keetiif Share godhi Rabbi Ammumatti nuuf haa qeebalu Aamiin Aamiin Aamiin

𝚂𝙰𝙻𝙰𝙰𝚃𝙰 𝚁𝙰𝙱𝙱𝙸𝙸 𝙺𝙴𝙴𝚃𝙸𝙸 𝙰𝙺𝙺𝙰𝙽 𝙹𝙰𝙱𝙴𝙴𝚂𝚂𝙸••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••𝙷𝚒𝚗 𝚑𝚒𝚏𝚊𝚝𝚒𝚗𝚒𝚒 𝙾𝚋𝚜𝚊𝚊𝚗 𝚗𝚊𝚊𝚏 𝚍𝚞𝚋𝚋𝚒𝚜𝚒 𝚜𝚒 𝚏𝚊𝚢...
29/11/2025

𝚂𝙰𝙻𝙰𝙰𝚃𝙰 𝚁𝙰𝙱𝙱𝙸𝙸 𝙺𝙴𝙴𝚃𝙸𝙸 𝙰𝙺𝙺𝙰𝙽 𝙹𝙰𝙱𝙴𝙴𝚂𝚂𝙸
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
𝙷𝚒𝚗 𝚑𝚒𝚏𝚊𝚝𝚒𝚗𝚒𝚒 𝙾𝚋𝚜𝚊𝚊𝚗 𝚗𝚊𝚊𝚏 𝚍𝚞𝚋𝚋𝚒𝚜𝚒 𝚜𝚒 𝚏𝚊𝚢𝚢𝚊𝚍𝚊𝚊

≈▲. 𝙳𝚒𝚛𝚚𝚊𝚖𝚊 𝚁𝙰𝙱𝙱𝙸𝙸 𝚔𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙳𝚑𝚊𝚊𝚖𝚜𝚊 𝚗𝚊𝚋𝚒𝚢𝚢𝚒𝚒 𝚔𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊 𝚂 𝙰 𝚆.

≈▲. 𝙼𝚞𝚕𝚕𝚒𝚜𝚝𝚞𝚞 𝚊𝚖𝚊𝚗𝚝𝚒𝚒 𝚝𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙼𝚒𝚛𝚔𝚊𝚗𝚎𝚎𝚢𝚜𝚒𝚝𝚞𝚞 𝚎𝚎𝚗𝚢𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚔𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙳𝚊𝚜𝚒𝚒 𝚒𝚓𝚊 𝚝𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙶𝚊𝚖𝚖𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚕𝚞𝚋𝚋𝚞𝚞 𝚝𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙳𝚑𝚒𝚒𝚢𝚡𝚞𝚞 𝚍𝚒𝚕𝚒𝚒 𝚝𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙸𝚋𝚜𝚒𝚝𝚞𝚞 𝚚𝚊𝚋𝚛𝚒𝚒 𝚝𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝚁𝚊𝚊𝚑𝚊𝚊 𝚕𝚊𝚑𝚍𝚒𝚒 𝚝𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙽𝚞𝚞𝚛𝚊 𝚚𝚊𝚕𝚋𝚒𝚒 𝚝𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙱𝚊𝚛𝚎𝚎𝚌𝚑𝚒𝚝𝚞𝚞 𝚏𝚞𝚞𝚕𝚊 𝚔𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙵𝚊𝚢𝚢𝚊𝚊 𝚚𝚊𝚊𝚖𝚊 𝚔𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝚃𝚘𝚘𝚕𝚌𝚑𝚒𝚝𝚞𝚞 𝚑𝚊𝚊𝚕𝚊𝚊 𝚏𝚒 𝚊𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚔𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝚃𝚊𝚜𝚐𝚊𝚋𝚋𝚎𝚎𝚢𝚜𝚒𝚝𝚞𝚞 𝚜𝚊𝚖𝚖𝚞𝚞 𝚝𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙴𝚢𝚍𝚞𝚞 𝚗𝚊𝚐𝚊𝚢𝚊 𝚔𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙵𝚊𝚊𝚢𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚞𝚞𝚏 𝚓𝚒𝚛𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚔𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙱𝚊𝚕𝚕𝚒𝚜𝚝𝚞𝚞 𝚛𝚒𝚣𝚚𝚒𝚒 𝚝𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝚀𝚞𝚕𝚚𝚞𝚕𝚕𝚎𝚎𝚢𝚜𝚒𝚝𝚞𝚞 𝚀𝚊𝚊𝚖𝚊 𝚔𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝙷𝚊𝚛𝚒𝚒𝚛𝚘𝚘 𝚊𝚗𝚊𝚊 𝚏𝚒 𝚁𝙰𝙱𝙱𝙸𝙸 𝚔𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊.

≈▲. 𝚀𝚞𝚕𝚏𝚒𝚒 𝚓𝚊𝚗𝚗𝚊𝚝𝚊𝚊.

≈▲. 𝚁𝚊𝚔𝚔𝚊𝚝𝚊𝚊𝚏 𝚏𝚞𝚛𝚖𝚊𝚊𝚝𝚊.

≈▲. 𝙶𝚊𝚖𝚖𝚊𝚌𝚑𝚒𝚒𝚏𝚝𝚞𝚞 𝚌𝚒𝚗𝚚𝚊𝚝𝚊𝚊.

≈▲. 𝙻𝚊𝚊𝚏𝚏𝚒𝚏𝚝𝚞𝚞 𝚠𝚊𝚊𝚗 𝚓𝚊𝚋𝚊𝚊𝚝𝚊𝚊.

𝙰𝙳𝙰𝚁𝙰𝙰 𝙰𝙳𝙰𝚁𝙰𝙰

𝙷𝙸𝙽 𝙻𝙰𝙰𝙵𝙵𝙸𝚂𝙸𝙽, 𝙷𝙸𝙽 𝚇𝙸𝚀𝚀𝙴𝚈𝚂𝙸𝙽,
𝙷𝙸𝙽 𝙻𝙰𝙺𝙺𝙸𝚂𝙸𝙽, 𝙷𝙸𝙽 𝙳𝙷𝙸𝙸𝚂𝙸𝙽,
𝙷𝙸𝙽 𝚃𝚄𝙵𝙵𝙰𝚃𝙸𝙽, 𝙷𝙸𝙽 𝙳𝙰𝙶𝙰𝚃𝙸𝙽,
𝙷𝙸𝙽 𝙷𝙸𝙵𝙰𝚃𝙸𝙽, 𝙷𝙸𝙽 𝙹𝙸𝙱𝙱𝙸𝙽,
𝙱𝙾𝙾𝙳𝙰𝚃𝚃𝙸 𝙷𝙸𝙽 𝙰𝙰𝙽𝚂𝙸𝙽,
𝚈𝙰𝚁𝙾𝙾𝙽 𝚂𝙰𝙻𝙰𝙰𝚃𝙸,
𝙹𝙰𝙱𝙴𝙴𝚈𝚂𝙸, 𝙹𝙰𝙱𝙴𝙴𝚈𝚂𝙸 !!!

===>. 𝚈𝚊𝚊 𝚁𝙰𝙱𝙱𝙸 𝚠𝚊𝚛𝚛𝚊 𝚜𝚊𝚊𝚕𝚊𝚝𝚗𝚒 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚗𝚒 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚚𝚎𝚎𝚋𝚊𝚕𝚖𝚝𝚞 𝚗𝚞 𝚝𝚊𝚊𝚜𝚒𝚒𝚜𝚒.

𝚈𝚊𝚊 𝚁𝙰𝙷𝙼𝙰𝙰𝙽 𝚜𝚊𝚕𝚊𝚊𝚝𝚊𝚊𝚗 𝚓𝚒𝚛𝚞𝚞 𝚝𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚗𝚞𝚞𝚏 𝚋𝚊𝚛𝚎𝚎𝚌𝚑𝚒.
𝙰𝚊𝚊𝚊𝚊𝚊𝚖𝚖𝚖𝚖𝚖𝚖𝚒𝚒𝚒𝚒𝚒𝚗
Anes Mohammed

ASTAGHFIRULLAAH JA’I RABBIIN KEE SI MILKEEYSAA•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Gaddi sirraa fagaat...
29/11/2025

ASTAGHFIRULLAAH JA’I RABBIIN KEE SI MILKEEYSAA
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Gaddi sirraa fagaata,gammachuu qalbii ni obaafamta! Rakkina jalaa furamtee rakkoon tee furmaata ni argatti! Hulaan Rahmataa Siif ni banamti ! Rizqii quba hin qabnee fii jabina qaamaa ni argatta! Araarama Rabbii Kee Gaafataa Ooli! "Astaghfirullaah" Jedhi! hanga feete yoo Jette : jaalatamaadha malee daangeffamaa miti!

Dubbii tana dhageessee?!

وعن ابن عباس رضي الله عنه قال‏:‏ قال رسول الله صلى الله عليه وسلم ‏:‏ “من لزم الاستغفار ، جعل الله له من كل ضيق مخرجاً ومن كل هم فرجاً، ورزقه من حيث لا يحتسب‏"‏ رواه أبو داود‌‏.‏

Abdallaah Bin Abbaas (Rabbiin irraa haa Jaalatuu) akkana jedha;" Ergamaan Rabbii (صلى الله عليه وسلم) akkana jedhu: "Namni kamuu yoo yeroo hunda araarama Rabbi kadhate: 'Astaghfirullaah ' jedhee cimsee qabe: Rabbiin : Rakkoo hundaaf furmaata, cinqii hundaaf bal'ina kennaaf! Bakka inni hin tilmaamne irraahiis hiree (Rizqii) gadi naqaaf "

(Abuu Daawuud ~ RIYAAD AS-SAALIHIIN )

Jabeessi ! Jabduun hunduu si jalatti cabdi!
Hin dagatin! Gaafa ambi dadhabe Rabbiin sin dagatu !

'' Astaghfirullaah " haa jennuu !

Yaa Rabbii Nuuf Laaffsii

!!

Dhaamsa Shan 5  Kan Aliyyi Ibni Abii Xaalib Dhaame••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••1: Rabbii Keetirraa ...
29/11/2025

Dhaamsa Shan 5 Kan Aliyyi Ibni Abii Xaalib Dhaame
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1: Rabbii Keetirraa Malee Waa Hin Kajeelin

2: Waan Hin Beeyne Barachuu Hin Jibbin

3: Waan Hin Beeyne Yoo Gaafatamte Hin Beekhu Jechuu Hin Sodaatin

4: Cubbuu Tee Malee Hin Sodaatin

5: Obsi iimaanarraa Akka Mataan Qaamarra Jiru Jiraa Hin Wallaalin

• Kan Waa irraa kajeelan Rabbii Tokkicha qofa, kan siif kannee hin Hifanne, ilmi namaa ammoo arra yoo Waa siif godhe boru itti deebinaan ifirraa si ari’a, kanaafuu Rabbuma Keenya qofarraa haa kajeellu.

• Namni daqiiqaa muraasaaf gaaddisa barnootaa jala taa’uu dadhabe, jiru isaa guutuu deemee Waa Gaafachaa oola, Kanaaf wallaalaan akka hin miidhamneef Waa barachuu hin jibbin.

• Waan hin beeyne hin beekhu jattee deebisuun cinaa Beekkumsaati, waan Hin Beeyne niin beekha jattee dubbii walitti laaquun ammoo wallaalummaadha, Kanaaf Yoomillee taanaan waan hin beeyne niin beekha jattee waan hin taane hin deebisin.

• Cubbuu namatti dalaguu akkaan irraa fagaadhu, Cubbuu Namni sitti dalaguuf hin cinqatin Rabbiin Guyyaa Tokko irraa siif kafaluuf taa’a.

• Sadarkaan Obsaa akka malee guddoodha, obsi iimanarraa bakka mataan qaamarraa Qabu qaba, kanaafuu obsa haa qabaannu.

Rabbiin kheeyrii Addunyaa fii Aakhiraa Hunda Walitti Nuuf Haa Qabu.🤲

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

fans

Namni Waa 3 Qabu Dhugumaan Mi’aa iimaanaa Arkate•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Hadiisa qulqulluu...
28/11/2025

Namni Waa 3 Qabu Dhugumaan Mi’aa iimaanaa Arkate
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Hadiisa qulqulluu Anas Ibnu Maalik Rabbi isarraa haa Jaalatuu Nuuf Odeeyse keessatti Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana ja’e.

“Namni Waa 3 isa keessatti arkamte dhugumaan mi’aa iimaanaa arkate” Hadiisa Kana Imaamul Bukhaariitu Gabaase.

Wantoonni Sadeen San akka Armaan Gadii kana:

1: Rabbii fii Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Waa hunda caalaa isa biratti jaalatamuu.

• Akkana jechuun ati Rabbii fii Rasuula Waa hundaa ol yoo isaan jaalatte Dhugumaan mi’aa iimaanaa arkatte jechuudha. Kanaafuu Waa hunda Caalaa Rabbii fii Rasuula haa jaalannuu.

2: Gabrichi Rabbii waan jaalatu hunda Rabbumaaf jecha jaalachuu.

• Waan jaalattu hunda Rabbumaaf jecha jaalachuu osoo Fuula namaa, beekkamtuu, haa na arkaniif jecha hin taane.

3: Erga Rabbiin Islaamummaa siin fedhee karaa badaa irraa si qajeelche booda, karaa badaa duraan irra turte sanitti deebi’uu jibbuu, Akkuma ibiddatti darbamuu jibbitutti.

• Erga Rabbiin Islaamummaa siin fedhe booda karaa badaa Rabbiin hin jaalanne kan duraan irra turte San jibbitee irraa fagaachuu akka ibiddatti darbamuu jibbitutti, kun ammoo mallattoo mi’aan iimaanaa si keessatti arkamuuti.

• Rabbiin Warra wantoota asiin olitti dubbannee dabarsine kana hunda qabaatee dhhgumaan mi’aa iimaanaa dhandhamu Nu Haa Taasisuu.

Barreeffama kana Dubbisaatii Share waliif Godhaa.

!!

Anes Mohammed

Sunnaa jabduu ,namni mu’uminaa cufti irratti tiiyfachuu qabu salaata witriiti👇•Waqtii isii : Salaata Ishaa’ii irraa jalq...
21/11/2025

Sunnaa jabduu ,namni mu’uminaa cufti irratti tiiyfachuu qabu salaata witriiti
👇

•Waqtii isii : Salaata Ishaa’ii irraa jalqabee hanga salaata subhii gahutti.

Irra caaltuun yeroo salaata witrii tan gama salaata subhii dhihaattuudha.

•Lakkoofsa Raka’a isii ; irra xiqqaan isii Raka’a Takka irra guddaan isii Raka’aa Kudha Takka.
Salaatni witrii qariidha saniis raka’a 1,3,5,7,9 fi 11.
👇
Rasuulli ‎ﷺ akkana ja’a “witriin qariidha ,qarii Rabbiin ni jaalata ”

Rasuulli ‎ﷺ akkana ja’an“ Witrii salaatuun nama muslimaa cufa irratti haqa.”

Rasuulli ‎ﷺ akkana ja’an “Rabbiin salaata fardii irratti salaata Tokko isiniif dabaleeti jira ,saniis salaata witriiti.”

Rassuulli ﷺ akkana ja’an “Salaata witrii nama Mu’uminaa malee irratti hin tiiyfatu.”

Abu hureeyraa ,Abu darda’a fi Abuu zarri isaan sadeenuu Ergamaan Rabbii osoon hin rafneen duratti akka witrii salaatnu nuuf dhaaman ja’an.

•Qara’atii witrii keessatti qara’amtu ; Rasuulli ‎ﷺ Raka’a sadeen keessatti wal duraa fi duubaan Suuraa “Al A’alaa ,Al kaafiruun ,Al ikhlaasiin” kan salaatu ture.

•Dua’ii witrii keessatti qara’amtu : “Allahummahdnii fiiman hadeeyta , wa’aafinii fiiman Aafeeyta…”
•Zikrii eega salaata witrii fixanne booda jannu :

“Subhaanal malikil Qudduus “ oggu Sadi janna.

Ta Sadaffaa ammoo sagalee ol fuuneeti janna.

fans

𝗪𝗔𝗔 𝗔𝗙𝗨𝗥 𝗥𝗔𝗕𝗕𝗜𝗜𝗡 𝗦𝗜𝗜𝗙 𝗛𝗔𝗔 𝗞𝗘𝗡𝗡𝗨••••••••••••••••••••••••••••••••••••••1: 𝗶𝗶𝗺𝗮𝗮𝗻𝗮 𝗚𝘂𝘂𝘁𝘂𝘂2: 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗼𝗱𝗮𝗮𝘁𝘂𝘂3: 𝗤𝗮𝗻𝗮𝗻𝗶𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗮𝗮...
21/11/2025

𝗪𝗔𝗔 𝗔𝗙𝗨𝗥 𝗥𝗔𝗕𝗕𝗜𝗜𝗡 𝗦𝗜𝗜𝗙 𝗛𝗔𝗔 𝗞𝗘𝗡𝗡𝗨
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1: 𝗶𝗶𝗺𝗮𝗮𝗻𝗮 𝗚𝘂𝘂𝘁𝘂𝘂

2: 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗼𝗱𝗮𝗮𝘁𝘂𝘂

3: 𝗤𝗮𝗻𝗮𝗻𝗶𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗮𝗮𝘁𝘂𝘂

4: 𝗨𝗺𝗿𝗶𝗶 𝗗𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮𝘁𝘂𝘂

• 𝗪𝗮𝗮 𝗔𝗳𝘂𝗿 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗶𝗶𝗳 𝗛𝗮𝗮 𝗹𝗮𝗮𝗳𝗳𝗶𝘀𝘂𝘂

1: 𝗞𝗵𝗲𝗲𝘆𝗿𝗶𝗶 𝗛𝗼𝗷𝗷𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

2: 𝗛𝗮𝗿𝗮𝗮𝗺 𝗘𝗲𝗴𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

3: 𝗜𝗯𝗮𝗮𝗱𝗮𝗮 𝗛𝗼𝗷𝗷𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

4: 𝗗𝗶𝗹𝗶𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗧𝗼𝗼𝘄𝗯𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

• 𝗡𝗮𝗺𝗮 𝗪𝗮𝗮 𝗔𝗳𝘂𝗿 𝗤𝗮𝗯𝘂 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗶 𝗛𝗮𝗮 𝗚𝗼𝗱𝗵𝘂

1: 𝗝𝗮𝗮𝗹𝗮𝗹𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗮𝗮

2: 𝗞𝗵𝗮𝗯𝗮𝗷𝗮𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗮𝗮

3: 𝗤𝘂𝘂𝗾𝗮𝗺𝗮 𝗦𝗮𝗯𝗮𝗮

4: 𝗙𝗮𝗿𝗿𝗮 𝗞𝗶𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮

• 𝗪𝗮𝗮 𝗔𝗳𝘂𝗿 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗶 𝗛𝗮𝗮 𝗕𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝘀𝘂

1: 𝗔𝗮𝗹𝗶𝗺𝗮 𝗦𝗮𝗮𝗵𝗶𝗯𝘂𝘂

2: 𝗛𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮 𝗳𝗶𝗶 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗞𝗵𝗮𝗯𝗮𝗷𝘂𝘂

3: 𝗞𝗵𝗲𝗲𝘆𝗿𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗡𝗮𝗺𝗮 𝗔𝗷𝗮𝗷𝘂𝘂

4: 𝗛𝗮𝗺𝘁𝘂𝘂𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗮 𝗗𝗵𝗼𝗼𝗿𝗸𝘂𝘂

• 𝗪𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗔𝗳𝘂𝗿𝗮𝗻 𝗞𝗮𝗻𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗦𝗶𝗶𝗳 𝗛𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗻𝗻𝘂

1: 𝗕𝗮𝗹𝗹𝗼𝗼 𝗜𝘀𝗶𝗶 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮 𝗥𝗮𝗸𝗸𝗼𝗼𝗻 𝗛𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗿𝗲

2: 𝗚𝗮𝗺𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗜𝘀𝗶𝗶 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮 𝗚𝗮𝗱𝗱𝗶 𝗛𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗿𝗲

3: 𝗔𝗿𝗸𝗮𝘁𝗮 𝗜𝘀𝗮 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮 𝗗𝗵𝗮𝗯𝗻𝗶 𝗛𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗿𝗲

4: 𝗝𝗮𝗮𝗹𝗮𝗹𝗮 𝗜𝘀𝗮 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮 𝗝𝗶𝗯𝗯𝗮𝗮𝗻 𝗛𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗿𝗲

• 𝗗𝘂’𝗮 𝗔𝗳𝘂𝗿 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶 𝗦𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗛𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝘂𝘂

1: 𝗛𝗮𝗿𝗮𝗮𝗺 𝗜𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗗𝘂’𝘂𝘂

2: 𝗗𝗮𝗿𝗴𝗮𝗴𝗴𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗗𝘂’𝘂𝘂

3: 𝗗𝗶𝗻𝗴𝗮𝘁𝘁𝗮𝘁𝗶 𝗗𝘂’𝘂𝘂

4: 𝗞𝗼𝗻𝗸𝗼𝗹𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮𝗻 𝗗𝘂’𝘂𝘂

• 𝗬𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶 𝗞𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 W𝗮𝗮𝗻 𝗦𝗶 𝗸𝗮𝗱𝗵𝗮𝗻𝗻𝗲 𝗛𝘂𝗻𝗱𝗮 𝗡𝘂𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗤𝗲𝗲𝗯𝗮𝗹𝗶

Amiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiin
Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin

!!!

Anes Mohammed

Adresse

Democratic Republic Of The

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Anes Mohammed publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Contacter L'entreprise

Envoyer un message à Anes Mohammed:

Partager