Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa, Shashemene.

Welcome to the Official Page of Oromia Scientific Herbal Medicine.
🌿 Blending Traditional Wisdom & Modern Medical Science
🌍 Global Standards | 🔬 Evidence-Based | 🤝 Patient-Centered
Trusted Natural Care for Safe & Effective Chronic Disease Treatment.

Biqiltuu kana qabda Taanaan Faarmaasii yokan Mana Qorichaa Cimaa Tokko qabda jechuudha dhukkuboota hedduu ittiin Of yaal...
07/09/2025

Biqiltuu kana qabda Taanaan Faarmaasii yokan Mana Qorichaa Cimaa Tokko qabda jechuudha dhukkuboota hedduu ittiin Of yaaluu dandeessaa..

Massoobilaa yokan Kefoo.
Biqiltuu Suuraa irratti Mullatu kana Namni hin beekne tokko hin jiruu 👌 Maqaan isaa Akka kutaa Naannootiin Wal dhaba Ha Ta'uu Garuu Suuraa isaa qofa ilaalatanii adda baasuu dandeessuu, ingiliffaan (Sweet Basil), jedhamaa, Maqaa saayinsiin "Ocimum basilicum L." jedhamuun kan beekamu, yoo ta'u biqiltoota Urgeeyssitu Nyaataa fi Shaayii isa Beekkamaadha, bu'aa qorichaafi soorataa olaanaa qaban keessaa isa tokkodha. Qoricha aadaa keessatti waggoota kumaatamaaf kan itti fayyadamaa ture yoo ta'u, keessumaa sirna wal'aansaa durii kan akka yaala Aadaa indiyaa Ayurveda fi Chaayinaa yokan (TCM) keessatti dhukkuboota hedduu yaaluuf Tajaajilaa tureeraa.

Qorannoo Saayinsii fi yaala Aadaa irratti hundoofnee Barreeffama Insaayikilooppiidiyaa bal’aa kana keessatti Biqiltuu Kefoo ykn Massoobilaa, faayidaa fi itti fayyadama isaa gama hundaan bal’inaan kan ilaallu yoo ta’u, gahee inni dhukkuboota adda addaa yaaluuf qabu, mala itti fayyadama aadaa fi ammayyaa isaa, Guutummatti isiniif ibsinaa Obsaan yoo dubbistan faaydaa guddaa irraa Argattuu 👇

Faaydaa walii galaa biqiltuun kun fayyaa keenyaaf qabu.

Fayyaa kalee Cimsuu fi yaala Cirracha kalee yokan (Kidney Stones Treatment) keessatti ga'ee leencaa Qabaa.

Qabiyyee Uumamaa Cirracha kalee Xixiqqoo Cabsuuf gargaaranu Of keeysaa qabaa shaayii isaa Namoota Cirracha kalee yokan (Kidney Stones) qabanuuf Baayyee bu'aa isaa Qabatamaan Arginee jirraa.

Fincaan sirnaan Akka Dhangala'u t
(Diuretic) Taasisaa kunis Summii kalee keeysaa qulqulleessaa.

Farra Garaa Ciniinnaa yokan
Dhukkubbii garaa keeysaatii, Rakkoo Garaachaa (Stomach Cramps) irraa madduuf bu'aa qabaa.

Gaaza qilleensa gara keessatti Kuufamee Bokoka garaa fidu (Carminative Effect) hirrisuuf gargaaraa.

Rakkoo Mar'imaanii yokan (IBS ) dhaafis bu'aa qabaa

Nama Garaachi isaa nyaata bulleessuu dadhabeef Dawaadha.
Qorannoon (J. Ayurveda Integr Med) irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Kefoon inzaayimoota bullaa'insa nyaataaf barbaachisanu akka maddu kan kakaasu yoo ta'u, kunis sochii garaachaa tolchuuf gargaara, Fayyaa Sirna Bullaa'insa nyaataa yokan (Digestive Health) Cimsaa, Namoota Garaachi jaraa Nyaata bulleessuu dadhabe yokan Rakkoo (Indigestion) qabanuuf Gaariidha.

Fayyaa Sirna hargansuu ykn (Respiratory Health) Cimsaa.
Shaayiin isaa Ujummoo Qilleensaan cufame banuuf Tajaajilaa kanaaf warra Asmii (Asthma) fikkf qabaniif Gaariidha.

Qabiyyee farra maaykiroobiyaanii kan of keessaa qabu yoo ta'u, dhukkubbii qoonqoo fi qorra ofirraa ittisuuf gargaaraa.

Fayyaa Onnee Cimsaa Ujummooleen dhiigaa akka hin dhiphanne waan Gargaaruuf dhibbaa dhiigaa gadi buusaa.

Qorannoo Saayinsii "J. Clin. Diagn. Res" irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Biqiltuun Kefoo Hanga baayyina kolestiroolii miidhaa qabu yokan (LDL Cholesterol) dhiiga keessatti xiqqeessaa.

Qabiyyee "Antioxidants" Rakkoo Ujummoolee dhiigaa miidhaa geessisan ittisuu fi dhibee atherosclerosis irraa nama Eegu of keessaa qabaa.

Qorannoon "J. Agric. Food Chem" Akka Agarsiisuutti Massoobilaan
sochii antioksidaantii cimaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, dhukkuboota yeroo dheeraa Namarra turanu dhiphina oksijiinii wajjin walqabatan ittisuu keessatti faayidaa guddaa qabaa.

Madaa qaamaa Sababoota garaa garaaf Uumanu fayyisuu dandayaa.
Qorannoon (J. Wound Care) irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Kefoon farra baakteeriyaa fi farra inflammatory ta’uu isaatiin madaan akka fayyu taasisa.

Madaa Afaanii fayyada.
Qorannoon "J. Oral Pathol. Med" Akka Agarsiisuutti Kefoon Madaa Afaan keeysaa fi laagaa yokan Kokkee/Qoonqoo keeysaaf baayyee bu'aa qaba.

Mataa Bowwuu yaalaa, yaaddoo Fi dhiphina Sammuu ittisa.
Qorannoon "Ind. J. Exp. Bio" irratti Maxxansame Akka Agarsiisuutti Zayitii yokan bishaan Massoobilaa funyaanitti naquun Bowwuu mataa fi dhiphina Sammuu ittisaa.

Vitamin A fi Vitamin C waan qabuuf Dandeettii ittisa qaamaa cimsaa, fayyaa gogaa qaamaa ijaa dabalaa.

Pootaasiyeemii Olaanaa waan qabuuf Ol ka'insa Dhiibbaa dhiigaa ni to’ata, fayyaa onnee ni eegaa.

Maagniziyeemii waan qabuuf Dhiphina fi yaaddoo namarraa hir’isuun fayyaa maashaalee fi narvii ni fooyyessa.
Fayyaa Sammuu yaadachuu fi Xiinxaluu Sammuu keenyaa Cimsaa yokan (Brain & Cognitive Function).

Mataa Bowwuu yokan dhukkubbii mataa gama tokko qofaan nama dhukkubuuf Gaariidha.

Biqiltuu Kefoo yookaan Massoobilaan Qabiyyee fayyaa ilmaan namaatiif barbaachisanu zayitota barbaachisaa fi kompaawundoota sochii Baayoloojii qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis
(Eugenol) Fi (Linalool), (Eucalyptol), (Estragole), (Geraniol)
kan dabalatudha.

Qabiyyee Keemikaalaa:

Biqiltuun Kefoo kompaawundoota bal’aa sochii fi amaloota wal’aansaa qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis Dandeettii dhukkuboota ittisuu fi yaaluu isaaf kennuu, isaan keessaa kanneen barbaachisoo ta’an Armaan gaditti isniif ibsineerraa: 👇

1.Qabiyyee (Essential Oils)
Zayitoota Urgeeyssitu Barbaachisoo kan Akka
(Eugenol) Of keeysaa qabaa Qabiyyeen kun Antioxidant, farra inflammatory, fi dhukkubbii uumamaaHidrisaa.

2. Qabiyyee (Linalool):
Narviidhaaf Tasgabbii kenna, akkasumas farra yaaddoo fi farra dhiphina sammuu ta'ee tajaajilaa.

3. Qabiyyee (Eucalyptol):
Qabiyyeen kun farra Baakteeriyaa fi fangasii farra Vaayireesii Cimaadha Rakkoo Sirna hargansuutiif bu'aa guddaa qabaa.

4. Qabiyyee (Estragole):
Qabiyyeen kun Foolii gaarii biqiltuu Kanaaf kenna Akkasumas Sirna Bullaa'insa soorataa irratti Garaacha Deeggaraa.

5. Qabiyyee (Geraniol):
Farra Baakteeriyaa fi fangasii yoo ta'u Qulqullina qaamaa fi miidhagina gogaa qaamaa dabaluuf Tajaajilaa.

2. Kompaawundoota Feenoolikii

Qabiyyee Asiidii (Caffeic Acid) fi (Rosmarinic Acid) farra Antioxidant Cimaa yoo Ta'anu Seeliin qaama keenyaa Dhukkubootaa fi kkf Akka hin miidhamne Taasisuu keessatti ga'ee Olaanaa qabuu.

Qabiyyee (Flavonoids) fi (Apigenin) fi (Quercetin) Biqiltuu kana Keessatti Argamanu Dandeettii dhukkuboota ofirraa ittisuu qaamaa dachaan ol Guddisuu, Bu'aa farra inflammatory Cimaa qaba dhukkubbii qaamaa hirrisaa.

Qorannoon "BMC Complement. Altern. Med" Akka Agarsiisuutti Biqiltuun kun
Farra Baakteeriyaa "E. coli" yoo ta'u Baakteeriyaan kun nyaata Nyaata gara summii tti jijjiiruu fi dhukkuba garaachaa namatti fiduu danda'udha.
Farra Baakteeriyaa "Staphylococcus aureus" Yoo ta'u Baakteeriyaa ku infekshinii hedduu kan akka infekshinii gogaa, summii dhiigaa fi infekshinii qaamolee keessoo kan namatti fidudhaa Kefoon kana namarraa ittisaa.

Kutaa itti Aanu keeyssatti ballinaan Haala itti fayyadama isaa isiniif Maxxansinaa, Akka isin hin dabarre toora Facebook keenya follow
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godhaa
https://www.facebook.com/ManaQorichaadaoroAadaaOromiyaa

30/07/2025

Big shout out to my newest top fans! Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

22/06/2025
31/05/2025

Asmii fi vaayiresiin tiruu B'n karaa yaala Aadaa fayyuu ni danda'ama 💯

24/05/2025

Utuu wanti Du"a caalu jiraate itti dabaluu turee 😡

Natural Botanical Medicine and Its Role in Modern MedicineNatural botanical medicine refers to treatments derived from p...
02/03/2025

Natural Botanical Medicine and Its Role in Modern Medicine

Natural botanical medicine refers to treatments derived from plants that are used to treat diseases and promote health without relying on synthetic chemical compounds. These remedies have long been a part of Traditional Medicine and Complementary and Alternative Medicine (CAM), but they have also gained recognition in modern medicine through scientific research and validation.

1. Scientific Terminology of Botanical Medicine

Several terms are used in the medical and pharmaceutical fields to describe plant-derived medicines:

A. "Herbal Medicine" or "Botanical Medicine"
This term refers to the use of plants or their parts—such as leaves, roots, seeds, bark, and flowers—for therapeutic purposes. These plants may be used in their raw form, as powders, or in extracted forms.

B. "Phytomedicine" (Scientific Herbal Medicine)
This term describes herbal products that have been scientifically tested and are officially used in modern medicine based on clinical studies and trials.

C. "Standardized Phytopharmaceuticals"
These are plant-based medicines manufactured according to strict scientific standards to ensure a consistent concentration of active ingredients for effectiveness and safety.

D. "Botanical Extract" or "Herbal Extract"
These are bioactive compounds extracted from plants using scientific methods such as solvent extraction or distillation. They are widely used in pharmaceutical products and dietary supplements.

E. "Herbal Powder"
Plants are ground into fine powder and used to prepare herbal teas, capsules, or as food supplements.

2. Methods of Preparing Herbal Medicines

To ensure the effectiveness and stability of herbal medicines, several extraction and preparation techniques are used:

A. Solvent Extraction
Active plant compounds are extracted using water, alcohol, glycerin, or oils.

B. Distillation
This process is used to extract essential oils from plants, such as peppermint oil, lavender oil, and clove oil. These oils are used in Aromatherapy and pharmaceutical formulations.

C. Drying and Grinding
Plants are dried and ground into herbal powders, which are then used to prepare herbal drinks or capsules.

D. Encapsulation & Tablet Formulation
Plant extracts are processed into capsules or tablets with precise dosages to ensure effectiveness.

3. Benefits of Herbal Medicines Compared to Pharmaceutical Drugs

✅ Natural Composition: Herbal medicines contain beneficial natural compounds that are less harmful to the body compared to synthetic drugs.
✅ Fewer Side Effects: When prepared scientifically, herbal medicines tend to have fewer side effects than pharmaceutical drugs.
✅ Multi-Targeted Action: Many herbs can treat multiple ailments simultaneously, unlike synthetic drugs that typically target specific conditions.
✅ Boost Immunity & Reduce Inflammation: Natural remedies help strengthen the immune system and reduce chronic inflammation, making them effective for diseases like arthritis and high blood pressure.
✅ Cost-Effective: In many cases, herbal medicines are more affordable than pharmaceutical drugs, making them accessible to low-income communities.
✅ Non-Addictive Nature: Some herbal medicines provide therapeutic effects without the risk of addiction, unlike certain pharmaceutical drugs that may lead to dependency.

4. Quality Standards for Herbal Medicine in Modern Science

For herbal medicines to be approved by global health organizations such as the U.S. Food and Drug Administration (FDA) and the European Medicines Agency (EMA), they must undergo rigorous scientific testing, including:

1️⃣ Identification of Active Ingredients to ensure correct concentration.
2️⃣ Purity & Quality Testing to confirm the absence of contaminants.
3️⃣ Effective Dosage Validation to prevent overdoses or ineffective treatments.
4️⃣ Clinical & Scientific Studies to prove safety and efficacy.
5️⃣ Toxicity Screening to ensure no harmful substances are present.

5. Scientific Studies and Journals on Herbal Medicine

For those interested in staying updated on scientific research in botanical medicine, the following journals and studies are highly recommended:

1. J. Ethnopharmacol (Journal of Ethnopharmacology)

Study: "Ethnobotanical Study of Medicinal Plants for Chronic Diseases."

2. Phytomedicine (Phytomedicine Journal)

Study: "Herbal Medicine in Modern Therapeutics."

3. Planta Medica (Planta Medica Journal)

Study: "Phytochemical and Pharmacological Activities of Medicinal Plants."

4. J. Herbal Med (Journal of Herbal Medicine)

Study: "Herbal Remedies for Chronic Diseases: A Systematic Review."

5. eCAM (Evidence-Based Complementary and Alternative Medicine)

Study: "Medicinal Plants for Diabetes Management."

Conclusion

Botanical medicine has a promising future in modern healthcare, especially when backed by scientific research and clinical trials. To ensure safety and efficacy, it is essential to use herbal products that adhere to Good Manufacturing Practices (GMP) and avoid unregulated herbal remedies.

At Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa we specialize in treating various diseases using evidence-based alternative medicine and herbal treatments. Our approach aligns with modern medical principles, ensuring that every treatment is supported by scientific studies and proper methodologies for safe and effective healing.

📞 Need Treatment? Contact Us Now!

We provide safe and effective treatment for various diseases with zero side effects, in the fastest time possible. Our natural medicine can be shipped anywhere in the world for your convenience.

📱 Contact Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Center:

Phone Number: [0917535385]

Telegram Contact: [t.me/ManaQorichaAdaaOromiyaa]

Address: Shashemene City, Oromia, Ethiopia

🌿 Restore Your Health with Natural Treatment at Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Center! 🌿

Everyday Medical Insights and Herbal Benefits

We regularly publish extensive medical information, including:

✅ Disease awareness and prevention methods
✅ Nutritional advice for better health
✅ Scientific evidence on the benefits of medicinal plants and their proper usage

📢 Follow us on Facebook for valuable health insights and herbal remedies!

Dhukkuba Kiintaarotii, Buroo, (Hemorrhoids) dhukkubni kun Namoota Addunyaa keessatti Argaman keeysaa %60 irratti Uumamu ...
24/02/2025

Dhukkuba Kiintaarotii, Buroo, (Hemorrhoids) dhukkubni kun Namoota Addunyaa keessatti Argaman keeysaa %60 irratti Uumamu Ragaa dhaabbata fayyaa addunyaa Agarsiisaa.

Kiintaarotiin Dhukkuba Marrimaanii fi Gogiinsa garaa wajjiin wal qabatu yoo ta'u Saayinsii fayyaa keessatti Akka dhukkuba cimaa yokan dhukkuba Sodaachisaa tti, hin iaalamuu Akkas jechuun Dhukkuba Lubbuu namaatiif Sodaachisaa Mitii, Ha ta'uu garuu kiintaarotiin Dhukkuboota Boqonnaa Nama dhoorkanii fi Sammuu namaa jeeqan keeysaa isa tokko Ta'uun isaa Beekkamaadha.
Kiintaarotiin Gos gurguddaa lama qabaa, kan keeysaa fi Alaa yoo ta'u
Kiintaarotii Alaa kan
Teessuma yokan daandii Sagaraa yokan finxiixxaa keeysatti Bahu yoo ta'u (External Hemorrhoids) jedhamaa,
Lammaffaan Kiintaarotii garaa keeysaa (Internal Hemorrhoids) jedhamuun Beekkamaa.

Mallattoolee Dhukkuba kanaa muraasni kunootii 👇👇 ii

1• Sagaraa Wajjiin dhiigni Bahaa, Yeroo mana fincaanii seenu daandii Sagaraa yokan finxiixxaa Keeysaa dhukkubbii itti dhagayamaa..

2• Garaan Marrimaan ni jeeqamaa, Garaa keeysaa gogaa, Sagaraa gogaa, yokan Garaa baasaa..

3• Teessumaa fi Daandii Sagaraa yokan finxiixxaa keeysaa hooksisaa ni Nyaataa..

4• Mudhii fi Dugda keeysaa dhukkubbiin itti dhagayamaa, Humna qaamaas ni dadhabsiisaa..

5• Fedhii fi Dandeettii wal qunnamtii saalaa hirrataa..

6• Sammuu keeysa jeeqamuu fi Mataa Bowwuu itti Baayyataa..

7• Nyaata akka foonii Yeroo fayyadame Garaa isaa ni Bokokaa.

8• Teessuma daandii Sagaraa yokan Finxiixxaa keeysatti iitayuu/dhiitayu Yeroo mana fincaanii seenuu fi Yeroo Taa'u Keeysa Namaa Boqonnaa hin Argatu nama jeeqaa.

9• Mana fincaanii tti nama deddeebisa garuu wanti bahu hin jiruu Garaa Namaa gogsaa.

10• Yaadaa fi yaaddoo namatti baayyisuu dandayaa.

Kiintaarotiin Yeroo Tokkoon Mallattoolee kana Hunda namarra tti, hin Agarsiisu haala turtii fi Cimina dhukkubaa irratti hundaa'ee Mallattooleen adda addaa namarratti ni mullatuu, Waa'ee Dhukkuba kanaa irratti Yeroo 10 Wantoota bu'aa qabanu isiniif Maxxansinee turree Ammas Guyyoota muraasa booda Sababoota dhukkuba kanaa fi Haala kamiin Ofirraa ittisuu dandeenya waan jedhu ballinaan isiniif Maxxansinaa.

Kiintaarotii yaaluuf Qorichoota Aadaa qaama keessan gubanii madeeyssanu gonkumaa hin fayyadaminaa! Akkasumas kiintaarotii Mana Qoricha Aadaa keessatti muranii baasuun miidhaa guddaa isinirraan Gahuu dandayaa! Waan akkasii irraa fagaachuu qabdu! Kiintaarotii muruu fi Qoricha nama gubuun yaaluun Hiddoota qaamaa irratti Miidhaa geessisaa..
Kiintaarotiin Qorichoota Aadaa Miidhaa hin qabneen yaalamee Guutummatti fayyuu ni dandayaa.
0917535385
0907539982
Halkan Sa'aatii 4 booda bilbiluun hin danda'amu 📵

Suuraa Dhukkuba Kiintaarotii sirriitti ibsu Facebook irratti post Gochuu hin Eeyyamamuu kanaaf liinkii Armaan gadii tuquun Telegiram Chanele keenya keeysatti daawwadhaa👇👇
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya/219?single

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa like fi follow godhaa nu Hordofaa.

Gara Kaansarii Tiruutti hin guddanne taanaan Hepatitis B Vaayireesii yaaluun ni dandayamaa %100.Gidduu Gala Yaala fayyaa...
21/02/2025

Gara Kaansarii Tiruutti hin guddanne taanaan Hepatitis B Vaayireesii yaaluun ni dandayamaa %100.

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa

Miidhaa fi Mallattoolee Dhukkuba Tiruu Vaayireesii Hepatitis B.. Dhukkubni Vaayireesii Tiruu Yokan "Hepatitis B virus" d...
20/02/2025

Miidhaa fi Mallattoolee Dhukkuba Tiruu Vaayireesii Hepatitis B..

Dhukkubni Vaayireesii Tiruu Yokan "Hepatitis B virus" dhukkuboota Addunyaa Guutuu Yaaddasaa jiranu keeysaa isa tokko yoo ta'u Vaayiresiin kun Dhukkuboota Ciccimoo fi yeroo dheeraa namarra turanu keessaa isa tokko Ta'uun isaa Beekkamaadha!
Dhukkubni kun Yeroo Baayyee Ofii isaatiif miidhaa mullataa Dafee Namarraan hin gahu, Ha ta'uu garuu wanti dhukkubni kun sodaatamuuf Yeroo dheeraa yoo namarra ture yokan dhibeen kun Yeroo cime infeekshinii Tiruu irratti Akka Uumamu Taasisaa itti Aansee Rakkoo ulfaataa kan Akka Kaansarii Tiruu fi Tiruu hojiin Ala Taasisuu dandayaa kunis dhibeen kun akka sodaatamu Taasisee jiraa.

Vaayiresii kana wanti Add Taasisu, Akka dhukkuboota Kaanii Dafee mallattoon hin mullisu Utuu Namni ofirratti hin beekin, dhokatee Qaama keessa turuu danda'aa. yeroo baay'ee Namoonni dhukkuba biraaf jedhanii gara mana yaalaa deemanii dhukkuba kana ofirratti Argu, Akkasumas biyya alaa deemuuf Qorannoo meedikaalaa irratti ofirratti Argu, Dhukkubni kun namoota hedduu irratti mallattoo Cimaa dafee hin mullisu, Namoota kaan irratti Dafee mallattoon Argamuu dandayaa.

Mallattoolee walii galaa Vaayireesii Tiruu yokan (General Symptoms of Hepatitis B):

Mallattoon dhukkuba kanaa

1• Sababa tokko malee Fedhii nyaata dhabuu Yeroo Beela'ee nyaatu Nyaanni dafee isa cufa, danda'e nyaata gahaa hin fudhatu.

2• Halkan yeroo hirriibaa ciisu
Qoma laphee, gara bitaa keessaa darbee,darbee, dhukkubbiin itti dhagayama nama waraana.

3• Haalluun ija isaa Xiqqoo gara Bifa keelloo, yokan bicaatti, yokan gara Daalachaatti jijjiiramaa deemaa.

4• dhibee busaa yokan Wobaa, buseetu, irra deddeebi'ee irratti mullataa, vaayiresiin kun tiruu waan dadhabsiisuuf Namni isa qabu yeroo baay'ee dhukkuba busaa yokan Wobaa, busee, irraa bilisa ta'uu hin danda'u..

5• Lolloocii fi Haaqqeetu irra deddeebi'ee itti dhaga'ama,
Gororra yokan dhangala'aatu Afaan isaa keessa baayyata..

6• Humna isaatu gadi bu'aa deema, Utuu waan cimaa hin dalagin dadhabbiin itti dhaga'ama, Of dadhabaa..

7• Sababa tokko malee fooliin fincaan isaa Ajaa,aa, Halluun Fincaanii gara bifa Daalachaatti yokan Hurriitti jijjiirama.

8• Sababa tokko malee Humneetii Qaamaa kan akka lafee dugdaa fi miillaa fi harka, keessaa dhukkubbiin itti dhaga'ama, yeroo Mana yaalaa deeme dhukkubni irratti hin mullatuu nagaa qabda jedhama, garuu isa ni dhukkuba..

9• Dadhabina qaamaa fi hirriba dhabuu yokan (Extreme Fatigue) nama saaxilaa.

10• Vaayireesiin Tiruu Sirna Bullaa'insa soorataa irratti dhiibbaa Uuma waan ta'eef fedhii nyaataa gadi buusa ykn Rakkoo (Loss of Appetite) nama saaxilaa.

11• Dhibee Simbiraa yokan Raaree (Jaundice) irra deddeebiin namarratti mullataa

12• Dhangala'aan (Bilirubin) jedhamu Tiruu Kutaalee qaamaa keessatti waan kuufamuuf Rakkoo fayyaa kan Akka fedhii nyaataa dhabuu fi Ulfaatinni qaamaa fi humni qaamaa akka gadi bu'u Taasisaa.

13• Halluu fincaanii jijjiiramuu yokan (Dark Urine) fincaan gara bifa keelloo fi kkf itti jijjiiramaa.

Rakkoowwan fayyaa sababa Dhukkuba Vaayireesii Tiruun Namatti dhufanu :

Vaayireesii Tiruu Utuu hin yaalamin yoo namarra ture Madaa Tiruu irratti Uuma yokan (Liver Cirrhosis).

Tiruu Hojii isaa Sirnaan akka hin hojjanne gafuu itti ta'aa.

Dhangala'aan garaa keeysa waan kuufamuuf Garaa namaa bokoksaa Kunis Rakkoo ulfaataa hanga du'aa namatti fiduu danda'aa!.

Garaa keessatti dhiigni akka Dhangala'u Taasisa yokan Rakkoo (Internal Bleeding) nama saaxila, Tiruu irratti dhiibbaan dhiigaa akka Uumamu Taasisaa.

Tiruu hojiin Ala Taasisaa yokan (Liver Failure) kunis Yeroo Sadarkaa Ulfaataa irra gahe dha, Tiruun yoo hojii dhabde Namni jiraachuu hin dandayuu.

Sababoota Kaansarii Tiruu keeysaa inni guddaan Hepatitis B Ta'uun beekkamaadha Vaayireesii Tiruu Yeroo dheeraa Namarra ture Kaansarii Tiruu yokan (HCC) nama saaxilaa.
Waa'ee dhibee kanaa kutaa kutaan adda addaa qoodnee Guyyaa Guyyaan isiniif Maxxansinaa share waliif godhaa 🙏

Wantoota dhibee kanaaf nama saaxilanuu fi Haala ittiin ofirraa ittisuun dandayamu, Akkasumas Namni dhibee kana qabu yoo maal nyaate gaarii ta'aa, Nyaata akkamii irraa Of qusachuu qaba waan jedhu kutaa itti Aanu keeyssatti post isiniif goonaa.

Dhibeen kun karaa yaala Ammayyaan yaalamee fayyuu hin dandayuu!.

Ha Ta'uu Garuu Vaayireesiin Tiruu karaa yaala Uumamaan yaalamee Guutummatti fayyuu ni dandayaa💪
Dhibee kanaaf Yaala wabii Guutuu qabu nu biratti Argattuu.
Liinkii Armaan gadii tuquun Karaa Telegram Kallattiin nu qannamuu
Dandeessuu 👇👇👇👇
t.me/ManaQorichaAdaaOromiyaa

Barreeffamoota Odeeffannoo fi Barnoota fayyaa Tiruu irratti xiyyeeffatanu Guyyaa Guyyaan Argachuuf Toora Facebook keenya
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godhaa

Odeeffannoo dabalataaf linki Armaan gadii tuquun Telegiram Chanele keenya join godhaa itti makamaa 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya

Namoota Dhukkuba Tiruu fi dhukkuba Kalee'tiin lubbuu dhabanu keeysaa dhibbeentaan 70 warra dhugaatii nama macheessu yoka...
20/02/2025

Namoota Dhukkuba Tiruu fi dhukkuba Kalee'tiin lubbuu dhabanu keeysaa dhibbeentaan 70 warra dhugaatii nama macheessu yokan Alkoolii fayyadamanu ta'u Qorannoon Agarsiisa.

Alkoolii Yeroo dheeraa dhuguun Kalee fi Tiruu Irratti dhiibbaa fayyaa guddaa geessisa, Dhukkuboota Tiruu fi Kalee gosa heedduuf nama saaxila, akka fakkeenyaa-tti
Kaansarii Tiruu, Hepatitis B Vaayireesii Tiruu, Cirracha kalee
Madaa Kalee, Cirracha kalee
Kaleen hojii dhaabuu fi kkf sababa guddaa akka ta'e ragaan Qorannoo kilinikaalaa hospitaala irraa walitti Qabame ni Agarsiisaa.

Alkooliin haala kamiin Tiruu fi Kalee Irratti dhiibbaa kana hunda geessisu dandayaa?
Alkooliin qaamolee barbaachisoo lamaan Kalee fi Tiruu akkamitti akka miidhu ibsi saayinsii sirrii ta’e kunooti:👇👇👇👇

Tokkoffaa: Dhiibbaa alkooliin Tiruu irratti qabu

1. Meetaaboliizimii Alkoolii Tiruu.

Tiruun qaama jalqabaa alkoolii meetaabolii gochuuf itti gaafatamummaa qabu yoo ta’u, etaanooliin inzaayimii (ADH) gara aseetaldehaydiitti jijjiiramaa, kompaawundii summii fi kaansarii uumuun miidhaa seelii hamaa geessisudha.
Sana booda aseetaldehayidiin inzaayimii (ALDH) tiin gara aseeteetiitti jijjiirama, achiis gara marsaa asiidii tiraayikaarboksiilikii (TCA Cycle) seenuun anniisaa uuma.

Haa ta’u malee, alkoolii garmalee fudhachuudhaan karaaleen meetaabolii kun garmalee hojjechuun, aseetaldehaydii fi oomishaalee meetaabolii summii biroo akka kuufaman taasisa, kunis seelii Tiruu irratti miidhaa oksijiinii guddaa geessisa.

2. Dhukkuboota Tiruu alkooliin walqabatan (ARLD) .

Dhukkuboonni alkooliin gara kaleetti fidan kanneen akka:

Dhukkuba Cooma Tiruu Alkoolii - AFLD

Alkoolii garmalee dhuguun tiraayigiliisaayidii hepatocytes keessatti akka baay’atu taasisa, kunis hepatic steatosis fida.

Alkooliin oksaayidii asiidii coomaa gidduu seenuun oomisha cooma Tiruu keessatti dabaluudhaan hammi coomaa dabaluu fi seelii Tiruu keessatti coomni akka kuufamu Taasisaa.

Dhukkuba tiruu Hepatitis - AH.

Dhiibbaa oksijiinii meetaabolii alkooliitiin dhufuun Infeekshiniin Tiruu cimaan kan uumamu yoo ta’u, kunis seelii Tiruu irratti miidhaa guddaa geessisa.

Kuufamni raadikaalota bilisaa (ROS) adeemsa inflammatory kan kakaasu yoo ta’u, kunis sadarkaa interleukin-6 (IL-6) fi tumor necrosis factor alpha (TNF-α) dabaluudhaan gara necrosis seelii Tiruu fida.

Mallattoon isaas dhukkuba Simbiraa ykn jaundice fi inzaayimii Tiruu kan akka AST fi ALT olka’uu, fi haala cimaa ta’een tiruun dadhabuu cimaadha.

Madaayuu Tiruu sababa dhugaatii alkooliin dhufu:

Fibrosis kan uumamu bu’aa itti fufiinsaan seelonni Kupffer activation ta’uu isaaniitiin yoo ta’u, kunis dhangala’aa transforming growth factor beta (TGF-β) kan seelonni hepatic stellate fibrotic collagen akka oomishaniif kakaasu akka dabalu taasisa.
Kunis madaa Tiruu (liver fibrosis) fi caasaa idilee tiruu dadhabuu fi dhiibbaa dhiigaa portal hypertension fida.

Fibrosis sababa jijjiirama jeneetikii dhiibbaa oksijiinii itti fufiinsa qabuun dhufuun gara Kaansarii tiruu (HCC)tti guddachuu danda’aa.

Lammaffaa: Dhiibbaa alkooliin kalee irratti qabu

1. Dhiibbaa alkooliin madaallii bishaanii fi elektiroolayitii irratti qabu

Alkooliin fincaan baayyeen akka Dhangala'u taasisaa hormoonii farra fincaanii (ADH) dhorkuudhaan, dhangala’aa fincaanii akka dabalu fi bishaan qaama keessatti akka hir’atu kan taasisu yoo ta’u, kunis madaallii soodiyemii fi pootaasiyeemii akka wal hin qabne taasisa, kunis fayyaa Kalee fi hojii isaa irratti dhiibbaa guddaa qabaa.

2. Dhiibbaa Dhiigaa Alkooliin Uumu.

Alkooliin sirna narvii mararfannaa kan kakaasu yoo ta’u, kunis oomisha angiotensin II kan dabalu yoo ta’u, dandeettii ujummoolee dhiigaa dabaluun dhiibbaa dhiigaa ol kaasa.

Dhiibbaan dhiigaa yeroo dheeraadhaaf turu suuta suutaan kaappilaarii kalee irratti miidhaa geessisa, kunis dhukkuba nefroopatii alkoolii namatti fida.

3. Dhiibbaa summii alkooliin kallattiin Kalee irratti qabu.

Alkoolii fi bu’aan isaa seelii Kalee keessatti dhiibbaa oksijiinii akka dabalu taasisa, kunis apoptosis fi oomisha saayitookiinii inflammatory akka dabalu taasisa.

Alkoolii garmalee dhuguun sababa dhiqannaa kalee (renal hypoperfusion) irraa kan ka’e dadhabina Kalee cimaa ta'e fidaa

4. Carraan dhagaa kalee uumamuu dabaluu.

Sababa Alkooliin Bishaan qaama keessatti hir’achuu fi jeequmsi meetaabolii kaalsiyeemii fi oksaaleetiin dhagaan Cirrachi kaalsiyeemii oksaaleetii akka baay’atu taasisa, kunis carraa dhagaa Kalee (nephrolithiasis) akka dabalu taasisa.

Kunoo haala Armaan Olitti ibsameen Alkoolii nama miidha! Summii Alkoolii haala kamiin Tiruu fi Kalee keeysaa qulqulleessuu dandeenya waan jedhuuf kutaa itti Aanu keeyssatti post isiniif goonaa share waliif godhaa 🙏

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godhaa

Telegiram Chanele keenya join godhaa itti makamaa 👇 👇
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya

Qorannoo vaayirasii tiruu B yokan (HBV Testing).Gosoota Qorannoo Vaayireesii Tiruu Sadarkaa fi hiika isaa wajjiin Matadu...
20/02/2025

Qorannoo vaayirasii tiruu B yokan (HBV Testing).

Gosoota Qorannoo Vaayireesii Tiruu Sadarkaa fi hiika isaa wajjiin Mataduree Gurguddaa 4 jalatti Barreeffamee jiraa 👇👇👇👇

1. Qorannoowwan Sadarkaa jalqabaa Vaayireesii adda baasuu (Screening Tests) .

Qorannoowwan kunniin vaayirasichi jiraachuu isaa adda baasuu fi namni tokko vaayirasichaan qabamuu ykn ittisa isaa adda baasuuf kan ooludha:

1. Qorannoo (HBsAg) Test

Dhiiga keessatti vaayirasichi jiraachuu isaa fi sochiirra jiraachuu adda baasuuf kan Oolu yoo ta'u
Bu'aan isaa pozaatiivii yoo ta'e yeroo ammaa namni sun vaayirasichaan qabamee jira jechuudha.

2. (Anti-HBs).
Bu'aan Qorannoo isaa pozaatiivii yoo ta'e namni sun ittisa qaamaa Vaayireesii kana ittisu Qaba waan ta'eef infekshiniif hin saaxilamu jechuudha.

4. Qorannoo (Anti-HBc).

Qorannoo kun Namni tokko Vaayirasichaan qabamuun isaa kan ture ta'uu fi kan Yeroo dhihoo Ta'uu adda baasuuf kan Taasisamu yoo ta'u, innis gosa lama qaba:

Bu'aa Qorannoo (Anti-HBc IgM) yoo ta'e Namni Vaayireesii kanaan kan Qabame dhiheenya ta'uu yokan kan hi turre ta'uu agarsiisa.

Bu'aa Qorannoo "Anti-HBc IgG" yoo ta'e Namni Vaayireesii kanaan yeroo dheeraa dura Qabamu isaa yokan irra Turuu isaa agarsiisa.

2. Qorannoo (Tests for Viral Activity and Infectivity) .
Vaayirasichi erga mirkanaa’ee booda qorannoowwan kun kan raawwataman yoo ta'u kunis hamma sochii vaayirasichaa fi dandeettii inni namarraa gara namaatti darbuuf adda baasuuf:

4. Qorannoo (HBeAg).

Qorannoon kun Sochii vaayirasichaa fi Dandeettii daddarbiinsa isaa adda baasa.

Yoo bu'aan Qorannoo pozaatiivii ta'e vaayirasichi baay'ee socho'aa fi namarraa gara namaatti darba jechuudha.

5. Qorannoo (Anti-HBe).

Qorannoon kun Qaamni yokan sirni ittisa qaamaa vaayirasicha loluu Eegaluu fi dhiisuu isaa agarsiisa.
Yoo bu'aan isaa pozaatiivii ta'e vaayirasichi sochii xiqqaa qabaachuu fi Carraan Ofiin baduu isaa bal'aa ta'uu Agarsiisaa.

6. Qorannoo (HBV DNA Test).
Qorannoon kun Hamma vaayirasii dhiiga keessa jiru (viral load) safaruu fi
Hamma Cimina isaa madaaluu, hordofuu fi deebii wal’aansaa hordofuuf kan gargaarudha.
Kun Qorannoo murteessaadha.

3. Qorannoowwan dhiibbaa vaayirasichi irratti fide madaaluu (Liver Function and Damage Tests) .

Infeekshiniin kun yeroo dheeraaf kan namarra turu yoo ta’e, qorannoowwan kun hamma dhiibbaa vaayirasichi Tiruu irratti fide adda baasuuf kan raawwatamanidha:

7. Qorannoobhaala Hojii Tiruu (LFTs) .

Sadarkaa inzaayimoota Truu kanneen akka:
ALT fi AST ol ka'uun Vaayireesichi Tiruu irratti dhiibbaa Uumaa jiraachuu Agarsiisaa.

8. Qorannoo Bilirubiinii

Hamma bilirubin dhiiga keessatti argamu safaramee yoo daangaa idilee ol ta'ee Haalli hojii Tiruu dadhabe jiraachuu Agarsiisaa.

9. Qorannoo Albumin
Sadarkaa albuuminiin pirootiinii Tiruun oomishamu safaruu yoo ta'u
Hir’achuun isaa cirrhosis ykn Dadhabuu Tiruu dadhabuu agarsiisuu.

4. Qorannoowwan (Complications Tests)

Qorannoowwan kunnnin Yoo Vaayireesiin kun miidhaa dabalataa kan Akka cirrhosis ykn shakkiin kaansarii Tiruu (HCC) jiraate, Adda baasuuf qorannoowwan armaan gadii ni raawwatama:

10. Qorannoo Alfaa-Feetoopirootiinii (AFP).

Kaansarii Tiruu Jiraachuu adda baasuuf kan gargaarudha.

11. Qorannoo Dhiigaa (PT & INR) .

Qorannoon kun Dandeettii dhangala'u dhiigaa akan safaru yoo ta'u, kunis hojii Tiruu fi hammam saaxilamummaa vaayirasichaa madaaluuf gargaara.

Qorannoo kana irratti Yoo INR fi PT idilee ol dabale, dadhabbiin Tiruu cimaan jiraachuu Agarsiisaa.

Gosoonni Qorannoo Vaayireesii Tiruu kana Fakkaataa.

Nuti Seera Yaalaa dhibee Vaayireesii Tiruu fi Qorichoota dhibee kana yaaluuf kanaan dura itti fayyadamaa Turre Guutummatti jijjiirree jirraa, Qorichoota Haaraa fi bu'a qabeessuummaa guddaa qabanitti jijjiirree jirraa.

Maxxansa keenya Guyyaa Guyyaan Argachuuf Toora Facebook
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godhaa
https://www.facebook.com/ChaneleYaalaAadaaOromiyaa

Odeeffannoo Dabalataaf
Lakkoofsa bilbilaa 0917535385 Irratti nu Qunnamuu dandeessuu, Yeroo Baayyee hojiin waan nutti Baayyatuuf yoo bilbila kaasuu baanne karaa Miiseejii fi Telegiraamii yokan Whatsaappii Irratti Ergaa Barreeffamaan yokan sagleen nuuf Erguu dandeessuu.
Sa'aatii 4 booda bilbiluun hin danda'amu 📵 📵

Odeeffannoo dabalataaf Telegiram Chanele keenya join godhaa itti makamaa
👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya
https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya










Address

Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa:

Share