04/03/2026
Ispoortiin Jaalala!
Guraandhala 25/2018(LACOM)
Godina Wallagga Lixaa Laaloo Assaabiitti Ispoortessitoota Dorgommii Ispoortii Shaampiyoonii Aanoleef gara Godinaa deemaniif Geggeessaan taasifamee jira.
Bulchaan Aanaa Laaloo Assaabii Obbo Mulaatuu Dhinsaa Ispoortessitoota gosa Ipoortii Kubbaa Miillaa,Kubbaa Saaphanaa fi Atileetiksiidhaan gara Godinaa deemaniif ergaa dabarsanii jiru.
Mo'achuun qindoomuu gaafata,tokkoomuu gaafata,waliigalteef jaalala akkasumas deeggartoota irraa kaasee naamusa barbaachisa waan ta'eef dambii fi qajeelfama Ispoortessaa tokkorraa eegamu guutuun mo'atanii maqaa aanaa Laaloo Assaabii akka dhoofsisan dubbatanii jiru.
Hamilee horatanii Olka'iinsa biyyaa gama Ipoortiin jiru keessatti hojjechuu akka qaban dhaamanii jiru.