Waldaa Hojii Gamtaa liqiif qusannaa Dargaggoota walbaraa Oromiyaa

Waldaa Hojii Gamtaa liqiif qusannaa Dargaggoota walbaraa Oromiyaa Informations de contact, plan et itinéraire, formulaire de contact, heures d'ouverture, services, évaluations, photos, vidéos et annonces de Waldaa Hojii Gamtaa liqiif qusannaa Dargaggoota walbaraa Oromiyaa, Création digitale, Democratic Republic of the.

27/12/2023
04/12/2023
 !!!!Aantummaa saba.Eenyutu qabaa?Hundumtuu badiidhaafQuba walit qabaa.Gaarummaa dalaguuf.Wal dorgomaa maleeYaraan seena...
03/12/2023

!!!!

Aantummaa saba.
Eenyutu qabaa?
Hundumtuu badiidhaaf
Quba walit qabaa.

Gaarummaa dalaguuf.
Wal dorgomaa malee
Yaraan seenaa hin qabu.
Maaloo ya haa dholee.

Ilmi namaa hundi
Qabeenya uumaati
Maalumaaf wal dhaba?
Silaa duuti jirti.

Qabeenyi hundumaa.
Olitti beekamu.
Ilmoo namaan ala.
Bu.aan isaa naan galu.

Ani Qabeenyi koo
Akka naaf galletti.
Ilmoo namaa malee
Hunduu faallaa kooti.

Wanti nan fakkaanne
Akkamiin na ibsa?
Aantummaa sabakoof
Jaalalan barsiisa.

Waanti gatii hin baafne
Garaa jibbaa qofa.
Osoo of hin beekiin
Of wallaallee kufa.

Amala moo.ataa
Eenyutu hubataa?
Akkuma joobiraa
Samii irraa kaata.

Dubbadhu hin callisiin
Kaadhu malee hin ciisiin
Jaaladhu hin jibbiin
Murtoof of hin sardiin.

Waraabessaa taatee.
Raqa foolii hin fuudhiin.
Wanna kankee hin taane
Ittiin of hin jajiin.

Bishaan keessa ciisee
Namni maa dheebotaa?
Of dhabuun qaaniidha
Addunyaa fokkataa.

Oso wal jibbituu
Aduun sitti hin dhiituu?
Bu.aa tokkoo hin buufne
Ilmoon namaa martuu?

Jaalalaaf Tokkummaa
Jenne yoo faarsine
Bu.aa Tokkoo hin qabu
Yoo itti hin hojjenne!

Walaloon galaana
Silaa yaa ee hin dhumu.
Mee itti bohaaraa
Warri sabaaf dhimmu✓

Adresse

Democratic Republic Of The

Téléphone

+251917896940

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Waldaa Hojii Gamtaa liqiif qusannaa Dargaggoota walbaraa Oromiyaa publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Contacter L'entreprise

Envoyer un message à Waldaa Hojii Gamtaa liqiif qusannaa Dargaggoota walbaraa Oromiyaa:

Partager