Dagaa media Network

Dagaa media Network Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dagaa media Network, Media/News Company, المعتلا, Belgrade.

30/05/2022

-Kan hooggansa isaa kabaje kabajamee laga ce’e; kan hooggansa isaa hinkabajne ofiifis wal dhidhiitaa, ormaanis dhidhiitamaa ilmoo abbaa hinqabne ta’e. Walumaagalatti nuti dhaloota hooggansa ajaayibaa qabudha. Hooggantoonni kunniin beekumsatti warra hawaasaa hanga manneen barnootatti qoramee hayyummaa fi gootummaan verified ta’anidha.

-Gatii nama keenyaa, gatii hooggansa keenyaa haa beeknu;bara dhufaa darbaa ilaalcha wallaalummaarraa haa baanu. Hooggantoonni keenyas gara tokkotti akka nuuf dhufan, warri dhufan warra kaan akka dabalatan humna dandeenyun yaadarraa hanga gochaa waanuma ijaarsaa haa gumaachinu! Rabbi lamuu waan nyaannu nuuf kenne; akkatti nyaannu nu hinwallaalchisin!

30/05/2022

Isaanif Nuyi
=====================================
Mooraa qabsoo Oromoo keessattii “Isaanif Nuyi” wanti jedhamu uumamuun isaa heedduu nama naasisa! Erga uumameeti immoo yaada walii fi karaa walii kabajuun maaf bade? Jibbaa fi duulli nuti diina isa guyyuu nu fixaa jiruuf(Bilxiginnaa) qabnu caala jibbaa fi duula walirratti goonuutu baayyachaa dhufe.

Akkasitti itt fufnaan guyyoonni Oromiyaan itti boossu, guyyoonni dhiigi itti dhangala’u, guyyoonni qotee bulaan oromoo namaan qotu, guyyoonni uummannni keenya gabrummaa keessa jiraatu dabalaa dhufa! Jibbiinsi fi duullii walirratti goonu rakkina keenya nurratti tursaa deema!

Wal haa kabajnu! Gaafa rakkoo walirratti arginuu wal sirreessuuf wal haa qeeqnu! Warri qeeqamnus qeeqa sirrii yoo ta’e haa fudhannu! Obbolaan yoo walitti duulaani fi wal jibbani ormatu isaan salphisa malee bu’aan obbolaaf hafu tokko hin jiru! Nagaa walii laannee isa Oromiyaa nagaa dhowwate haa buqqifnu!

Hayyuun Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa hawaasa keenya biyyoota alaa keessa jiraatan qunnamuuf imala eegalanii jiru. Hawaasn...
30/05/2022

Hayyuun Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa hawaasa keenya biyyoota alaa keessa jiraatan qunnamuuf imala eegalanii jiru. Hawaasni keenya gara bakka isaan itti imalanii jirtan simannaa gootaa fi hayyuuf maluun akka simattan abdiidha. Qabsaa’an akkanatti wal jaalata, akkanatti wal kabaja. Hamzaa keenya atis galatoomi. Ba’aa galatti, bakka deeman maratti rabbi isaan haa milkeessu. Imala milkii;Imala gaarii Abbaa!♥️

Namootni gariin waan nuti Wayyaanee deeggarru itti fakkaata. Nuti garuu dantaa/faayidaa Oromoo qofa deeggarra. Akkasumas...
13/12/2021

Namootni gariin waan nuti Wayyaanee deeggarru itti fakkaata. Nuti garuu dantaa/faayidaa Oromoo qofa deeggarra. Akkasumas Oromoon karoora nama cunqursuu waan hin qabneef cunqurfamaa kamiifuu ni mararfata. Kanumaaf gaafa Wayyaanee irratti qabsaa’aa turres takkaa ummata Tigraay dogongoraanis tuqnee hin beeknu. Hogganni Oromoos kanuma ummata gorsaa ture. Maqaleetti gaafa galanis dhiisee sirnicha sirreessuuf hawwaa ture malee Wayyaanee Maqaleetti jala dhaqee adamsuuf karoora hin qabu ture. Kan Maqaleetti jala dhaqee dubbii laaqqate warra kaleessa Oromoof hin qabsaa’in. Kan kaayyoo Oromootis hin beekne. Ummata Tigraay akka ummataatti farrajee kaabbaa Oromoo uffatee maqaa Oromootiin ummata tokko gabroomfachuuf hawwii qabu. Gaafa kuni tahe kaayyoon Oromoon kaleessa qabsaa’eef kana akka hin tahin warri kaleessa Oromoof qabsaa’aa ture hubannee dura dhaabbanne. Erga didanii lolatti seenanii boodas ummata taa’aa dhumu hin jiru waan taheef TDF jabaatee PP jilbiinfachiisaa jira. Abbaan fedheyyuu haa cabsuu cabina PP keessa bu’aa Oromoo guddaatu jira. Kana ana dabalatee Oromoon dantaa Oromootiif quuqamu kamuu itti amanu. Gama biraatiinis humna PP cabsaa jiru dura dhaabbachuun PP’f humna tahuudha. Umrii PP dheeressuudha. Kanaaf injifannoon TDF PP irratti galmeessu ummata PP’n cunqursaa jirtu kamiifuu dantaatu keessa jira. Kana yeroon jedhu TDF irratti irkannee bilisummaa eeguu qabna miti. WBO’nis jabaatee qabsaa’aa jira. Waan danda’amu kamuu gochuudha. PP harka harkaan daboo itti bahanii erga cabxee booda ummattootni cunqurfamoon haala kamiin akka Itoophiyaa keessatti waliin jiraachuu qaban addaan bahanii biyya of dandeessu ijaaratuus tahee waliin biyya tokko keessatti walii galteen jiraachuun murtii ummattootaati. Namootni shakkii adda addaatiin guutamanis yaadni isaanii kabajamee garuu hamma danda’ametti waliif ibsaa garuu yaada wayyabaa jala hiriiriin aadaa sirna dimokraasiiti.

You can view and join right away.

11/12/2021
10/12/2021

Kan Mirkanaahe (Verified)

Matootin Murruqii (Duguuggaa) Abbaa Gadaa karrayyuu fi miseensota gadaa Michillee irratti ajajanii Namoota 14 jumlaan akka dhuman, namoota 25 achi buutee dhabamsiisan akkuma Nadhii Gammadaa, akkuma Abbaa argaa dhageettii Aab Dabbasaa Guyyoo faa godhan isaan armaan gadii kana.

1. Araarsaa Mardaasaa- komishinara Poolisii Oromiyaa (Namoota Ragaa sobaa jawar faa irratti magaarajaa duuban akka bahan adda durummaan hojjachaa tureefi jiru.)
2. Awwolu Abdii, Itti Anaa Shimallis Abiisaa (Shira hayyoota oromoo hidhaa jiran irratti xaxuun kan beekamuu fi saamicha oromiyaa keessatti raawwataa jiru adda durummaan kan hoogganaa jiru. Bara wayyaanee irraa eegalee dhiiga qeerroo dhugee dhugsiisaa kan ture baranas kan itti jiru.)
3. Dachaasaa Bitimaa, komaandera HAO (Ajaja isaatin bakka hedduutti ajjeecha jumlaa fi dhabamsiisuu guutuu oromiyatti itti fufiinsaan kan geeggeeffamaa jiruudha)
Matootin kunniin kallattiinis tahu alkallattiin yakka isaanis itti gaafataman malee biyyi kun gonkumaa nagaya argachuu hin dandeessu.

'Itoophiyaan biyya Sahaaraa gadii gaazexeessitoota hedduu hiite lammaffaadha' Jedhe  CPJn(SQ- Mudde 9,2021)Dhaabbanni id...
09/12/2021

'Itoophiyaan biyya Sahaaraa gadii gaazexeessitoota hedduu hiite lammaffaadha' Jedhe CPJn

(SQ- Mudde 9,2021)

Dhaabbanni idil-adunyaa mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ gabaasa bara 2021 isaa keessatti Itoophiyaan gaazexeessitoota sagal hidhuun biyyoota Sahaaraa gadii keessaa lammaffaa irra jirti jedhe.

'Committee to Protect Journalists' (CPJ) gabaasa har'a baaseen biyyoota Sahaaraa gadii keessaa gaazexeesitoota hidhuun biyyi jalqaba irra jirtu Eertiraa tahuu ibse.

Gabaasichi gaazexeesitootni sagal Itoophiyaa keessatti hidhaarra jiraachuu isaanii ibsuun kunis waggoota muraasa dura fooyya'insa biyyattiitti mul'atee ture duubatti deebiseera jedhe.

"Biyyoota Sahaaraa gadii keessaa Itoophiyaatti walabummaan pireesii akka malee duubatti deebi'eera. Mootummaan Abiy Ahimed gaazexeesitoota hidhuun Eertiraatti aanuun lammaffaa taheera,'' jechuun CPJtti Daarikterri Editooriyaalii Arleen Geets dubbataniiru.

Waraanni mootummaa federaalaa fi humnoota finciltootaa naannoo Tigiraay keessa jiran waliin gaggeeffamaa jiru hidhaa kanaaf sababa tahuu himaniiru.

Haaluma kanaan gaazexeesitoota hidhaarra jiran sagal keessaa jaha walakkaa ji'a Onkoloolessaa eegaluun erga waraanichi hammaatee labsiin yeroo muddamaa labsamee kanneen hidhamanidha jechuun daarikterittiin himaniiru..

Walumaagalatti aardii Afrikaa keessaa gaazexessitoota 25 hidhuun Masiriin tokkoffaa yoo taatu Itoophiyaa fi Eertiraan sagal sagal hidhuun lammaffaa fi sadaffaa qabataniiru.

Akkasumas CPJ'n gabaasa isaa keessatti gaazexessaa dhaabbata OBN kan ture Siisay Fidaa kan naannoo Oromiyaa magaalaa Dambi Doollootti ajjeefame dabaluun caqaseera.

Walumaagalatti adunyaa irratti gaazexeesitootni 19 bara kana ajjeefamaniiru. Bara darbe gaazexeesitoota 22 ture kan ajjeefaman.

Dabalataan gaazexeesitootni sadii bakka waraanni jiru seenanii osoo gabaasanii lama ammoo fincila marfata irraa osoo gabaasanii ajjeefamuu isaanii CPJ'n gabaaseera.

Indiyaa fi Meksiikoon biyyoota gaazexesitootni baay'inaan itti ajjeefaman jalqabaa tahuun yoo dursan, Burkinafaasoo, Somaaliyaa fi Kolombiyaan itti aanu.

Chaayinaan waggoota sadiif walitti aansuun hidhaa gaazexeesitootaan sadarkaa tokkoffaa yoo qabattu, bara 2021 xumuramaa jiru kanatti gaazexeesitoota 50 hiiteetti.

Maayinamaar, Masirii fi Veetinaam Chaayinaatti aanuun sadarkaalee itti aanaan qabatu. Itoophiyaan ammoo akka adunyaatti hidhaa gaazexeesitootaan sadarkaa 1ffaa kan qabatte yoo tahu, walumaagala adunyaa kanarratti gaazexeesitootni 293 hidhamanii jiru.

Isaan keessaa %14 kan tahan dubartoota. CPJ'n lakkoofsi kun erga ragaa walitti qabuu jalqabeen as isa guddaa tahuu fi biyyootni adda addaas baratti seera teeknolojii haaraa itti baasan tahuu eerere.

Maddi BBC!

Jawarfaa dabalatee warra Oromoof jacha hidhaman ummatni dagateera yaada jadhu warri Immiyyee fi P/P akka qaban adda baaf...
09/12/2021

Jawarfaa dabalatee warra Oromoof jacha hidhaman ummatni dagateera yaada jadhu warri Immiyyee fi P/P akka qaban adda baafneerra! Oromoo ta'e Kan Amma Online kana irra jirtu namni ani Hayyoota keenya baafachuufii Qabsoo Bilisummaaf qooda kiyya niin bahadha, akkasumaas Qabsoo hanga hayyoonni keenya hiikanii Bilisummaa Oromoo
Fi Walabummaa Oromiyaas mirkaneeffannu qabsoo itti fufna jadhu harka baasuun warra P/P kan yaada dulloomaa oofuuf deebii kenni....!!

Ammoo Qeerroon ummatni Oromoo Ijoolleen Oromoo qopheessaa....!!

“Akkuma Hitlar faarsuun seeraan nama gaafachiisu Minilik illee faarsuun seeraan biyya nama gaafachiiftu ijaarra” jedhee ...
08/12/2021

“Akkuma Hitlar faarsuun seeraan nama gaafachiisu Minilik illee faarsuun seeraan biyya nama gaafachiiftu ijaarra” jedhee ture Eyasped Tesfaye. Sababa Minilik tuqeef jarri Nafxanyaa nuuf haa hidhamuu jedhanii iyyanii turan. Akkuma isaan jedhan hojii irra oolchaniif. Kunoo Eyasped har’a hidhamee jira. Biyya Minilik harmaaf harka Oromoo mure balaaleffachuun dhoorgaa taher faarsuun ammoo badhaafamaa nama godhu taate biyyi Itoophiyaa Abiyyi jalatti. Abiyyi sirna nafxanyaa ijaaraa jira yeroo jechaa turre warri hin galiniif amma beekaa ergamuuf yoo taate malee sirriitti hubatu jedheen amana. t.me/FerhanAbdulselam

Oduu Injifannoo   zoonii bahaoromiyaa   Zoonii bahaa oromiyaa  keessa socho'u  godina harargee bahaa aanaa cinaaksan Ara...
08/12/2021

Oduu Injifannoo zoonii bahaoromiyaa

Zoonii bahaa oromiyaa keessa socho'u godina harargee bahaa aanaa cinaaksan Aradda kooraa Dawwee iddoo bubbee ja'amtutti
Lola guyyaa arraa roobii saa'aa 5:25AM irra gaggeefameen irreefi gachanni ummata oromoo diina gubee barbadessee 7 ajjeesse 12 Madoon adabee akkasumas boojuun meeshaalee waraanaa Kilaashii 6 Boonbii F1 lamaafi kaartaa qawwee 5
Rasaasa dhibba 400 galii moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof ooliche jira.
I U Of!

18/11/2021

Keekiya

Address

المعتلا
Belgrade

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dagaa media Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share