25/06/2021
Koreen eebba Albama Artist Haacaaluu Hundeessaa isa 3ffaa 'Maal Mallisaa?' jedhu eebbisiisuuf dhaabbate miidiyaaf ibsa kenne...
Albamni Artist Hacaaluu Hundeessaa 'Maal Maallisaa ?' guyyaa yaadannoo wareegama Artistichaa Waggaa 1ffaa irratti, Waxabajji gaafa 21/2013 eebbisiisuuf akka jedhu, koreen eebba CD Albama kanaaf dhaabbateefi maatiin Artist Hacaaluu, ganama har'aa ibsa miidiyaaf kennaniin ifoomsan.
Koreen kun Finfinnee Hoteela Biluu keesssatti ibsa miidiyaaf kenneen "Artistiin jaallatamaa Haacaaluu Hundeessaa sirbootasaa garaagaraa utuu lubbuun jiruu albamaaf hojjetaa ture, maatiifi hiriyoonnisaa walitti qabuudhaan guyyaa yaadannoo wareegamuusaa waggaa 1ffaa waliin wal qabsiisuun uummata akka qaqqabuuf murteessan" jechuun ibseera.
Albamni haaraan Artist Haacaaluu Hundeessaa kun sirboota Baaqqee garaagaraa kudha afur (14) kan of keessatti hammate ta'uu koreen kun himanii, sirboonni kunniinis qabiyyeewwan, Hawaasummaa, Jaalala, Siyaasa, Gootummaa, Aadaa fi eenyummaa kan of keessaa qaban ta'uu korichi himeera.
Koreen Eebba Albama 3ffaa kun miseensa Maatii Artistichaa kan of keessatti hammate yoo ta'u, ibsa isaanii keessattis hojiilee seena qabeessa Artist Hacaaluu Huneessaa yeroo lubbuun jirutti hojjete yaadachiisaniiru.
Itti dabaluunis, hojiin haaraa kun bifa miidhagaafi adeemsa muuziqaan tokko hordofuu qabu hordofee dhihaachuu isaa ibsanii, albamni kun biyya keessatti walakkaa Miliyoonaa maxxanfamuusaa miidiyaaleetti himaniiru.
Oromiyaa guutuufi Naannolee biroo keessattis albamni kun ni raabsama kan jedhan maatiin Artist Hacaaluu fi koreen eebbaa, namoota biyya alaa jiraatanii Alabama kana argachuuf haala mijataa dhabaniif, gurgurtaa Online, Amazon, iTunesfi Spotify irratti haalli mijateeras jedhaniiru.
Uummatni Oromoo fi dinqisiifattoonni Artist Hacaaluu hundi, albama kana orjinaalasaa bitachuudhaan maatiifi hojiilee maqaa Artistichaan hojjetamuuf karoorfaman bira akka dhaabbatan, akkasumas ammoo namoota faayidaa dhuunfaatiif jecha CD kana orjinaala kan hin taane gabaaf dhiheessan yoo mullatan heeruu kennuun deggersa akka taasisaniif waamicha dhiheessaniiru.
Ibsa koreen kun miidiyaaf kenne keessattis, hojiilee Artistichaa fi dhimmoota Artist Hacaaluu Hundeessaan wal qabsiisuun wantoota gara fuulduraatti dhihaataniifi kana dura dhihaatan ilaalchisee, maatii Artist Hacaaluutiin kan to'atamu fuulli marsaalee hawaasummaa, Facebook, YouTube fi kkf banamee jiraachuunsaa ibsameera.
Walleewwan albama 3ffaa Artist Hacaaluu Hundeessaa ilaalchisee ibsi maatiin kennan, "Haacaaluun yeroo lubbuun jirutti, gammachuu uummata isaatiif jecha albamii haaraa hojjechaa tureera. Hojiilee isaa kana maatii fi hiriyootni isaa bakka faffaca'ee jiru hundarraa walitti qabuun waggaa tokkoof erga irratti hojjetanii booda, guyyaa yaadannoo wareegamuu Artist Hacaaluu waggaa 1ffaa irratti akka uummataafi jaalattootasaa qaqqabu taasisaniiru" jedha.
Albamni 3ffaa 'Maal Mallisaa?' jedhu kun, biyya keessatti Wiixataa irraa eegaluun godinaalee Oromiyaa, Finfinnee fi naannolee kan biraatti raabsuuf qophiin xumuramee jiraachuusaas maatiifi koreen eebba Albama kanaa himaniiru.
Eebbi albamii Haacaaluu 3ffaa 'Maal Mallisaa?' fi yaadannoon waggaa tokkoffaa wareegamuusaa, Wiixata dhufu Waxabajjii 28, 2021 sagantaa guddaan bakka keessumootni kabajaa, maatii fi jaallatootni isaa argamaniitti Finfinnee Hoteela SkyLight keessatti ni geggeefama kan jedhan maatiin isaa, sababa weerara vaayiresii Koronaatiin dhorga walitti qabama namootaa baayyee waan jiruuf, Konsertiin guddaan namoota danuu hirmaachise utuu hin qophaa'iin hafuusaa ibsaniiru.