07/08/2022
Waamichaa
Abbootii Gadaatiif
Abbootii Amantaatiif
Paartilee Siyaasaatiif
Miidiyaalee Garaa garaaf
Abbootii Qabeenyaaf,
Hayyootaa fi beektotaaf
Aartiistootaa fi Weellistootaaf
Uummata Oromoo Maraaf
Sabaa fi sablammootaaf
Hawaasa Addunyaatiif
Uummanni keenya Gujii, Baale, Harargee, Karrayyuu,... keessatti beelaa fi hongeen dararamaa jira.
Ilmoon harma reeffa haadhaa hooteetti. Abbaan du'a ijoolleekoo arguurra jedhee of ajjeeseera. Seerri uumaa dabee namni akka horiitti hidda mukaa fi baala nyaateera. Ganda tokko keessatti namoonni 20 ol hanqina nyaataan du'aniiru. Horiin isaanii jalaa dhumeera. Egaa hamma maal ta'utti calliftanii ilaaltuu? Namummaa, sabboonummaa, haayyummaa, gootumummaan keessan rakkoo sabatiif fala barbaaduu fi ija jabinaan dubbatanii wal dhageessisuuf yoo hin taane yoomumaafiree?
Abbootiin Gadaa lafa namni hin jirretti sirna Gadaa eenyuuf dabarsitu? Abbootiin amantaa, lafa namni hin jirretti Qur'aanaa fi Wangeela eenyuuf lallabdu? Miidiyaa fi dhaabbileen siyaasaa bakka namni hin jirretti eenyuuf hojjettu? Eenyuuf qabsooftu? Hayyoonni fi beektonni, beekumsi keessan gaafa akkanaa rakkoo hin furu taanaan, maaf barattani?
Weellistoonni, artistoonni fi barreessitoonni hoo kitaabaa fi sirba keessan eenyu dhageessisuuf hojjettu? Lafa namni hin jirretti eenyutu tiyaatiraa fi fiilmii keessan ilaala? Sabaa fi sablammiin yeroo kaan "garaagarummaan keenya miidhagina keenya" jettanii Oromoo waliin shubbiftan, har'a gaafa sabni kun beela'u maaf calliftan?
Adaraa rabbii, namni kamuu hin callisiinaa. Akka amma itti jirru kanaan, Itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf hin jirru!