26/03/2026
Gidiraa Jimma bashaashaatti namootarra gahaa jiru.
Uummanni Oromoo Godina jimmaa ,keesumaa immoo naannoo Aggaaroo fi Bashaashaa keesa jiru rakkoo hamaa keessa jiru.
Uummatichi erga mootummaan PP gonfoo aangoo fudhatee as naannoo rakkinaa fi gidiraan Dhaka namaarra itti gahu ta'ee jira. Keessuu naannoo bashaashaatti uummatni rakkoolee gibira manneen magaalaa fi baadiyaa, kiraa lafa bittaa fi gubboo qaamoleen mootummaan gaafataniin rakkachaa jiraachuu maddeen himaniiru.
Akka miidhamtuun nageenya isheef maqaa ishee dhoksine nuuf himtetti qaamoleen mootummaan nammrrn jireenyaa ilmaan oromoo biyyoota arabaa garagaraatti rakkachuun ijaarratan maqaa gibiraa fi ijaarsa Seera maleessa jedhuun erga maallaqa hawaasa irraa nyaatanii booda giidaa jiraachuun maddeen keenya himaniru.
Qaamoleen mootummaan naannichaa, manneen maqaa misoomaan kaafamanis beenyaa tokko malee erga manneen hawaasaa diganii booda , akka firoomaa fi hiriyummaan namoota wal brekan qofaaf lafa bakka bu'insaa kennaa akka jiran hawaasi dararamaa jiru himeera.
Naannolee Aggaaroo fi Bashaashaatti namootni heedduun manneen jireenyaa isaanii barootaaf rakkatanii ijaarratan erga mootummaan maqaa gibiraa fi ijaarsa seeraan alaa jechuun jalaa diigee booda bakkeetti gatamanii harmooli fi daa'imman ,akkasumas maanguddoonni humna dhabeeyyiin rakkaachaa akka jiran beekameera.
Miidhamtuun biyya Sa'udii Arabiyaa irraa miidhamuu ishee himatte akka jetti ,erga gibaira manaa gaafatamte kaffalteen booda qaamoleen mootummaa mana ishee diiganii beenyaa tokko malee akka haftee fi maatiin ishee bakkeetti rakkachaa akka jiran himteetti.
Kanaafuu uummanni oromoo sagalee nuuf ta'uun dhimmi keenya fala akka argatuuf nu gargaaraa jetteetti.