CGM Carcar Global Media

CGM Carcar Global Media Rahmatullah awwal

 ?.(Kutaa 1ffaa)Jaarraa 16ffaa dura lafa amma Walloo jechuun beekamturra ummanni Oromoo bal’inaan akka jiraachaa ture se...
14/12/2020

?.
(Kutaa 1ffaa)
Jaarraa 16ffaa dura lafa amma Walloo jechuun beekamturra ummanni Oromoo bal’inaan akka jiraachaa ture seenaan ummata Oromoo ni mul’isa. Jaarraa 16ffaa keessa Diini humnoota Awurophaa fi biyya Olloota lafa Oromoo jiran irraa kallattii adda addaatiin Duula Oromoorratti banuun baayyachaa dhufte. Akkumma roorroo hamtuun nama cimsitti jadhamutti, Oromoonis sirna bulchinsa gadaa jalatti daran cimanii fi gamtoomanii diinoota kallattii addaa addaatiin itti bobba’an hunda ofirraa qoolachuun, lafa dheedaa isaani of harka tursiisuu danda’ani jiru. Kana malees lafa dheedaa qullaa jirtu dabalataan of harka galchuus danda’anii ture.

Toora Walakkaa Jaarraa 16ffaatti Abbaa Gadaa Ituu ture kan jadhamu fi Abbaa Gadaa Afran Qalloo ture kan jadhamu Carcarii fi Ona Afran Qallootirraa, akkasumas humni muraasni Booranaa fi Iluu Abbaa Booraa irraa gara Wallootti akka duulan gumii Sabaa waliigalaatiin Odaa Roobaati Murtaa’e ture. Abbaan Gadaa Ituu gaantaa (garee) 12 kan gosota Ituurraa walitti sassaaban gara Kaabaati akka duula gaggeessan murteessan. Looltoota Carcarirraa Laga Hawaas qaxxaamuranii duulan maatii isaani wajiin achuma Wallo qubatanii akka lafa walloo diinarraa ittisaniif qajeelchan. Erga Walloo tutuqaa Diinaa irraa faccisan booda achumma qubatanii maatii horachuun wal hormaani hidda dhaloota Ituu wallootis saaree daraaruu jalqabe.

Warri Carcarirraa walloo duule erga weeyrartootarraa lafa Oromoo Walloo bilisoomsan booda, lafa bilisoomsan san maqaa ganda isaanii kan hararghe jechun itti moggaafatan. Kan Ona Ituu Habroo irraa duule jechuun, kan Waldayarraa Duulee jechuun, kan Dirree Qaaluu fi gubbaa qorichaa Warra Qaaluu irraa duulan jechun, kan Ona Ituu Baabboorraa duulan jechuun, kan Ituu Liibanirraa duuln , kan Ituu Baaye irraa duulan , kan Ituu Jiille irraa duulan jechun, kan Hararghe bahaa Qobboorraa duulan jechun, kan Komboolcharraa duulan jechuun, hangi xiqaan iIuu abbaa booraa irraa duules jechuun, kan Booranaa irraa duulanis jechuuni ture lafa walloo jadhamtu tana maqaa ganda dhalootaa fi irraa duulaniittiin moggaafachaa turan. Sababa kanarraa ka’uuni ture hanga arraa moggaasni lafa Harargheeti fi walloo, akkasumas maqaan gosa Oromoo Hararghee fi Wallootis kan haala addatti walfakkaachuu danda’eef.

Hanga ammaa uffannaan Aadaa Oromoota Hararghee fi Walloo qofti kan walfakkaachuus danda’eefis kanumarraayi. Fakeenya Oromoo keessaa uffata Aadaa Marxoo, Billawa, Goofaree, Ulee, Shuuwaaka, Filaa, fi kkf uffata Aadaa Dhiiraa walfakkaatu qabu Hararghee fi Walloo qofa kan tahu danda’eefis ka’uumsi seenuma kanarraa akka tahe himama. Gara dubartiitiinis Shurrubbaa, Shinshinii, Kaafuraa, Callee, Kilkillee, gumee fi saakayyoo suuqachuunis aadaa hedduu walfakkaataa tokkoo tahe kan qaban Hararghee fi Walloo kan taheefis kanumarraayi jechuun ni danda’ama. Kanaafuu walitti dhufeenyi Walloo fi Hararghee, (keessaafuu Ona Ituu) seenaa dheertuu fi hidhatinsa hidda dhiigaa gadi fagoo kan qaban tahun sirriiti hubatamuu fi hogu mara yaadatamuutu irra jiraata.

Seenaa teeenya ambi afaan, aadaa fi seenaa keenya hin beekneetu akkumma fadheti nuuf barreesaa waan turaniif akka biraati nuuf barreessaa turan. Ammaaf Dhimma hidhatinsaa kanaa akkumma jirutti fuuldura kan itti dachaanu tahee, ammaaf gara jaarraa 19ffaa ti haa deebinu.
Itti fufa!!!.

14/12/2020

Ajandaa nu dhoowwe
Inni waa odeessu
Rooba aduu keessa
Dhukkee lafaa kaasu
Qilleensa bubbisee
Damee shiraa raasu
Inni sun dhabamnaan
Namuu waanhafuursu

Maddi yaa'uun dhiifne
Bishaan maa qal'ate
Ammaan silaa galle
Namuu waraabbatee
Yoom akkatti wal eega
Warafaan dhaabbatee
Tan arraa tun adda
Bishaantu qal'ate

CGM Carcar Global Media follow like shere godhaa irraa waa baraa

13/12/2020

Koottaa mirrigaa dhama qabu kana gurra buufadhaa page kanas follow like shere godhaa

Waltahii arsii qaba
Hiccitii karrayyuu qaba
Joolle maa hayyeenjennee

Gadaa booranaa qaba
Gadaa maccaatu qaba
Gadaa tuulamaa qaba
Gadaa iluutu qaba
Kabajaa jimmaatu qaba
Aboo joollee abbaa jifaar
Maa hayyeen jennee

Lafallee duraa murani
Afaanis duraa jirjiirani
Hijaa oromoo walloo qaba
Aboo joollee torban walloo
Maa hayyeen jennee
Joollee baasoo dulchaa
Maa hayyeen jennee

Yaa citaa diida bookee
Arsiin gamaan si dheechifata
Ituun gamanaan sidheechifata
Maaltu obbaa si godhe
Itala abbaan doofaa
Ati beyteen heerumtu
Abbee beekee sin kennu
Rabbi haftuu sigodhee

Afurin dodaa bule
Shanin darrabbaa bule
Darrabbaa guyyaa heerati
Hayyuun hasaasaa bule
Joolle hayyuun hin hasaasuu
Hayyuu maa hasaasaa bulee

Page kana follow like shere godhaa

11/12/2020

Ollee oltanii ?
Bullee bultanii ?
Arras waan haaraya qabannee dhufne mee seena tanas dubbisa
Bara 1896 G.C, Lola Adawa booda laftii onnaan bultootaa tan naannoo carcar keeysa
Jirtuu irra guddoon malkanyaafi Abbaa burqaa, warra Lola Adawa gubbatti hirmaateef Adda goodamtte.haa tahu bara 1900 G.C booda warri
Garee tafarii mokonnin jalatti hiriiree humna godhachuun lafa hedduu dhunfachuun heegaree Algaa warash (tafarii mokonnin) bareechan.laftti bunaa guddoon tan booramaafi naannoo
Magaalaa baddeessa jirtuu iristii Algaa warash tan tafarii mokonnin taatte.laftii bishaan harawaacatiin qabii, shanan dhuuggootirraa kaasee hamma doobbaa jirtuu iristii tafarii mokonnin taatus,fitawraarin takala hawariyat takal mariyam lafa Amma magaalaan hirnaa irra jirtuu iristii isaa godhachuun harka lafa jalaatiin tafarii mokonniniif haala mijeessaa ture.gara biraatiin laftii naannoo ciroo iddoo malkanyaan hedduun irra jirtuu taatus, garuu laftii Amma magaalaan ciroo irra jirtuu tun iristii malkanyaa Nama Lola Adawa gubbatti gurri isaa duudee iristii walda tsadiqi turtte.
Haa tahu garuu bara 1924tii ergamaan Algaa warash fitawraari takala hawariyat yeroo awraaja carcar hundeessu malkanyaa fi Abbaa burqootaa warra naannoo magaalaa ciroo maadheefatee jiru kaasuun
Lafa Amma magaalaan ciroo irra jirtuu (jachuun lafa iristii malkanyaa walda tsadiqi) tana ykn laga ciroo qallaa gara mirgaatii dhisuun, lafa tana bakka afurtti addaan qooduun malkanyoota irra qubsiise.(madda:kitaaba fitawraari takala hawariyat: ya hiyoot taarik fuula 356- 366)
Yeroo san irraa guddaa warri lafa San gubbaa qubate deegartoota tafarii mokonnini.yoo yaadane tahee Lola naannoo mi'eessootti deegartoota tafarii mokonniniif loltoota lij iyaasu jiddutti godheme gubbatti irraa caalaa warri hirmaatee malkanyoota kanaa.
Akka ityoopiyaatti laftti yeroo duraa bifa awraajaatiin hundeeffamtte Awraajaa carcari.
Fitawraari takala hawariyat bara 1924 yeroo hundeessu ona kurnan ituu irraa akka jiruutti fudhachuun warra gosa afaar kan lafa oromoo naannoo Awshiifi afdam,mulluu keeyssa qubatee jiruu carcar jalatti moggaasuun, afdamtii warra afaar muuduun awraaja carcar hundeesse.kan Nama ajaa'ibuu akka kitaaba isaa kana gubbatti fitawraari takala hawariyat ifa godhetti naannoon Amma maqaa dhahe kana keeysa gostii somalee warri issa lafa San keeysa hin ture.warri biyyoo karaabaa magaalaa (bitaa gurgurii) wallin qabu afaariifi oromoodha.kanaaf ragaan kitaaba fitawraari takala hawariyatii)
Awraajaan carcar waradaa kudhan qabaachaa ture, isaaniis:- xuulloo, doobbaa, qunnee, ciroo,bishaan harawaacaa,bookee, habroo, gubaa qorichaa, balbaleetii, Adal/Afaar.

Ituu Oromoo Post

11/12/2020

Carcar xirroodha qawween
Bakki itti dhukkaate
Qaanqen bilisummaa
Achirraa facaate
Seenadhaafi dhiifna
Waan lafti sun taate

Sarxee Wadaay Burqaa tin

 Hidda Dhalootaa Oromoota Ituu kan Adda Citee Walitti Deebi’ee, ergasii ammas adda citee rarra’ee hafe.... Itti dhihaadh...
11/12/2020



Hidda Dhalootaa Oromoota Ituu kan Adda Citee Walitti Deebi’ee, ergasii ammas adda citee rarra’ee hafe.... Itti dhihaadha!.

Wal fakkeenya aadaa fi loqoodaa oromooni walloo fi hararghe wajiin qaban malees, seenaa fi wantoota baayyee waliin qoodatu. Hararghee fi Walloon lachuu biyya goototaati, ulamaa’ootaati fi qabsaa’ootaati. Hunda caalaa Baroota 1870ni Roorroon oromoota walloo irra gahaa turte suukaneesituu fi tan himamtee dhumtu hin taane. Atse Teewoodroos, Atse Yoohaanis fi Atsee Minilik Atseewwan ummata Walloorratti wal faraquun gidiraa fi dararaa cimtuu irraan gahaa turani dha.

Jaarraa sanitti Roorroon Oromoota walloorra turte tan Amantaa isaanii akka jijiiratan dirqisiistu qofa hin ture. Eenyummaa ykn Oromummaa isaaniitis guutumaan guututi akka jijiiratani fi eenyummaa Amhaa fi Tigree akka fudhatan ykn akka ummata saba hin qabneeti akka of ilaalan gochuuf hawaasa dirqamaa ture dha. Hawaasni Harargheetis tahe Oromoon guututi bifuma walfakkaatuun dararamaa turte, Garuu kan Walloo dha adda ture. Bara 1878 hanga bara 1882ti Oromoon walloo mootummoota Atseetiin galaafataman kuma 40-60 akka caalu seenaa keessatti tilmaama. Lola Walloo Dirree Qaaluuti bara 1879 taasifame booda, torbaan tokkoo qofatti lubuun Oromoota Walloo kan Amantii fi Eenyummaa isaanii(Oromummaa) hin jijiiranu ja’ani didan 20 000 oliitu ajjeefame. Barooni kun bara Oromooni Walloo waggaa 86f hanga Goondar bulchaa erga turan booda sirni bulchinsa isaanii Atse Tewoodroosin kufe booda ture dha. Akka waan hijaa ykn biluu irraa bahutti ture atseewwan kan Walloo gadi qabaa turan. Gabaabumatti Oromoon Walloo Oromummaa fi amantaa isaanii akka jijjiiran ummata humnaan dirqamaa, dararamaa, gidirfamaa jaarraa 100 oliit turani dha.

Haa tahu malee, dhiibbaan gara amantaatiin irratti godhamaa turte kun akka isaan agoobara amantaa isaanii jalatti walgahan isaan gootee. Kun akkumma jirutti tahe, bara san keessatti Oromoo Walloo ilaalchissee Waan hedduu nama ajaa’ibuu fi nama gadisiisuutu uumame. Wanni nama gadisiisu; Oromooni gara biraa kaneen akka Maccaa fi Tuulamaa yeroo sanitti Walloof osoo hin dirmatiniif waan hafaniif, mootummooni Nafxanyoota humna horachaa dhufuun Tuulamaa fi Maccaas ofjalatti cabsuu danda’ani jiru. Osoo gaafa san Oromooni hundi Oromoota wallootiif dirmatan tahe seenaan Itoophiyaa amma jiru kun kana hin tahu ture.Sheenaa Zalaalam!!.

Wanni hedduu nama ajaa’ibuu fi dinqisiisu yoo jiraate, Waan Oromooni Walloo Cinaan tokkoo Oromoo Ituu tahan qofaaf osoo hin tahin, Bulchinsi Caffee Raabaa Doorii Ituu kan Odaa Bultum maadheefate, Mirga Eenyummaa fi amantaa caffee mirkaneesanii hojirra kan olchan waan turaniif, Oromoo hunda keessaa kophaa warra yeroo sanitti Oromoota Wallootiif dirmatan tahu dandayyuu isaaniiti. Erga Ituun lola Orgoobbaa wajiin bara 1878 gaggeessan moo’aniin booda, baroota 1879-1881ti yeroo adda addaa roorra Oromoota Walloo irra gahaa ture ittisuu fi qabsoo mirga ofii kabachiifachuuf oromooni walloo taasisan deeggaruuf dirmachuu jalqaban.

Namoota yeroo jalqabaatiif Ituu irraa dhaqanii walloo gargaaraa turan keessaa muraasni Alii Jaamii Guutoo, Hassan Roobaa, Odaa Waatoo Bookhe faadha turan. Yeroo kanatti Oromooni Ituu harki 85ni ol amantaa Waaqeefataa hordoofaa akka turan ni beekama. Caphinsa Wallootiin booda, yeroo Alii Jaamii faan gara Harargheeti dacha’an, Sheekoota walloo babeekamoon akka Sheikh Xalhaa Jaafar faan kan baqataniis gara Carcaritti ture. Hidhata hidda laatinsa Oromummaa Oromooni Carcari fi walloo waliin qaban irratti, haalli kun immoo hidhata biraa cimaa hawaasa lameen kana jidduti uumuu danda’ee jira.

Akkumma beekamu Saba Oromoo keessa jaarraa dheeraan dura kan jalqaba Amantaa Islaamaa qeebalan Oromoota Wallooti. Ammaaf kan jaarraa dheeraan duraa itti dhiisnee, kan Bara 1800G.C irraa haa kaanu. Akka lakkoofsa Awuroophaa Bara 1800 keessa jiddu galoota xixiqaa “kalawaa” adda addaa walloo keessa bakka tokko tokkooti habaqaalchuu jalqaban. Habaqaalli Muftii Daawud gadi dhadhaabu jalqaban kun bara 86 booda sochii Aanniyyii fi daanniyyi walloo uumuuf bu’uura tahu danda’e.



Bara 134n arraa dura jiddu galli jedhamu kan barumsa amantaa islaama yeroo duraatiif afaan Oromotiin kannuu, akkasumas jiddu gala Daawa amantaa Islaamaa akka Itoophiyaatis kan jalqabaa tahe keessa bakka ja'amuutti nama (Aanniyyii ) ja'amuun yeroo duraatif gadi dhaabbate.

Sochiin waraaqsa amantaa islaamaa barnootaa fi Daawaan babal’isuu Anniyyiiti jalqabame kun dadafee babal’achuuti seene. Oduun kun bahaa fi kibba biyyatti hunda wal gahe. Yeroon kun Oromooni Walloo irra caalaa jechuun sadarkaa danda’amuuti afaan Oromoo malee Afaan biraa hin dubbatan ture. Kanaaf jiddu gala Afaan Oromootiin Barnoota barsiisu kanatti dhangala’uun akka ajaa’iba taate. Haa tahu malee, sochii Aanniyyii kana kan dhagahee Atse Yoohaannis Ammas Walloorratti lola bane. Garuu immoo hanga barbaade milkaa’uu hin dandernye ture. Minilikii wajiin tahee Yeroo muraasa booda lola guddaa bakka ja'amuutti banan. Lola kana keessatti shektichi Anniyyii Sheikh Ahmad Siraajuddiin (Aanniyyiin) wareegame. Wareegama Aanniyyii kana booda Sochin qabsoo Oromootni walloo amantaa fakkeessanii taasisaa turan kan xiqoo qabanaa’ee fakkaate.



San booda ammas Walloo keessa bakka (Magaalaa Waldayyarraa km 55 irraa jirtu) ja'amuutti, jiddu galii dhaabbate. Namni Daanniyyi jalqaba dhaabee (Daanniyyul_Awal) ture. Isatti aanee Daanniyyiin lamaffaa dha. Daanniyyiin sadaffaa jedhama. Daanniyyiiti ammas irra deebi’iin foon foonirraa cite walitti meeyruu jalqabe. Carcarii fi Walloon jechu dha. Oromooni Ituu gocha Mootummooni Atseeewanii obboleeyyan isaanii kan tahe Oromoota Walloo irratti raawwatan kan dhagayani fi kan argan hundi, mootummoota San faalleessuu fi mormuuf jecha amantaa muslimaa fudhachuu jalqaban. Sheikhoota babeekamuu hedduu dabalatee Otomooni Ituu carcar sinqeefatanii gara Walloo dhaquudhaan, Daanniyyiiti barnoota amantaa Islaamaa dhandhamachuuti seenan.

Jiddu galli Daanniyyii barnoota amantii malee ogbaruunis akka malee hojii gurguddaa hojjachuu jalqabe. Keessumaafuu Seenaa hogbarruu afaan Oromo keessatti jiddu gala bakka guddaa qabu dha. Yeroo kanatti Carcariis afaan Oromoo malee afaan biraa irratti hin fi’amne ture. Kanaaf karaan carcarii fi walloo jidduuti karaa bishaanii waan isaaniif tahe fakkaata. Oromooni Ituu kan jalqaba islaamummaa fudhataniin hangafee warri Ituu gara jiddu gala Daanniyyii kanatti akka galaanaati yaa’uu itti fufan. Diin dhandhamachuun cinaati ogbarruu Afaan Oromootis leellisuun cimaa dhufte. Kanarraa ka’uun sheekootiin Oromoo Walloo fi Carcar hedduun ifaajii afaan Oromotiin yeroo duraatiif barreessuuf taasisaa turan guddoo dha ture. Kitaabban afaan oromoo kan manzumaa, kan qalamaa dibeetaan jiddu gala Daanniyyii kanatti barreeffaman faan hedduudha. Walaloon ajaa'ibaa tan hanga ammaa jaalatamtu gaafas barreeffamte. Kana malees manzumaan sheikh Mohammad siraaj yadaloon 32 ol gaafas achitti barreeffamte.



Alii Jaamii Guutoo kan marraa lammadaatiif Walloo Dhaqee baratee dabalatee, Namoonii Hararghee ykn Carcarirraa dhaquun, Anniyyii fi Daanniyyi Wallootti Diin Islaamaa cimsatanii deebi’ani fi ogbarruu afaan Oromo keessatti bakka guddaa qabaachuu dandayyan hedduu dha. Namooni Carcarirraa dhaqanii wallooti baratanii, hidda oromoo Ituu adda citee ture deebisanii walitti magarsan hedduu keessaa muraasa yoo maqaa isiniif kaafne:-
, , (Abbaa Dr. sheikh Mohammad Rashad Abdulee), , , , , , , (Mahammad Harar Ciroo) fi kkf dha. Jiddu galli kun hamma bara 1931 tajaajila kannaa haa turu malee, jiddu galli afaani inni itti tajaajilamu suutuma suuta afaan Oromoorraa gara Afaan Ahmaaraatti jijiiramuu danda’ee jira. Kanarraa ka’uun jiddu galli Sochii Diini fi ogbarruu Afaan Oromootiin gaggeefamu Ona Ituu Carcaritti maadheefachuu waan danda’eef, oromooni bahaa imalli isaani gara Jiddu galoota Carcariyyii tahu dandayye.

Hayyootni Ituu kan achitti baratani deebi’an, erga Ona Ituuti dacha’an booda sochiin barnoota Diin Islaamaa fi ogbarruu Afaan Oromoo babalissu carcaritti jalqaban sun, seenaa Oromoo bahaa keessatti sochii ja’amuun beekamti. Carcariyyiin jalqabaa Sheikh Alii Jaamii Guutoo yoo tahu, kan lammaddaa Sheikh Umar Aliyyee Galamsiyyiti. Kan saddaffaa Sheikh Mahammad Saaqataati turan. Sochiin Carcariyyii jalqaba jaarraa 20ffaa eegalte, baroota 1900-1960niti itti fuufte gara diini fi ogbarruu afaan Oromootiin ulamaa’oota gurguddaa akka sheikh Mahamadrashaad Abdullee faa dhalchite. Cimaa dhufuun Sochii Carcariyyii Sheikh Mahammadrashaad Kabiir Abdullee kan gara amantiitiin Qur’aana Amantii islaamaa yeroo jalqabaatiif afaan Oromooti hiikee fi gara ogbarruutiin Qubee Afaan Oromoo amma itti fayyadamaa jirru kana tolche horuudhaan saba Oromootiif bu’aa hammana hin jadhamnee argamsisuu dandeesse jirti sochiin Carcariyyii.

Kabajaa fi Galatni guddaan dhalootaa fi hortee Anniyyii, Daanniyyii fi Carcariyyiitiif haa tahu!!.

06/11/2020

Hundi isaanituu
Maagadaa sobaati
Kan wal'nyaataa jiraniif
Jaalala ummataat
Isinitti fakkaatti
Dubbiin waa sanimiti
Hubadhaa yaa firaa
An maafin dhiibameef
Wal waraanaa jira

Ka lafa nu'saame fi
Kan lafee nu'cabses
Kaayyonsaanii takka
Abbaa isaaniti kan harkaa miila
Cire abaabilee keenya
Kan ammaatis daran
Seenansaa hammeenya
Tokkoon firantaanu
Lachuu diina keenyaa
Isa tokkoofillee
Hin tuminaa dibbee
Walhaanyaattuu
Mee maaltu nudhibe

Address

Cairo
555-00172336)

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when CGM Carcar Global Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share