11/12/2020
Hidda Dhalootaa Oromoota Ituu kan Adda Citee Walitti Deebi’ee, ergasii ammas adda citee rarra’ee hafe.... Itti dhihaadha!.
Wal fakkeenya aadaa fi loqoodaa oromooni walloo fi hararghe wajiin qaban malees, seenaa fi wantoota baayyee waliin qoodatu. Hararghee fi Walloon lachuu biyya goototaati, ulamaa’ootaati fi qabsaa’ootaati. Hunda caalaa Baroota 1870ni Roorroon oromoota walloo irra gahaa turte suukaneesituu fi tan himamtee dhumtu hin taane. Atse Teewoodroos, Atse Yoohaanis fi Atsee Minilik Atseewwan ummata Walloorratti wal faraquun gidiraa fi dararaa cimtuu irraan gahaa turani dha.
Jaarraa sanitti Roorroon Oromoota walloorra turte tan Amantaa isaanii akka jijiiratan dirqisiistu qofa hin ture. Eenyummaa ykn Oromummaa isaaniitis guutumaan guututi akka jijiiratani fi eenyummaa Amhaa fi Tigree akka fudhatan ykn akka ummata saba hin qabneeti akka of ilaalan gochuuf hawaasa dirqamaa ture dha. Hawaasni Harargheetis tahe Oromoon guututi bifuma walfakkaatuun dararamaa turte, Garuu kan Walloo dha adda ture. Bara 1878 hanga bara 1882ti Oromoon walloo mootummoota Atseetiin galaafataman kuma 40-60 akka caalu seenaa keessatti tilmaama. Lola Walloo Dirree Qaaluuti bara 1879 taasifame booda, torbaan tokkoo qofatti lubuun Oromoota Walloo kan Amantii fi Eenyummaa isaanii(Oromummaa) hin jijiiranu ja’ani didan 20 000 oliitu ajjeefame. Barooni kun bara Oromooni Walloo waggaa 86f hanga Goondar bulchaa erga turan booda sirni bulchinsa isaanii Atse Tewoodroosin kufe booda ture dha. Akka waan hijaa ykn biluu irraa bahutti ture atseewwan kan Walloo gadi qabaa turan. Gabaabumatti Oromoon Walloo Oromummaa fi amantaa isaanii akka jijjiiran ummata humnaan dirqamaa, dararamaa, gidirfamaa jaarraa 100 oliit turani dha.
Haa tahu malee, dhiibbaan gara amantaatiin irratti godhamaa turte kun akka isaan agoobara amantaa isaanii jalatti walgahan isaan gootee. Kun akkumma jirutti tahe, bara san keessatti Oromoo Walloo ilaalchissee Waan hedduu nama ajaa’ibuu fi nama gadisiisuutu uumame. Wanni nama gadisiisu; Oromooni gara biraa kaneen akka Maccaa fi Tuulamaa yeroo sanitti Walloof osoo hin dirmatiniif waan hafaniif, mootummooni Nafxanyoota humna horachaa dhufuun Tuulamaa fi Maccaas ofjalatti cabsuu danda’ani jiru. Osoo gaafa san Oromooni hundi Oromoota wallootiif dirmatan tahe seenaan Itoophiyaa amma jiru kun kana hin tahu ture.Sheenaa Zalaalam!!.
Wanni hedduu nama ajaa’ibuu fi dinqisiisu yoo jiraate, Waan Oromooni Walloo Cinaan tokkoo Oromoo Ituu tahan qofaaf osoo hin tahin, Bulchinsi Caffee Raabaa Doorii Ituu kan Odaa Bultum maadheefate, Mirga Eenyummaa fi amantaa caffee mirkaneesanii hojirra kan olchan waan turaniif, Oromoo hunda keessaa kophaa warra yeroo sanitti Oromoota Wallootiif dirmatan tahu dandayyuu isaaniiti. Erga Ituun lola Orgoobbaa wajiin bara 1878 gaggeessan moo’aniin booda, baroota 1879-1881ti yeroo adda addaa roorra Oromoota Walloo irra gahaa ture ittisuu fi qabsoo mirga ofii kabachiifachuuf oromooni walloo taasisan deeggaruuf dirmachuu jalqaban.
Namoota yeroo jalqabaatiif Ituu irraa dhaqanii walloo gargaaraa turan keessaa muraasni Alii Jaamii Guutoo, Hassan Roobaa, Odaa Waatoo Bookhe faadha turan. Yeroo kanatti Oromooni Ituu harki 85ni ol amantaa Waaqeefataa hordoofaa akka turan ni beekama. Caphinsa Wallootiin booda, yeroo Alii Jaamii faan gara Harargheeti dacha’an, Sheekoota walloo babeekamoon akka Sheikh Xalhaa Jaafar faan kan baqataniis gara Carcaritti ture. Hidhata hidda laatinsa Oromummaa Oromooni Carcari fi walloo waliin qaban irratti, haalli kun immoo hidhata biraa cimaa hawaasa lameen kana jidduti uumuu danda’ee jira.
Akkumma beekamu Saba Oromoo keessa jaarraa dheeraan dura kan jalqaba Amantaa Islaamaa qeebalan Oromoota Wallooti. Ammaaf kan jaarraa dheeraan duraa itti dhiisnee, kan Bara 1800G.C irraa haa kaanu. Akka lakkoofsa Awuroophaa Bara 1800 keessa jiddu galoota xixiqaa “kalawaa” adda addaa walloo keessa bakka tokko tokkooti habaqaalchuu jalqaban. Habaqaalli Muftii Daawud gadi dhadhaabu jalqaban kun bara 86 booda sochii Aanniyyii fi daanniyyi walloo uumuuf bu’uura tahu danda’e.
Bara 134n arraa dura jiddu galli jedhamu kan barumsa amantaa islaama yeroo duraatiif afaan Oromotiin kannuu, akkasumas jiddu gala Daawa amantaa Islaamaa akka Itoophiyaatis kan jalqabaa tahe keessa bakka ja'amuutti nama (Aanniyyii ) ja'amuun yeroo duraatif gadi dhaabbate.
Sochiin waraaqsa amantaa islaamaa barnootaa fi Daawaan babal’isuu Anniyyiiti jalqabame kun dadafee babal’achuuti seene. Oduun kun bahaa fi kibba biyyatti hunda wal gahe. Yeroon kun Oromooni Walloo irra caalaa jechuun sadarkaa danda’amuuti afaan Oromoo malee Afaan biraa hin dubbatan ture. Kanaaf jiddu gala Afaan Oromootiin Barnoota barsiisu kanatti dhangala’uun akka ajaa’iba taate. Haa tahu malee, sochii Aanniyyii kana kan dhagahee Atse Yoohaannis Ammas Walloorratti lola bane. Garuu immoo hanga barbaade milkaa’uu hin dandernye ture. Minilikii wajiin tahee Yeroo muraasa booda lola guddaa bakka ja'amuutti banan. Lola kana keessatti shektichi Anniyyii Sheikh Ahmad Siraajuddiin (Aanniyyiin) wareegame. Wareegama Aanniyyii kana booda Sochin qabsoo Oromootni walloo amantaa fakkeessanii taasisaa turan kan xiqoo qabanaa’ee fakkaate.
San booda ammas Walloo keessa bakka (Magaalaa Waldayyarraa km 55 irraa jirtu) ja'amuutti, jiddu galii dhaabbate. Namni Daanniyyi jalqaba dhaabee (Daanniyyul_Awal) ture. Isatti aanee Daanniyyiin lamaffaa dha. Daanniyyiin sadaffaa jedhama. Daanniyyiiti ammas irra deebi’iin foon foonirraa cite walitti meeyruu jalqabe. Carcarii fi Walloon jechu dha. Oromooni Ituu gocha Mootummooni Atseeewanii obboleeyyan isaanii kan tahe Oromoota Walloo irratti raawwatan kan dhagayani fi kan argan hundi, mootummoota San faalleessuu fi mormuuf jecha amantaa muslimaa fudhachuu jalqaban. Sheikhoota babeekamuu hedduu dabalatee Otomooni Ituu carcar sinqeefatanii gara Walloo dhaquudhaan, Daanniyyiiti barnoota amantaa Islaamaa dhandhamachuuti seenan.
Jiddu galli Daanniyyii barnoota amantii malee ogbaruunis akka malee hojii gurguddaa hojjachuu jalqabe. Keessumaafuu Seenaa hogbarruu afaan Oromo keessatti jiddu gala bakka guddaa qabu dha. Yeroo kanatti Carcariis afaan Oromoo malee afaan biraa irratti hin fi’amne ture. Kanaaf karaan carcarii fi walloo jidduuti karaa bishaanii waan isaaniif tahe fakkaata. Oromooni Ituu kan jalqaba islaamummaa fudhataniin hangafee warri Ituu gara jiddu gala Daanniyyii kanatti akka galaanaati yaa’uu itti fufan. Diin dhandhamachuun cinaati ogbarruu Afaan Oromootis leellisuun cimaa dhufte. Kanarraa ka’uun sheekootiin Oromoo Walloo fi Carcar hedduun ifaajii afaan Oromotiin yeroo duraatiif barreessuuf taasisaa turan guddoo dha ture. Kitaabban afaan oromoo kan manzumaa, kan qalamaa dibeetaan jiddu gala Daanniyyii kanatti barreeffaman faan hedduudha. Walaloon ajaa'ibaa tan hanga ammaa jaalatamtu gaafas barreeffamte. Kana malees manzumaan sheikh Mohammad siraaj yadaloon 32 ol gaafas achitti barreeffamte.
Alii Jaamii Guutoo kan marraa lammadaatiif Walloo Dhaqee baratee dabalatee, Namoonii Hararghee ykn Carcarirraa dhaquun, Anniyyii fi Daanniyyi Wallootti Diin Islaamaa cimsatanii deebi’ani fi ogbarruu afaan Oromo keessatti bakka guddaa qabaachuu dandayyan hedduu dha. Namooni Carcarirraa dhaqanii wallooti baratanii, hidda oromoo Ituu adda citee ture deebisanii walitti magarsan hedduu keessaa muraasa yoo maqaa isiniif kaafne:-
, , (Abbaa Dr. sheikh Mohammad Rashad Abdulee), , , , , , , (Mahammad Harar Ciroo) fi kkf dha. Jiddu galli kun hamma bara 1931 tajaajila kannaa haa turu malee, jiddu galli afaani inni itti tajaajilamu suutuma suuta afaan Oromoorraa gara Afaan Ahmaaraatti jijiiramuu danda’ee jira. Kanarraa ka’uun jiddu galli Sochii Diini fi ogbarruu Afaan Oromootiin gaggeefamu Ona Ituu Carcaritti maadheefachuu waan danda’eef, oromooni bahaa imalli isaani gara Jiddu galoota Carcariyyii tahu dandayye.
Hayyootni Ituu kan achitti baratani deebi’an, erga Ona Ituuti dacha’an booda sochiin barnoota Diin Islaamaa fi ogbarruu Afaan Oromoo babalissu carcaritti jalqaban sun, seenaa Oromoo bahaa keessatti sochii ja’amuun beekamti. Carcariyyiin jalqabaa Sheikh Alii Jaamii Guutoo yoo tahu, kan lammaddaa Sheikh Umar Aliyyee Galamsiyyiti. Kan saddaffaa Sheikh Mahammad Saaqataati turan. Sochiin Carcariyyii jalqaba jaarraa 20ffaa eegalte, baroota 1900-1960niti itti fuufte gara diini fi ogbarruu afaan Oromootiin ulamaa’oota gurguddaa akka sheikh Mahamadrashaad Abdullee faa dhalchite. Cimaa dhufuun Sochii Carcariyyii Sheikh Mahammadrashaad Kabiir Abdullee kan gara amantiitiin Qur’aana Amantii islaamaa yeroo jalqabaatiif afaan Oromooti hiikee fi gara ogbarruutiin Qubee Afaan Oromoo amma itti fayyadamaa jirru kana tolche horuudhaan saba Oromootiif bu’aa hammana hin jadhamnee argamsisuu dandeesse jirti sochiin Carcariyyii.
Kabajaa fi Galatni guddaan dhalootaa fi hortee Anniyyii, Daanniyyii fi Carcariyyiitiif haa tahu!!.