08/08/2026
AANAA DAALLEE SADII RAWWII HOJII TAAJAAJILA HAQAA ISAAN GALMEESSISEEN SADARKAA 1FFAA BAA’UN BEEKAMTII ARGATE
Haroo Sabbuu, Aanaa Daallee Sadii
Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Qellem Wallaggaa raawwii hojii bara 2018 gama Tajaajila Haqaa fi marii karooraa bara 2019 irratti guyyoota lamaaf gaggeessaa ture xumureera.
Mariin kun Aanaa Daallee Sadii, Magaalaa Haroo Sabbuu keessatti qooda fudhattoota aanaalee Godinichaa waliin gaggeeffame. Yeroo marichaa raawwii hojii bara 2018 keessatti milkaa’inoota galmaa’an, hanqinootaa fi rakkoowwan mudatan gadi fageenyaan qorachuun, kallattii fuulduraa kaa’uun akkasumas karoora bara 2019 karaa bu’a qabeessa ta’een milkeessuuf mariin bal’aan taasifameera.
Keessumaa, Tajaajila Haqaa saffisaa, qulqulluu, walqixa fi siiviliiwwaniif dhaqqabamaa ta’e kennuu, mirga lammiilee kabajuu fi dhimmoota haqaa irratti hojiiwwan raawwataman cimsuun akka barbaachisu irratti xiyyeeffannoon kennameera.
Aanaan Daallee Sadii Tajaajila Haqaa keessatti raawwii hojii olaanaa galmeessisuun sadarkaa 1ffaa ba’uun beekamtii argachuun isaa, tajaajila haqaa qulqullina qabu kennuuf tattaaffii taasisaa jiru kan mul’isuudha.
Sirni beekamtii fi badhaasaa kunis aanaaleen hojii isaanii daran cimsanii, tajaajila haqaa saffisaa fi qulqulluu ummataaf kennuuf kaka’umsa uumuun, muuxannoo gaarii jiru babal’isuuf gahee olaanaa qaba.
Aanaa Daallee Sadii – Tajaajila Haqaa Fooyya’aa, Haqa Lammiilee Kabajuu fi Iftoomina Cimsuu!