23/09/2024
Oromiyaa — Gandaan, Gandaafii: Bu’aa Qabsoo Ummataa!
Seenduubee Gurmaa’insa Caasaa Gandaa
Itiyoophiyaatti hundeeffamni Ganda Baadiyyaa bara 1967 humnoota siyaasaa bitaatiin kan jalqabeedha. Gandoonni Baadiyyaa amma jiran irra caalaan hundaa’anii caasaa mootummaa isa gadii kan ta’an yeroo kanatti. Haata’u malee, hanga mootummaan jijjiiramaa haaromsa gurmaa’insa caasaa gandaa amma adeemsisaa jiru jalqabutti gahee, angoo, humni namaafi leecalloon caasaa gandaa guutumaan guutuutti adiyyoo ture. Gandi caasaa mootummaa aanaadhaa jalqabee oljiru waliin hidhata idilee kan hinqabneefi akka gurmaa’insa mootummaatti caaseffama sirnaan beekamu kan hinqabne ture. Hojiin bulchiinsaa sadarkaa kanatti tures, tajaajila lammummaa jiraattota dhuunfaa yeroo boqonnaa isaaniitti kennamuun gaggeeffamaa kan ture.
Rakkoolee Ijoo Haaromsa Gurmaa’insa Gandaa Dirqisiisan
Caaseffamni gandaa waggoota 50 lakkoofsisus, tajaajilli mootummaa guutumaan guututti hanga jedhamutti sadarkaa aanaafi sanaa ol qofatti qocamuu cinaatti, qaama ittigaafatamummaan to’atu ramaduu dhabuun, hojiileen misoomaa sadarkaa gandaatti/araddaatti adeemsifamaa turan hordoffiifi deeggarsa gahaa akka hinarganne danqeera.
Bifuma walfakkaatuun, kuufamni humna namaafi heddummina qaamolee hojii raawwachiiftuu sadarkaa aanaa ture, bulchiinsa qabeenya kanneenii si’oomsuu irratti hudhaa guddaa ta’ee tureera. Karaa biraatiin, caasaan gandaa humna namaafi iddoo hojii mijataa dhabuu, akkasumas gaheen isaafi caasaa aanaa gidduu jiru ifatti kaa’amuu dhabuun, sadarkaa gandaatti bulchiinsi bu’a qabeessa ta’e akka hinummamne gufachiisera.
Walumaagalatti gama tokkoon ummanni tajaajila qaqqabamaafi si’ataa akka hinarganne kan danqe yoota’u, gama biraatiin hirmaattummaafi qooda ummanni imaammata, tarsiimoo, sagantaa, karooraafi gamaaggama raawwii mootummaa keessatti taasisuu qabuufi gahee bahachuu qabu gufachiisuun mirga dimokraasii isaa sarbeera; dandeettii misoo