22/09/2025
Addunyaan Akkana...
=================
Leenci mootii bineensotaati. Yeroo cimina isaatti bineensota biroo ni bulcha, ni too'ata, ni moo'ata; kan barbaade ari'ee qabee nyaata. Kan ajj*eese hanga barbaade nyaatee waan irraa hafte bineensota akka waraabeessaatiif dhiisa. Garuu jireenyi gabaabaa dha; yeroon ni dhufa; aangoon yeroo muraasaaf tura; jabinnii fi midhaaginni qaamaas nama bira darba. Kun seera uumaati; kan ture; kan ammas jiru; kan fuuldurrattis jiraatu. Kanaaf leencis ni dullooma; humni isaa ni dadhaba; aangoon isaas ni godaana. Leenci gaafa dulloome adamsuu fi ajj*eesuu, akkasumas waan isa nyaatu ofirraa qolachuu hin danda'u. Yeroo kana warroonni dura humnaa fi carraa dhaban hunduu gadoo irraa baafatu; of isa jibbisiisu; akka du'*a hawwu isa taasisu. Waraabessi inni dur nyaatee hambaa hambiseefii hambaa isaa tiisisa wajjiin qoodatu yeroo kana eeggata. Walii galanii itti yaa'u. Madaa isaa ilaalanii irraa fi jalaan, bitaa fi mirgaan tiisisa wajjiin itti hirmaatanii saamu, ni waraa*nu, ni cicciru. Hanga lubbuun isaa bahu hin eegan; osoo lubbuun jiru foon isaa gamaa fi gamana cicciru; akka inni jireenya jibbu taasisu. Jireenyi addunyaa akkas. Seera uumaa keessatti kan dhalate du'*uun, kan mootome bu'uun waan hin oolle. Kana yaadannee immoo jabinaa fi aangoo amma qabnuun warroota humna hin qabne miidhuu irraa of qusachuudhaan gad of qabnee dabarsuun boruu keenya gaafa dadhabneef galaa kaawwachuu dha!
# GAARA Cilaaloo