GAARA Cilaaloo

GAARA Cilaaloo Dhugaa dubbanna

20/04/2025

Osoo Gaangonni dhaltee gaangota zinnaarii santu dhalaa
Osoo kan du'e galee Agarii Tulluuf Taaddasaa gala...!!!!?

20/04/2025

Ayyaanni Faasikaa bara kanaa waggaa Meeqaffaaf Kabajamaa jira?????!!

Hin duune jirra eeyyeeTaanee warra jiraataa Badii tasaa nu oolcheeDhiphuun guyyaa jimaataaIyyasuus waaqa haqaaHundumaa k...
19/04/2025

Hin duune jirra eeyyee
Taanee warra jiraataa
Badii tasaa nu oolchee
Dhiphuun guyyaa jimaataa
Iyyasuus waaqa haqaa
Hundumaa kan danda'u
Jooraa nama nu godhee
Galatni isaaf haa ta'u 🤲🤲🙏🙏❤

18/04/2025

Yunivarsiitiin Arsii Dorgommii Gaaffiifi Deebii Barattoota Kutaa 11ffaafi 12ffaa MB Ifa Boruu Bultii Addaafi Addaa Qopheesse.

----------
BBO- 10/08/2017 Yunivarsiitii Arsii dorgommii gaaffiifi deebii barattoota kutaa 11ffaafi 12ffaa Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaa, Mana Barnootaa Addaa Boqqojjiifi Mana Barnootaa Addaa Yunivarsiitii Arsii irrraa walitti babahaniif qopheessuun hirmaachiseera.

Manneen barnootaafi barattoota gaaffiifi deebii irratti hirmaachuun qabxii waliigalatiin caalmaan galmeessisaniif Yunivarsiitiin Arsii badhaasa waancaa, meedaaliyaafi waraqaa ragaa taasiseefiira.

Dorgommiin gaaffiifi deebii barattoota jiddutti taasifame kun dorgommiifi kaka'umsa cimaa kan uumu waan ta'eef Yunivarsiitiin Arsii fuulduras cimee kan Itti fufu ta'uu Pirezidaantii Itti Aanaan Yunivarsiitichaa Dr. Musxafaa Baatii ibsaniiru.
Barattootni kutaa 12ffaa Mana Barnootaa Addaa Sad.2ffaa Arsii bara 2016 qormaata biyyoolessaa fudhatan 100% qormaata darbuun Yunivarsiitiwwan adda addaatti ramadamanii barachaa jiraachuun ni yaadatama.

Biiroon Barnootaa Orom

Miirota Sadan Kanarraa Of Eeggadhu!==============================1. Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, boo...
17/04/2025

Miirota Sadan Kanarraa Of Eeggadhu!
==============================
1. Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, boona qalbii irraa of eeggadhu,boonni namoota sadarkaa milkii keetirra hin gahin akka ija tuffiitiin ilaaltu si taasisa sun immoo sis namoota sanas ni cabsa.

2. Yeroo bakka gad-aanaarra jirtu hadheeffattee alaanaluu irraa of eeggadhu. Waa hadheessanii, dukkaneessanii ilaaluun, akka miirri inaaffaa si seenuufi sababiin milkaa'ina dhabuu keetii akka nama biroo ta'etti akka yaaddu si taasisa. Kun ammoo humna kee buusa.

3.Yeroo jireenya kee keessatti gadi bu'uuf kufaatiin si muudate abdii kutachuu irraa of eeggadhu. Abdii kutachuun akka wanti hundi asumarratti dhaabbatee,Kun hiree jiruu kiyyaati jettee akka yaaddu si taasisa. Gonkumaa abdii hin kutin.

~ Neelsan Maandeellaa~

14/04/2025

Baraaf malee baranaaf malee sombi kan saree
Jedhee mammaaka Oromoon maaliif jedha laata?

13/04/2025

!
====================
Akkuma isin beektan leenci mootii bineensotaati. Amala leencaa keessaa inni tokko gootumma isaa ibsuf Carraa argate hundumatti bookkisaa oola. Inni biraa immoo Leenci miira isaa to'achuu hin danda'u, amala dafee aaruu qaba. Gaafa aaree immoo iyyee ofis naannoo isaas jeeqa. Baay'ee of goola. Sababa kanarra kan ka'e leenci mootii bineensotaa ta'e kun kan nama sodaachisu kun umuriin inni lafarraa jiraatu xiqqoodha. Inni dhiira Wagga 10 isheen dhaltun immoo waggaa 15-16 qofa jiraatti.

Qocaanimmoo bineensota addunyaa kanarraa umurii dheeraa jiraatan keessaa ishee tokkodha. Amalli qocaa baay'ee tasgaboftudha, waan hundumatti suuta jetti, Sagaleen ishee tokkollee hin dhaga'amu golga ishee keessaa kan isheen mormashee baafattu yeroo iddoodhaa iddootti sochootu qofadha. Kan kana achii tasumayyuu of hin gooltu. Sababa kanarraa kan ka'e qocaan hanga waggaa #200 tti lafarra jiraatti.

Kanaaf namootni miira keessan to'achu hin dandeenye, amala dafani dallanuu qabdan, dubbii baayistani of gooltan akkuma leencaa umurii keessan ofii keessanin nyaachaa jirtuutii tasgabbahaa. Bokkisuun leencaayyuu umurii gabaabseetii akka qocaa miira keessan to'adhaatii Tasgabbiitti jiraadhaa!

13/04/2025

Bineensa Hanqaaquu/ killee buusuu garuu ilmoo isaa Aannan isaa hoosisuun guddisu harka baasaa deebisaa

08/04/2025

ARSII fi SAFUU
============
ilma Ambatoo Dayyooti. Gosa Oromoo baaldhinna lafa qubateefi baay'inna ummataatin guddaa ta'edha.

ilmaan lama qaba:
=====> Siikkoo
=====>Mandoo.

ilmaan shan qaba (Shanan Sikkoo):
I. Bullaala
II. Jawwii
III. Ilaani
IV. Wocalee
V. Waaji

ilmaam torba qaba (Torban Mandoo):
I. Raayya👈👈👈👈👈Tan sofia
II. Kajawa
III. Utaa
IV. Waayyu
V. Waanama
VI. Harrojji (Biltuu)
VII. Hawaxxuu 👈👈👈👈👈

laga Waabee gamaafi gamana jira. Lafti waabee gamaa Baale yoo jedhamtu ta gamanaa Diida'aa jedhaniin. Gosti Arsii Waabee gama jirtu gamanas ni jirti.
lafa isaa yeroo hedduu:
* Baale
* Gadab
* Albasoo
* Diida'aa
* Laangannoo fi
* Dambal
jedhee maqaa jahan kanaan adda qoodee waama. Haa ta'u malee Caancoo, Booruu, Waayyuu, Duuroo, Harannaa, Laajjo, Fasasa, jedhanii lafa babaldha jahan armaan olii keessatti kan waamamanis ni jiru.

aanaaleen akka: Asallaa, Dodolaa,Adaabbaa, Sinaanaa, Boqojjii, Itayya, Loodee, Heexosaa, Diigaluu, Xiijoo, Amiinya, Abboomsa, Agaarfaa, Eegoo, Haburaa, Heebanoo, Ogolcho, Kuyyara, Leemmuu, Bilbilo, Raayituu, Biltuu, Saddiqa, Silxaanaa, Suudee, Wondoo, Shiree fi kkf hundi isaanii maqaa gosa Arsii kan naannoo sanatti argamuuti.

ummata woliin jireenya dinqisiisaa qabu. Ummata aadaa baldhoofi cululuqxuu qabu.
tuqan malee hin geenne.
haqaaf dhugaa isaa irratti du'u.
ka wolii hirphu.
ka midhaan wolii fe'u.
xiqqaa guddaa kabaju.
irra taree kan firaaf gosa soddaa kabaju.
Siiqqee sodaatu.
keessummaa mana isaa bulte horii qaleefi miila dhiqee bulchu.
Arsii keessatti kabaja guddaa qaba.
dubara dhiiratti fuudhu jaarsa.
dubbii hawaasummaa, waldhabdee garagaraa dubbate fixu jaarsa.
Arsii biratti ulfaata, kabajaamaa, jaalatamaa.
========================

‎Amala Namaa Sadan‎ ‎===========================‎Saayikoloojiin Amala Namaa Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee kaa’a‎‎1. ✍️...
08/04/2025

‎Amala Namaa Sadan

‎===========================
‎Saayikoloojiin Amala Namaa Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee kaa’a

‎1. ✍️Nama Suutee ( Person)
‎ kun yeroo hundaa moo’amaadha,waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha.Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.

‎2. ✍️Nama Ofittoo ( Person)
‎ akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.
‎ Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. Hiriyaa akkasii sirraa
‎haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!

‎3. ✍️Nama sammuu banaa qabu ( minded person)
‎ nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka.Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha.
‎ Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha.Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana.


Address

Adaba

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when GAARA Cilaaloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to GAARA Cilaaloo:

Share

Category