04/10/2023
Ummanni Oromoo ummata Aada, duudha, Afaan , Amntii, sirna ittiin bulmaataa mataa isaa qabuudha.
Kana keessa Irrechaa yoo ilaalle maddi isaa Amantii Waaqefannaa ta'us yeroo amma kana hawwasni bal'aa Oromo dabalatee sabaaf sablammoonni hundi wal qoodiinsa amantii tokko malee kan kabaja jiranidha.
Kaayyoon inni guddaan Oromoon malkaatti dhaqee Irreefatuuf Waaqa ganna dukkana jala nu baastee ifa Birraan nu geeche , ganna Lagni guute firri adda fagatee amma wal argeef, bokkaa roobee midhaan biqilcheef , daraaraan lafa uffiseef galataa fi hooqubaa galchuuf bakka jiruu hunda wal ga’ee Waaqa isaa galateeffata.
Irrechaa irratti dhiibbaawwan hedduun godhama ture keessattu bara Mootii Minilik lammaffaa irraa kasee hanga Dargiitti dhiibbaawwan irraatti godhama ture. Bara mootota keessa kallattiin amantii Seexanaa akka ta’eefi ilaalcha amantii tokkoofi adaa tokko irratti fe'uu irraa kan ka'e dhiibba guddaan keessummeessaa ture. Bara Dargii keessa garuu Mootummichi Amantii kamu kan hin deeggare waan ta’ef dhiibbaa guddaa keessa ture.
Erga bara ADWUI( Adda Dimokratawaa Warraaqsaa Uummta Itophiyaa ) bilisummaa heeduu kan goonfate yoo ta’u ilaalcha duraan ture irra kan ka'e Uummanni bal'inaan ba'ee irratti hirmaachaa hin turre.
Dhiibbaan karaa mootummaa duraan ture amma kan hin jirre yoo ta’u. Ammallee dhiibbaawwan hedduun Irra gahaa jira dhiibbaan kun Amantii dawoo godhatee kan dhufeedha.
Ilaalchi kunis Irreechi akka Seexana waaqessuf deemammutti akka hawwasni hubatu gochuun hordoftoonni amantii Kiristaanaa fii Musliimaa akka irratti hin hirmaanne gochuun Aaadaa Ummatichaa reefu lafaa ka'e lalisaa jiru duubatti deebisuufi fedhii siyasa isaani galmaan gahuuf kan raawwatama jiruudha.
Haa ta’u malee Irreechi iddoo Oromoon Malkaa , Margaa fii Tulluu kan Waaqessuu osoo hin taane uumama qabatee iddoo itti Uumaa galateeffatuudha.
Kanaafu Uummanni keenya kana hubatee akkuma jalaqabe kanattii duudha fii aadaa isaa giddiisuun dhaloota dhufutti dabarsuu qaba.