Nejashi ነጃሺ Media

Nejashi ነጃሺ Media Teaching Islam Using Quran and Sahih Hadith of Prophet Muhammad (SAW)

Majlisa Oromiyaa Bu'uura Majlisa Biyyattii Kaleessaafi Fakkeenya har'aaNaannoon Oromiyaa man'ee walakkaa hawaasa muslima...
18/07/2025

Majlisa Oromiyaa Bu'uura Majlisa Biyyattii Kaleessaafi Fakkeenya har'aa

Naannoon Oromiyaa man'ee walakkaa hawaasa muslimaa biyyattii qofa miti. Giddugala seenaafi qabsoo muslimoota biyyattiiti, dachee mootummoonni Islaamaa hedduun irra turan, naannoo seenaafi hambaan Islaamaa hedduun, qabeenyi dilbiin keessatti argamuudha.

Naannoon Oromiyaa qe'ee hawaasa muslimaa biyyattii keessaa isaan walakkaa oliiti jechuun, bakka hireen muslimoota biyyattii itti murtaa'u jechuudha.

Naannoon Oromiyaa qe'ee hawaasa muslimaa biyyattii keessaa isaan walakkaa oliiti jechuun, hawaasa kana mara roga hedduun tajaajiluu jechuudha. Dammaqsuu, barsiisuu, of dandeessisuu dagaagsuu, tokkoomsuu, duudhaalee islaamatiin jiraachisuu,,, waan baay'eetu itti aanee dhufa.

Wanti hubatamuu qabu biraan, lakkoofsa kana jijjiiruuf yookaan balleessuuf qaamoleen garaa garaa kanneen hawaasa muslimaa amantaa isaarraa deebisuuf istiraateejik bifa ta'een naannicha keessatti hojjatani yeroodhaa gara yerootti dabalaafii guddataa dhufuudha.

Hidhaaleefi gufuuwwan garaa garaatiin marfamullee Manni Marechaa adeemsa itti fufeera. Rakkoolee isaa tarreessuu caalaa rakkinoota kanneen furaa adeemuuf kutatee hojjataa jira.

Isaan keessaa tokko ammoo teessuma isaati. Majlisni Oromiyaa har'allee bakkuma waggoottan 30 dura sanatti tajaajila kennaa jira. Waajirri Muummeen mana marechaa gamoo moofaafi ammayya'aa hin taane ta'uudhaa ol, mana marechaa, hawaasa muslimaa naannichaas kan hin madaalle, jechuunis tajaajila si'ataafi ammayya'aa kennuufaallee dabalatee madda rakkoo guddaa ta'e.

Manni marii dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa iddoo hojii waajira isaa muummichaa dabalatee rakkoowwan isaa garaa garaa furuuf ejjannoo fudhatee keessaa tokko Ambaasaaddaroota galiifi Misoomaa muude hojiitti seenuudha.
Haaluma kaanaan baatii Ramadaanaa darbe keessa sosochii galii walitti qabuu taasisee turuun kan yaadatamu yoo ta'u Manni marechaa mana isa fakkaatu handhuura Oromiyaa, Finfinnee keessatti gadi dhaabbateera Alhamdulillaah. Magaalaa Finfinnee naannawaa Boolee Bulbulaatii gamoo abbaa darbii 11 bittaa raawwachuun dheengadda ifa godheera.

Gamoon kun baasii waliigalaa qarshii miliyoona 350'n kan bitame ta'uu kan ibse Majlisni Oromiyaa, kaffalatiin guutuun hin raawwatamne jedhe. Kunimmoo maallaqa kana dura hawaasa irraa walitti qabame dabalateellee hanqina waan qabuufi.

Akkuma beekamu qaala'insi jireenyaa yeroodhaa gara yerootti dabalataa jira. Gamoon kun osoo hanga qarshiin guututti jedhamee ta'amee gatiinsaas dabalaa akka deemu ifa. Kana waliin ammoo bakkuma duraan jiru sana turuun adeemsaa hojiisaa irratti gufuu uumaa jira. Kanaafuu manni marechaa qarshii harkaa qabu baasii gochuun kaffalatii raawwatee gamochatti galuun hojiisaa saffisisiisa deemuuf murtoon fudhate murtoo sirriidha.

Egaan majlisa komachuu qofa osoo hin taane cinaa dhaabbachuun dirqama muslimaa maraati. Idaa mana marechaa irratti hafe kana wal taanee kaffaluun gahee muslima maraati. Dhaabbanni hawaasa muslimaa naannichaa bakka bu'u kan jabaatee cimu, yoo hawaasa isaatiin jabeeffamee cimfame qofa.
Dhaabbanni hawaansi hin ijaarranne hawaasa hin ijaaru. Dhaabbanni hawaansi hin jiraanneef hawaasaaf hin jiraatu. Akka cimu, akka bifa barbaachisuun hawaasasaa bakka bu'u, dhaabbata cimaa ta'u, dhalootaafillee gaaddisa jabaa ta'ee darbu gochuun gahee hawaasa muslimaa maraati.

Oromiyaan bal'oodha. Alhamdulillaah! Hawaansi Muslimaas baadiyyaa, magaalaa, walakkaa, daangaa hanga daangaatti naannicha keessa jira. Kana mara gahuun, qaqqabummaan ammoo hawwiin ykn niyyaan osoo hin taane hojiini. Hawaansi kun Majlisa isaarraa hojii guddaa eeggata. Majlisnis cimee hawaasa isaa kana tajaajiluuf humna gaafata, hawaasa isaa eeggata.

Eeyyeen
Hawaasni muslimaa dhaabbata isaa qabsoofi aarsaa yeroo dheeraa booda hundeffate kanaaf abbaa ta'uun dirqama. Bu'aan qabsoo inni taasisaa ture majlisni hundaa'uu qofa osoo hin taane waan hundaa'eef raawwachuudha. Hojilee isarraa eegaman qixaan hojjachuudha. Maqaa qofaan osoo hin taane gochaan dhaabbata hawaasa isaa madaaluufi bakka bu'u, gaaddisa ta'uuf ta'ee argamuudha.

Kanaaf ammoo jalqaba hawaasichatti haajoma, yoo hawaasni majlisa isaa cimfate wanta majlisni dhaabbataa guddaafi jabaa hawaasa isaa bakka bu'e ta'uu hin dandeenyeef abadan hin jiru.

Kanaafu hawaasni muslimaa marti Majlisa isaa tumsuun jabeeffachuu qaba. Bu'uura majlisota Itiyoophiyaa kan ta'e Mana maree dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa tumsuun Muslimoota Itiyoophiyaa tumsuudha.

© Nejashi ነጃሺ Media Miidiyaa keessan hordofaa!

 'u?Sheyk Muhammad Haamiddiin jedhamu. Barnoota Sheri'aatiin akka hanga PHDtti  barataniiru. Barnoota PHD isaanii seenaa...
18/07/2025

'u?

Sheyk Muhammad Haamiddiin jedhamu. Barnoota Sheri'aatiin akka hanga PHDtti barataniiru. Barnoota PHD isaanii seenaa Habashaa irratti fudhataniiru.

Biyya keessaaf biyyaan alatti barnoota Sheri'aa kuufataniin akka biyya keenyaatti nama Fatwaa irratti adda dureedha. Barnoota Sheri'aa kanatu isaan hafe jennee dubbachuu hin dandeenyu. Nama biyyi kun Aalima guddaa qaba jettee ittiin boontudha.

Afaanota baay'ee ni danda'u. Afaan Oromoo,Afaan Amaaraa,Afaan Arabaa,Afaan Ingiliffaa sirriitti danda'u.

Sheyk Muhammad Haamiddiin biyya kana keessatti qabasaa'aa Tawhiidaa nama jabaadha. Bara qabsoo 2004 "Sagaleen Keenya Haa Dhaga'amuu" nama biyyaa ari'amee biyya alaattillee hordofamee dararamaa turedha. Biyya kana keessatti mirgi Ummata Muslimaa akka kabajamuu fi Tawhiidni akka lafa qabatuuf hojii guddaa hojjataniiru aarsaas kaffalaniiru.

Yeroo ammaa kana kora Ulamaa Itiyoophiyaatti Sadarkaa itti aanaatti hojjatu. Imaama Masjiidaa Kaxiiba,Masjiida Isaaniitti Afaan Oromootiifi Afaan Amaaraatiin Tafsiira Qur'aanaa Ummata Barsiisu,Barsiisaafi hogganaa Yuunivarsitii Al-Sunnaa, Hogganaa Tv Al-Sunnaati. Yuunivarsitiin Al-Sunnaa sadarkaa Ma'ahadaa irraa eegalee yeroo ammaa gara Yuunivarsitiitti guddattee dameelee isaa babaldhisuuf hojjachaa jira.

Yuunivarsitichi Halaabaa fi Naqamtetti damee banuudhaaf hojii guddaa hojjachaa jira."Eenyu Bakka Isaan Haa Bu'u? Dhaadannoo jedhuun sosochii taasisuun namoota boru bakka Ulamoota hardhaa bu'an guutuu biyyattii irraa fiduudhaan oomishee ga'oomsuu irratti argama.

Hojiin Sheyk Muhammad Haamiddiin hojjataa jiran hojii fakkeenyummaa guddaa qabu,hojii yeroo ammaa kana madaaluufi namni kamuu bakka beekumsaa fi dandeettii isaa gitu irratti yoo hojjate bu'aa akkamii fiduu akka danda'u kan agarsiisudha.

Ulamoonni keenya bakka buutota isaanii qopheessuun dhaloonni itti aanus ifa keessa akka deemuuf ga'een isaanii eenyuu ol guddaadha. Isaan Dhaaltota Ambiyaati. Isaanis dhaaltota biroo bakka buusaa deemuun dirqama isaaniiti.

Seenaan Sheyk Muhammad Haamiddiin dubbachuuf utuu hin taane yaadannoof akka ta'utti muldhisuufi. Bahra irraa akka faldhaanaan fuudhanii dhiyeesauu jechuudha. Ulamoota keenya yoo barre kabajna. Yoo kabajne irraa baranna,iddooa kenninaaf. Ulamoonni keenya Urjii dachii kanaati.

17/07/2025
  Baga Gammadne, GammaddanManni maree ol'aanaa dhimmoota islaamummaa naannoo oromiyaa gamoo abbaa darbii 11 bitee abjuu ...
16/07/2025



Baga Gammadne, Gammaddan
Manni maree ol'aanaa dhimmoota islaamummaa naannoo oromiyaa gamoo abbaa darbii 11 bitee abjuu waggaa dheeraa milkeesseera.

Manni maree ol'aanaa dhimmoota islaamummaa naannoo oromiyaa gamoo abbaa darbii 11 bite ilaalchisuun miidiyaaleedhaaf ibsa kenneera.
Gamoon kunis kan bitame hirmaannaa godinaale oromiyaatiifi abbootii qabeenyaatiin ta'uu ifa godhame.

Bittaa gamoo kanaatiif ammoo birriin miliyoonni 350 ol baasii ta'eera.
Pireezdaantiin mana maree dhimmoota islaamummaa naannoo oromiyaa kan ta'an Ustaaz Gaalii Muktaar sagantaa kana irrratti haasaa taasisaniin manni marichaa jalqaba bara kanaatti qarshii miliyoona hin caalle qofa akka qabu eeruun, yeroo ammaa kana projectoota sadarkaa ol'aanaa sochoosaa jirra jedhan.

Karoora bara 2018 dhufuuf ammoo pirojektoota qarshii biliyoona 2 ol baasii nu gaafatan ijaarsisuuf qophaa'aa jirra jedhan.
Itti dabaluunis piroojektii waggaa 21 oliif dhaabbatee ture jalqabsiisuun kallattii itti kennineerra jedhan.

Hawaansi keenya Muslimaa irra deebiin baga gammaddne Alhamdulillaah.

Nejashi ነጃሺ Media

Sooriyaan deeggarsa sawudiin kufteTurkiyeen lafaa kaateAdduunyaa kanarraa jaarraa keenya kana waa'ee biyya wara*anni, ho...
16/07/2025

Sooriyaan deeggarsa sawudiin kufteTurkiyeen lafaa kaate

Adduunyaa kanarraa jaarraa keenya kana waa'ee biyya wara*anni, hokkorriifi jeequmsi itti baay'atuu, waa'ee biyya diigamteefi waa'ee biyya lammiileen isii buqqa'aniifi godaananii yeroo kaasan fakkeenya jalqabaa kan hedduuf ta'u biyya guddittii kan qaroomina adduunyaaf gumaachite, garuu kan hireen kun isii mudate Sooriyaadha.

Amantaa, aadaafi duudhaa, seenaafi eenyummaa ummataafi biyyattii kan faallessu garuu kan waggoottan kurnan hedduuf isii bulchaa ture sirni abbaa irree maatii Assad guddummaa biyyattii gaaraa gadi fuudhe nyaatee isii qorqee ni kaati jedhanii haala yaaduuf ulfaatuun lafatti isii darbe.

Ofirraa, biyyaafi ummata ofiirraa, eenyummaa ofiirraa abdii hin kutatu namni nama ta'e. Kanumaani ilmaan Syria, kanniisni shaamiifi furguuggeen Dimishqaa yeroo dheeraaf qabsoo hidhannoo garaa garaa godhaa turuun akkuma beekamu dhihoo kana Rabbi injifannoo isaan goonfachiisee sirna abbaa irree mataan dhaabani ruhii biyyaa kufte ol kaasanii dhaaban.

Adeemsa qabsoo dheeraafi ulfaataa kana kessatti ijoolleen kunneen diina keessaafi alaa qofa miti firris keessaafi alaa isaaniin lolaa ture. Bitaafi mirgatti lolaa turan. Biyyootaafi michuuwwaan baay'ee baay'ee muraasa ta'an qofaan deeggaramaa turaniiru. Isaan keessaa biyyi angafti Turkiyyeedha. Türkiye n gocha isii kanaaf dhiibbaa garaa garaatiif akka saaxilamtu beekaa waa maraafuu ittigaafatamummaa fudhattee garee kana tumsitee dhufte. Alhamdulillaah hayyama Rabbiitiin bodaarraa milkaa'ee ijoolleen irra aante.

Sirni abbaa irree sun kufee baqatee bade jechuun jeequsmi uuamamuu hin danda'u jechuu miti. Keessuumaa ammoo daangaawwan biyyattii eenyuun akka ta'an hubachuun salphaadha. Egaan Uz*ra*eil erga gaafa isaan dhufanii as Mootummaa haaraa Sooriyaa haleeluu dhiistee hin beektu.

Gama biraatiin ammoo kalessaarraa hanga har'aatti kan isaan waliin turte Türkiye n isaan irraa akka faga'attu qajeelfama Amrigaafi Uzraelin hojiin Riyaad hojjatte salphaa miti. Sooriyaan Turkiyyee caalaa gara Sa'uudii akka gortu gochuun kophaatti isii haambisuun dhiibbaa itti hammeessanii yaada jara (Amrigaafi michoota isii) irraa dhihaatu dirqamtee akka fudhattu dirqisiisuufiidha.

Haleellaa Uz*rael har'a Damaasqootti raawwatteen wal qabatee gariin ittisa Türkiye faa komata 😁 Kun wallaalummaa qofa miti maraatummaa waan haasa'an wallaaluu dabalata. Ijasaa duratti shira jidduu Sooriyaafi Türkiyetti xaxamaa ture ilaalaa, Hoggantoonni Sooriyaa kan gaafa rakkoo aarsaa guddaa kaffalee isaan waliin ture dhiisanii Sa'udii eegama Ameerikaa qabattee garasaanii dhaqxetti akka madaqan osoo arguu har'a deebi'ee waa'ee Türkiye kan haasa'u sammuu nama hin qabne ta'uu mala.

Osoma ta'ee kan an siif jira, waaqni koo Amerigaanillee siif jirti jechaa boolla kana buuse dhiisanii kaan komachuun daa'imummaadhas. Tarsiimoon Ameerikaa kan amma waraana kana eegalte Uz*faeliif akka ta'utti tikfamuun waan falmii hin qabneedha. Hinumaayyuu Amrigaaf hojjachuun Uz*raeiliif hojjachuudha. Uz*raeiliif osoo hojjatanuu gara Damaasqoo deemuun ammoo isii basaasuuu, diinaaf odeeffannoo walitti qabuu, hinumaa isii loluudha. Kayyoo diinaa qabatanii garas adeemuun diina garas adeemuun adda miti.

© Nejashi ነጃሺ Media

Shamarree muslimaa Biyya isii   irraa barnootaaf gara biyya    imalte sababa   taate qofaaf Ajjeefamte.Maatiin ishee ree...
15/07/2025

Shamarree muslimaa Biyya isii irraa barnootaaf gara biyya imalte sababa taate qofaaf Ajjeefamte.

Maatiin ishee reeffa intala ofii simatee awwaalateera.

Osoo kan ajj*eese kun muslima ta'ee silaa yoowana miidiyaaleen adduunyaa waa'ee kana haasa'aa jiru ture. Amma garuu kan ajje*efame, kan du'etu muslima.

Eeyyeen! Isheen barnoota damee fayyaa leenjiitee gara biyya ofiitti deebitee hawaasaafi biyyasii tajaajiluuf ture garas kan imalte. Garuu kun hundi citeera. Nagaatti jettee maatiitti nagaa dhaammatee qaamni hoo'aan manaa bahe ruhiin keessaa godaantee dubbisuu miti dubbisnaanuu kan hin dubbanne qaama gogaafi qabbanaa'atu maatiitti deebi'e.

Rahmaa Ayyaad shamarree ganna 26. Waggaa lama dura biyyasii Aljeeriyaa irraa gara Germany kan imalte barnoota narsii barachuuf turte.

Rahmaan Jarmanii nibba Jarmanii magaalaa Hanover- Arnum keessa gamoo waliin jirenya hawaasa tokko irraa kutaa kireeffattee jiraachaa barachuu eegalti.

Jimaata dheengaddaa garuu wanti addaa tokko isii irratti raawwata. Tuttuqqiifi roorrisni kana dura isii irratti raawwataa ture guyyaa kana kan xumuraa ture. Mana keessa jiraattu kana keessatti hafuurashee xumuraa baafatte. Gama fuula Rabbii godaante.

Duruu hin dhaga'aminiif malee isheen gaafas qofa osoo hin taane duurseetuma haala kana mudachuu eegalte. Gamoo jireenya waliinii kana irra akkuma isii namni jiraatu tokko erga haleellaa bifa garaa garaa ishee irratti raawwachuu eegalee tureera. Sababni isaa ammoo hariiroo Rahmaafi amantaa ishee jidduu jiruudha. Isheenis irra dedeebbiin iyyataa turte. Garuu kan ishee dhaga'e yookaan bakka laateef hin jiru jedha aktivistiin lammii Aljeeriyaa Hamza Allal Sharif.

Rahmaan nama amantaa isheetiif bakka guddaa qabdu turte. Hijaaba ishees hin baasne ture. Barnootaaf manaa baate male akka isaan kaanii biyya "qaroomte*n dhaqe yookaan maatii na to'atu irraa faga'adheera jettee eenyummaa isii hin gurgurre.

Namoota jibba Islaamaa qaban keessaa tokko kan ta'e kan gamoo kana irra jiraatu ammoo hijaabakee baasi, amantaa dhiisi,,, jechuun sababoota kanaaf yeroo dheeraaf ishee doorsisaa ture jedha gabaasni Al-Araby. Doorsisaan waan ishee irraa argachuu hin dandeenye yakka suukaneessaa kanaan milkeeffachuuf jecha lubbuu ishee gal*aafate. Poolisiin isheen dur itti iyyannaan ishee dhaga'ee hin beeknees gaafasiin duutu osoo dhii*gni isiillee hin qoorre garmaamee dhufe. Maqaaf namicha yakka kana hojjates to'ate.

Maatiin ilmoo nagaa gaggeesse karaa buuse reen*fa simatee kaleessa awwaallate. Rahmaadhaaf Rabbi rahmata haa godhu. Diinii ishee jijjiirrachuu diddee gamasaa godaante, jannataan haa gammachiisu. Isheefi warra haqa kana qabatanii jiraatan, ammoo qabatanii wareegaman mara inshaa Allaah.

Amma kan du'etu muslima. Garuu kan ajj*eese osoo muslima ta'ee miidiyaaleen Mootummaafi dhuunfaa gugguddoon aalamaa maraa waan kana haasa'a ture. Dhaabbilee siyaasaa hanga hawaasummaatti, jaarmayaalee mirgaaf dhaabbanna jedhanii hanga aktiivistiitti biddeenni isaan jidduu kana nyaatan kana ture.

Garuu dhugaan kanuma. Isaan maqaa isaatiin male haqa namoomaa, walqixxummaafi haqaatiif hin jiraatanu. Osoo kan du'e isaan ta'ee garuu kanaan iyyu.

11/07/2025

Gaazexaan Isr***l odeessa jabaa qabatee baheen Turkiin Ir**n haaraa taati! Jedhe

Gabaasa yaaddoo guddaadhaan qoodame kana keessatti gaazexaan afaan Ibrootaa kun akkas jedhee barreesse: "Turkiin pirojektii niwukilaraa qarqara galaana Meditiraaniyaanii irratti hojjettu saffisiisaa kan jirtu yoo ta’u, bara kana hojii ni eegala jedhamee eegama

Ankaaraan Yuuraaniyeemii of danda’e gabbisuu irratti cichuun ishee dandeettii meeshaa niwukilaraa hojjechuu isheef kenna. Haala kanaan Turkiin Ir**n caalaa balaa yeroo dheeraa Isr***l taati jedhee jira!
NBN ETHIOPIA ✍️

10/07/2025

Fayyummaa Qurunfullii (Clove)

1. Dhibee dadhabina onneef..
2. Utaalloo irraa dafnee fooyya'uuf.
3. Zayitiin Qurunfullii (Clove oil) dhukkubbii jilbaaf furmaata.
4. Qulqullina afaaniif bayeessa.
5. Foolii afaanii fayyaalessa taasisa.
6. Dhibee garaa laaleysaaf.
7. Dhibee garaachaaf ni tola.
8. Bokokuu ykn dhisamuu garaa ni ittisa.
9. Madaa ni qoorsa.
10. Dhiiguu irgoo ilkaanii ni ittisa.
11. Hanga cholesterol ni to'ata.
12. Marsaa dhiigaa fayyaalessa taasisuuf furmaata waaraa dha.
13. Madda aniisa qaamatiif..
14. Shubamuu godhaa qaama nama ittisuuf.
15. Seeloota dhiiga du'anii qulqulleessuuf..
Itti fayyadamni
Sha'i waliin.
Damma waliin daakama isaa!!
Galatoooma..

Yaad-rimee Waa'ee Rabbii (Waaqayyoo) Amantaalee Gurguddoo Keessatti"Yaad-Rimee waa'ee Tokkichummaa Rabbii ilaalchisee, H...
09/07/2025

Yaad-rimee Waa'ee Rabbii (Waaqayyoo) Amantaalee Gurguddoo Keessatti

"Yaad-Rimee waa'ee Tokkichummaa Rabbii ilaalchisee, Hayyuun guddaan addunyaa kanaa: Dr. Zakir Naik Qorannoo dhugaa irratti hundaa'ee, Kitaabaa fi sagaleenis addunyaadhaaf ifa godhee jira.

Dr. Zakir Naik Hayyuu beekamaa amantiiwwan wal-bira qabee (comparative religion) dhugoomina Islaamummaa addunyaa barsiisuudha. Kaayyoon isaa inni guddaan, barsiisa amantaalee adda addaa xiinxaluun, ilaalcha wal-fakkaataa waa'ee Rabbii tokkichaa irratti qaban agarsiisuudha. Inni kitaabota qulqulluu amantiiwwan sanaa warra jalqabaa (original scriptures) akka ragaatti fayyadamee, hordoftoonni amantaalee hunda gara bu'uura amantii isaanii, kan Rabbii tokkicha gabbaruu (Tawhiida) akka deebi'an yaamicha godhee jira. Akkasumas Hayyoota gurguddoo addunyaa hedduu wajjiin falmii cimaa taasisee jira.

Waamichi isaas, Hundeen yaada isaa aayata Qur'aanaa Suurat Al-Imraan 3:64 irratti kan hundaa'edha:

"Yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuufi isiniif wal-qixa ta'eetti kottaa; innis: 'Akka Rabbiin tokkicha malee homaa hin gabbarre...'' kan jedhuudha.

Mee akkaataa inni amantaalee gurguddoo keessatti yaad-rimee Rabbii itti ibsu haala armaan gadii kanaan haa ilaalluu:

1. Amantii Hindu (Hinduism): Dr. Zakir yeroo baay'ee Hinduizimii irraa jalqaba, sababni isaas namoonni baay'een akka amantii waaqota baay'ee qabutti (polytheistic) waan hubataniif. Haa ta'u malee, inni kitaabota qulqulluu Hindu warra jalqabaa (kan akka Veedas fi Upanishads) irraa Qoratee akkas jechuun falma:

▶️Yaad-rimee Rabbii Tokkichaa: Inni kitaabota Hindu keessaa caqasa armaan gadii fayyadama:
Chandogya Upanishad 6:2:1: "Ekam eva advitiyam" (Hiikni isaa: "Inni Tokkicha qofa, kan lammaffaa hin qabnedha.") Kun yaad-rimee Tawhiidaa kan Islaamaa wajjin kallattiin wal-fakkaata.

Svetasvatara Upanishad 4:19: "Na tasya pratima asti" (Hiikni isaa: "Fakkeenyi ykn bifti Isaaf hin jiru.") Kunis Qur'aana Suurat Ash-Shuuraa 42:11 keessatti kan ibsame ("Wanti akka Isaa tokkollee hin jiru") wajjin wal-simata.

Yajurveda 32:3: Akkasuma "Na tasya pratima asti" jedha.
Waaqota Biroo: Dr. Naik, waaqonni akka Brahma, Vishnu, fi Shiva jedhaman, sadan-tokkummaa Hindu (Trimurti) keessatti, Waaqa tokkicha isa guddaa (Brahman) keessatti amaloota ykn hojiiwwan adda addaa (akka Uumaa, Tikaa, fi Balleessaa) bakka bu'u malee, waaqota of-danda'an akka hin taane ibsa.

Goolabni isaa: Kitaaboleen Hindu warri jalqabaa waa'ee Waaqa tokkicha, kan bifa hin qabnee fi kan fakkeenya hin qabnee lallabu. Garuu yeroo booda namoonni bifa kennuunii fi waaqota baay'eessuun irraa goran jedhee falma.

2. Amantii Kiristaanummaa (Christianity): Kiristaanummaa keessatti, Dr. Naik qabxii guddaan xiyyeeffatu yaad-rimee Sadan-tokkummaa (Trinity) irratti.
Iisaan (Yesuus) Rabbii Tokkicha Lallabe: Inni kitaaba qulqulluu (Bible) keessaa ragaa baasee, Iisaan (AS) yoomiyyuu "Ani Waaqayyo" akka hin jenne, garuu ergamaa Waaqayyoo (Rabbii) akka ta'e lallabaa akka ture agarsiisa.

Injiil Maarqos 12:29: "Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftaan Waaqni keenya Tokkicha." Iisaan jecha kana fayyadamuun isaa, inni amantii Rabbii tokkichaa (monotheism) irratti cichee akka ture agarsiisa.

Injiil Yohaannis 14:28: "... Abbaan ana irra caala" Jechi kun Iisaan Waaqa wajjin wal-qixa akka hin taane ifatti agarsiisa.
Jechii "Trinity": Dr. Naik, jechi "Sadan-tokkummaa" jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo tokkottiyyuu akka hin barreeffamne ibsee jira. Kun yaada yeroo booda namootaan uumame malee, barsiisa Iisaa isa jalqabaa miti.
Goolabni isaa: Barsiisni Iisaa inni sirriin waa'ee Rabbii tokkicha gabbaruu ture, kunis kan nabiyyoota Islaamaa warra kaanii wajjin tokko. Amantiin Sadan-tokkummaa boodarra itti dabalame.

3. Amantii Ya**huudummaa (Ju**daism): Amantiin Yah**uudummaa amantii Rabbii tokkicharratti xiyyeeffatu (strictly monotheistic) waan ta'eef, Islaama wajjin ilaalcha wal-fakkaataa qaba.
Rabbii Tokkicha: Yah**uudonni yaad-rimee Rabbii tokkichaa irratti cichoodha. Kitaabni isaanii inni guddaan Seera Uumamaa (Torah) keessatti ragaan jiru:
Seera Keessa Deebii 6:4: "Shema Yi**srael, Adonai Eloheinu, Adonai Echad" (Hiikni isaa: "Dhaga'i, Yaa Is**raa'el! Gooftaan Waaqni keenya, Gooftaan Tokkicha.") Kun ragaa cimaa kan amantii Ya**huudii fi kan Iisaan lallabeedha.

Bifa Dhabuu Rabbii: Akka amantii Islaamaa, Yah**uudonnis Rabbiin bifa akka hin qabne, fakkeenya akka hin qabne, fi qaamaan akka hin mul'anne amanu.

Goolabni isaa: Amantiin Ya**huudummaa waa'ee Rabbii ilaalcha Tawhiidaa wajjin walsimu qaba. Kunis nabiyyoonni hundi dhaamsa tokkichaan akka ergaman mirkaneessa.

Walumaagalatti, Dr. Zakir Naik kitaabota amantiiwwan gurguddoo hunda qorachuun, hundumtuu bu'uura isaaniitti gara amantii Rabbii Tokkichaa, kan bifa fi fakkeenya hin qabnee akka waaman agarsiisa. Inni akkana jedha:
Bu'uurri Tokko: Amantaaleen gurguddoon hundi jalqaba irratti mul'ata (wahyii) Rabbii tokkicha irraa burqan.
Jijjiirama Yeroo Boodaa: Yeroo dheeraa keessa, ilmaan namootaa barsiisa jalqabaa jijjiiruun, waaqota dabalanii fi bifa kennuun karaa sirrii irraa maqan.

Islaamni Goolaba: Amantiin Islaamaa dhaamsa Tawhiidaa (Rabbii tokkichatti amanuu) isa nabiyyoonni duraanii hundi lallaban sana, bifa isaa isa qulqulluu fi hin jijjiiramneen kan goolabeedha.

hojiin Dr. Zakir Naik duula (Da'wah) beekumsa irratti hundaa'e kan namoonni amantii kamiyyuu keessa jiran, kitaabota ofii isaanii qorachuun gara dhugaa Rabbii tokkichaa gabbaruu akka deebi'an affeeruudha."

Itti fufa.....

Qopheessaan: Xaahir Galatoo

FAAYIDA TALBAA FAYYAA KEENYAAFDhiguma Talbaan fayidaa hedduu qaba fayyaa keenyaf .dubbisaa hamma gabaabinaan ibsame kana...
09/07/2025

FAAYIDA TALBAA FAYYAA KEENYAAF

Dhiguma Talbaan fayidaa hedduu qaba fayyaa keenyaf .dubbisaa hamma gabaabinaan ibsame kanatti fayyadamaa!!

1.Dhukkubota onnee gara garaa ittisuuf
✍Omega-3 fatty acid fi amino acid ' talbaan of keessaa qabu fayyummaa hiddoota dhiigaa eeguu fi dhahanna onnee sirreessuun dhibeewwaan onnee nurraa ittisa.

✍Hamma kolistiroolii/cholesterol/ dhiiga keessatti argamu too'aachuun xuraawwaan/plaque/ hidda dhiigaa keessatti akka hin uummamne dhoorka. Haala kanaan dhibee onneef sababa kan ta'u 'Atherosclerosis' nurraa ittisa.

✍ Namoota rakkoo dhahannaa onnee/arrythemia/ qabaniif heddu gargaara.
2.Kaansarii ittisuuf
✍Qorannoo biyya kaanaadaatti godhame' Omega-3 fatty acid fi antioxidents' talbaan qabu kaansariwwaan harmaa, pirosteetii fi mari'imaanii fa'a akka nurraa ittisa mirkaneessa.
✍ Namootni kaansariidhaan qabaman qoricha kennamu cinaatti talbaa nyaata isaanii keessatti yoo dabalan uumriidha turu akka danda'anis himama.

3.Dhukkuba sukkaaraa ittisuu fi too'achuuf
✍Akka bu'aan qorannootti talbaa hamma sukkaaraa dhiiga keessatti argamu too'achuun warra dhukkuba sukkaraa qaban ni gargaara.

4). Dubartii dhala dhabde
✍Dubartii uumamumaan umrii naannoo 49 ti yoo laguun irra dhaabate jijjirama hoormonii dhufuun mallattoo irratti mulla'atan jiru fkn of-ifachuu, miiraa boo'icha, ho'insa qaamaa/dafqa hamaa,rifeensi haphachuu/bubbuqa'uu fi gogaan qoqoncooruu fi kkf. Kanaaf dubartii dawuumsa dhabde talbaa yoo sooratte rakkoo akkasii irraa qolata.

5.Fayyummaa gogaa fi rifeensaaf
✍talbaan fayyummaa gogaa fi rifeensaaf kan ta'an albuudoota fi viitaminoota barbaachisaa of keessa qaba.
✍shifiniina gogaa irratti ba'anii fi hooqsiisaa nurra ittisa.

6.Fayyumaa Garaachaa fi mari'imaaniif
✍talbaan garaa fi mari'imaan waan qulqulleesuuf saamuunaa mari'imaanii jechuun ni danda'ama.

7. Dhiphina sammuu ittisuuf/fooyyesuuf
✍Dhiphina sammuu rakko 'chemical imbalance' n kan dhufan ittisuu fi fooyyee argachuuf talbaa nyaata keessatti dabaluun gaariidha.

Address

Adama

Telephone

+251972712423

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nejashi ነጃሺ Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Nejashi ነጃሺ Media:

Share